Suuraafi viidiyoo yeroo Israa'el gandoota Libaanos barbaadeessitu agarsiisu
Magaalonniifi gandoonni Libaanos kibba keessa jiran yeroo Israa'el barbadeessitu viidiyoo fi suuraawwan satelaayitii BBC Verify argate mul'isan.
Suuraawwaniifi viidiyoowwan saatelaayitii kunneen miidhaan haleellaa Israa'el gaggeessitu hangam akka hamaa ta'e mul'isu.
Akka xiinxalli BBC Verify agarsiisutti, Bitootessa 2 irraa kaasee gamoowwan 1,400 barbadaa'aniiru.
Viidiyoon argitan kun miidhaa bal'aa magaalotaafi gandoota barbadeessa bal'aa keessaa muraasa yoo ta'u, miidhaan qaqqabe heddu kanarra bal'aadha.
Gochi ta'e jedhamee magaalotaafi gandoota kanneen mancaasuu yakka waraanaa ta'uu akka danda'u ogeessonni seeraa idil-addunyaa BBC Verufy'tti himaniiru.






