Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Paartileen dubartoota 20% hin qabne akka beekamtii hin arganne kan goote Biyyaa Ashabbir eenyu?
Biyyaa Ashabbir Oonchoo jedhamti. Dargaggeettii ganna soddomoota keessa jirtudha.
Magaalaa Amboo keessatti maatii ''hirbuu lama; kan jalaalaafi qabsoon'' walitti hidhaman irraa dhalatte.
Ijoollummaanshee garuu qormaataan kan guute ture.
Abbaanshee barsiisaa Ashabbir Oonchoo bara Addi Dimookraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itoophiyaa biyyattii bulchaa ture ABO yeroo sana qaama shororkeessaa jedhamee labsameefi qabsoo hidhannoo gaggeessu deeggarta jedhamuun hidhaa irra deddeebiifi dararaaf saaxilaman.
''Bara ADWUI yeroo 12 ykn 13 hidhameera. Takka waggaa afuriif takka waggaa lamaaf, waggaa afuriif alam baqqaanyitti, waggaa lamaaf Qilinxootti hidhamaa ture'' jetti Biyyaa Ashabbir yaada BBCf kenniteen.
''Warra maatii mana hidhaatti deddeebi'aa guddatan keessaa tokkon ture'' jechuunis yaadatti.
Biyyaan oogummaadhaan Injinira taatus wayita Addi Bilisummaa Oromoo ALI bara 2018 karaa nagaa qabsaa'uuf gara biyyaa deebi'uu kaasee miseensummaarraa hanga hooggansaatti guddatte.
''Kora addaa Fifniinneetti gaggeeffame irraa kaasee miseensa Gumii Sabaa ta'ee hirmaachaa ture. Dameen dubartootaa fi Daa'immanii ABO deebi'ee yeroo ijaaramu Birkii sana dubartoota biroo afur waliin hoogganuuttin jira'' jetti.
Biyyaan maatii sirna mootummaa mormuun gama hedduun aarsaa kafale keessatti ''dhalootaafi guddinni koo siyaasa ta'us kallattiin hirmaannaa gochuu kaniin eegalee erga bara 2018 booda'' jetti.
Biyyaan ijoollummaashee wayita yaadattu, sababa hirmaannaa siyaasaa abbaasheen firriifi hiriyyoonni abbaashee bakka siyaasni gaggeeffamu akka hin geenye ishee gorsaa fi eegaa akka turan yaadatti.
Wayita isheen barattuu sadarkaa tokkooffaa fi lammaaffaa turte Amboofi kutaalee Oromiyaa kaan keessatti qabsoo barattootaan gaggeeffamaa ture keessatti ''hirmaannaa guddaa hin qabun ture'' jetti.
Barnoota sadarkaa lammaffaa qabxii olaanaan fiduun Yunivarsiitii Arbaamincitti ramadamtee Digirii jalqabaa muummee Haaydirooliik fi Watar Injinariingiin eebbifamte.
Achiis digirii Maastarsii barnoota Hooggansaafi Bulchiinsaan argatteetti.
Birkii Dubartootaa ABO hoogganuuf gaafatama erga fudhattee booda wanta ijoo siyaasaa Itoophiyaa keessatti gumaachiterraa gammachuu qabdi.
Sunis tokkumaa dhaabbilee siyaasaa keessatti hirmaanna qabduun dubartoota dhaabbilee biroo afur waliin ta'uun Dhaabbileen siyaasaa biyyattii keessa jiran miseensa dubartoota yoo xiqqaate 20% qabaachuu akka qaban wixinee qopheessuun Paarlaamaan seera godhee akka labsu gumaacha baatedha.
''Mana Maree waloo keessatti dameen dubartootaa ture, Animmoo Koree Hojii Raawwachiiftun ture. Badhaadhinarraa Xaayibaafaan turan, EZEMA dabalatee dhaabbileen shan turre. Wanti guddaan hojjenne jedhee yaadu Boordii Filannoof wixinee tokko dhiyeessine, suni Paartiin biyya kana keessa jiru dubartoota 30% of keessatti hin hammatu yoo ta'e akka Paartiitti beekamtii akka hin arganne kan jedhuudha.
''Yeroos Boordiin Filannoo wixinee kana nu harkaa fuudhee Paarlaamaadhaaf dhiyeesse. Paarlaamaan ammoo paartileen siyaasaa dubartoota 20% hin qaban yoo ta'e beekamtii akka hin arganne labse.''
Biyyaan maaliif faana Abbaasheerra buute?
Biyyaan qabsoo ABO keessatti warra dhaloota haaraa ta'ee hooggansatti dhufuun mul'achaa jiran keessaa tokko.
Ofii maaliif Siyaasa keessa galuu, faana Abbaasheerra bu'uu filatte?
''Qabsoodhuma keessattin dhaladhe, Abbaa koo qofa osoo hin taane harmee koo waliinis qabsoodhuma keessatti wal baran. Hirbuu lama qabu abbaankoofi haatikoo. Hirbuu jaalalaafi hirbuu qabsoo. Maatii kana keessaan dhaladhe, cunqursaa uummata Oromoorra gahun argaa guddadhe.''
