Marii biyyaalessaa irratti waa'ee Finfinnee qabxiileen falmisiisoon ka'an fi murteen darban maali?

Marii biyyaalessaa gaggeeffamaa jiru irratti dhimmi magaalaan Finfinnee ajandaa falmisiisaa ta'eera.
Qabxiilee saddeet mariif dhihaatan keessaa tokko ta'uun ''magaalota federaalaa'' kan jedhamu jalatti hammatamuun kan dhihaatte magaalaan Finfinnee ''dhimma ijoo adeemsa marichaa duubatti harkise'' ta'eera jedhu kanneen dhimma kanarratti mari'ataa jiran yaada BBC'f kennaniin.
Marii kanarratti mata duree ''Dhimma magaalota federaalaa'' jedhuun kan dhihaatan Finfinnee fi Dirre Dhawaa yoo ta'an, hunda caalaa dhimmi Finfinnee falmisiisaa ta'uu hirmaattonni karaa adda addaan yaadasaanii ibsaa jiru.
Karaa miidiyaalee hawaasaa fi miidiyaalee adda addaa namoonni yaada kennan, Finfinneen walqabatee ajandaawwan dhihaatan keessaa ''Oromiyaa jalatti akka bultuu fi magaalaa federaalaa akka taatu,'' ajandaawwan jedhan irratti falmii cimaan akka ture ibsu.
Dhimmi magaalaa Finfinnee biyyattii keessatti ajandaa yeroo dheeraaf ture yoo ta'u, marii biyyaalessaa kanaan furmaata argata jedhamee abdatamaa ture.
Kanneen Finfinneen qaama Oromiyaa ta'uun dhimma mariidhaafiyyuu dhihaachuu hin qabnedha jedhan akkuma jiran, Oromiyaarraa adda baatee magaalaa of dandeesse akka taatu ykn federaalaan akka bultu yaada kan dhiheessanis jiru.
Dhimmi magaalattii wayita mariitti dhihaatus akkuma alaa sodaatamu falmii cimaa kaaseera.
Paartiin biyya bulchaa jiru, Paartiin Badhaadhinaa, ajandaawwan marii kanarratti qabatee dhihaate keessaa dhimmi Finfinnee tokko yoo ta'u kora Waxabajjii keessa gaggeesserratti ejjennoo magaalattiirratti qabu ibseera.
Qondaalli paartichaa kora sanarra turan eenyummaasaanii dhoksuun BBC'f odeeffannoo kennaniin "Finfinneen miseensa mana maree federeeshinii taatee akka naannootti hundaawuu qabdi'' yaada jedhu dhiyeesseera paartichi.
Marii biyyaalessaa kanarratti dhimmoota gareen miseesnota 250 irratti mari'ate keessaa hunda caalaa duubatti harkifachuun, garaagarummaa guddaadhaan kan xumurame dhimma Finfinneeti.
Kana kan nutti himan namoota marii dhimma Finfinneerratti hirmaataa jiranii fi BBC'f yaada kennan keessaa nama tokko.
Adeemsa marii kanarratti hirmaannaa olaanaa qabu, garuu wayita odeeffannoo kana nutti himan akka eenyummaansaanii ibsamu nuuf hin eeyyamne.
Namni kun garee dhimmi ajandaa magaalotaa ga'e keessaa yoo ta'an, ajandaawwan garee biraas xiyyeeffannaan akka hordofan himan.
Ajandaawwan sadi haala addaan xiyyeeffannaa akka argatanii fi akkaan falmisiisoo akka ta'an kaasuun, keessattuu dhimma Finfinnee ''falmii cimaa'' kaasuu himan.
Qabxiilee falmisiisoon maal turan?
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Finfinneen marii kanarratti ajandaa ijoo ta'uunshee xiyyeeffannaa namoota hedduu ta'eera.
Xiyyeeffannaa miidiyaa, qabxii ijoon paartilee siyaasaa fi falmiin uummataa dhimma Finfinnee ta'eera.
