'Irbuun Shinnigaa' maali? Qabsoo Oromoo keessatti bakka akkamii qaba?

Madda suuraa, Social Media
Jiini Eblaa qabsoo Oromoo keessatti akka addaatti yaadatama. Ji'a kana keessa qabsaa'ota Oromoo jajjaboon kan itti 'wareegamaniidha' jedhama. Addumatti ammoo Ebli 15 waggaa waggaan "Guyyaa Gootota Oromoo" jedhamee kabajama.
Guyyaan kun taatee waggoota 40 dura mudateen kan wal-qabatuudha- guyyaa itti qabsaa'onni Oromoo qaqqaalii ta'an heddu bakka tokkotti itti ajjeefamaniidha.
Addumatti dhaabi ABO Ebla 15 akka addaatti kabaja. Gaggeessitoonni dhaabichaa jajjaboon lakkoofsan 10 ta'an bakka tokkotti "wareegamuun" wal-qabata.
Addi Bilisummaa Oromoo akka dhaabatti hundaa'ee, qabsoo hidhannoo eegalee heddu osoo hin turin taateen kun isa mudate. Gaggeessaa dhaabichaa Magarsaa Barii dabalatee qondaalonni ABO olaanoon ergama dhaabaaf osoo gara Somaaliyaa, Moqadiishii imalanuu Ogaadeen bakka Shinnigaa jedhamutti ajjefaman.
Irbuun Shinnigaa maali?
Dhaabi ABO hundeeffamee heddu osoo hin turin wal-duraa duuban qormaata ciccimaa keessa gale. Kan jalqabaa dhaabicha hundeessuufi karaa qabsiisuu keessattu gahee guddaa qabaachuun kan himamu Baaroo Tumsaa ajjeefamuudha.
Inni lammataa qondaalonni dhaabichaa jajjaboon gara Somaaliyaa imalarra osoo jiranii shiftootaan bakka tokkotti ajjeefamuudha.
Dhaabichi du'a Baaroo Tumsaarraa bayyanatee waraana ijaaruu eegalu, Somaaliyaan duraan ABO ofirraa dhaabaa, inumaayyuu qondaalota heddu hiitee turte, simachuu eegaluun Moqaadishootti biiroo akka banatu hayyamteef.
Gama lixaanis ABOn Sudaan, Kaartuum keessatti biiroo banachuun sochii eegalee akka ture BBCtti himan hundeeffama ABO irraa kaasee baroota dheeraaf qabsoo Oromoo keessa kan turan Obbo Dheeressaa Qixxee.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hoggantoonni ABO Kaartuum jiran kanneen akka Obbo Leencoo Lataa fa'aa hoggantoota biyya keessa jiran waliin Moqadiishotti wal-arguun egeree dhaabichaarratti mariyachuuf beellama qabatan.
Hoggantoonni biyya keessa jiran Moqadhishoo dhaquuf carraan isaan qaban, ija mootummaa Dargii jalaa dhokatanii miilan karaa Ogaadeen qaxxaamuruu malee carraa biraa akka hin qabne himu Obbo Dheeressaan.
Kuni ammoo balaa isaan hin eegneef isaan saaxile- shiftootaan ajjeefamuu.
"Warri Kaartuum jiran, Leencoo, Diimaa, Xahaa Abdii fa'aa Moqaadishoo dhaqanii hoggansi ABO Moqaadishoo akka dhaqu yeroo ergaa itti ergan, karaa Ogaaden keessa otuu bahanii Shinniggaa bakka jedhamutti namni 10 bakka tokkotti dhuman," jedhu.
Ogaadeen iddoo Shinniga jedhamutti Shiftoonni Somaalee itti bahuun warri Musliima ta'aniifi Kiristaana ta'an akka adda bahan ajajan. Gaggeessitoonni ABO kunneen kutaalee Oromiyaa garaa garaa irraa kan dhufan waan ta'aniif amantaa garaa garaa qabu.
Haa ta'u garuu isaan amantaan gargar bahuu didan: Oromoof jennee malee amantaaf jennee manaa hin baane jechuun irbuu galanitti cichan. Dhumarratti hundisaanii bakka tokkotti ajjeefaman. Kunis "Irbuu Shinnigaa" jedhamuun beekama.
