Abdiin marii Paakistaanitti gaggeeffamuuf turee 'dukkanaa'aa' jira

Madda suuraa, Reuters
USfi Iraan Paakistaanitti wal-gahanii mariyatu jedhamee osoo eegamuu, Islaamaabaadis keessummootatu dhufa jettee qophii cimaa taasistus lamaansaanituu hin argamin hafan.
Iraan US waliin mariyachuufuu murteerra hin geenye jette. Jilli ittaanaa pirezidaantii JD Vaansiin durfamu gara Paakistaan imaluufi osoo jedhamuu imalichi haqamuu Waayit Haawus beeksise.
Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka dheeratu godheera; garuummoo abdiin biyyoonni lamaan walitti dhufanii mariyachuuf qaban waan dukkanaa'aa deeme fakkaata.
Jalqaba Tiraamp gaafa haleellaa banu, Teehraanitti mootummaan jijjiirameera jedhee ittiin dhaadataa ture. Akka inni jedhe ta'uu baatus, mootummaa Iraan daddaaqame waliinuu mariyatee waliigalteerra gahuu hin dandeenye.
Iraan gaggeessitoonni heddu jalaa ajjeefamanis, hojii dippilomaasii UStti qormaata gootee jirti. Iraan US waliin mariif taa'uu qophii hin qabu jechuun inumaayyuu US waraana biraaf qophaa'aa akka jirtu himatte.
Gorsaa afa yaa'ii paarlaamaa Iraan Mohaammad Baghaar akka jedhanitti, Tiraamp yeroo bitatee haleellaa tasaa Iraanirratti gaggeessuuf qophaa'aa jira.
Paakistaan garuu qophii marii taasiste ammayyuu adda hin kutin jirti; biyyoonni lamaan tarii mariif dhufu malu jechuun eegumsi magaalaa Islaamaabaad akkuma itti fufetti jira.
Garuummoo, torban kana wal-gahanii mariyatu abdiin jedhu dhumataa waan deeme fakkaata.