''Ajandaa ijoon marii biyyaalessaa dhimma magaalaa Finfinnee qofa ta'eera. Amma ajandaawwan hafan torban waan dagataman fakkaatu,'' jedhu namni odeeffannoo kana BBCtti himan.
Akkasaan jedhanitti dhimmi ajandaa Finfinnee akkaan falmisiisaa taasise, yaadi ''Finfinneen teessoo Bulchiinsa mootummaa Naannoo Oromiyaa akka taate beekamtii kennu'' qaboo yaa'ii garee hirmaattota dhibba shanii keessatti akka hammatamu taasifamuudha.
Kunis ajaja ''Olii dhufe'' jedhuun akka ta'e ibsan.
Yaadi kun marii jalqabarraa gaggeeffame keessa akka hin turree fi mariinis kan irratti hin gaggeeffamne ta'uu ibsan namni ajandaa Finfinnee irratti mari'ataa jiraachuu himan kun.
Marii garee namoota kudhanii fi shantamaa irratti Finfinneen kan eenyuu haa taatu dhimma jedhurratti ''kan federaalaa haataatuu fi kan Oromiyaa haataatu'' filannoowwan jedhan yaadota bal'inaan calaqqisan turan.
Hirmaattonni yaada ''kan federaalaa haataatu'' jedhu qaban lakkoofsaan hedduu ta'uu ibsan.
Dhimmicharratti lakkoofsa hirmaattota yaadota adda addaa deeggaranii eeruun barreessuun ''filatamummaa yaadichaa agarsiisuu waan hin dandeenyeef yaadicharratti akka hin xiyyeeffanne taasisa,'' mormiin jedhu dhihaachuun lakkoofsi hin eeramin hafuu ibsan hirmaataan marii biyyoolessaa kun.
''Irra-jireessi fi gariin'' kan jedhu eeramuun akka dhihaatu yaadi dhihaatus kunis lakkoofsa eeruun adda miti mormiin jedhu kaanaan ''filannoo tokko, filannoo lama'' jedhamaa akka itti fufu ta'eera jedhan.
Akkasisi ta'ee hanga garee shantamaan ijaarameetti garaagarummaa guddaan osoo hin uumamin ''dhimmoota hedduurratti waliigallee turre,'' jedhu.
Magaalattiin ''kan mataashee dandeesse, caasaa bulchiinsaan federelaatti kan waamamtu, mana maree bakka bu'oota uummataa keessaa bakka bu'iinsa kan qabdu, poolisii fi mana murtii mataashee hundeeffachuu kan dandeessu, bulchiinsa jiraattonni ishee filataniin kan bultu, teessoo mootummaa federaalaa haataatu,'' kan jedhurratti namni hedduun waliigalee akka ture ibsan.

Madda suuraa, Ethiopian National Dialogue Commission
Falmiin kan dhalate qaboon yaa'ii kun wayita qindaa'u ''yaadi qaama olaanaa irraa dhufe jira, osoo qaboo yaa'ii keessa galee yaadi jedhu nu ga'e. Yaadi olii dhufe jedhame kun jalqabarraa kan hin turre yoo ta'u Finfinneen teessoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa akka taatu beekamtii kenna. Kun hirmaattota hedduu mufachiise,'' jechuun waan jiru ibsan.
Torban tokkoof kan irratti walfalman ajandaa kana qofa akka ta'e himu.
Osoo irratti hin mari'atamin ''qaama olaanaarraa dhufe'' maqaa jedhuun akkaataa yaadichi waltajjiif itti dhihaate dabalatee adeemsi ture ''dogoggora kan qabuudha'' jedhu namni waltajjicharra turan kun.
Ogeeyyiin dhimma kanarratti ibsa kennuuf ramadamanis ''fedhii qaama tokkoo qofa kan calaqqisiisan,'' jechuun himatan namni kun.
