Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Iraan Ulaan Hormuuz 'guutummaan guutuutti banamuu' ibsite

Ulaan Hormuz yeroo dhukaasa dhaabuu hafeef "guutuumatti banamuu," Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii beeksisan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. ' Iraan lammata ulaa Hormuz akka hin cufne waadaa galtee' -Tiraamp

    Iraan 2ffaa ulaa Hormuz akka hin cufne walii galtee jirti jechuun Doonaald Tiraamp miidiyaa hawaasaa isaanii' Truth' irratti barreessan.

    Barreeffama isaanii keessatti har'a addunyaaf ''guyyaa guddaa fi ifaadh'' jechuun ibsuun, Ministira Muummee Paakistaan Shahbaz Shariif fi ajaja waraana Paakistaan ​​Asim Munir galateeffataniiru.

    AkkasumalleeTiraamp Sa'udii Arabiyaa, Katar fi UAE galateeffataniiru. Pirezidaantiin Ameerikaa Iraan lammata ulaa Hormuz akka hin cufnee fi “akka meeshaa waraanaatti akka hin fayyadamne” walii galteetti jechuun barreessan.

    Iraan gargaarsa Ameerikaatiin fanjiiwwan galaanaa Galoo Galaana Pershiyaa keessatti awwaalaman qulqulleessuuf adeemsa irra akka jirtus ibsan.

    Tiraampi itti dabaluun ammas walii galteen Iraan waliin taasifame Libaanos kan hin hammanne ta’uu cimsanii dubbataniiru

    Yaada Tiraamp ulaa Hormuuz kana irratti kennan booda TVn mootummaa Iraan amma “qondaala waraanaa olaanaa” tokko wabeeffachuun akka jedhetti, darbiinsa dooniiwwan kanaa “karaa murtaa’een” fi hayyama humna galaanaa IRGC tiin qofa akka ta’u ibseera.

    Akka TVn mootummaa Iraan qondaala waraanaa olaanaa kana wabeeffachuun gabaasetti, dooniiwwan daldalaa malee kan waraanaa ulaa Hormuz keessa darbuun ammallee “dhorkaama”dha

  2. Erga Ulaan Hormuuz banamuun labsamee gatiin boba'aa akkaan hir'ise

    Ministirri Haajaa Alaa Iraan Ulaan Hormuuz guutummaan guutuutti banamuu labsuu booda gatiin boba'aa barmeela tokkoo akka malee gadi bu'eera.

    Erga dhaamsi kun dhagaahamee gatiin boba'aa barmeela tokkoo duraan $98 ture gara $90 gadi bu'eera.

    Gatiin boba'aa sadarkaa gabaa Ameerikaa(NYMEX light sweet crude,) jedhamus gadi bu'eera.

    Waraanni Iraan eegaluu dura gatiin bob'aa barmeela tokkoo $70 ture. Bitootessa keessa wayita waraanni hammaatu ammoo hanga $119 gaheera.

  3. 'Ulaan Hormuuz guutummaatti banamus uggurri buufataalee doonii Iraan itti fufa'-Tiraamp

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiramp Ulaan Hormuuz guutummaatti banamuu beeksisuu booda ibsa biraa Truth Social gubbaa baaseen Ulaan Hormuz daldalaaf banaa ta'us ''uggirri buufataalee doonii Iraanirra jiru garuu itti fufaa'' jedhe.

    ''Danqaan dooniidhaan Iraanirratti godhame guutummaa guutuun itti fufa. Hanga dantaan Iraan waliin qabdu 100% xumuramutti.

    ''Dhimmoota biroo hedduurratti dubbannee waan waliigalleef dhimmi kunis saffisaan xumurama. Dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennuu keessaniif galatoomaa!''

  4. Ulaan Hormuuz hundaaf banaa ta'uu Iraan beeksiste

    Ulaan Hormuz yeroo dhukaasa dhaabuu hafeef "guutuumatti banamuu," Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii beeksisan.

