Israa’elii fi Hizbullaan dhukaasa dhaabuuf walii galanis lolli itti fufeera
Israa’elii fi Hizbullaan karoora Ameerikaatin waraana dhaabuu fudhachuu isaanii ibsanis, kibba Libaanos keessatti lolli itti fufee jira.
Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp gama lachuu waliin haasa'uu isaanii fi ''gama lachuutiin dhukaasa dhaabuun akka taasifamu waliigalaniiru'' jedhan.
Tiraamp kana kan dubbatan, erga Iraan tarkaanfiin waraanaa Israa'el Libaanos keessatti fudhataa jirtu, dhukaasa dhaabuu amma Ameerikaa fi Iraan gidduutti taasifamaa jiruuf balaa ta'uu akeekkachiiftee booda.
Libaanos akka jettetti Hizbullaan haleellaa Israa’el irratti raawwatamu dhaabuuf akkasumas Israa’el magaalaa guddoo Libaanos Beerutitti haleellaa akka hin rawwannee walgaleera.
Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun waliigaltee kana mirkaneessanii, garuu haleellaan Beerut irratti raawwatamu "yoo Hizbullaan magaalota keenya fi namoota nagaa haleeluu hin dhaabne" akka itti fufu akeekkachiisan.
Netaaniyaahuun waraanni Israa'el ammallee kibba Libaanos keessatti akka socho'u ibsaniiru.Halkan edaas haleellaan heddu raawwatameera.
Hizbullaan diroonii fi ''misaa'ela'' fayyadamuun taankii fi loltoota Israa'el naannoo gandoota lamaa kaaba Israa'el irratti haleellaa raawwachuu isaa ibseera.
Waraanni Israa’el misaa'ela lama Libaanos irraa dhukaafaman to’achuu ibseera. Miidhaan gahes hin jiru jedhe.