Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, US fi Iraan al-kallattiin mari'achuu itti fufan; Israa'eliifi Libaanos ammoo US'tti mari'achuuf

US fi Iraan marsaa biraa qaaman wal-arganii mariyachuuf al-kallattiin ergaa wal-jijjiiruu itti fufaniiru; gama biraan ammoo Israa'eliifi Hezbollaa gidduutti lolli yeroo itti fufee jirutti Libaanosiifi Israa'el Washingtanitti wal-arganii mariyachuuf akka jiran Waayit Haawus beeksise.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Suuraafi viidiyoo yeroo Israa'el gandoota Libaanos barbaadeessitu agarsiisu

    Magaalonniifi gandoonni Libaanos kibba keessa jiran yeroo Israa'el barbadeessitu viidiyoo fi suuraawwan satelaayitii BBC Verify argate mul'isan.

    Suuraawwaniifi viidiyoowwan saatelaayitii kunneen miidhaan haleellaa Israa'el gaggeessitu hangam akka hamaa ta'e mul'isu.

    Akka xiinxalli BBC Verify agarsiisutti, Bitootessa 2 irraa kaasee gamoowwan 1,400 barbadaa'aniiru.

    Viidiyoon argitan kun miidhaa bal'aa magaalotaafi gandoota barbadeessa bal'aa keessaa muraasa yoo ta'u, miidhaan qaqqabe heddu kanarra bal'aadha.

    Gochi ta'e jedhamee magaalotaafi gandoota kanneen mancaasuu yakka waraanaa ta'uu akka danda'u ogeessonni seeraa idil-addunyaa BBC Verufy'tti himaniiru.

  2. Israa'el kibba Libaanositti buufataalee Hezboollaa 70 mancaase jette

    Waraanni Israa'el kibba Libaanos iddoowwan Biint Jabeeel jedhamutti buufataalee Hezboollaa 70 mancaase jedhe.

    Ibsi Telegiraamii irratti bahe ministirri mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu kaleessa ''qubsuma Hezboollaa jabaa'' haxaa'uu jala geenyeerra jechuun dubbateera.

    Har'a immoo waraanni Israa'el haleellaa diroonii Libaanosirraa itti darbatame qolochuu hime.

    Tuutni bidiruu humna galaanaa Israa'el oppireeshinii 40 irratti hirmaachuun kana dhugoomsuu hime.

  3. Ameerikaan dooniwwan buufata boba'aa Iraan seenuf yaalaan 10 duubatti deebisu himte

    Ameerikaan yeroo humni galaanaa ishee buufata boba'aa Iraan ugguree jirutti dooniiwwan 10 gara san dhaquuf yaalan deebisuu beeksiste.

    Waraanni Ameerikaa erga uggurri kun wixata darbe labsamee kaasee dooniin tokkollee akka bakka buufata boba'aa Iraanitti hin dabarre ibsa

    Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa akka jedhetti humnoonni isaa dooniiwwan gara qarqara galaanaa Iraan seenaan ykn ba'an duubatti deebisna jedhan. Doonii bakka biraa irraa dhufan ykn deeman ulaa Hormuuz keessa akka darban ni hayyamama jedha.

    Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa kaleessa galgala odeeffannoo haaraa kenneen, “amma dooniiwwan 10 akka ofirra deebi'antaasifamuu fi dooniin uggura kana cabse tokkollee akka hin jirre'' ibseera.

    Prezidaant Doonaald Tiraamp uggurri kun Iraan irratti dhiibbaa akka godhu abdatu. Galmi isaas kaffaltii Iraan boba'aa irraa argattuu kutuu fi boba’aan Iraan akka alatti hin ergamne taasisuudha.

    Iraan uggura kana “wanbadummaa” jetteetti. Teehiraan dooniiwwan Galoo Galaana, Galoo Galaana Omaan fi Galaana Diimaa irratti xiyyeeffachuufis doorsifteetti.

  4. Hezboollaa hidhannoo hiikkachiisuun hariiroo Israael-Libaanooniif 'murteessaa dha' - MM duraanii Israa'el

    Libaanoos Hezboollaa hidhannoo hiikachiisuuf kutannaan hariiroo Libaanos Israa'eliif ''akkaan murteessaa taha,'' jedhan ministarri mummee duraanii Isaraa'el.

    Ihuud Olmeert, ''Hezboollaan hidhannoo hin hiikkatu taanaan mootummaan Israa'el kamiyyuu tarkaanfii waraanaa dhaaba jedhee hin yaadu,'' jechuun dubbatan.

    ''Yoo Libaanoos Awurooppaa, Israa'el fi Ameerikaa waliin tahuun Hezboollaa hidhannoo hiikkachiisuuf yoo hojjetan ''akkaan murteessaa taha, amma garuu kuni waan tahaa jiru miti,'' jedhe.

    Marii biyyoota lameen gidduu adeemuuf jedha isa jedhamus quba akka hin qabne Olmeert dubbataniiru.

  5. Netaaniyaahuun pireezidantii Libaanos waliin wal-arguufi - Qondaala Israa'el

    Ministarri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu Pireezidantii Libaanoos Jooseef Oowuun waliin wal arguuf tahuu miseensi kaabinee nagneenyaa Gaaliyaa Gaamli'eel miidiyaa Israa'el 'Army Radio' jedhamutti dubbate.

    Kunis erga Pireezidanti Donaaldi Tiraamp miidiyaa hawaasaa 'Truth Social' irratti Roobii galgala hogganoonni Libaanosiifi Israa'el 'bor' wal argu jechuun dubbataniin booda dhagahame jedhe.