    Ergaa fuula X, isaaniirratti baasaniin Abbaas: "Libaanos keessatti dhukaasi dhaabbachuusaatiin wal qabatee, qindoomina Dhaabbata buufataalee fi galaanaarraa Rippaablika Islaamaa Iraaniin, karaan dooniiwwan daldalaa Ulaa Hormuuz yeroo dhukaasa dhaabuu hafeef guutumatti banaa godhameera"

    Iraan ulaa daldalaa addunyaa murteessaa, dooniiwwan boba'aa deddeebisan itti baay'atan kan ugguruu hordofee, US jalqaba torbee kanaatti, Ulaa Hormuuz ugguruu akka eegaltu beeksiftee turte.

    Tarkaanfii amma Iraan Ulaa kana banuuf fudhatte hordofee Tiraamp galateeffateera.

    "IRAN ULAA HORMUUZ GUUTUMMATTI BANUU FI IMALAAF QOPHII TA'UU BEEKSIFTEE JIRTI. GALATOOMAA!" jedhe Tiraamp.

    Yeroon dhukaasa dhaabuu US fi Iraan Ebla 22 xumurama.

  5. Hogganaan Hezboollaa 'hidhannoo hin hiikkadhu' jechuun BBC'tti dubbate

    Hogganaa olaanaan Hezboollaa Waafiq Saafaa Israa'elii fi Libaanos guyyoota 10'niif dhukaasa dhaabuuf waliigaluusaanii sa'aatii muraasa dura, gareen Hezboolaa "gonkumaa, yoomillee" akka hidhannoo hin hiikkanne BBC'tti hime.

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamin Neetaniyaahuu Hezboollaa hiikkachiisuun mariiwwan itti aanan mootummaa Libaanos waliin goonu keessatti qabxii ijoo dha jedhan.

    Waayee hidhannoo hiikkachuu kan gaafatame hogganaan Hezboollaa, Saafaan: " Hanga dhukaasa dhaabuun inni sirriin,inni dhugaan ta'utti. Hanga Israa'el gadhiiftutti. Hanga hidhamtoonni gadhiifamanitti, Hanga buqqaatonni qe'ee ofiitti deebi'anittii fi deebifnee ijaarrutti. Hanga sanatti, waayee hidhannoo Hezboollaa haasawuun hin danda'amu."

    Gaaffii fi deebii mana jireenyaa isaa Beerut keessatti godhameef irratti, qondaalichi qinbdoomina Hezboolaa fi Iraan iftoominaan dubbate.

    "Hezboolaa fi Iraan lubbuu lama, qaama tokko keessa jirtu dha" jedhe Saafaan. "Iraan malee Hezboolaa yaaduun hin danda'amu, Hezboollaa malees Iraan hin jirtu," jedhe hariiroon lamaanii "bu'uura amantaa, seeraa fi ayidoolojii" akka qabu ibse.

    Hezboolaan, gurmuu Musliimota Shi'aa fi waraanaa, mirga jiraachuu Israa'el mormuu fi US, UK , Israa'elii fi biyyoota kaaniin shororkeessaa jedhame dha.

    Gareen kun lola Iraanitti kan makame, Bitootessa gara jalqabaatti haleellaa rokkeettii Israa'el irratti raawwachuun yoo ta'u, kanas haaloo ajjeechaa Hogganaa Olaanaa Iraan Ayaatolaa Kaamenii bahuuf ta'uu ibse. Israa'elis Sadaasa 2024 kaasee irra deddeebiin Libaanos irratti haleellaa raawwacha turte.

    Israa'el deebii kan kennite haleellaa qilleensaa walirraa hin cinnee fi waraana lafoo kibba Libaanositti raawwachuuni, duulli ishee kunis hanga Hezboollaan hiikkatutt itti fufa jette.

    Hezboollaan fedhii uummata Libaanosiifi Iraaniif dursa kenna jedhe Saafaan. "Eeyyee Hezboolaan dantaa Libaanosiif lola."

    Dhukaasi akka dhaabbatuu fi lola kana keessatti tumsi Iraan jabaa ture jedhe.

