Afriikaa suuraadhaan: Muddee 30,2017 - Amajjii 4,2018
Maxxanfame
Suuraawwan babbareedoo Afriikaa torban kanaa.

Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Doo'attoonni sirna ayyaana bara haaraa Zimbaabwee naannawa Fincaawaa Viktooriyaatti kabajameen wayita qalbiinsaanii booji'amu.
Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Bara haaraatti ce'uuf wayita lakkoobsi lakkaawamu lammiileen Keenyaa magaalaa Naaroobii galma guddicha Keenyaataatti wal gahan gammachuusaanii ibsan.
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen Afriikaa Kibbaa magaalaa Darbanitti walgahuun bishaan daakuudhaan bara haaraa 2018 simatan.
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Daa'imman Naayijeeriyaa magaalaa Abujaa guyyaa Wiixataa sirna tapha ijoolleetiin wayita bara haaraa simatan.
Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Roobii darbe , keesummeessitoonni geejjibni baaburaa Finfinnee irraa Jibuutii geessuu inni haarawaan eebbifamu buufata baaburaa Jibuutii Nagaad jedhamutti kan ka'an.
Madda suuraa, EPA
Ibsa waa'ee suuraa, Guyyuma kana, baqattoonni Eritiiriyaa gammoojjii Israa'elii fi Ijipti daangessu keessa taa'anii wayita dhuguu fi shiishaa bishaanii xuuxuun bashannanan.
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Dilbata darbe, Pirezidaantiin Sudaan, Omar al-Bashir, kabaja waggaa 62ffaa guyyaa walabummaasaanii itti gonfatanii magaalaa Kaartumitti geggeeffame irratti argamuun haasawa wayita taasisan.
Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Guyyuma kana, tikeen loonii muraasni wayita lafa dhoqqaawaa Taanzaaniyaa oddoola Zaanzibaar keessatti argamu keessatti aara galfatan.