Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MM Abiy humni annisaa maddisiisuu Itoophiyaa MW10,000 qaqqabuu himan
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad, dandeettiin annisaa maddisiisuu Itoophiyaa Meggaa Waattii 10,000 qaqqabuu himan.
Kun ammoo Meggaa Waattii 4,000 waggaa ja'a dura turerraa ka'uun asirra gahuu danda'eera.
MM Abiy kana kan ibsan sirna eebba Annisaa Bubbee Asallaa (Asallaa Wind Farm) naannoo Oromiyaatti gafa Ebla 16, 2026 irratti haasaa taasisaniin ture.
Rifoormii hundeerraa sektara annisaa keessatti gaggeeffameen humni biyyaalessaa annisaa maddisiisuu guddachuu himan MM Abiy.
Annisaan Bubbwee Asallaa MM Abiy eebbisian kun meggaa waattii 100 maddisiisuun kuusaa annisaa biyyaalessaa (national gird)f gumaacha.
Annisaan Bubbee Asallaa kun tarbaayinoota 29 kan qabu yoo ta'u, tokko tokkoon isaanii meggaa waattiss 3.46 maddisiisa.
Pirojektiin kun deeggarsa maallaqaa Denmaarkirraa argame Yuroo miliyoona 145 baasii gochuun ijaarame.
Pirojektiin kun "agarsiiftuu dhiyeessii humna ibsaa amansiisaa mirkaneessuuf, akkasumas Itoophiyaa badhaatuu ijaaruuf cimnee hojjechaa jiraachuu keenyaati" kan jedhan MM Abiy, humna ibsaa biyyattii humna faalama hin qaqqabsiisne dabalatee madda gara garaa irraa argachuuf gagaara jedhan.
Pirojektiin Annisaa Bubbee Asallaa kun waggaa lama keessatti baasii isaa akka deebisu kan eegamu yoo ta'u, Adaamaa, Ashegodaa fi Ayishaatti aanii pirojektii annisaa bubbee afraffaadha.
Hidhaan Haaaromsaa Guddichi Itoophiyaa Fulbaana 2025 eebbafamuu hoordofee humni ibsaa Itoophiyaan maddisiistu dachaa ol dabaleera.
Hidhaan Haaromsaa Laga Abbayaa Afrikaatti humna ibsaa bishaanirraa maddisiifamu isa guddicha yoo ta'u meggaa waattii 5,000 ol maddisiisa.
Itoophiyaan anniisaa maddisiisuudhaan Afrikaa keessaa tokkoffaadha.
Itoophiyaatti hidhi anniisaa elektirikii maddisiisu inni jalqabaa bara 1932 laga Aqaaqii irratti kan hojjetame, Hidha Abbaa Saame'eel jedhamudha.
Hidhi kun hanga bara 1970tti tajaajila kennaa ture.
Waggaa 85 booda yeroo ammaa biyyattiin hidha bishaanii anniisaa meegaa waatii kuma 5 caalaa maddisiisu hojjechuurra geesseetti.
Bara 2011 hojiinsaa kan eegale Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa waggaa 14 booda barana xumuramee eebbaaf qophaa'uu mootummaan Itoophiyaa ibseera.
Hidhi kun dandeettii anniisaa meegaa waatii 5000 ol maddisiisuu akka qabu ragaan Humna Ibsaa Itoophiyaa ni mul'isa.
Dandeettii anniisaa haaromfamu bishaan dabalatee maddeen adda addaarraa oomishuutiin Afrikaa keessaa jalqabarra kan jirtu Itoophiyaan yeroo ammaa anniisaa meegaa waatii 4,566 akka qabdu qorannoon ni mul'isa.
''Anniisaa bishaan irraa maddisiisuu'' mata duree jedhuun qorannoon Yuniversitii Jimmaatiin qoratame, teessumi lafaa mijataa fi qabeenyi bishaanii Itoophiyaan qabdu biyyattiin misooma anniisaa haaromfamuun Afrikaa keessaa akka dursitu taasisuu agarsiise.
Qorannoon kun marsariitii barattoonni idiladdunyaa meeshaalee barnootaa fi qorannoo irraa argatanii fi hojii isaaniis irratti maxxansan, Studocu jedhamurratti maxxanfame.
Barattoonni biyyoota 60 miiliyoona 60 caalan hojii akkaadaamii isaaniif marsariitii kana ni fayyadamu.
Akka qorannoo misooma anniisaa elektirikii Itoophiyaarratti gaggeeffamuun marsariitii kanarratti maxxanfamee kanaatti, Itoophiyaan lageen hedduun badhaadhuu fi maallaqi ittiin anniisaa elektirikii bishaan irraa maddisiisan salphaa ta'uun biyyattiin anniisaa bishaan irraa maddisiisuuf dursa akka kennitu taasiseera.
Ammoo Itoophiyaan maddeen biraa anniisaa irraa misoomsitu, kanneen haaromfamanii fi hin haaromfamne, hedduu qabdi.
Itoophiyaan biyyoota saffisaan guddataa jiran keessatti ramadamti, lakkoofsi uummataa biyyattii keessatti beekamuu baatus baayyinni uummata ishees wagga waggaan baayyee dabala.
Kun ammoo fedhiin anniisaa waggaa waggaan dhibbeentaa 30 akka dabalu taasiseera.
Haalli kun mootummaan biyyattii bishaan fi maddeen haaromfaman kaanirraa anniisaa baayyinaan oomishuurratti akka xiyyeeffatu dirqamsiiseera.
Itoophiyaan anniisaa maddisiisuudhaan Afrikaa keessaa tokkoffaadha. Dandeettii anniisaa maddisiisuu qabduun (meegaa waatii 60,000 ta'uun) ammoo sadarkaa lammaffaarratti argamti.
Madda anniisaa Afrikaa jedhamuun kan beekamtu Itoophiyaan, maddeen anniisaa ardittii kanneen elektirkiitti geeddaramuu danda'an keessaa dhibbeentaa 20 akka qooddattu qorannoon kun ni eera.
Lageen Itoophiyaan anniisaa elektirikii irraa maddisiistu keessaa Abbayyaa, Oomoo fi Gibee akkasumas Baarootti kan yaa'an dhibbeentaa 85 qooddatu.