Fakkeenyaaf faayidaa addaa Heera Mootummaa irratti eerame wabeeffachuun ''Finfinnee fi Naannoon Oromiyaa bajataa fi bulchiinsa bajataa isaanii akkasumas dhimma bulchiinsaa waliin qopheessu,'' jechuun ibsa kennuu yaadatu.
Hirmaattonni hedduuf ibsa kana itti amananii fudhachuun kan rakkisu ta'uu fi ogeeyyiin kunneen akka ibsa kana dhaaban taasifamuus himan.
Dhimma kanarratti komiin komishiniitti erga dhihaatee booda ogeeyyiin kunneen yeroo sana booda akka ibsa hin kennine dhorkamuu dubbatan hirmaataan marii kanaa.
Haalonni kunneen dhimmicha ''duubatti harkisuun yeroo itti garee dhibba shaniif dabarfamuu qabu irraa guyyaa sadi, afur akka barfatu sababa ta'eera,'' jechuun haala ture ibsan.
Akkasumas dhimmichi baayyee muddaa fi walxaxaa ta'uusaarraan kan ka'e namni waltajjii kana dursaa turee dhiphina keessa galuun hammi shukkaaraa isaa baayyee dabalee dhibamuun guyyoota lamaaf hospitaala galee ture jedhan.
Kunis dhimmichi akka yeroon hin xumuramne taasiseera jechuun haala ture ibsan.
Dhimmoota falmii kaasan keessaa dhimmi abbummaa dhimma namoota dhuunfaarraa dhagahamurraa kan hafe ''paartiin badhaadhinaan akka ajandaa ijoo tokkootti kan hin dhihaanne ta'uusaatiin,'' garee shantama bira erga darbee hangas mara mariin irratti hin gaggeeffamne jedhan.
Garee miseensota 250 irraa eegalee ajandaa falmii kan ta'e dhimmi ''Finfinneen kan eenyu akka taatu'' ilaalu, miseensota paartii badhaadhinaa dabalatee hirmaattota marichaa lamatti qoodee akka ture ibsan maddi kun.
Kan biraa dhimma adeemsa keessa (yeroo booda) bira ga'an jechuun kan ibsan, aanga'oonni tokko tokko mariisistoota qaamaa fi bilbilaan arguun ''dhiibbaa uumuu fi dhimmicha gidduu seenaa turan,'' kan jedhuudha.
Kanas fakkeenyaan yoo ibsan ''wayita marichi xumuramuutti dhihaatu hirmaattonni fedhiin keenya hin guunne jechuun yaaduu jalqabuun badhaadhinni ejjennoosaa gadhiisuu fi waan waadaa gale eeguu dhabuu agarsiisa,'' jedhan.
Kanarraa ka'uun paartileen siyaasaa tokko tokko ajandaawwan muraasni yeroo biraatti akka darbanii fi akka soroorfaman gaafachuu ibsan namni kun.
Paartiin sosochii saba Amaaraa (ABIN) fi EZEMA jedhaman kanneen gaaffii kana dhiheessan keessaati.
Paartileen siyaasaafi hirmaattonni marichaa biroon maal jedhu?
Dhimmoota ABIN xalayaa guyyaa Kibxataa komiisaa itti ibsaterratti kaaye keessaa dhimmi Finfinnee tokko yemmuu ta'u, "qormaata adeemsichaa isa ijoo ta'uusaa eeree jira".
Mariin dhimma Finfinneerratti ka'e "dhimma biyyaalessaafi heeraa amanamummaa marichaa qabatamaan qoru" ta'ee argachuusaa xalayaa paartichaa Hagayya 5, 2018 ifa ta'een himeera.
Dhimmi magaalaa Finfinnee ibsituu tokkummaafi birmadummaa ummattoota Itoophiyaa ta'uunsaa seeraan beekamtii argatee lafa kan itti qabatu yookiin immoo "ajandaa muddamni biyyaalessaa haaraan itti uumamu" ta'uu akka danda'us yaaddosaa ibseera.
