Tamsaasa kallattii har'aa asirratti xumurreerra
Hordoftoota keenya, tamsaasa kallattii har'aa asirratti goolabna.
Waan nu hordoftaniif guddaa galatoomaa.
Bor ganama odeessaalee haaraan walitti deebina.
Halkan gaarii!
Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaan doonii fe'umsaa Iraan to'achuu hordofee, Teehraan dooniiwwan waraanaa Ameerikaa Galoo Galaanaa Omaan irratti argaman haleeluu maddi oduu Eegdota Warraaqsaa Islaamaa waliin hidhata qabu gabaaseera.
Hordoftoota keenya, tamsaasa kallattii har'aa asirratti goolabna.
Waan nu hordoftaniif guddaa galatoomaa.
Bor ganama odeessaalee haaraan walitti deebina.
Halkan gaarii!
Doonaald Tiraamp maxxansa miidiyaa hawwaasaa isaa irratti, waraana Iraan ''AKKA MALEE'' mo'achaan jira jedhe.
''Haalli hunduu saffisaan qajeelaa jira'' kan jedhe Tiraamp humni waraanaa Ameerikaa ''waan ajaa'ibaa'' hojjechaa jira jedhe.
Miidiyaaleen Ameerikaa haalatti waraanicha gabaasan ammoo qeeqeera. Isaan keessaa New York Times, Washington Post fi Wall Street Journal maqaa dhaheera.
Dooniiwwan buufata doonii Iraan seenanii fi bahan akka hin dabarre dhorkaa jiraachuus himeera.
Kanaan ammoo ''Iraaniin balleessaa jirra'' jedhe. Hanga waliigalteerra gahanittis dhorkaa kana Ameerikaan akka hin kaasne himeera.
''Guyya guyyaatti Iraan Doolaara miliyoona 500 dhabaa jirti. Lakkoofsa guddaadha'' jedhe.
Tiraamp boba'aan Iraan akka hin baane gochuun dadhabsiisaa jira.
Tiraamp waliigalteen nagaa Iraan waliin ''hatattamaan'' irra gahama jedhe.
Tiraamp yeroo jilli Ameerikaa Iraan waliin mari'achuuf gara Paakistaan deemaa jiraniitti hime.
Iraan garuu Ameerikaan doonii fe'insakoo waan to'atteef marii haaraaf taa'uuf karoora hin qabnu jette.
Tiraamp waliigalteerra gahuuf ''dhiibbaa jala jira'' kan jedhamu haale.
''KUN DHUGAA MITI!'' jedhe.
Iraan jila ishee akka hin ergine himteetti. Garuu haga sa'aan isaa gahutti ejjennoo ishee jijjiiruu dandeessi.
Dabalataan Tiraamp Neetanyaahuutiin dhiibamee waraanatti gale isa jedhu haaleera.
Akkan waraana Iraan jalqabuuf qaamni na haasofsiise tokkoyyuu hin jiru jedhe.
Suurri Daarektara Olaanaa Tajaajila Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen miidiyaa hawaasarra naannawaa ture dubbii ijoo ta'ee ture.
Ambaasadar Reedwaan Huseen sababa mataan isaanii buruqee akka hodhame himan. Ofii amb. Reedwaan maaltu mudate?
Gabaasni bal'aa kunooti.
Marii Israa'elii fi Libaanos marsaa 2ffaan Kamisa akka itti fufu qondaalli ministeera Dhimma Alaa US himan.
"US mariin milkiin akka ta'u hawwiti" jedhan qondaalli kun.
"Mariin fuullee, wal amantaarratti hundaayee mootummoota lamaan jidduu akka jiraatu mijeessuu itti fufna."
Israa'elii fi hidhattoonni Hezboolaa Iraan deeggartu kibba Libaanositti wal waraanaa turan. Lola torbaanota jahaa booddee waliigalteen dhukaasa dhaabuu raawwatame.
Erga bara 1993 Israa'elii fi Libaanos yeroo jalqabaatiif Ebla 14 marii dippilomasii taa'an. Marii kana Ministira Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyootu hoggane.
Israa'el marii san dursee Hezboolaan akka hiikkatu gaafatte. Hezboolaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu yoo fudhatu hidhannoo hiikkachuu garuu ni dide.
Biyyoonni lamaan hariiroo dippilomasii hin qaban.
Pireezdaantiin Libaanos Jooseef Awoon mariin isaanii kan US fi Iraan irraa adda jedhan. Kun marii of danda'e jedhan.
