Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Konkolaataan elektirikii Itoophiyaan ijarra buufatte carraafi rakkoo akkamii qaba?
Itoophiyaan konkolaataa boba'aan dalaganirraa konkolaataa elektirikii caalsifachuun waggoota muraasa darban cimtee hojjetaa jirti.
Kanaanis, biyyoota Afrikaarraa damee kanaan maqaa gaarii horatan keessaa dura aantummaan eeramti.
Sababa kanaan mootummaan baasii dolaara biiliyoona afurii ol waggaatti boba'aaf baasu xiqqeessuuf yaada qaba.
Karoorri buufataalee konkolaataan itti chaarjii itti ta'us babal'ataa jira, yeroo duraafis Finfinneen ala magaalaa Adaamaatti eebbifameera.
Keessumaa yeroo waraana US fi Israa'el Iraan irratti bananittiifi hanqinni boba'aa addunyaa yaaddesse aangawoonni murtee sirrii fudhachuu dubbataa jiru.
Wanti lafa jiru garuu maali? Itoophiyaan BBC'n xinxaltootaafi aangawoota damee kana hooggananiifi hordofan dubbiseera.
Kana beektuu?
Addunyaa guututtii konkolaattonni elektirikii baay'uma barbaadamaa jiru.
Waggootaa kudhan darban oomishi konkolaataa elektirikii dachaaa 30'n guddachuu ragaan Eejansii Anniisaaa Idil-ddunyaa ni agarsiisa.
Bara 2006 hammi konkolaattota elektirikii oomishaman kuma 520 turan. Waggaa kudhan booda lakkoofsi kuni miiliyoona 17.3'tti guddateera.
Chaayinaan immoo baay'inaan oomishuun biyyi dorgomuun hin jiru.
Bara 2024 konkolaattota miiliyoona 12.4 oomishteetti. Kuni hamma konkolaataa elektirikii sadarkaa addunyaatti oomishamu keessaa 70% ni ta'a.
Akka ragaan Eejansii Anniisaaa Idil-addunyaa himutti, Chaayinaatti aanee Ameerikaatu konkolaattota miiliyoona 1.8 oomishe.
Jarman, Faransaay, UK, Kooriyaa Kibbaafi Kaanaadaan walitti konkolaattota elektirikii miiliyoona 1.9 oomishanii gabaa baasaniiru.
Konkolaattonni elektirikii Chaayinaan oomishtu maqaa gaaris horaniiru.
Kubbaaniyyaan konkolaattota daandiiwwan Finfinnee keessaa akka garaa mul'atan oomishu waggaa lama dura konkolaattota miiliyoona 3.8 gurgureera.
Teslaan immoo miiliyoona 1.7 gurgure jedha ragaan EV Volumes jedhamu.
Biyyoonni maaliif konkolaataa elektirikii caalsifatu?
Warshaaleen konkolaataa boba'aan dalagu oomishan konkolaataa elektirikii oomishuutti fuura galagalfataniiru.
Fakkeenyaaf dhaabbayi BYD jedhamu bara 2022 konkolaataa boba'aan hojjetu dhaabee kan elektirikiin hojjetu qofa gabaaf dhiheessaa jira.
Jaaguwaaris konkolaataa elektirikii qofa oomishuu eegaleera.
Niisaan waggaa afur booda konkolaataan gabaaf dhiheessu kan elektirikii qofa ta'a.
Voolkis Waagan, Toyoottaa, Suzukiifi kaanis hamma konkolaattota elektirikii Awurrooppaatti ergan dabaluuf karoora qabu.
Sababni kanaa immoo biyyoonni miseensota Gamtaa Awurooppaa 27 taa'an konkolaattonni boba'aan dalagan gabaaf akka dhihaatu kan eeyyaman yoo baay'ate hanga bara 2027'ttidha.
Biyyoonni kaanis hariiroo konkolaataa boba'aan dalagan waliin qaban yeroo gabaabaa keessatti kutuuf fedhii qabu.
UK, Ayirlaand, Nezarlaandis, Siwiidin, Singaappor fi Israa'el waggoota muraasa booda gurgurtaa konkolaataa boba'aa ni dhorku.