Dabalataan paartichi, dhimma Finfinneerratti "dorgommii sagalee (qaamni tokko) ijaarama lakkoofsa caalmaan bifa isa kaan hacuucuun keessummeeffamuu hinqabu" jedheera.
Kanaafsi ajanfaa Finfinnee kanaa ol deemsisuuf yaaluun biyyattii muddama rakkoo keessa jirtu caalu keessa kan galchu akka ta'u ibsuun, haasaan hatattamaan akka dhaabbatufi "ajandichi lafa akka kaa'amu" hubachiisera.
Paartiin Innaatis kunneen maricharratti hirmaachaa jiran keessaa tokko yemmuu ta'u, innis yaaddoo akka qabu ibseera.
Paartichi ibsa Hagayya 6, 2018 baaseen dhimmoota mariin biyyaalessaa irratti xiyyeeffate qeeqera.
"Marii kan teenye Finfinnee baay'ina muddamaan garee tokkoof hoo jechuun hammachiisuuf fi adda lolaa haaraa kakaasuuf hinturre" kan jedhe Paartiin Innaat, silaa "federaalizimii sanyiifi gosaa hambisuu/laaffisuun akka galma ijootti tokkootti qabamuu" akka qabu himeera.
Ibsa pirezidaantiin paartichaa Dr. Sayifasillaasee Ayyaalew BBC'f laataniin, amantaa mootummaan ajandaawwan ofiif raawwachuu barbaadu "maqaa mariitiin hojiirra oolchuuf tattaafachaa jira" jedhu akka qaban himan.
Ajandaawwan rakkoolee Itoophiyaa furuuf barbaachisan "akka malee bal'achuu (hiixachuu) hinqaban ture" jechuun ajandaawwan bal'achuusaaniis dubbataniiru.
Dhimmoonni abbummaafi magaalaa guddoo ta'uu magaalaa Finfinnee ilaalchisee maricharratti ka'an adda durummaan "ijaarama gosaarraa" kan maddan ta'uu kan himan pirezidaantichi, ajandaawwan walcinaa taa'anis rakkoon tokko kan maddu isa biraarraa akka ta'e himaniiru.
"Rakkoon ijaarama gosaa osoo hiikamee dhimmi Finfinnee hiikamuu danda'a. Amma dhimmi Finfinnee haala rakkisaa keessa kan seenes ija gosaan waan ilaalamuufi. Tarii gaaga'ama olaanaa kaasuu danda'a" jechuun yaaddoosaanii himaniiru.
Obbo Gannana Gadabuu immoo pirezidaantii Paartii Dimokiraatawaa Ummata Qucaa yemmuu ta'an, marii biyyaalessaarratti hirmaachaa jiru. Mariin ajandaawwan biroo ilaalchisuun taasifame wal hubannaan fooyyeen kan irratti mul'ate ta'uu himu.
Dhimmoota ajandaa isaan irratti hirmaachaa jiran "Ijaarsa biyyaa" jalatti ilaalamanirratti wal hubannaan foyyee akka jiru dubbatu. Mariin filannoowwan dhiyaatanirratti taasifame Itoophiyaaf barmaatii haaraa ta'uusaatiin "gaarii" jedhamuu kan danda'u akka ta'es himan.
Haa ta'u malee dhimmi "magaalota federaalaa" guyyoota darban keessa "moromsiisaa" akka ture eeru. Dhimmi Finfinnee "akkaan moromsiisaa" akka ta'e mari'attootaanis dubbatamaa jira.
Deebii Komishinichaa
Ajandaan mataduree "Magaalota Federaalaa" jedhuun ofdanda'ee mariif dhiyaate magaalota Finfinneefi Dirre Dhawaa irratti xiyyeeffata.
Gaafiwwan magaalota lamaan irratti ka'an jiraachuusaaniitin "yaadni murtee itti fufiinsaa qaamolee raawwachiisaniif osoo dhiyaate" kan jedhuun jiraattota magaalota lamaaniifi naannolee biroorraa gaafiin dhiyaachuusaatin ajandaa ofdanda'ee ta'ee dhiyaachuusaa komishinichi hima.
