'Namni kaansarii dhukkubsate biyya isaa keessatti, firoota isaa gidduutti yaalamuu qaba' - Leellisee Dhugaa

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

"Anii fi Abbaan Warraakoo waa gumaachuu qabna jennee Faawundeeshinii waa'ee dhibee kaansarii irratti hojjetu hundeessine".

Komishinara Komishinii Turizimii Oromiyaa aadde Leellisee Dhugaa dhibee kaanserii isaan mudateen ji'oota 10 darban biyya Joordaaniti yaalii hordofaa turan.

Isaan yaalii yeroo waggaa tokkotti dhihaate fudhatanii dhibee kanarraa dandamatanii erga biyyattii deebi'anii amma ji'a tokko gahaniiru.

Waa'ee imala yaala kaansarii 'ulfaataa' ture jedhanii, Faawundeeshinii tibbana hundeessanii fi karoora isaanii fuula duraa irratti BBC waliin turtii taasisaniiru.

Aadde Leelliseen dhibee kaansariitiin qabamuu erga baranii ji'oota kudhan biyya joordaan,Amaan jiraatanii yaalii argachaa turan.

Yaaliin dhibee kaansarii ulfaataa fi cimina nama dhibee kanaan qabamee kan gaafatudha jedhu muuxannoo isaanii irraa.

"Dhukkubsataa dhibee kaansarii taatee yaalii isaa keessa darbuuf nama cimaa ta'uu qabda. Nama fayyuu nan danda'a, waaqayyo nagargaara jedhee kan amanu, yaaliin argachaa jiru kuni na fayyisa jedhee nama amanus ta'uu qaba"

"Yaaliin isaa yeroo dheeraa fudhata, salphaas miti. Ni ulfaata" jedhan.

Kana malees yaaliin dhibee Kaansarii gatiin isaa olaanaa waan ta'eef humna ofiitiin namni baasii hunda danda'ee yaalamuu danda'u muraasa yoo ta'edha jedhu.

"Dhugaa dubbachuuf yaaliin kaansarii baayyee qaaliidha. Namni dhuunfaa isaatiin yaalamuuf baayyee rakkisa.

Anaafillee inshuraansii fayyaa kan UN fi deeggarsa adda addaa waanan argadheefi malee dhuunfaadhaan biyya alaa deemtee yeroo dheeraa kana jiraattee yaalamtee deebi'uun baayyee ulfaataadha" jedhan.

Aadde Leelliseen ji'ootaan dura yaalii dhibee Kaansarii biyya Joordaanitti hordofaa wayita turan afgaaffii BBC waliin taasisan irratti yoo fayyanii biyyatti deebi'an Faawundeeshinii yaalii dhibee kaansarii irratti hojjetu hundeessuuf karoorfachuu isaanii himanii ture.

Akkaatuma jedhaniinis erga dhibee kaansarii waldhaansoo qabanii irraa bayyanatanii gara biyyaa deebi'anii ji'a tokkoon booda Kibxata darbe Faawundeeshinii 'Brave Heart of Ethiopia' jedhamu hundeessuun ifoomsaniiru.

Faawundeeshiniin Abbaa warraa isaanii waliin ta'uun kaappitaala ka'umsaa birrii miliyoona walakkaan hundeessaan kuni waa'ee dhibee Kaansarii irratti gumaacha guddaa gochuuf kan akeekedha.

'Brave Heart of Ethiopia' jechuun kan moggaasaniifis gara Afaan Oromootti yoo hiikamu Faawundeeshinii namoota onnee gaarii qaban, kanneen naatoo qaban akka jechuuti.

"Namoonni yaalii kaansarii keessa darban nama cimaa ta'uu qabu, onnee cimaa kan qabu. Akkasumas Faawundeeshinii kana kan tumsus namoota onnee gaarii qaban, kanaaf akkas jennee moggaasne" jedhan.

Lammiileen Itoophiyaa fi dhaabbileen idil addunyaa adda addaas yaada gaarii kanarratti deebii gaarii nuuf kennanii akka nutumsan ni amannas jedhan.

Faawundeeshiniin kuni waa'ee dhibee kaansarii irratti hubannoo hawaasaa cimsuu fi yaaliin ulfaataan dhibee kanaas biyya keessatti akka ta'uu danda'u akeeka qabaachuun akka ta'es himan.

"Namni biyyaasaa keessatti, maatii isaa fira isaa keessa taa'ee yaalamuu qaba. Kanaafis wiirtuu yaalaa biyya keessatti ijaaruun akeeka faawundeeshinii kanaati" jedhan.

Hubannoon waa'ee dhibee kaansarii irratti biyyattii keessa jiru gadi aanaa ta'uu kan himan aadde Leelliseen, kuni jijjiiramuu qaba yaada jedhu qabu.

"Namni dhibee kana dhibee sana jedha malee maqaasaa waamuullee nisodaata. Kanaaf hubannoo irratti hanqina guddaatu jira. Anumtuu gaafan ofirratti arge naaf salphaa hin turre"

"Biyya alaatti kanin arge garuu yaala argatta, fayyuu dandeessa, jireenya idilee itti fufta. Anis ji'a sagal biyya Jordaan yeroon ture kanuma gochuun yaale. Hojii hojjechuu, barreessuu, akkas akkasitti 'busy' ofgochaa yaalamuu barbaada" jedhan.

Itoophiyaa keessattii dhimmi yaalaa fi hubannoon dhibee kaansarii irratti jiru laafaa waan ta'eef kanneen imaammata baasanis irratti xiyyeeffachuu qabu jedhan.

Aadde Leelliseen yaalii dhibee kaansarii ji'oota sagaliif biyya Jordaan jiraatanii argataniin qorannoo taasifameen Kaansariin qaama isaanii keessaa dhabamuun bayyanatanii biyyatti deebi'an.

Ta'ulleen akka saayinsiitti namni tokko kaansariidhaan qabamee erga fayyee yoo xiqqaate Waggaa shaniin booda 'Bilisa' akka jedhamuu fi fuula duratti hordoffii fayyaa isaanii taasisaa hojiiwwan idilee isaanii hojjechuu akka itti fufan himan.