Abbaakoo qofa osoo hin taane harmen koos qabsoo kana keessa aarsaa guddaa kafalte ammas kafalaa jirti. Kanaaf qabsoo kana maatiikoorraan dhaale. Gaafa dhaabni gara biyyaa galummoo maaliifin keessa seenee hin hojjedhun jedhee murteesse.''
Sababa ABO keessatti qabsaa'uuf filattee yoo ibsitu, ''ijoollummaarraa qabee abbaankoo waayee kaayyoo dhaaba kanaa na barasiisaa ture. Oromummaan maal akka ta'e, ABO maal akka ta'e, sagnataa siyaasaa, heeraa fi seera waan jedhan osoo dhaabni hin galiin sirriitti barachaan ture'' jetti.
''Abbaa koon alas hiriyyootnisaa na barasiisaa turan. Dhaladhees wantin ani beeku ABOti. Kanaaf gara dhaaba bira ilaaluu duran dhaaban beekutti makame.''
Mooraa qabsoo mormitootaafi dhiibbaa dubartootarra gahu
Mooraan qabsoo mormitootaa baroota darban keessa dargaggootaafi abboota hedduu gatii baasiseera.
Dubartootni lakkoofsaan muraasa ta'an mooraa qabsoo ABO keessatti gumaacha godhaniifii aarsaa kafalaniin ni yaadatamu.
Ammoo dhugaan jiru hirmaannaan dubarattootaa kallattiidhaan godhamu laafaa ta'uu isaati.
Biyyaan aarsaa maatiinshee kafale osoo beektu umrii dargaggummaa kanatti sababa makamteef yoo himtu ''hirmaannaa siyaasaa dubartootaa keessatti danqaalee hedduutu jira, garuummoo sunis mirga dubartii keessaa tokko jedheen amana'' jetti.
''Qabsoo bilisummaa Oromoo keessattis dubartoota wanti daangessu hin jiru. Mirgi keenya akka namaattis akka Oromoottis kan kabajame fakkaatus hin kabajamne, kanaafuu gahee koo bahachuun barbaada.''
''Garbummaa bilisummaa fakkaatu keessa jirra. Erga duu'uun keenya hin hafnee, wanta bu'aa qabu tokko biyya kootiif hojjedhee darbuun qaba'' jetti.
Dubartootni Oromoo bakka adda addaatti bu'aa bayii hedduu dabarsaniiru, ammas dabarsaa jiru, fuula durattis itti fufuu danda'a. Anis dhiibbaa hedduu keessa darbee kaniin hojjechaa jiru maatiifi biyyaaf bu'aa tokko buusuufi.
Biyyaan danqaalee jiran gara carraatti jijjiiruuf miseensa ABO ta'uu dubbatte.
Kaayyoonshee dubartootni siyaasa keessatti hirmaatanii imaammata bocuufi dhiibba auumuu akka danda'an jajjabeessuu akka ta'e himti.
Dhiibbaan dubartoota siyaasaatti hin jajjabeessine baayyee ta'us sana tarreessuun dubartoota sodaachisuu akka hin taneef akka of qusattu himte.
Gaaffii inni jalqabaa garuu hooggansa dhaabaa ta'uuf ani gahaadha jedhanii gaafachuufi of amansiisuurraa kan maddu akka ta'e dubbatte.
''Garuummoo ofitti amanamummaa, yeroo yeroon barachuufi murannoon as gahe'' jechuun barbaachisummaa danqaalee ce'uun qabu ibsite.
ABO keessatti maal milkeessuuf qabsoofti?
Biyyaan Gumii Sabaa ABO keessa dubartootni qubaan kan lakkaa'aman akka ta'an hooggansarras dubartootni akka hin jirre dubbatti.
''Dhugaa dubbachuuf kaayyoonkoo inni guddaan ergan dirqama fudhadhee booda kaniin irratti hojjechaa jiru dubartootni Gumii Sabaa keessatti akka baayyatan. Kanammoo afaaniin qofa osoo hi taane dhiibbaa qabatamaa gochuuni.''
Akka fakkeenyaattis seera Paarlamaan raggaasee fi dhaabbileen siyaasaa marti dubartoota 20% akka of keessaa qabatan dirqisiisu akka bahu gochuu keessatti gahee taphatte ibsiti.
Ammoo lakkoofsa dubartootaa dabaluu qofa osoo hin taane ''dubartoota baratan, dandeettii qaban, ofiifis biyyaafis gumaachuu danda'an Gumii Sabaa keessatti arguun barbaada, Shanee Gumii keessatti akka hirmaataniin barbaada. Kaayyoon koo inni guddaan kanadha'' jetti.
'Imaammata ittiin bullu nutis haa kalaqnu'
Biyyaan namni kamuu siyaasaan ala miti jettee amanti. ''Imaammata warri siyaasaa bocaniin jiraanna'' kan jettu Biyyaan, Dubartootni sana keessatti qooda qabaachuu qabu jettee amanti.
''Dubartiin mirgashee baruu qabdi dirqamashees bahachuu qabdi. Dubartootni carraa argame hundatti fayyadamanii gara siyaasaatti dhufuu qabu. Siyaasa keessattis dhiiraafi dubartiin walqixa jedheen amana.''
Hiree jiru hundaan aangoo siyaasaallee qabachuuf yaaluu qabna. sababni ammoo isa warri siyaasaa kalaqaniin jiraanna waan ta'eef'' jechuun dubartootaaf dhaamti.