Ummanni bariin sagalee kennuuf buufataaleen filannootti argamuun sagalee kennaa jira
Kutaalee Itoophiyaa gara garaa keessatti ummanni Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Marsaa 7ffaa irratti sagalee kennuuf ganamaan hiriira qabatee dabaree eeggachaature amma sagalee kennaa jiraachuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaa jiru.
Suuraawwan FBC irraa argame akka mul'isutti magaalota gurguddoo akka Finfinnee, Jimmaa, Maayaa, Hawaasaa, Aarbaa Mincii, Shaashamannee, Moojoo, akkasumas maagaalaawwan xixiqqaafi aanaalee keessatti namoonni buufataaleen filannootti dabaree eeggachaa yeroo jiran mul'isa.
Kana malees, raawwachiiftonni filannoo wayita meeshaaleen filannoo wal harkaa fuudhinsa raawwatan ni mul'atu.
Suuraan akkasitti qixeessineerra. Daawwadhaa!