Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Erga Tiraamp dhukaasa dhaabuu dheeressee dooniiwwan sadii Ulaa Hormuuzitti haleelaman

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu dheeratus, Iraan ammayyuu US waliin mariyachuuf dhiisuu irratti hin murteessine jette.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Buruunoo Fernaandez osoo Maan Siitii keessa tahe Ballon d'Or mo'ata- Poogbaa

    Taphataan duraanii Maan Yuunaayitid Pool Poogbaa waayilli isaa duraanii Buruunoo Fernaandez osoo garee akka Maan Siitiif taphata tahee silaa badhaasa ballon d'Or mo'ata ture jedhe.

    Poogbaan marsa alama Yuunaayitidiif taphatee bara 2022 gara Juuvantasitti deebi'e.

    Buruunoon osoo taphattoota ciccimoon marfamee taphata tahee maqaa fi badhaasa guddaa argata ture jedhe.

    Fernaandez bara kana qofa kubba 18ffaa mijeessee kennuun rikardii Heenerii fi Keevin De Biruun cabsuuf lama qofatu isa hafa.

    Poodkaastii Riyoo Feerdinaand irartti kan dubbate Poogbaan Buruunoon taphattoota sadii badhaasa Ballon D'or mo'achuu danda'an keessaa tokko ture jedhe.

    Gahumsi isaa bara kana taphataa cimaa bara kanaa tahee akka filamuuf isa geesisa kan jedhe Poogbaan Fernaandez hin dadhabu. Bakka hunda jira. Kubba tokko tuqee dabarsuu, goolii galchuu, cimina sammuu addaas qaba jedhe.

    Garuu badhaasa akka Ballon d'Or'f kan geessu yoo waancaa mo'atte qofa jedhe. Fernaandez bara 2020 Ispoortiing Liisban irraa paawondii miliyoona 47'n Yuunaayitid gale.

    Taphoota 322 irratti hiriiree galchii 106 lakkoofsiseera.

  2. Iraan dooniiwwan daldalaa to'atte gara qaama bishaaniisheetti dabarsite

    Miidiyaaleen Iraan akka gabaasanitti, IRGC dooniiwwan to'ate lama nan qoradha jechuun gara daangaa qaama bishaanii Iraanitti dabarseera.

    Ibsa IRGC baaseen dooniiwwan lameen MSC Firaanseeskaa fi Epaaminondas jedhaman gara daangaa Iraanitti dabarfamuun ragaaleen isaanii fi fe'umsi isaanii ni sakatta'ama jedhe.

    Dooniiwwan kunneen ''eeyyama malee socho'aa turan'' jedhe. Itti dabaluun irra deddeebiin ''ajajakoo cabsaniiru'' kan jedhe IRGC Hulaa Hormuuz keessaa icciitiin bahuuf turan jedhe.

    BBC addatti himata kana qulqulleessuu hin dandeenye.

    Humni galaanarraa IRGC sochii hulaa Hormuuz keessaa hordofaan jira jedhee kanneen seera cabsan irratti tarkaanfii nan fudhadha jedhe.

  3. Eegdonni Warraaqsa Islaamaa Iraan Ulaa Hormuuz keessatti dooniwwan daldalaarratti dhukaasa banan

    Eegdonni Warraaqsaa Islaamaa Iraan Ulaa Hormuuz keessatti dooniiwwan konteenara fe’anirratti dhukaasa banuu Wiirtuun Daldala Geejiba Galaanaa UK (UKMTO) beeksise.

    Bidiruun waraanaa Iraan akeekkachiisa tokko osoo hin kenniin doonii konteenara fe’aterratti haleellaa raawwachuun miidhaa cimaa geessisuun ibsameera.

    Humna Galaanaa Biriteeniiniin kan hoogganamu UKMTO, haleellaan kun kan raawwatame bakka Kaaba-baha Omaanitti argamuttidha.

    Eegdonni Warraaqsaa Iraan kun, “bidiruun meeshaa qiyyaafate” gara doonichaatti dhiyaachuun akeekkachiisa raadiyoo tokko malee ykn nagaa osoo hin gaafatiin “dhukaase bane” jechuun “miidhaa gudda riqicha [bakka doonicha ittiin to’atan] irraan miidhaa geessiseera,” jedhe.

    Dooniin Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Iraaniin haleellaan irratti raawwatame kun kan kapmaanii Giriik ta’uu BBCn mirkaneeffachuu danda’eera.

    Odeeffanno biroo kana waliin deeman:

  4. Abdiin marii Paakistaanitti gaggeeffamuuf turee 'dukkanaa'aa' jira

    USfi Iraan Paakistaanitti wal-gahanii mariyatu jedhamee osoo eegamuu, Islaamaabaadis keessummootatu dhufa jettee qophii cimaa taasistus lamaansaanituu hin argamin hafan.

    Iraan US waliin mariyachuufuu murteerra hin geenye jette. Jilli ittaanaa pirezidaantii JD Vaansiin durfamu gara Paakistaan imaluufi osoo jedhamuu imalichi haqamuu Waayit Haawus beeksise.

    Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka dheeratu godheera; garuummoo abdiin biyyoonni lamaan walitti dhufanii mariyachuuf qaban waan dukkanaa'aa deeme fakkaata.

    Jalqaba Tiraamp gaafa haleellaa banu, Teehraanitti mootummaan jijjiirameera jedhee ittiin dhaadataa ture. Akka inni jedhe ta'uu baatus, mootummaa Iraan daddaaqame waliinuu mariyatee waliigalteerra gahuu hin dandeenye.

    Iraan gaggeessitoonni heddu jalaa ajjeefamanis, hojii dippilomaasii UStti qormaata gootee jirti. Iraan US waliin mariif taa'uu qophii hin qabu jechuun inumaayyuu US waraana biraaf qophaa'aa akka jirtu himatte.

    Gorsaa afa yaa'ii paarlaamaa Iraan Mohaammad Baghaar akka jedhanitti, Tiraamp yeroo bitatee haleellaa tasaa Iraanirratti gaggeessuuf qophaa'aa jira.

    Paakistaan garuu qophii marii taasiste ammayyuu adda hin kutin jirti; biyyoonni lamaan tarii mariif dhufu malu jechuun eegumsi magaalaa Islaamaabaad akkuma itti fufetti jira.

    Garuummoo, torban kana wal-gahanii mariyatu abdiin jedhu dhumataa waan deeme fakkaata.

  5. Tiraamp 'maqaa dhukaasa dhaabutiin nu haleeluuf yeroo bitataa jira- Iraan

    Doonaald Tiraamp waliingalteen dhukaasa dhaabuu akka dheeratu gochuunsaa Iraaniif "homaa hiika hin qabu" jechuun "haleellaa biraaf qophaa'aa jira" jedhan qondaalli olaanaan Iraan.

    Maqaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu dheeressuun haleellaa tasaa Iraanirratti banuuf yeroo dabalataa bitachaa akka jirus himan.

    Gorsaa olaanaa afa yaa'ii paarlaamaa Iraan Mohaammad Baghee kan ta'an Mahdii Mohaammadii Tiraamp "haleellaa tasaa Iraanirratti banuuf yeroo bitataa jira, yeroo dhukaasa dhaabuu dheeressuun homaa gatii hin qabu" jechuun dubbatan.

    Tiraamp buufataalee doonii Iraan ugguree akka itti fufu gochuunsaa "haleellaa boombii gaggeessuun garaa garummaa hin qabu" kan jedhan Mahdii Mohammadii Iraan tarkaanfii waraanaa cimaa akka fudhattu akeekkachiisan.

    "Yeroon itti Iraan tarkaanfii waraanaa cimaa fudhattu dhufee jira," jedhan ergaa fuula X irratti barreessaniin.

    Humni Galaanaa US uggura buufataalee doonii Iraanirra kaa'e akkuma itti fufetti jira.

    Odeeffannoo biroo kana waliin deeman:

  6. 'Iraan marii marsaa ittaanu US waliin taa'uuf ammayyuu hin murteessine jette

    Doonaald Tiraamp osoo waliigaltee dhukaasa dhaabuu hin dheeressin durayyuu marii silaa Paakistaanitti gaggeeffama jedhamerratti hirmaachuuf akka hin murteessine ibsitee turte.

    Ministiira dhimma alaa Abbaas Araagchii dabalatee qodaalonni biyyattii heddu dhimma kana afaanuma tokko dubbachaa turan.

    Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Iraan Ismaa'el Baghaayi BBC waliin turtii taasisaniin, Iraan US waliin Paakistaanitti mariyachuuf waanti murtaa'e akka hin jirre irra deebiin mirkaneessan.

    Iraan marii marsaa jalqabaarratti gara Islaamaabaad kan deemte "miira gaariifi fedhii guddaan ta'us, qaamni biraa [US] mariif fedhii osoo hin qabaatin dhiyaate," jechuu US mariiif fedhii gaarii akka hin qabaanne himan.

    Tiraamp guyyaa guyyaan waanti barreessu ijjannoo jijjiiruu, sodaachisuu, waan hundumaa haleelen balleessa jechuunsaa Iraan marii marsaa ittaanuuf taa'uuf US irraa amantaa akka dhabdu taasisuus himu.

    Waayit ibsa baaseen jila marii US qabachuun gara Paakistaan imaluuf kan turan JD Vaans imallisaanii haqamuu ibse.

  7. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya har'aa eegalleera!

    Tiraamp waliigaltee dhukaasa dhaabuu dheeressuus Iraan marii marsaa ittaanu irratti hirmaachuuf ammas hin murteessine jette.

    Odeeffannoo dhimma waan Baha Giddugalaatti deemaa jiruufi kaan duuka buunee isin biraan geenya.

    Toora Marsartii, Facebook, Whtasapp, YouTube irraan argachuu dandeessu.

    Dhiyaadhaa!