Barsiisaan Otomotiiv Injiinaring Hayiluu Abbabaa (PhD), sababa biyyoonni konkolaataa elektirikii caalsifatan kanaa jedhu.
''Gara konkolaataa elektirikii fuula akka garagalfatan kan isaan dirqe gatiin boba'aa yeroo ammaa addunyaarra jiru waan mi'aayeefi. Kuni sababa tokko.''
Yun. Saayinsiifi Tekinolojii Finfinneetti kan barsiisan Mintasinoot Gizaaw (Dr) immoo''Jijjiirama qilleensaaf gumaacha olaanaa kan qabu damee inarjiiti. Kana jala sarareen sitti hima.
''Kanaafi, nagaan addunyaarra jiraachuuf tekinolojiin kuni abdii namaa kenna. Magaalota keessattii jeequmsa sagaleeyyuu xiqqeessa.''
Icciitiin Itoophiyaan filatteef maali?
Itoophiyaan konkolaattonni boba'aan dalagan biyyatti akka hin seenne dhorkuun biyya jalqabaa akka taate gabaafameera.
ALI Amajjii bara 2016 Ministirri Geejjibaa konkolaattonni boba'aan dalagan dhorkamuu paarlaamaatti dubbataniiru.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad sababa ijoo Itoophiyaan murtee kanarra geesse akkanaan ibsu.
''Addunyaarraa galii al ergiirraa argatturraa gara caalu anniisaaf biyyoota muraasa baasan keessaa tokko Itoophiyaadha. Maallaqa baay'eedha kan baafnu. Sababni isaa waan [boba'aa] hin oomishneefidha.
''Fuuladuratti ni jijjiirama jedhee nan abdadha,'' jechuun miidiyaa biyya keessaa waliin turtii yeroo taasisan dubbatan.
Isa caalaa garuu sababni ijoo wabii anniisaa yeroo dheeraa mirkaneessuuf akka ta'e himu.
Yeroo Itoophiyaan konkolaattonni boba'aan dalagan akka biyya hin seenne dhorkamu ibsame komiin dhagahamee ture.
Ta'us, gatii boba'aa yeroo yerootti dabaluufi dhiibbaa dhibdee ji'opolotikaan biyyarra gahu dandamachuf flmaata tokkicha akka ta'e ibsu.
Gama kaaniin sharafa alaa argamu boba'aa bituuf baasurraa xiqqeessuuf, eegumsa naannoofi geejiba qilleensa hin faallef (geejiba magariisa) guddaa gumaata.
Balaa tasaa jieenya keena nuun jeewu. Sadarkaa olaanaan gatiin isaas ni hirr'isa.
Jeequmsa sagalee hambisuuf akkasumas itti dhimma bahuuf konkolaataa boba'aan dalaganirra wayyoo qabu jedhu.
Murteen kuni jeequmsi idil-addunyaa lammiifi biyyarraa dhiibbaa fidu xiqqeessuuf bu'aa olaanaa akka qabu amanu.
Adeemsa keessa boba'arra hirkachuu xiqqeessaa adeemuun karoora mootummaati.
Fakkeenyaaf, magaalaa Finfinnee keessatti konkolaattota elektirikiin dalagan arguun baay'uma barameera.
Itoophiyaa keessatti yeroo ammaa waa'ee konkolaattota elektirikii baay'umatu odeeffama.
Tokko tokko Itoophiyaaf hin ta'an, qophiinis hin jiru jedhu.
Konkolaattonni boba'aan dalagan dhorkamuu hin qaban jedhu.
Kaan immoo Itoophiyaan karaa sirriirra jirti, konkolaattota elektirikii fayyadamuutu nu baasa jedhu.
Hojii Gaggeessaan Olaanaa Tajaajila Elektirikii Itoophiyaa Injinar Geetuu Garramaw, konkolaattonni 140,000 Itoophiyaa keessa akka seenan dhihoo eebba buufata chaarjii konkolaataarratti dubbataniiru.
Ta'us, baay'inni konkolaataafi bakkeen chaarjii godhan wal hin simu jedhan.
Kanas furuudhaaf dhaabbilee garagaraa qooda gumaataa jiran keessaa tokko dhaabbata isaaniiti.