    Lammiileen Iraan BBC'n dubbise Hezboolaan akka hiikkatu fedhu. Isatu waraanatti nu galches jedhu.

    Hezboolaan hidhannoo hiikkachuu fedha hin qabu, haalduree hedduus kaasaa jira, Israa'el haalduree nageenyaa hedduus dhiyeessite. Akkaataa kanaan dhukaasa dhaabuun yeroof lola dheeraa irraa aara galfachuu fakkaata.

  6. Tiraamp Iraan Yuuraaniyeemii gabbiste dabarsitee kennuuf walii galte jedhu

    Pirezidaant Doonaald Tiraamp Iraan Yuuraaniyeemii gabbiste dabarsitee kennuuf walii galteetti jedhan.

    Marii nagaa Ameerikaa fi Iraan gidduutti gaggeeffamaa jiru keessatti dhimmi Yuuraaniyeemii Iraan gabbistee qabduu dhimmoota ijoo marichaa keessaa tokko ture.

    Mariin Waashingitan fi Tehran gidduutti dhuma torbee kanaa deebi’ee eegaluu akka danda’u kan dubbatan pireezdaantichi, waliigaltee irra ga’uun "yeroo baayyee dhiyootti taasifama'' jedhan.

    Tiraamp konfiraansii dinagdee Ameerikaa Laas Veegaasitti gaggeeffame irratti haasawa taasisaniin, waraanni kun ''guutumaan guututti'' yeroo dhiyootti xumuramuu qaba jedhan.

    Waayit Haawus kanaan dura Iraan meeshaa niwukilaraa qabaachuu akka hin dandeenye walii galuu isaa ibsee ture.

    Itti dabaluudhaanis, haleellaa Israa’elii fi Ameerikaan bara darbe raawwatan hordofuun Yuuraaniyeemiin gabbifame lafa jalatti awwaalame jedhamee amanamu akka qotanii baasan dubbataniiru.

    Waliigaltee dhukaasa dhaabuu kan guyyoota shan booda xumuramu dheerachuu fi dhiisuun isaa ammatti mirkana miti.

    Dhimma Yuuraaniyeemii gabbiste dabarsitee kennuuf walii galuu ishee gama Iraanin waanti dhaga'ame hin jiru.

  7. Tiraamp waraana kudhan xumureera jedhu, garuu ragaan maali?

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Kamisa darbe Israa’elii fi Libaanos gidduutti dhukaasa dhaabuu yoo labsan, “addunyaa guutuu irratti waraana sagal dhaabsisuu kootin kabaja argadheera, kun isa kurnaffaa ta’a” jedhan.

    Tiraamp kanaan dura waraana saddeet xumureera jechaa turan. Dhukaasa dhaabuu fi marii yeroo dhiyoo Ameerikaa fi Iraan gidduutti jalqabame 9ffaa ta'a jedhamee tilmaama. Duula Israa'el Libaanos keessatti Hizbullaah irratti geggeessitu kanaan kurnaffaa ta'uu himatan Tiraamp.

    Dhukaasa dhaabuun Libaanos waliin walqabatee waliigaltee irra ga’amee kan mul’atu yoo ta’u, dhukaasni dhaabuun Iraan Ebla 8 irraa eegalee kan ture ta’us, waldhabdee lamaan kanaaf waliigaltee nagaa dhaabbataa hin godhamne.

    Libaanos keessatti waliigaltee dhukaasa dhaabuu amma eegalamuu fi Iraanitti ammoo Ebla 8 irraa eegalee waligaltee walfakkaataan hojiirra oole jiraatus, waldhabdee lamaanuu ammatti walgaltee dhaabbataa irra hin geenye.

    Lola saddeet kanneen biroon Tiraamp xumurameera jedhan, akka Waayit Haawusitti, waraana Israa’elii fi Hamaas, Israa’eel fi Iraan, Paakistaan ​​fi Hindii, Ruwaandaa fi Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo, Taayilaandi fi Kaamboodiyaa, Armeeniyaa fi Azarbaajaan, Masrii fi Itoophiyaa, akkasumas Sarbiyaa fi Koosoovoo gidduutti taasifaman fa'i.

