Seenetiin Ameerikaa waraanaa Iraan irratti kokkee wal qabaa jiru

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Seenetiin Ameerikaa aangoo Pireezidaantii Ameerikaa Doonaldi Tiraamp daangessuuf sagalee kenne ammas hin milkoofne. Ta'us garuu, Dimookiraatonni carraaqqii itti fufuuf dhaadataniru.

Tarkaanfiin kun osoo ragga'ee hayyama Kongiraansii malee tarkaanfii waraanaa Pirezidaanti Doonaald Tiraamp Iraan keessatti geggeessuu ni dhaabsisa ture.

Erga Waraanni Iraan eegalee Seenatii Ameerikaa keessatti muddamni fi atakaroon kun cimee kan itti fufe yoo ta'u murtoon sagalee kennuu kun yeroo 4f kan gaggeefame fi yeroo 4ffanuu kufeera.

Senetaroonni sagalee kenname 52 fi 47 yaada murtee kana kan kuffisan yoo ta'u, Rippabilikaanonni harki caalaan isaanii aangoo Pireezidaantii Ameerikaa Doonaldi Tiraamp waraana Iraan daangessuu jedhu kana mormaniiru.

Rippabilikaanota pirezidaanticha waliin hojjeta waan jiraniif mormii Demokiraatotaan Tiraamp irratti kaasan harki caalaan isaanii hin deeggarre.

Dimookiraatonni yaada wal fakkaatu torban torbaniin ni dhiheessina jedhan. Yoo ragga'uu baates ijjennoo miseensi mana maree hunduu waraana Iraan kana irratti qabu akka galmaa'us barbaadu.

Rippabilikaanonni irra caalaan murtee kan irratti cichanis, gariin ammoo waraanni kun baatii kanaa ol yoo itti fufe sagalee isaanii jijjiiruu akka malan ibsaniiru.

Tiraamp waraanni kun hangam turuu akka danda'u irratti yeroo adda addaa dhiyeessaniiru. Gaaffii fi deebii Kibxata darbe 'Fox News' jedhamu waliin taasisaniin ammoo waraanni kun ''xumuramutti dhihaateera'' jechuun dubbatan.

Ammaaf Rippabilikaanonni harki caalaan ammallee Tiraamp fi uggura humni galaanaa Ameerikaan buufata doonii Iraan irratti raawwate ni deeggaru.

Dimookiraatota keessaa Senatarri John Fetterman kan Penesyilvania irraa tarkaanfii waraana kana dhaabu morman keessaa tokko.

Senetarri paartii Rippabilikaan Joosh Hawley waldhabdee kana saffisaan xumuruun faayidaa Ameerikaati jedhanii amanu. Guyyoota itti aanan keessatti mariin akka milkaa'u abdii akka qaban BBC'tti himaniiru.

''Sun utuu ta'ee gaarii ta'a,'' jedhan Hawley.

Seenetarri Raand Pool paartii Rippabilikaanota qofaa isaa Dimookiraatota waliin sagalee kenne waraanni kun akka dhaabatuuf ture. Rippabilikaanonni hedduun guyyoota 60 booda tarkaanfii kana deggeruu malu jedhan.

Seerri federaalaa tarkaanfii waraanaa guyyoota 60 ol itti fufuuf hayyama kongireesii barbaada jedha. Haleellaan Ameerikaa fi Israa'el Gurraandhala 28 eegalan guyyota 60 yeroo guutu murtoon kun jijjiramuu danda'aa jedhamee egama

''Guyyoota 60 booda, Rippabilikaanonni muraasni dabalataa natti makaman jiraachuu danda'u jedheen yaada,'' jechuun Raand Pool BBCtti himeera.

Garuu Waayit Haawus sababa nageenya biyyaatiif jecha yeroo kana guyyoota 30n dheeressuu danda'a

Gidduu kana Dimookiraatonni murtee kana yaada dhiyeessuu akka itti fufan himaniiru.

''Yoo hin milkoofnes, yoo xiqqaate ummanni Ameerikaa eenyu akka waraana kana deeggaru akka beekan barbaadna'' jechuun Senetera Varjiiniyaa Tiim Kaayiin BBC'tti himaniiru.

Seenaa Ameerikaa keessatti murtoon Aangoo Waraanaa bara 1973tti kan ragga'e yoo ta'u , yeroo Waraana Veetnaam aangoo waraanaa Pirezidaantii US yeroo sanaaRiichaard Niiksan daangessuuf kan qophaa'e ture.