Gaggeessitoonni ABO "amantaan gargar hin baanu jedhanii Shinnigatti ajjeefaman kunneen: Magarsaa Barii (Bariisoo Waabee), Gadaa Gammadaa (Damisee Tacaanee), Yiggazuu Bantii (Doorii Barii), Umar (Falmataa), Faafaan Dooyyoo, Irranaa Qacalee, Marii Galaan, Dhaddachoo ta'uusaanii ABOn yeroo garaa garaatti ni ibsa.
Gaggeessitoota kanneen keessaa Magarsii Bariifi Damisee Tacaanee dura taa'aafi ittaanaa dura taa'aa dhaabichaa turan.
Barreessaafi qondaala ABO kan ta'e Yaazoo Kabbabbaa qabsaa'onni sun amantaan gargar hin baanu jedhanii ejjannoo tokkoon du'uunsaanii dhaloota ittaanuuf ergaa gurguddaa sadi akka qabu BBCtti hime.
Kanneen Musliima ta'an carraa jiraachuu maluu akka qaban osoo beekanuu "Nuti Oromoodha, kan baanes Oromoofi. Addaan baanee jiraachurra waliin duunee boolla tokkotti awwaalamuu nuuf wayya jedhanii ijoolleen Musliimas, Kiristaanaas wareegamanii boolla tokkotti awwalaman," kan jedhu Yaasoon kun Oromoo maraaf ergaa gurguddaa sadi akka qabu hima.
"Inni jalqabaa, Oromummaan seemmoo ykn hundee waan ta'eef waanti sanaan gama ta'e ittaanadha malee Oromummaa akka hin dursine.
"Lammeessoon, kaayyofi karoorrisaanii wareegamanii kaanif fakkeenya ta'uu [filatan]," jechuun ofii du'anii kaan birmaduu baasuu akka ta'e ibsa.
Inni sadaffaan ammoo hiiknumti tokkummaa jedhuyyuu "qabatamaan Shinniggaa fakkaata" jechuun "waanti Guyyaa Goototaa irra deddeebinee kabajnuuf fakkeenyummaan sun irra deddeebiin akka ifuufi" jedha.
Irbuun Shinniggaa "tokkummaan dhugaa" kan irratti mul'ateefi dhaloota ammaaf illee fakkeenya guddaadha kan jedhu Yaasoon, dhaloonni amma jiru amantaa, naannoo, sadarkaa barnootafi kaaniin osoo wal-hin qooduu akka hin qabneefi kanneen Guyyaa Gootota Oromootti yaadataman irraa barachuu akka qabu hima.
Ebli 15 Guyyaa Gootota Oromoo jedhamee akka kabajamuuf qondaalonni olaanoon ABO Shinnigatti dhumuun sababa ta'us, namoonni qabsoo Oromoo keessatti "aarsaa ta'an" hunduu guyyaa kana akka yaadatamanis hima Yaazoo Kabbabaa.
Guyyaa Gootota Oromoo kana yeroo heddu kan kabaju dhaaba ABO ta'us, qabsaa'onni Oromoo dhaabaf osoo hin taane sabaaf jedhanii "aarsaa waan kaffalaniif" Oromoo hunda biratti kabajamuu akka qabus hima.
Du'a Baaroo Tumsaatti aanee ABO irraan miidhama guddaa kan gahe hoggantoonni isaa 10 bakka tokkotti dhumuusaaniiti.
Taateen sun akkamiin akka mudateefi gaggeessitootasaa dhabuu booda qormaata isa mudateefi akkamitti sana akka dandamatan Obbo Galaasaa Dilboo yeroo lubbuun jiran BBCtti himanii turan.
'Dhumaatiin Shinnigaa 'dhaabicha jireenyaafi dhabamuu jidduu seensisee ture'
Gaggeessitoonni ija dhaabichaa ta'aniifi gahuumsa olaanaa qabu jedhaman harki guddeessi Shinnigatti wal-faana dhumuu hordofee itti gaafatamummaan dhaabicha gaggeessuu Obbo Galaasaa Dilbootti kenname.
Koreen giddu galeessaa warri biyya alaa jiraniifi biyya keessatti hafan wal-gahanii akkaataa dhaabicha qormaata cimaa isa mudaterraa baraaruun danda'amurratti mariyatan.
Yeroo lubbuun jiran Obbo Galaasaan Guyyaa Gootota Oromoo ilaalchisee turtii BBC waliin taasisanii turaniin, hoggantoonni ABO heddu si'a tokkotti ajjeefamuun dhaabicha jiraachuufi jiraachuu dhabuu keessa galchee akka ture himan.