Komishinarri olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Pirofeesar Masfin Ar'aayaa, maricharratti dhimmi Finfinnee dhimma marii bal'aa ta'ee turuusaa BBC'f mirkaneessaniiru.
Haa ta'u malee mari'attoonni sadarkaa garee nama kudhaniifi shantamaatti "haalaan" mari'atanii yaadni furmaataa erga dhiyaatee booda garee namoota 250 qaburra yemmuu gahu "yaadawwan gargar fakkaatan dhiyaatan" jechuun marichi bal'achaa yeroo deemu qormaatawwan mudachuu ibsu.
Finfinneen magaalaa federaalaa yaa taatu kan jedhurratti "baay'inaan waliigalteerra kan gahame natti fakkaata" kan jedhan pirofeesar Masfin, haa ta'u malee "dhimmi abbummaa maal yaa ta'u? faayidaa ilaalchisee maaltu yaa ta'u? kan jedhanirratti yaadawan walirraa fagoo ta'an akka turan himaniiru.
Yaadawwan sadarkaa garee 250'tti ka'an qindeessitoonni garee 500 qindeessan "Ofiif akka mari'ataa ta'anii argaman. Yaada ni kennu, ofumaaf walhubannoo dhabuu uumu, kuni ta'uu qaba jedhanii falmu" jedhan.
Rakkooleen kun kan uumaman adeemsa sirrii hubachuu dhabuufi miira ofii to'achuu dhabuurraa kan ka'e ta'uu akka danda'u komishinarichi himaniiru.
"Kaayyoon adeemsichaa (qindeessitoonni) akka falmaniif osoo hintaanee namoonni 500 sun akka irratti mari'ataniifi" erga jedhanii booda, garaagarummaan yaadaa jiraatullee mari'atanii gara giddugaleessaatti kan fidan mari'attoota dhibba shanan ta'uu hubachiisaniiru.
"Namoonni baay'een walgahii kanarratti murtaa'ee, dhumateefii, Finfinneen qaama tokkoof akka kennamtudha. Gonkumaa akkas miti. (Adeemsichaan) yaada furmaataatu kennamuu danda'a, isas dhibba shanantu kenna. Sana booda yaa'ii namoota 4,000'f dhiyaata" jedhan.
ABIN gama isaatiin gaafileen adeemsa marichaarratti kaase deebii yoo hinarganne adeemsicha keessaa bahu akka danda'u ibsa baaseen himeera. Pirofeesar Masfin garuu yaada paartichaa kana qeeqaniiru.
Dhimmoota komishinichaaf dhiyaatan ilaalchisee "Tokko tokkoon gamaaggamnee, kan sirreeffamu sirreessinee deemaa jirra" jechuun dubbataniiru. Komiiwwan paartilee siyaasaa biraayis ta'e qaamolee biroorraa yemmuu dhiyaatan mariidhaan furmaanni kennamaa itti fufuusaas himaniiru.
"Gara mariitti kan dhufne dhimmootarratti hanga dhumaatti mari'achuufi. Dhumarratti murtee kan laatan dhibba shanani malee qaama murtaa'e miti" jechuun komiiwwan dhiyaataniif deebii laataniiru. Tarkaanfiin paartichaas "Adeemsa marichaa haalaan hubachuu dhabuurraa yookiin bifa hintaaneen dhiibbaa uumuuf" kan raawwatame akka ta'es dubbatan.
"Mari'attoota gidduutti al tokko tokko wal qoccoluun mudateera" kan jedhan pirofeesar Masfin, kuni qajeelfama naamusaa marichaan kan wal faallessu ta'ullee, hanga ammaatti "miira jiru hubachuun hookkarri akka hinuumamneef hanga danda'ame og-qalbiidhaan hanga ammaa fidnee dhufne" jedhan.
Komii giddu seentummaa angawootaan walqabatee ka'eef, pirezidaantonni naannoleefi kantiibonni magaalotaa gareewwan garagaraa keessa seenuun taajjabuufi dhaggeeffachuu akka danda'an dubbataniiru.
