Balaa konkolaataa Finfinneetti mudateen lubbuun namootaa darbe

Madda suuraa, FBC
Balaa konkolaataa har'a ganama toora sa'atii lamaatti magaalaa Finfinneetti mudateen haga ammaatti lubbuun namoota ja'aa darbuu Poolisiin magaalattii ibseera.
Balaan kun kutaa magaalaa Boolee, Aanaa 11 naannawa mana amantii Ortodoksii Qiddist Kidaane Mihret jedhamutti mudate.
Balaa kanaan kanneen lubbuun darban malee miidhaa salphaa fi cimaan qaqqabuu poolisiin ibseera.
Konkolaataan balaan irra ga'e kun minibaasii yoo ta'u Koyyee Faccee irraa gara Gooroo imalaa ture.
Wayita bataskaana kana bira ga'u konkolaataa iskaavaatarii hojii daandiirratti bobba'ee ture irraa meeshaan guddaan konkolaataa minibaasii kanarratti kufuun balaan mudate.

Madda suuraa, FBC
