Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraanni Iraan yoo itti fufe kufaatii diinagdee addunyaa fida- IMF
Waraanni Ameerikaa fi Israa'el Iraan waliin gaggeessan akkasumas gatiin anniisaa olka'uun yoo itti fufaa deeme dinagdeen addunyaa kufaatiidhaaf saaxilamuu isaa Dhaabbanni Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) akeekkachiise.
IMF gabaasa tilmaama Diinagdee Addunyaa haaraa baaseen haala hamaa ta'een - bakka gatiin boba'aa, gaazii fi nyaataa bara kanaa dabalee mul'ate bara dhufus itti fufa yoo ta'e, guddinni addunyaa bara 2026tti %2 gadi bu'uu akka danda'u ibseera.
"Kun ammoo kufaatii addunyaa bara 1980 irraa eegalee yeroo afur qofa mudateef akeekkachiiftuu ta'au ta'a" kan jedhu yoo ta'u, inni dhiyoo yeroo weerara Covid ture.
Gatii boba'aa kan dabale torbanoota jaha dura Ulaan Hormuuz cufamuufi mariin nagaa US fi Iraan gufachuu booda ture.
Ammas diinagdeen addunyaa daandiirraa maquuf yaaddoorra jira, amma ammoo sababni waraana Baha Gidduugaleessatti dhalateedha...'' jedha gabaasni IMF.
Wanti hamaan addunyaa boodatti harkisu yoo bara kana gatiin boba'aa barmeela tokkoo giddugaleessaan $110 ta'ee fi bara dhuftu ammoo $125 ta'eedha jedha.
Bu'uura kanaan tilmaama hojjeteen bara dhuftu qaalayinsi gatii 6% gaha. Kun ammoo Baankiiwwan Biyyaalessaa qaalayinsa to'achuuf jecha dhala liqii akka olkaasan sababa ta'aa jedha.
Wayitaa waraanni Iraan jalqabe sana gatii bob'aa barmeelatti $120 gahee ture. Amma gadi bu'ee Kibxata har'aa $98.85 ta'eera.
Kufaatiin diinagdee addunyaa kan baayyee hamamachuu danda'u yoo wantootni hamoon jiran waggoota lamaaf yoo itti fufan qofadha jedha.
Waraanni kun torbanoota muraasa dhufan keessatti yoo furameefi boba'aa omishuufi erguun Baha Gidduugaleessaa keessatti haala duraaniitti yoo deebi'e(keessumaa hanga walakkeessa bara 2026) guddinni dinagdee addunyaa bara 2026 %3.1 ta'a jedheera.
Kunis isa jalqaba bara kanaatti raagame 3.3% gadi. Bara dhuftuuf tilmaamni guddina diinagdee kaahame garuu hin jijjiiramne. 3.2%.
Akka IMF jedhuttu diinagdee gurguddoo jiran keessaa kan UK sababa hanqina boba'aa waraanni Iraan uumeen hedduu miidhameera.
Guddinni Diinagdee bara kanaa UK duraan 1.3% ta'a jedhamee tilmaamame amma gara 0.88%tti gadi bu'eera.
Of the world's advanced economies, the IMF has forecast that the UK will be the hardest hit by the energy shock from the Iran war.
Biyyootni Galoo Galaanaa boba'aa gurguruun beekamanis guddinni diinagdee galmeessan baayyee gadi bu'aa ta'a jedhameera.
Diinagdeen Iraan bara kana 6.1% gadi bu'a jedhee tilmaame. Yoo torbanoota keessatti waraannichi karaa nagaa xumurame ammoo bara 2027tti 3.2% ta'aa jedhe.
Dinagdeen Kataar bara kana 8.6% gadi bu'ee bara dhuftu ammoo 8.6% guddachuutti deebi'aa jedhe.
Bayyanachuu biyyattii kanaaf bu'ura kan ta'u Ulaa Homruuz, ulaawwan alergii kanneen biroo fi bu'uuraalee misooma bobaa manca'eedha.
Saawdii Arabiyaanis guddinni galmeessitu gad aanaa ta'usbara kana 3.1tti guddaattee bara dhuftu ammoo 4.5% akka guddina galmeessitu tilmaame.
Biyyi takkittiin sababa qaala'uu boba'aatiin bu'aa argatte Raashiyaadha jedha IMF.
Diinagdeen Raashiyaa bara kana 1.1% guddataa jedhe. Tilmaamni jalqaba bara kanaatti kennameef 0.8% ture.