Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US buufatashee viizaa Afrikaa heddu cufte, kan Finfinnee garuu itti fufa
Amerikaan lakkoofsa emabsiiwwan viizaan itti kennamu Afrikaa keessaa qabdu gara 20tti akka gadi xiqqeessitu ibsite. Embasiinshee Finfinnee jiru garuu wiirtuwwan viizan itti kennaman keessaa tokko ta'ee itti fufa.
Minsteerri dhimma alaa Ameerikaa lammilee biyya alaa viizaa gaafatan kan itti keessummeessu lakkoofsa embasiifi qontsiilaa akka gadi xiqqeessu ibsuun wiirtuwwan tajaajilli viizaa itti kennaman bakkeewwan muraasa qofatti akka kennamu murteessuu isaa Asooshiyeetid Pirees gabaase.
Akka gabaasa kanaattI, Ameerikaan embasiiwwaniifi qontsiilawwan tajaajilli viizaa itti kennamu 50 ta'an Afrikaa keessaa kan qabdu yoo ta'u, gara 20tti gadi buusufi.
Embasiin Ameerikaa Finfinnee jiru, embasiiwwan 20 tajaajilli viizaa itti kennaman keessaa tokkoodha.
Karoorri lakkoofsa wiirtuwwan tajaajilli viizaa itti kennamuu xiqqeessuun kun karoora bulchilchiinsi Tiraamp namoota Ameerikaa erga deemanii booda hayyama jireenyaa gaafatan to'achuuf qabu wajjin kan wal-simuudha jedhame.
Ministeerri dhimma alaa murtee kana torbee darbe kan murteesse yoo ta'u, Jimaata darbe dippilomaatota Ameerikaaf wal-gahii karaa bilbilaan godhameen ibsamuu Asooshiyeetid Pirees maddeenirraa argachuu ibsuun gabaase.
Murtee kanaan, kanaan dura embasiiwwan Ameerikaa tajaajilli viizaa itti kennamu lakkoofsisaa gadi xiqqaachuun embasiiwwan 20 qofa keessatti taasifama.
Asooshiyeeti Pirees xalayaa keessoo ministeera dhimma alaa US irraa mirkaneeffadhe jechuun akka gabaasetti, emabsiin US Finfinnee jiru kanneen tajaajilli viizaa US itti kennaman keessaa tokko ta'e itti fufu.
Biyyoonni ollaa Itoophiyaa Keeniyaafi Jubuutinis wiirtuu tajaajilli viizaa US itti kennaman keessatti argamu.
Lammiileen biyyoota Afrikaa US seenuuf viizaa gaafatan, tajaajilli viizaa biyyasaanitti hin kennamu yoo ta'e biyya biraa tajaajilichi itti kennamuu irraa gaafachuu akka danda'an ibsa adeemsi haaraan ministeerri dhimma alaa biyyattii baase kun.
Pirezidaant Tiraamp aangotti erga dhufee as biyyoota Afrikaa garaa garaa irra uggugra viizaa kaa'uun alatti, lakkoofsi embasiiwwan viizan itti kennamuu akka gadi xiqqaatu gochuun viizaa Ameerikaa argachuun rakkisaa akka ta'u taasisa jedhamaa jira.