    BBC Fact Check kanaan dura himata Tiraamp kana qoratee ture. Tiraamp waraanota tokko tokko akka waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa'elii fi Hamaas gidduutti Gaazaa keessatti akka taasifamu gumaacha taasisaniiru.

    Waraanni biroo isaan dhaabsisuu lakkaawwatan biroo hedduun garuu waldhabbii biyyoota atakarooo yeroo dheeraa qaban gidduutti guyyoota qofaaf turedha,

    Fakkeenyaf tibba tokko Masrii fi Itoophiyaa gidduutti waldhabdee dippilomaasii ijaarsa hidhaa irratti kan uumame yoo ta'u, garuu lolli qabatamaan taasifamee furame hin jiru.

    Warana bira Tiraamp jedhan keessaas Ruwaandaa fi Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo erga waliigaltee nagaa Waashingitan D.C.tti mallatteessanii booda walitti bu’iinsi uumameera.

  8. MM UK Kiir Istaarmar Ulaa Hormuuz bansiisuuf waan danda'an hunda akka godhan himan

    MM UK Kiir Istaarmar masaraa Paaris Élysée keessatti Maakiroon waliin mari'achuusaaniin dura, Ulaa Hormuuz bansiisuun dhiibbaa waraanni Iraan uummatarraan gahu hir'isuuf "carraaqqii naaf danda'amu mara nan godha" jedhan.

    Istaaramar miidiyaaleetti akka dubbatanitti: “Dhukaasa dhaabuu waaressuuf biyyoota faana qajeeltorratti hundaawun gurmuu tolfachuun baay'ee barbaachisaa dha, walii galteen jiraachuu qaba, ulaan Hormuuz banamuu qaba jedhan.

    "Kun dantaa hunda keenyaati, sababni isaas wanti waraana Iraan keessatti ta'aa jiru diinagdee hunda keenyaa irratti dhiibbaa qabaachaa jira. Kanaafidha biyyoonni kan walitti dhufaa jiran."

    "Dhiibbaa dippilomasii fi siyaasaa akka barbaachisu hunda keenyaafuu ifa, dhiibbaa loojistiksii fi diinagdee nu barbaachisa, karoora waraanaa waloo wayiis nu barbaachisa, har'a kanatu walitti nu fide.

    Har'a waaree booda Istaarmarii fi Maakroon marii oonlaayinii biyyoonni addunyaa 40 irratti hirmaatan dursu, kaayyoon marii kanaa ergama waloo Ulaa Hormuuz keessatti imala doonii nagaa qabeessa deebisuu dha.

  9. Ibsi haaraan Paakistaan ​​dhimmaa Libaanos irratti baafte maali?

    Ministirri Muummee Paakistaan ​​Shehbaz Shariif oduu dhukaasa dhaabuu guyyoota 10f Israa’elii fi Libaanos gidduutti taasifame jajaniiru.

    Kun akka milkaa'uuf Pirezidaanti Doonaald Tiraamp tattaaffii dippilomaasii ''cimaa fi ogummaa qabu'' taasisaa jiraniif galateeffatan.

    Shariif itti fufuun biyyi isaanii ''abba biyyummaa fi walabummaa naannoo Libaanosif deeggarsa hin raafamne'' taasisuu akka itti fuftu cimsanii dubbataniiru.

    Mariin Israa’elii fi Libaanos torban kana Ameerikaan Waashingitanitti gaggeefamuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyaa 10 Israa'elifi Hezbollaa gidduuttiu taasifameera.

    Kunis hariiroo dippilomaasii biyyoota ollaa lamaan gidduutti (Israa’elii fi LibaanosI tarkaanfii seena qabeessa ta’e agarsiisa.

    Waligalteen kun, dhuma torban darbee mariin Iraan fi Ameerikaa Paakistaan ​​keessummeessite erga kufee booda kan taasifameedha

    Islaamaabaad Iraan, Ameerikaa fi Israa’el gidduutti dhukaasa dhaabuu torban lamaaf akka ta’u kan gargaarte yoo ta’u, hogganaan waraana Paakistaan ​​Kamisa darbe qondaaltota Iraan waliin Tehran keessatti wal arguun waliigaltee kana dheeressuuf akka ta’e gabaafameera.

