Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Utuu naaf ta’ee badhaasotan argadhe hojjettoota keenyaaf caccabsee qoodee natti tola ture'
Waggoota muraasaaf gorsituu pirezedaantii mootummaa naannoo Oromiyaa ta’uun kan tajaajilanii turan, Komishinar Lalisee Dhugaa fedhiifi yaada turizimii naannichaa guddisuuf qabanirraa Komishiniin Turizimii Oromiyaa akka hundaa’uf nama bu’uura kaa’anidha.
Hundeeffamuu komishinii kanaa hordofees waggoota lamaan darban keessatti damee turizimii fi qabeenyaa naannichaa guddisuuf sochii cimaa taasisan.
Komishinar Laliseen turtii waggoota lamaan darban keessa dhufan, badhaasota injifatanii fi karoora isaanii gara fuula duraa irratti addatti BBC Afaan Oromoo waliin turtii taasisaniiru.
Turtii Komishinara komishinii Turizimii Oromiyaa, Lalisee Dhugaa waliin taasifne akka isaan dubbatanitti isiniif qindeesinee jirra itti dhihaadhaa.
Waggaa tokkoof yeroon gorsituu Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’ee hojjedhe, Oromiyaadhaaf seektaarri itti aanee banamuu qabu turizimiidha haawwii fi kaka’umsa jedhuun ala waa’ee turizimii beekumsa cimaa ta’e hin qabun ture.
Qorannoo ji’oota afur fudhate gaggeesseen akkamitti akka Oromiyaa wiirtuu turizimii gochuu itti dandeenyu irratti karooran baase. Dargaggootaaf carraa hojii uumuu, naannolee wajjin hariiroo cimaa uumuu kan jedhanis as keessatti hammatamu.
Yaadonni akka ‘Visit Oromia’ jedhan muuxannoo biyyoota alaarraa fudhatamee fi qabeenya turizimii biyya tokkoo ittiin beeksisuuf dhimma itti bahama. Kun nu birattis biraandii guddaa ta’ee hojii cimaa hojjeteera.
Amma muxannoo nurraa fudhatanii naannoleen birooyyuu ‘Visit Amhara, Visit Afar… jedhanii banataniiru.
Kana biraa sagantaa Visit Oromia kanaan yeroo Oromiyaa kutaa adda addaa keessa naannoofnu Oromiyaan nagaa akka taate sammuu namootaa keessaatti uumuuf yaalleerra.
Komishinii kana yeroo hundeessinu kaayyoon biraa turizimii dijitaalessudha. Karaa kanaanis hedduu milkoofne. Miidiyaa hawaasummaatti haala dhimma bahu fi kalaqawwan teeknolojii turizimii guddisuuf gumaachan hedduun karaa kanaan hojjetamaniiru.
Amma hojiin bakka gahumsa turistootaa misoomsuu dhimma ijoo si’oominaan irratti hojjechaa jirru. Yaadamni kunis karoora jalqaba ani baase keessaaa tokko. Amma mootummaan naannoo Oromiyaa karaa ‘ijaa Development’ tin bajata birrii biliyoona afuriin hojii kana jalqabsiisee jira.
Pirojektii kanaan Wancii irratti Rizoortii guddaatu ijaaramaa jira. Laangaanoonis bitamee irratti hojjetamaa jira. Kaanis kan adeemsarra jiran hedduudha. Kaaroora turizmii Oromiyaa guddisuuf qabannee hundoofne waliin waggoota lamaan darban yoon of duuba mil’adhu baayyee milkaa’era.
Badhaasota injifatan…
Hojiin waggoota lamaan darban Turizimii Oromiyaa irratti hojjedheen badhaasota afur argadheera. Badhaasotni kun kan dhuunfaa koo qofaan moo’adhe miti. Ani utuu naaf ta’ee badhaasota kana caccabsee garee kiyya hundaaf qoodee nan gammadaayyu.
Badhaasonni argadhe inni duraa Turkitti kan qophaa’e badhaasa ‘Pan Africa change maker’ jedhamudha. Kun badhaasa idil-addunyaati. Inni lammataaa Naayijeeriyaa Legositti kan qophaa’e “Hospitality and Tourism Award” kan jedhamudha. Badhaasa kana damee gaggeesummaa Turizimii Baha Afrikaa kan jedhuunan moo’adhe.
Badhaasni inni saadaffaan “100 top Women’s in Travel and Tourism Personality’ kan jedhudha. Isa kana dhuma ji’a kanaa irrattin fudhadha.
Badhaasni inni afraffaan ammoo kanin biyya keessatti badhaafamedha. “Ye Are’ayaa Saw Baturizm Zarf’ kan jedhuunan badhaafame.
Badhaasota kana yeroon fudhadhee waltajjiirraa bu’u natti dhagahama. Namuma fuuldura jirutu badhaafamaaf malee badhaasichi kan garee turizimii Oromiyaati. Utuu hojjettoota keenya hundaaf kennamee jedheen yaada.
Ayyaana Irreechaa…
Ayyaana irreechaa baranaa irratti gareen biyya Keeniyaa irraa dhufe karaa bareedinaa fi gammaachuu qabuun ayyaanicharratti hirmaatanii deebi’an. Kunis milkaa’ina Irreecha baranaa keessaa isa ijoodha.
Gareen Keeniyaarraa dhufe suni dubdeebiin nuuf kennan hedduu akka gammadan miira ajaa’ibaatin nuuf ibsan. Jilli kun milkaa’inaan xumuramee nagaan biyya isaanitti deebi’uutti nutis baayyee gammanne.
Aadaan keenya waggaa waggaadhaan guddachaa jira, uffanni aadaa keenya baraan ammayyoomaa deema. Irreechi akkuma karavaanii biyya Biraazil faa sanatti gara karavaanitti guddatee kana caalaa mul’achuu danda’a.
Irreecha baranaa kan milkaa’aa ture nu jechisiisu kan biraa sagantaa bunaa siinii kuma 10 qabu qopheessinee rikardii haaraa galmeesisnee jirra.
Sagantaan ‘Miss Tourism Oromia’ jala bulti Irreechaa adeemsifamus Irreechaaf bareedina ta’aa dhufeera.
Mul’ata gara fuula duraa…
Ani damee turizimii kanarratti waggaa lama hojjadheera. Waggaan lama yeroo salphaa miti. Waggaa lamaan kanatti Turizimii Oromiyaa irratti bu’uura tokko kaa’eera jedheen yaada. Yeroo muraasa booda gara hojiilee dhuunfaa kiyyaatti ce’uun yaada qaba.
Seektara kana dhiisee bahu kootin dura garuu gaggeessaan turizmii anatti aanee dhufu nama ana caalu ta’uu qaba jedheen yaada. Waan ani hojjedhe kana caalaa nama hojjetu. Gabaa turizimii cimaa biyya keenyaaf kan fidu ta’uu qaba jedheen yaada.
Bakka qubsuma turistootaa babal’isuu, balalliiwwan xiyyaaraa Oromiyaa keessatti babal’atanii arguun fedha. Kuni amma yeroon ani turizimii naannichaa gaggeessu kanatti ni jalqabamu. Yeroon ani bakka kana gadhiises cimee akka itti fufu abdiin qaba.
Oromiyaan ammoo akka maqaan keenya badu osoo hin taane biyya nagaa fi namoonni gammachuudhaan dhufanii bashannananii deebi’an akka taatu, namni bilisaan bobba’ee kan itti galu akka taatu hawwiikooti. Kanaafis cimee nan hojjedha.