''Hoogganoonni dhaabichaa gariin biyya alaa waan jiraniif, walqunnamtiiniis ulfaataa waan tureef, isaan sana qunnamanii, egeree dhaabichaarratti waliin mari'atanii nutti deebi'uuf bobba'aniitu wareegaman,'' jechuun ''dhaabicha jireenyaafi dhabamuu jidduu seensise,'' jedhan.
Ebli 15 Guyyaa Gootota Oromoo ta'ee kan moggaafame bara 1984 murtii koreen giddugaleessaa ABO dirree Bahaatti wal-gahee murteessen ta'uu kan ibsan Obbo Galaasaan, gaggeessitoonni waraanafi siyaasaa gameeyyiin ABO wareegamuu hordofee ta'uu dubbatan.
"Jaallan wareegaman kun qooda dhaaba keessatti qabaniifi waliigalatti dhiibbaan isaan qabsicharratti salphaa hin turre.
Du'asaanii gadduu qofaa osoo hin taane qabsoorrattis yaadachuudhaaf, gara fuulduraatti of onnachiisuun gara fuulduraatti deemuuf jecha murtiin sun [Ebli 15 Guyyaa Gootota Oromoo ta'ee akka kabajamu murteessuun] darbe," jechuun du'a qondaalota sanaa booda deebisanii dhaaba ijaaruuf haala rakkisaa keessa akka darban dubbatu.
'...anis silaa isaanuma waliinan Shinnigatti du'a ture'
Kora bara 1977tti mana Baaroo Tumsaatti gaggeeffameen Magarsii Barii itti 'Hayyu Duree' ta'ee yoo filamu Gadaa Gammadaa (Damisee Tacaanee) itti aanaa Hayyu duree ta'uun filame - lamaansaanituu kanneen Shinnigatti dhuman keessayi.
Barreessaa dhaabichaa kan turan Obbo Leencoo Lataa ammoo yeroo gaggeessitoonni dhaabichaa Shinnigatti dhuman isaan Lixa Oromiyaatti qabsoo hidhannoo eegalchiisuuf Sudaan, Kaartuum akka turaniifi gaggeessitoota kanneen waliin Moqaadishootti wal-arguuf beellamachuu BBCtti himanii turan.
"Osoon dirree Bahaa turee silaa anis isaanuma waliin Shinnigatti du'a ture," jechuun yeroo sana osoo biyya keessa jiraatanii carraanumti qondaalota dhaabichaa mudate akka isaan mudatu kaasu.
"Gaafa warri 'Somaalee Galbee' hogganoota keenyarratti tarkaanfii fudhatan booddee Humna Ajaja Olaanaa sana keessaa ana duwwaatu hafe. Nama shan keessaa ana malee namni hafe hin jiru," jedhu Obbo Leencoon.
Qondaalonni "qaqqaaliin" dhumuu booda isaan bakka buusufi dhaabicha deebisanii bayyanachiisuun qormaata guddaafi gatii guddaa akka isaan kaffalchiises himu.
"Waggoota itti aanan hogganoota dhuman sana bakka buusurratti xiyyeeffannoo guddaa goonee hojjachuun nurra turre.
Dirree dhihaatti [bara] 1988 natti fakkaata, wal-gahii Jila Qabsaa'otaa waan jedhamu tokko qindeessine. [Bara] 1989 waggaa isa ittaanu ammoo dirree bahaatti Korri Sabaa taa'e. Akkasitti hogganoota dhuman sana bakka buufachuu jalqabne," jedhu.
Hogganoonni dhuman sun dhaaba ABO keessaa warra muuxannoofi beekumsa guddaa qaban qofa osoo hin taane, dhaabicha baatee kan deemu isaan akka turetu himama.
Isaan bakka buusuun ammoo yeroo heddu itti fudhachuu kan himan Obbo Leencoon, ABOn hogganoonni hammi kun si'a tokkotti jalaa dhumanii dandamatee deebi'ee ijaaramuun akka isaan ajaa'ibsiisu dubbatu.
"Hooggana hamma kana dhabee dhaabni dandamate baay'edha jedhee hin fudhadhu. Baay'ee xiqqoodha yoo jiraates," jedhu.










![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)