  10. Iraan waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa'el Libaanos 'waan gaaridha' jette, Hezbollaammoo jajje

    Iraan waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyaa 10 Israa'elifi Hezbollaan irratti waliigalan "milkaa'ina dhiibbaa dippilonaasii qabsoo Hezbollaan kan argameedha" jechuun jajje.

    Dubbi himaan ministiira dhimma alaa Iraan Ismaa'eel Baqahi akka jedhanitti waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa'elifi Libaanos gidduutti taasifame qaama wal-hubannoo Washingtaniifi Tehraanidha.

    Libaanositti dhukaasi yoo dhaabbate malee waliigalteen dhukaasa dhaabuu waraana Iraanis milkaa'aa akka hin taane, Tehraan jabeessitee dhiibbaa dippilomaasii gochaa turuu kan ibsan qondaalli Iraan kun, Hezbollaanis jabaatee Israa'el dura dhaabbachuusaan milkaa'ina argameedha jedhan.

    Qondaala waraanaa Iraanifi ajaajaa humnoota Quds kan ta'an Jeneraal Ismaa'el Qaanii ammoo, Hezbollaaan "mo'ichaan gale" jechuun jajan.

    Miidiyaaleen Iraanis yaaduma qondaalota Iraan calaqqisiisun, Libaanositti dhukaasi kan dhaabbate dhiibbaa dippilomaasii Iraan taasifteefi haleellaa Israa'eliif jilbeenfachuu diduu Hezbollaa ta'uu ibsu.

  11. Libaanositti dhukaasi dhaabachuu hordofee namoonni qe'ee irraa buqqa'anitti deebi'aa jiru

    Waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyaa 10 Israa'elifi Hezbollaan iti waliigalan lolli torban jahaaf gaggeeffame akka dhaabatu taasiseera.

    Sagaleen dhukaasaa dhaabachuu qofa osoo hin taane lammiileen Libaanos qe'eesaanirraa buqqa'an deebi'aa jiru.

    Israa'el namoonni qe'eesaanitti akka hin deebine akeekkachiisa kennitus, namonni deebi'uurraa duuba hin deebine.

    Suurawwan kunneen lammiileen Libaanos sababa waraanaan qe'eesaanirraa buqqa'an yeroo deebi'an agariisu.

  12. Barreessaa Olaanaan UN Guteereez waliigaltee dhukaasa dhaabu Israa'el-Hezbollaa jajan

    Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyaa kudhanii taasifame galateeffachuun jajan.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka milkaa'uuf tattaaffii US taasiftes galateeffatan ibsa kennaniin.

    "[Waliigalteen dhukaasa dhaabuu] kun waraanichaaf furmaata waaraa fiduu fi naanichatti nagaa waraa fiduuf tattaaffii godhamaa jiruuf gumaata guddaadha," jedhan Antooniyoo Guteereez.

    Qaamoleen hunduu waliigalticha akka kabajan waamicha gochuun "yeroo hundumaa seerri idiladdunyaa kabajamuu qaba" jedhan.

  13. Tiraamp waraanni Iraan "yeroo baayyee dhiyoo ta'etti xumurmauu qaba" jedhe

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp namoota Nevaadaatti walitti qabamaniif waraanni Iraan "yeroo dhiyoo keessatti xumurmauu qaba," jechuun dubbate.

    Tiraamp, "waraanni Iraan keessatti gaggeeffamu rakkoo tokko malee gaggeeffamaa jira" erga jedheen booda "yeroo dhiyootti xumuramuu qaba" jedheera.

    Pirezidantichi kana yeroo jedhu maal jechuu akka barbaade ibsuu baatus, waraanni Ameerikaa rookkeettiiwwan rukkutee yeroo kuffisuu garuu ga'umsa akka qabu dubbateera.