Kanaaf sababnimmoo angawoonni kun mootummaa naannoo isaanii, tokko tokkommoo mootummaa federaalaa bakka bu'uun kan dhufan ta'uusaaniitiin itti gaafatamummaa waan qabaniifi. Haa ta'u malee yaada kan kennan garuu ajandaa mari'attummaan irratti hirmaatan qofarratti akka ta'e hubachiisaniiru.
Angawoonni adeemsicharratti dhiibbaa uumuuf yaalaa akka jiran kana duras himannaawwan dhiyaatanii kan turan yemmuu ta'u, pirofeesar Masfinis gochicha qeequun angawoonni gochaa walfakkaataarratti akka hin hirmaanne akeekkachiisanii turan.
Ogeeyyiin dogongora uumanis "akka sirratan taasifamuusaa" komishinarri olaanaan ibsaniiru.
Gama biraatiin ajandaawwan hundarratti yaadni furmaataa kennamuu dhiisuu akka malufi ajandaawwan tursiifamuu danda'an, dhalootaaf darban jiraachuu akka malanis pirofeesar Masfin eeraniiru.
Yaada hirmaattota marichaa
Hanga ammaatti maricharratti hirmaachuusaaniifi adeemsichas bal'inaan gamaggamuusaanii kan himan mari'ataan BBC'n haasofsiisefi maqaansaanii akka hin eeramne gaafatan, ajandaawwan baay'een murteen osoo itti hin laatamin "yaa bulan jedhamee bira darbamuu danda'a" jedhanii amanu.
Akkaataan adeemsichi itti hogganamu murteessummaa qabaatus, keessattuu dhibdeefi miirri cimaan dhimma Finfinnee ilaalchisee jiru dhimmicha "ajandaa rakkoo keessa gale" godheera jedhanii akka yaadan isaan taasiseera.
Sababa dhibdee uumameenis sadarkaa garee 250'tti ajandicharratti akka waliif hin mallatteessinees himaniiru. Abbummaa magaalattii ilaalchisee filannoowwan lama: magaalaa of dandeessefi itti waamamnishee federaalaaf taate yaa taatu kan jedhufi qaama naannoo Oromiyaa, itti waamamnishees naannoo Oromiyaaf yaa ta'u kan jedhan dhiyaataniiru. Magaalaa guddummaa ilaalchiseemmoo teessoo naannoo Oromiyaa yaa taatu fi ta'uu hinqabdu kan jedhan dhiyaataniiru.
Haa ta'u malee akka tilmaama isaaniitti "dhimmi Finfinnee garee dhimmoota haala rakkisaa dhumaa (deadlock) keessa seenan" ilaalchisee mari'atuun ilaalameeti furmaata argachuu kan danda'u. Dhimmichi yoo haalaan hinqabamnes rakkoolee yeroo ammaa biyyattii keessa jiraniin ida'amee rakkoo nageenyafi tokkummaa ummattootaa caalmaatti miidhu akka hin qaqqabsiisneef yaaddoo qabaachuusaanii ibsaniiru.
Obbo Gannana Gadabuus adeemsa hanga ammaarraa ka'uun maricharratti abdiis, yaaddoos akka qaban himu. Waa'ee marichaa ilaalcha gaarii qabaatanis adeemsi Itoophiyaa keessatti barame "kanan ani jedhe yoo ta'e malee" jedhu yoo itti fufe waan hamaataa hordofsiisuu akka danda'u yaadda'aniiru.
Yaaliin dhimmicha ilaalchisee Paartii Badhaadhinaarraa yaada argachuuf taasifne hin milkoofne. Haa ta'u malee pirezidaantiin paartichaa Ministirri Mummee Abiy Ahimad himannaawwan giddu seentummaa mootummaafi paartii ilaalchisee ka'an irra deddeebiin haaluunsaanii ni yaadatama.
