Awoon ergaa fuula X isaaniirratti baasaniin, Libaanos marii marsaa itti aanu, ambaasaaddara duraanii US Simoon Kaaram bakka buufteerti jedhan.Namni isa bakka bu'u kan biraa hin jiru jedhan.
Kaayyoon marii kanaa "gochaa lolaa dhaabuu" akkasumas ''weerara Israa'el kibba Libaanositti gaggeessitu'' dhaabsisuufi ''daangaa idil addunyaa'' Libaanos kanatti loltoota Libaanos naannichatti bobbaasuu dha jedhan.
Ameerikaan dooniiwwan karaa hulaa Hormuuz darbuuf turan 27 ofirra deebisuu ykn gara buufata doonii Iraanitti deebisuu himte.
Kun erga dooniiwwan karaa Hormuz akka hin darbinee dhowwuu Ameerikaan ibsiteeti.
Ajajani Gidduugalaa US viidiyoo maxxanseen waraanni US dooniiwwan karaa hulaa Ameerikaan cufte darbuuf turan akka deebi'an ajajaa ture.
Humni waraanaa US, dooniiwwan karaa hulaa Hoormuz darbuuf jedhan akka deebi'an ykn ammoo akka butu ibsee ture.
Kun ammoo Iraan irratti dhiibbaa geesisuun akka waliigalticha fudhattu gochuuf.
Pirezdantiin Iraan Masuud Pezekshiyaan "Iraan dirqiin harka hin laattu" jedhan. Marii nagaa US fi Iraan taa'amuuf shakkii keessa jiru dursanii kana dubbatan prezdaantichi.
Iraan Ameerikaarraa ''muuxannoo amantaa dhabuu dheeraa qabdi'', sun ammas hin jijjiiramne, ''kutannoo mul'isuun marii hiika qabeessaaf'' bu'uura jedhan.
Mallattooleen diigumsaa fi wal faallessan qondaalota Ameerikaarraa dhagahaman ergaa hadhaawaa baatu, isaan Iraan akka harka laattu barbaadu jedhan ergaa fuula X ofiirratti maxxansaniin.
Waayee marii nagaa US fi Iraan odeeffannoo waldhahaatu bahaa jira. Jilli US imaluuf jiraachuu ilaalchisee oduu qulqulluun hin jiru. Garuu hanga ammaa hin baane.
Maddeen BBC'tti akka himanitti jilli kun akka bahu eegama. Odeeffannoon dabalataa hin kennamne. Sa'aatiin dhaqqabus hin baramne.
Har'a, sa'aatii muraasa dura, Donaald Tiraamp, Jilli Pirezdantii Itti aanaa JD Vaansiin dursamu, imalarra jiraachuu New York Post'tti dubbatee ture.
Tiraamp waliigalteen galgala kana ''akka mallattaa'u'' rippoortara Fox News Maariyaa Baaritoomootti himee ture.
Haa ta'uu malee, Islaamaabaad lafa Ameerikaarraa baay'ee fagoo dha, xiyyaarri boba'aa guuttachuufis dhaabbachuun dirqama.
Kaleessa tapha Arsenaalii fi maanchister Siitii irratti wal'aansoon Gabri'eel Magaleshii fi Haalaandis haalaan eegamaa ture.
Taphattoonni lameen kana duras falmii jabaa taasisaa turan. Kanuma keessaa Haalaand yeroo adda addaa galchii Arsenaal irratti lakkoofsiseera.
Kaleessa ammoo falmii jabaa boodaa Haalaand galchii erga lakkoofsisee miirri isaanii ho'aa deeme.
Magalesh Haalaand irratti erga uffata ciree booda mataanis itti bu'eera. Garuu murteessaan taphichaa Aantonii Teeyiler lameen isaanii kaardii akeekkachiisaan bira darbe.
Deeggartoonni morkii jabaa akkasii arguu jaalatu. Garuu daqiiqaa 83 irratti yeroo Haalaand Gabri'eeliin ofirraa darbatu mataan walitti jedhanii ture.
Booda G. Magalesh mataa isaan Haalaanditti bu'eera. Kallattumaan kaardii diimaa kan kennisiisu ture jedhu murteessitoonni kaan.
Garuu akkamiin VAR osoo hin ilaaliin bira darbe?