    Dhuma torban darbeerra mariin nagaa Paakistaan, Islaamaabaad keessatti gaggeeffame waliigaltee malee hafuun isaa ni yaadatama.

    Waashingiteen biyyoota lamaan gidduutti yeroo itti aanutti marii taasisuuf haasa'amaa jiraachuu ibsullee, yoomii fi eessatti kan jedhu garuu ifa gochuu hin barbaadne.

  14. Paarlaamaa Afrikaa Kibbaa keessatti mormiin kan beekamu Juuliyes Maaleemaa hidhaan itti murame

    Siyaasa Afrikaa Kibbaa keessatti mormituu cimaafi parlaamaa biyyattii keessatti falmii gaggeessuun kan beekamu Juuliyees Maleemaa yakkamaa jedhamuun hidhaan itti murame.

    Juuliyees Maleemaa meeshaa seeran ala qabachuufi bakka namoonni jiranitti dhukaasuun himatamee manni murtii biyyattii hidhaa waggaa shanii itti mure.

    Maaleemaan paarlaamaa Afrikaa Kibbaa keessatti haasaafi mormiii falmisiisaa gaggeessuun beekama. Gaggeessaa paartii Economic Freedom Fighters jedhamuu yoo ta'u miseensa paarlamati.

    Maaleemaan yeroo garaa garaatti pirezidaantummaaf dorgomullee, milkaa'ee Afrikaa Kibbaa gaggeessuu hin dandeenye.

    Tokkummaa Afrikaa leellisuun kan beekamu Maaleemaan Ameerikaa dabalatee sirna warra Lixaa qeequun beekama. Qabeenyifi lafti Afrikaa Kibbaa harki guddaan ammayyuu warra Adiin qabamuun sirrii miti jechuun falmii gaggeessuun beekama.

    Manni murtii biyyattii meeshaa waraanaa seeran ala qabachuu qofa osoo hin taane, bakka namoonni jiranitti dhukaasuun hidhaa waggaa shanii itti murus, oliyyannoo gaafachuu akka danda'u ibseera.

    Deeggartoonnisaa heddu bahuun murtee isarratti darbe mormaniiru. Mana murtiin alatti namoota isa deeggaruuf bahanitti "Sagalee keenya callisiisuuf yaalaa jiru. Hin milkaa'ana.

    Diinaan kokkee wal-qabaa jirra. Diinni keenya ammoo olaantummaa warra adiiti," jechuun dubbate.

    Juuliyees Maaleemaa Afrikaa Kibbaa keessa ammayyuu olaantummaa warra adii jira jedhee nama amanu yoo ta'u, qeeqa yeroo heddu kennuun biyyoota Lixaa biratti "nama ilaalcha leellistummaa qabu" jedhamuun komiin irratti ka'a.

  15. Israa’el waliigaltee dhukaasa dhaabuun dura sa’a 24 keessatti bufataalee Hezboolaati kan jette 380 haleeluu ibsite.

    Humni Ittisaa israa’el sa’a 24 keessatti bakkeewan Hezboollaan socho’a jedhe 380 ol haleeluu ibse.

    Kun Kibba Libaanus keessatti qofa akka tahe hime.

    Bakkeewan Hezboollaan Misaa’ela dhukaasu, Waajjira Olaanaa Hezboollaa fi miseensota isaa haleeluu ibse.

    Haleellaan kunneen oppireeshinii lafoo Israa’el Libaanus keessatti gaggeessaa jirtu deeggaruuf akka tahe himameera.

    Neetanyahuun ammo erga waliigaltee dhukaasa dhaabuun asis humni waraanaa isaanii km10 qofa Zoonii Nagaa adda bahe irraa fagaachuun Libaanusuma keessa turu.