Kanas furuudhaaf marsaa jalqabaan Finfinneetti buufatawwan 32, akkasumas magaalota naannoleetti buufatawwan saddeeti ijaaruuf sosso'aa jirra jedhan.
Kanaafis, walumaagala dolaara miiliyoona kudhan akka bahu dubbatan.
Marsaa lammataan bakkeewwan buufanni konkolaataa elektirikii chaarjii itti ta'u ijaaramuuf keessaa Bishooftuu, Mojoo, Baatuu, Adaamaa, Shaashamanneefi Hawaasaa eeraniiru.
Ministir Di'eetaa Geejibaafi Lojistikii Obbo Bari'o Hasan gama isaaniin ''Waggaa afran har'aa xiyyeeffannoo guddaan geejiba biyyattii eleektirikiitti jijjiiruutti seenneerra,'' jedhu.
Ministeera Geejibaafi Lojistikiirraa Obbo Yizangaaw Yittaayih Itoophiyaan maaliif kana murteessuu barbaadde isa jedhu akkanaan tarreessu;
''Giddugaleessaan [Itoophiyaan] dolaara biiliyoona afur hanga jaha ta'u boba'aaf baasii gooti.
''Kana keessaa 90% damee geejibaarra oola. Damee kana elektirikiin yeroo bakka buuftu, faayidaa dinagdee olaanaa argamsiisa.''
Yaaddoo
Yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti konkolaattonni elektirikii 100,000 ol jiru.
Dhaabbileen saddeetis biyya keessa konkolaattota elektirikii suphuuf eeyyama fudhataniiru.
Haa ta'u malee, bakkeewwan konkolaattonni itti chaarjeffaman hamma konkolaataa jiruun wal hin simu.
Buufatawwan konkolaattota chaarjii itti godhan dhibuu qofa osoo hin taane hanqinni ogeeyyiifi wiirtuuwwan itti suphaman akka jiru himu.
Akkasumas, dhiheessiin anniisaa elektirikii yaaddoo biraaati.
Barsiisaa Otomotiiv Injiinaring kan ta'an Hayiluu Abbabaa (PhD), konkolaattonni elektirikii magaalaa Finfinnee ala bahanii rakkatu jedhu.
''Konkolaattonni fe'amanii yookiin dhiibamaniii hoteelota bira akka tajaajila argatan haalli taasifamu jira.
''Inni lammataa dhimma wabiidha. Biyyoota guddatanitti, baatiriikeef hanga waggaa kudhan wabii qabda.''
Injinarri motora konkolaataa Eliyaas Haayilee gama isaaniin ''Osoo chaarjii godhanii qoxaariin jalaa deebisa.
''Osoo chaarjii godhanii meeshaalee elektirooniksii kaan bananii faayyadamuu hin danda'ani. Sababni isaa anniisaa elektirikiitu ciccita.
''Kana qofa miti, kondominiyeemii keessatti namoonni shuboo gamoorraa gad harkisaniiti chaarjiii gochaa kan jiran. Kunis, qophiin waan hin jirreefi.''
Mootummaan garuu akka biraatti ilaala. Rakkoon akka jiru amana. Garuu, konkolaataa elektirikiitu nu baasa jedha.
Mootummaan konkolaattota boba'aan dalagan dhorkuun alatti gibira konkolaattota elektirikii xiqqeessuu dabalatee deeggarsa garagaraaa gochaa jira.
Murteen kuni Itoophiyaaf faayidaa maal fida?
Ministeera Geejibaafi Lojistikiirraa Obbo Yizangaaw Yittaayih ''Yeroo waan haaraatti seentu rakkoon ni jira. Garuu, kutattee seenuu qabda.
''Baasii olaanaaa baasna. Hammi faalama qilleensaa Finfinnees sadarkaa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) kaa'e dachaa kudhaniin caala. Kunimmoo jiraattota miidha.''
Itoophiyaa keessatti yeroo ammaa konkolaattonni boba'aan dalagan miiliyoona 1.5 jiru.
Waggoota muraasa dhufan keessatti kunneen suutuma konkolaattota elektirikiif bakka gadhiisaa adeemuun isaanii hin hafu jedhu ogeeyyiin.
Yeroos murtee kanaan waan Itoophiyaan buufatte yookiin dhabde ifatti mul'ata.