Mataan dhahuun kan nama adansiisu yoo xiqqoo duubatti jedhee itti bu'ee fi humna fayyadame akka tahe seera irra jira. Kana jechuun fageenyuma xiqqoo mataa isaa duubatti qabee itti bu'uu malee humna guddaa tahuu dhiisuu mala. Murteessaan taphichaa fi kan VAR irra ture Magalesh matuma isaa itti maxxansee dhiibe malee humna hin fayyadamne jedhan.
Murteessaan dirree keessaa akka ilaalamu VAR gaafachuu dhiisuun rakkoo tokko. Gargaaraan murteessaa ammoo humna guddaa hin qabu kaardii keelloo gahaadha jedheeni.
Xiinxala gaggeeffameen Magalesh kaardii diimaan bahuu qaba ture. Kanaaf Haalaandiin galateeffachuu qaba kan jedhan xiinxaltoonni silaa taphoota Arsenaal shan keessaa sadiitu isa darba ture.
Wayinii Ruunii taphattoonni Maanchister Siitii akka malee gammachuu isaanii ibsachuun deebi'ee akka isaanitti diina hin taanen sodaadha jedhe.
Taphattoonni Maanchister Siitii Arsenaaliin yeroo mo'atan gammachuun isaanii daangaa hin qabu ture. Dhuguma ammoo osoo mo'amanii jiraatan silaa waancaa mo'achuu Arsenaal shakkii hin qabu ture.
Amma garuu lameenuu carraa wal qixa kan qaban yoo tahu taphoota hafantu murteessa.
Wayinii Ruuniin tapha kana Maan Siitiitu mo'ata jedhee tilmaamee ture.
Ruuniin ''ammayyuu taphoota jahatu hafe. Dhugumatti injifannoo guddaadha. Arsenaalis garuu haala kana keessaa of baasuu qabu'' jedhe.
Arsenaal taphoota isaan hafe hunda yoo mo'atan waancaa mo'achuu danda'u jedhe.
Kana booda lameen isaanii taphoota hafantu murteessa. Isarra darbee ammoo garaagarummaan goolii qaban murteessaa tahuu mala.
Iraan marii US waliin godhamurraa "dhugumatti abdii hin qabdu", garuu ''qabatamaa dha", jedhan dubbii himaan ministeera dhimma alaa Iraan.
"Wanti haala achi jirurraa namni tokko hubachuu danda'u abdii dhaba...kun sababa quubsaa qaba,'' jedhan Esmaa'el Baagihee
"Diinarraa abdii kutachuun immoo abshaalummaa dha."
Yeroon qondaalli Iraan dubbii akkanaa dubbatutti, US marii haaraaf gara Paakistaan jila ergaa jirti. Iraan ammallee hirmaachuu fi dhabuu ishee hin mirkaneessine.
Tiraamp yakka waraanaa raawwachuuf dhaadataa jira, inni nama hin tuqamne jedhee yaada.
Pirezdaantiin US Donaald Tiraamp, kaleessa miidiyaa hawaasaa ofiirratti marii marsaa lammeessoof jila marii nagaa gara Paakistan erguu fi Iraan faana yoo walii hin galamne buufataalee ibsaa fi riqichoota ishee barbadeessuuf dhaadate.
Daayireektarri duraanii Hiyuumaan Raayit Waach Keeneet Rooz, dhaadannoon Tiraamp kun yakka waraanaa ta'uu BBC'tti hime.
"Tiraamp yakka waraanaa hamaa raawwachuuf dhaadate," jedhe qondaalli duraanii dhaabbata mirga namoomaaf falmuu kun. Dhaabbilee uummataa mancaasuun seera idil-addunyaatiin yakka waraanaati jedhe.
Tiraamp,"Inni seera idil-addunyaa hin hordofu jechuu danda'a, garuu mootummaan Ameerikaa fi addunyaan kuun seera idil-addunyaa ni hordofu.Seerri namoomaa dhaabbilee uummataa akka buufata ibsaa fi riqichaa akka haleeluu ni dhorka"
Akka Rooz jedhutti, buufataaleen anniisaa fi riqichoonni "faayidaa dachaaf" [waraanaaf dhimma itti bahaniiru] jechuu danda'a, garuu falmiin kun gahaa miri.
"Seerri namoomaa qiyyaafannoon waraanaa yoo madaalawaa hin taane fudhatamuu hin qaban jedha" jedhu qondaalli kun.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddarri US, yaada kana fudhatama dhorkan. "Soba, soba fi fudhatama waan hin qabne."
Isaan buufataalee anniisaafi riqichoonni Iraan Humnoota Warraaqsa Islaamummaa Iraaniin bulu, kana waan ta'eef "qiyyaafannoo waraanaa sirriidha jedhanii yaadu.
Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamin Netaaniyaahuu kibba Libaanositti loltuun biyyattii ''mallattoo amantii Kaatolikii'' mancaase ''cimsee'' akka balaaleffatu hime.
Netaaniyaahuun yaada kana kan kenne suuraan loltuun Israa'el yeroo siidaa Yesuus Kiristoos burruusaan haleelu agarsiisu miidiyaa hawaasaa irratti tamsa'uun booda dha.
Yaada X irratti barreesseenis isaafi ''lammiileen Israa'el irra jireessi'' taatee kanaan ''akkaan rifatanii, gaddanii jiru,'' jedhe.
Qondaaloti waraanaa qorannoo taasisaa akka jiran himuun ''tarkaanfiin naamusaa sirrii,'' irratti akka fudhatamu hime.
''Baha Gidduugalaa keessatti Israa'el qofatu mirga waaqeffannaa amantaa hundaaf eeyyama. Taatee kanaafi miidhaa mudateef ni gaabbina,'' jedhe.
Israa'elitti ambaasaaddarri Ameerikaa Maayik Hakaabii ''adabbii cimaafi hatattaa'' akka kennamu wamicha dhiyeesseera.
Baayer Muunik seenaa Bundasliigaa Jarman keessatti yeroo 35ffaaf shaampiyoonaa ta'e.
Dilabata darbe tapha dirreesaa Alliyaans Areenaatti gaggeesse duubaa ka'ee 4-2n injifate.
Muunik taphni afur osoo hafuu qabxii 79 sassaabbachuun shaampiyoonaa ta'uu kan mirkaneesse sadarkaa lammaffaarra kan ture Booruushiyaa Doortimuundii Sambata darbe offenheim mo'achuu dhabuu booda.
Muunik bara kana waancaa sadii injifachuuf hiree qaba. Morkii Shaampiyoonsi Liigiin Riyaal Maadriidiin injifatee walakkaa xumuraaf darbeera. Waancaa Jarmaniin ammoo Baayer Liverkusan waliin walakkaa xumuraaf morkata.
Taphoota hafan mara yoo mo'atee qabxii 91 sassaabbachuun riikardii kilabichaa waggaa 13 dura wayita bara tokkotti waancaa sadi mo'atan qabatanii turan qooddatu.
Amma dura bara 2013 fi 2020 tti waancaa sadii mo'ataniiru. Bara kana yoo milkeessan isa sadaffaa ta'a.
Baayern taphoota 29 darban irratti jifattootnisaa walumatti goolii 109 lakkoofsisaniiru. Kuni riikardiidha.
Gaazexeessaan dhimma nageenyaa BBC Firaank Gaardinar mariin Ameerikaafi US otooma taa'ameyyuu carraan bu'aa adda tahe argamsiisuu isaa akkaan dhiphaa dha jedha.
Guyyaa saddeet dura yeroo mariin Islaamaabaad adeemsifame abdiin ture amma shunturee jira.
Sababiin ammoo Iraan Ameerikaan buufataalee Galoo-galaanaa cufuun waliigaltee dhukaasa dhaabu cabsite jechuun himatti. Ameerikaan doonii alaabaa Iraan qabdu irratti dhukaasuun to'achuunnis sababa biraa dha.
Dhimmooti akkasii yeroo mudachaa jiranitti waraana kana goolabuuf waan waloo argachuun akkaan rakkisaa dha.
Donaald Tiraamp ammallee diinagdee Iraan gatantaraa jiru cuunfuun biyyattiin harka akka kennitu barbaaddi, kunis dhimma niwkilaaraafi Ulaa Hormuuz dabalata.
Xiinxaltoonni garii malli kuni ni hojjeta jedhu garuu Iraan dhiibbaa akkasiif deebii barbaadamu hin kennitu.
Inumaa ejjennooshee akka cimsituufi ''mirga walabummaa'' ibsachuun Ulaa Hormuuz ittuu akka to'attu gochaa jira.
US Iraan waliin marii gaggeessuuf jila Pirezidaantii Ittaanaa kan ta'an JD Vaansiin durfamu gara Islaamaabaaditti ergiteetti.
Iraan ammoo US waliin marii gochuuf ammayyuu murtee dhumaarra hin geenye jechuun ibsite.
Dubbi himaa minsteera dhimma alaa Iraan kan ta'an Ismaa'eel Bageehii akka ibsanitti, Iraan marii marsaa lammaffaa US waliin Paakistaanitti taasifamu irratti hirmaachuufi dhiisuu ammayyuu akka hin murteessine.