  16. Waa’ee waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa’el-Libaanos maal beekna?

    • Waliigalteen dhukaasa dhabauu kun jalqabaaf guttoota 10’f tura. Sana booda yeroo dheeraaf itti fufuu akka malu Tiraamp dubbateera.
    • TMM Israa’el Beenjaamiin Neetanyahuu ‘’waliigaltee seena qabeessa’’ irra gahuuf haalan mijeessa jedhe.
    • Heezboollaan wlaiigaltee dhukaasa dhaabuu kana akka fudhatu ibse. Garuu haleellaan Israa’el daangaa Libaanus kamiyyu keessatti gaggeessitu dhaabbachuu qaba jedhe. Akkasumas waraanni Israa’el daangaa Libaanus keessa akka fedhe seenee bahuu hin qabu jedhe.
    • MM Israa’el Beenjaamin Neetaanyahuu waraanni Israa’el zoonii nageenyaa’’ jedhamee adda bahe irraa KM 10 fagaatanii buufatu jedhe. Kun Kibbuma Libaanus keessa yoo tahu Hezboollaan garuu guutummaan akak bahan barbaada.
    • Ministeerri Dhimma Alaa US, akkaataa waliigaltee kanaatti mootummaan Libaanus Hezboollaan akka Israa’el hin haleelleef ‘’tarkaanfii hiika qabu fudhachuu qaba’’ jedhe.
    • Ittisa biyyaalessaa fi nageenya Libaanusiif itti gaafatamummaa guutuu kan qabu humna nageenyaa Libaanus qofa tahuu akka qabu ibsan.
  17. Tiraamp Hezboollaaf ergaa guddaa dabarsan

    Doonaald Tiraamp garee Hezboollaa Iraaniin deeggaramu Kibba Libaanos keessa buufate waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka kabajaniif ergaa dabarsan.

    ''Hezboollaan haala gaariin waliigalticha simata jedheen abdadha. Yeroo murteessaa kanatti waliigalticha ni kabaju,'' jedhe Tiraamp.

    Tiraamp miiidyaa hawwaasaa isaa 'Truth' irratti akka barreessanitti:

    Yoo waliigalticha kabajaniif isaaniif yeroo murteessaadha. Namni ajjeefamu hin jiraatu. Dhumarratti Nagaan dhufuu qaba,'' jedhan.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun kan taasifame Israa'elii fi Libaanus gidduuttidha.

    Qondaalli Israa'el CBStti dubbatan Israa'el yoo haleellaan irratti raawwate qofa deebii kenniti jedhan.

    ''Haleellaan yeroo gabaabaatti Israa'el irratti raawwatu jiraannaan ni haleella'' jedhan.

    Neetanyahuun ammoo waliigaltee waaraa kan dhufu yoo Hezboollaan isa dhumaaf hiikkate jedhan.

  18. Qe’een keenya barbadaa’us deebi’uu barbaanna- Jiraattota

    Jiraattonni Libaanos qe’een isaanii Sababa waraana Israa’eliin barbadaa’e amma manni isaanii yoo hin jiru taheyyuu deebi’uu barbaanna jedhan.

    Ibiraahim Suwaayidii Kibba Beerutii yeroo Israa’el waraana bantu kan buqqa’e dhukaasa dhabauun qofa gahaa miti jedhe.

    ‘’Manni koo Kibba Beerut naannoo Daahiyee jiru barbadaa’eera. Eenyutu beenyaa naaf kaffala’’ jechuun Rooyitarsitti hime.

    ‘’Yookiin lafti keenya guutummaatti nuuf hin deebine, dhukaasichi akka dhaabbatu hin barbaannu......ykn guutummaatti lafa keenya keessaa haa bahan ykn baasuu qabna. Nuyi hagasittuu daandimarra turra’’ jedhe.

    Mohaammad Yaasii ammo yoo Israa’el Kibba Libaanus keessaa guutummaatti baati taheef biyyi isaa waliigaltee guddaa irra geesse’’ jedhe.

    Yooma qe’een keenya manca’eera taheyyuu deebi’uuf fedhii qaba’’ jedhe.

  19. Ashamaa! Akkam bultan?

    Tamsaasa kallattii keenyaan debeineerra. Odeessaalee biyya keessaa fi alaa gurguddoo isin biraan geenya.

    Nu hordofaa. Oolmaa gaarii !