    Gaafa Kamisaa qondaalli waajira pireezidantii Libaanos wal-argaa kana quba akka hin qabne himee ture.

    Amma garuu mariin kuni waa mirkanaa tahuu hubachuun danda'ameera.

  6. Chaayinaan Iraan ulaa Hormuz banuun gara idileetti akka deebi'u gaafatte

    Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yii Ministira Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araaghchi waliin haasa’uun tarkaanfiiwwan geejjibaa idilee turetti deebisuuf akka fudhataman gaafataniiru.

    Wang akka jedhanitti, abbaa biyyummaa fi nageenyi Iraan ulaa kana keessatti qabdu kabajamuu fi eegamuu qaba. Bilisummaa fi nageenyi doonii mirkanaa’uu akka qabus cimsanii dubbataniiru.

    Daandii bishaanii kana deebisanii banuuf fedhiin idil addunyaa guddaan akka jirus eeran.

    Chaayinaanis dhukaasa dhaabuun akka itti fufu fi marii deebi’ee jalqabuu ni deeggarti jedhan.

    Chaayinaan maamila boba’aa Iraan ishee guddaa waan taateef, Ameerikaan buufata doonii Iraan ugguramuus ta'e ulaan Hormuuz cufamuun dinagdee ishee irratti balaa qaba.Kanaaf yoo danda'me gama Iraanis ta'e Ameerikaan dhiibbaa uumuu barbaaddi.

    Tiraamp kaleessa Chaayinaa waliin dubbachuu fi wal tumsuuf walii galuu isaanii dubbachuun ulaan Hormuuz banamuun Chaayinaa kan gamaachiisu ta'uu himan

    Ameerikaa fi Iraan giddutti waligalteen dhukaasaa dhaabuu taasifamus muddamni naannawa ulaa Hormuuzin wal qabatu ammallee furmaata hin argatin jira.

  7. US yeroo Ulaa Hormuuz Iraanitti cuftee jirtutti, lamaanuu marii al-kallattii gaggeessaa jiru

    Waayit Haawus akka ibsetti US Iraan waliin al-kallattiin marii "bu'a qabeessa" jedhe geessaa jirti. Gama biraan ammoo dooniwwan daldalaa buufataalee daldalaa Iraan seenanii akka hin baane balbala Hormuuz itti cuftee jirti.

    Qabxiileen ijoon marii US-Iraanifi Israa'el-Libaanos akka armaan gadiitti dhiyeessine:

    Marii US-Iraan

    • Wayit Haawusifi Tehraan qaaman deebi'anii wal-arganii mariyachuuf karaa qaama sadaffaa ergaa wal-jijjiiraa jiraachuu Waayit Haawus mirkaneesse. Haa ta'u garuu, waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka taasifamu kan gaafate USdha oduun jedhu soba jedhe.
    • Pirees Sekireetariin Waayit Haawus Kaarolaayin Liivit akka jettetti, US waa'ee waliin dubbii karaa qaama sadaffaa Iraan waliin gaggeeffamaa jiruu gammadduu ta'uu ibsuun biyyoonni lamaan qaaman wal-arganii mariyachuuf hanga ammaa guyyaan adda hin baane jette.
    • Gama biraan ammoo biyyoota lamaan walitti fiduun jaarsa araaraa taatee kan tajaajilaa jirtu Paakistaan jilashee gara Iraanitti ergiteeti.

    Cufamuu Ulaa Hormuuz

    • US dooniwwan daldalaa kamiyyuu buufataalee doonii Iraan seenanii akka hin baane uggura keesse akkuma itti fufetti jira. Waayit Haawus akka beeksisetti, humni galaanaa US haala milkaa'een Ulaa Hormuuz Iraanitti cufee jira.
    • Ajaji Giddugaleessaa US erga uggurri kun hojiirra ooluu eegalee, dooniin waraanaa kamiyyuu buufataalee doonii Iraan seenanii akka hin baane beeksise.
    • US Ulaa Hormuuz Iraanitti cufuu hordofee dooniwwan gara buufataalee doonii Iraan imaluuf turan ofirra deebi'uu BBCn mirkaneeffateera.

    Lola Israa'elifi Hezbollaa

    • Libaanositti lolli Israa'elifi Hezbollaa gidduutti gaggeeffamu itti fufeera. Washingtanitti mariin Israa'elifi Libaanos gidduutti akka gaggeeffamu Tiraamp beeksisus, waraanichi hanga ammaa hin dhaabbanne.
    • Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu, biyyisaanii haala dhufu kamiifuu qophii ta'uu iban.
    • Kibxata darbe mariin Israa'elifi Libaanos UStti taasisan "marii bu'a qabeessa" ta'uu Libaanos beeksiftee turte.
  8. Ashamaa!

    Tamsaasi kallattii BBC Afaan Oromoo kan har'aa eegaleera.

    Waayit Haawusiifi Tehraan walitti deebi'anii waraana dhaaburratti mariyachuuf karaa qaama sadaffaa ergaa wal-jijjiiruu itti fufaniiru.

    Israa'elifi Libaanos ammoo Washingtanitti wal-arganii mariyachuuf akka jiran Tiraamp beeksise.

    Odeeffannoo waktaawaa isin biraan geenyu karaa Marsaritii, YouTube,Whatsapp, fi Facebook keenya hordofuu dandeessu.

    Dhiyaadhaa!