"Hanga ammaatti marii marsaa ittaanu gaggeessuuf karoora hin qabnu; dhimma kana ilaalchisees murteen dhumaa kenname hin jiru," jedhan qondaalli Iraan kun.
Tiraamp garuu marii marsaa lammataa Wiixata, Ebla 20, gaggeefama jedhameef jila marii erguu beeksise.
US bakka bu'uun kanneen gara Paakistaan imalan, Pirezidaantii Ittaanaa kan ta'an JD Vaans, Ergamaa Addaa Istiiv Wiitkoofi, Jaareed Kuushinari.
Odeeffannoo dabalataa waa'ee muddama Baha Giddugalaa argachuuf:
Ameerikaan doonii fe'umsaa Iraan to'achuu hordofee, Teehraan dooniiwwan waraanaa Ameerikaa Galoo Galaanaa Omaan irratti argaman haleeluu maddi oduu Eegdota Warraaqsaa Islaamaa waliin hidhata qabu gabaaseera.
Ameerikaan kaleessa doonii alaabaa Iraan fannifatee deemaa ture marsitee to'annoo jala oolchuushee erga beeksifteen booda Iraan haaloo akka baatu dhaadattee turte.
Amma haleellaa dooniiwwan waraanaa Amerikaarratti raawwatame kanaan miidhaa qaqqabe ilaalchisee odeeffannoon bahe hin jiru.
Wiirtuu Ajajaa Humnoota Iraan kam ta'e Hataam Al-Anbiiyyaa tarkaanfii Hummni Galaanaa Ameerikaa fudhateen waliigalteen dhukaasa dhaabuu cabuufi Waraana Ameerikaa irratti tarkaanfii haaloo bahuu akka fudhatu ibsee ture.
Odeeffannoo kana waliin deeman biroo:
Humnoonni galaanaa Ameerikaa doonii alaabaa Iraan qabdu erga akeekkachiisa sa’aatii jahaaf kennameen booda doonittiirra qubachuu Ajajaan Giddugalleessaa US, Centcom, beeksiseera.
Centcom ergaa fuula X isaarratti maxxanseen, hojjetoonni galaanarraa US helikooptaraan USS Tripoli irraa ka'uun Dilbata doonii Iraan Tooskaa jedhamturra wadaraan irra qubachuu danda'aniiru.
Viidiyoon bahe akka agarsiisutti, hojjetoonni galaanaa US doonii Iraan kana erga akeekkachiisa kennameef udhachuu diddee akka isheen hin hojjenne gochuun hanga dhaabsisanii bakka jirtu elekooptaraan deemuun irra qubachuutti gahan.
Ameerikaan doonii fe’umsaa alaabaa Iraan fannifattee karaa ulaawwan galaanaa itti cuftee jirtu ba’uuf yaalaa turte mataa-martee qabachuu Doonaald Tiraamp ture jalqaba kan hime.
Humni waraanaa Iraan doonii fe'umsaa biyyattii Ameerikaan qabatteef haaloo akka ba'uuf jiru beeksise, gocha kanas "waliigaltee dhukaasa dhaabuu kan cabsedha" jedheera.
Humni waraanaa Iraan doonii fe'umsaa biyyattii Ameerikaan qabatteef haaloo akka ba'uuf jiru beeksise, gocha kanas "waliigaltee dhukaasa dhaabuu kan cabsedha" jedheera.
Akka ibsa miidiyaarratti ba'eettis, dubbi-himaan US "dooniiwwan daldalaa Iraan Galaana Omaan irra jiran keessaa tokkorratti dhukaasa banuun, akka hin hojjenne gochuun dhaabsisuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsiteetti," jedhe.
Humnoonni Rippabilika Islaamaa hidhatan hatattamaan deebii kennuun gocha shiftummaa hidhannoon Humni Galaanaa US raawwate kana haaloo ba'uuf jira," jedha ibsi Iraan irraa kenname.
Oduu biroo dabalataa:
Humni galaanaa Ameerikaa doonii alaabaa Iraan fannifattee deemaa turte itti marsee qabuu beeksise.
Humni US ulaawwan galaanaa Iraan cufee darbuu dhorkaa jira.
Viidiyoo yeroo humni galaanaa US kun doonii alaabaa Iraan fannifattee deemaa ture yeroo to'atetti waraabame kana daawwadhaa.