Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gosa Oromoo Warjii jedhamu beektuu? Gosa Oromoo kamiitii?
Warjiin Gosa Oromoo Tuulamaa yoo tahan moggaasni maqaa isaaniis 'Warra Ji'aa' kan jedhurraa akka dhufetu himama.
Miseensa Oromoota Warjii kan tahan Obbo Nurhuseen Hasan moggaasa maqaa Warjii jedhu kana Oromootuma kaantu nuuf moggaase jedhu.
"Moggaasa Warjii jedhu kana Oromootu nuuf moggaase. Maqaa dabalataa nuuf kennan jechuudha. Warjii jechuunimmoo warra ji'aa, kan ji'a lakkaa'ee bulu jechuudha.
''Amantaa Islaamaa waan hordofnuuf jecha ji'a (Addeessa) waliin hidhata qabna. Kanaaf jecha 'warra ji'aa' nuun jedhu," jedhan.
Gosti Oromoo Warjiin kuni jaarraa 9ffaa dhaa hanga xumura jarraa 12ffaattis naannoo Shawaatti mootummaa Islaamaa ijaaree ofbulchaa turuutu himama.
Warri Warjii qubsuma daangeffame addatti qabaachuu baatanis Tuulama keessa baay'inaan jiraatu. Naannoo Oromiyaatiin ala naannolee akka Somaalee fi Affaar keessas akka jiraatan himu Obbo Nuurhuseen.
"Ummanni kuni warra jalqaba amantii Islaamaa biyya kanatti babal'isanidha. Warra baha giddugaleessaa wajjinis hariiroo cimaa qabaachaa turan. Hojii qonnaa fi daldalaanis baayyee beekamoo turan," jedhan.
Turoo Waariyoo fi Wulaalee
Warjiin hanga jaarraa 19ffaatti ajajoota waraanaa ciccimoo mataasaa kan akka Turoo Waariyoo fa'a qaba ture. Awwaalli gooticha Warjii Turoo Waariyoo amma Aanaa Baarraak'tti argama.
Gosti Oromoo Warjii kuni hanga jaarraa 13ffaatti magaalaa wiirtuu daldalaa taate 'Wulaalee' jedhamtu kan qaban akka ta'ee fi boodarra magaalattiin sababa waraanaatiin akka barbadoofte himu Nurhuseen.
Sababa amantiitiin qofa garaagarummaa waan qabaniif jecha moggaasa addatti argatan malee Warjiin Oromoota Tuulamaa kaaniin tokkuma.
"Nuti wiirtuun keenya Tuulama. Oromootuma Tuulamaati. Amantii qofaan adda taane malee Tokkuma. Tuulamni yoo duulu wajjumaan duulaa turre. Siyaas-dinagdeen keenya tokkuma.
Aadaa Islaamummaa ofirratti daballe malee aadaan keenya kanuma Tuulamaatiin tokkuma," jedhan.
Gosti sirbaa warra Warjii - Ragada yoo ta'u, gosti kuni maqaa 'Warjii Tigrii' jedhamuunis ni waamamu.
Warjii fi Araba…
Oromoota Warjii kana namootni akka hidda dhiiga warra Arabootaa tahanitti yeroo dubbatan ni dhagahama.
Obbo Nurhuseen, sababa yaanni kuni ka'uuf yoo himan, "Nuti Araboota waliin amantaa fi daldalaan qunnamtii cimaa qabna. Jaarraa 9ffaa keessa Araboonni rakkoon biyya isaaniitti uumamnaan Shawaa kana qubatanii Warjii waliin jiraachaa turan.
Booda gara biyya isaaniitti deebi'an. Muraasni asumatti hafanii Warjii waliin walitti makamani," jedhan.
Sababa kanaan Warjiin Arabummaa dhiiga xiqqoo qabaachuu dandeenya malee, hundeen keenya Oromoodha, nuti uummata biyya Arabaatii dhufee as jiraatu miti jedhan.
Warjiin aadaa Oromoo Hammachuu waan qabuuf jecha yeroo sanattis Araboota kana ofitti qabee waliin jiraachaa akka tures himu.
"Oromummaa keenya namuu nuuf hin kennus namuu nurraas hin fudhatu. Kuni kennaa uumamaati. Waggaa dheeraaf asii fi achi nu qabaa burjaajiidhaan dabarsinee jirra. Ammaan booda Oromummaa keenya cimsinee qabachuu barbaanna," jedhan.
Giddugala Aadaa Oromootti dursaa qorannoo seenaa kan tahan Obbo Girmaa Namarraa, qorannoo taasifameen Warjiin gosoota Oromoo Tuulamaa keessaa gosa Galaan akka tahan mirkaneeffanneerra jedhan.
"Gosti Oromoo Warjii kuni amma naannoo Magaalaa Shanoo, Daalattii, Jidda, Shawaa Bahaa fi naannoo Shawaa Kibba-Lixaa kana keessa jiraatu. Amantaa Islaamaa dursanii warra fudhatan waan tahaniif qofa adda tahan," jedhan.
Lakkoofsa uummataa ALI bara 1999 gaggeeffameen baay'inni gosa Warjii gara 15,000 akka ta'etu himama.
Kitaabni seenaa Gosa Oromoo Warjii irratti xiyyeeffatu qorattoota seenaatiin qophaa'uu fi dhiheenyatti akka maxxanfamee bahus himan Obbo Girmaan.