Gareen 'warreen fonqolcha mootummaan aangoo qabatan baasnee Maqalee galla' jedhu eenyu?

Dilbata Caamsaa 9/2028 A.L.I ''Manni Maree Nagaafi Jijjiiramaa'' Finfinneetti hundaa'e kaayyoosaa keessaa tokko ''humna fonqolcha mootummaan Tigiraay to'ate dhabamsiisuu,'' akka tahe Paartiin Simreet himeera.
Paartichatti qindeessaan miidiyaa fi koominikeeshinii Birhaana Gabirayyasuus haasaa BBC waliin taasisaniin ''sochiin warra jijjiirama fedha,'' jedhamu paartilee garagaraa, namoota beekamoo fi dhibbaa warra uuman waliin ''Tigraayitti jijjiirama bu'uuraa fiduuf,'' ji'oota torba darbaniif marii'achaa akka ture himaniiru.
Warri jijjiirama barbaadan kunneen paartilee afur Boordii Filannoon beekamtii argatan tahuu dabalachuu ibsaniiru.
Akka Obbo Birhaanan jedhanitti gareen jijjiirama fidu jedhame gara mana mareetti yeroo guddatu kanneen dhiibbaa uuman naannolee biyyattii torba keessatti socho'an, paartilee siyaasaa, namoota beekamoo, qaamolee miidiyaa, waldaalee dabaluun Caamsaa 9/2018 ifatti hundaa'eera.
Paartiin Simreet Tigraayitti paartilee galmaa'anii socho'an Bayitoonaa, Aranna Tigraayi, Tinsaa'ee 70 Indartaa fi kaan waliiin tahuun ''Mana Maree Nagaafi Jijjiiramaa,'' hundeesseera.
''Kana booda uummati Tigraay haala amma jiruun karaa fagoo deemuu hin danda'u,'' kan jedhan Obbo Birhaana dhiibbaa diinagdeen miidhamuu, qe'eerraa buqqa'uu akkasumas rakkoo ''bulchiinsa gaarii, tasgabbii, hojii dhabdummaa fa'i keessa jira,'' jedhu.
Manni maree Dilbata darbe ifatti hundaa'e uummati Tigraayi ''haala kanaan yeroo dheeraa turuu hin qabu,'' jedhanii kan amanan yoo tahu ''ji'a tokkotti yoo suni tahuu baate ammoo manni maree kuni sochoon taasisu dheerachuus ykn gabaabbachuus danda'a,'' jechuun jijjiirama fiduuf akka hojjetan himu.
Naannoon Tigraay kanaan dura ''naannolee biyyattii keessaa nagaafi tasgabbii fooyya'aafi abdiin misoomaa kan irraa mul'atu turte,'' jedhu Obbo Birhaanan, ''amma immoo naannolee Itoophiyaa keessa dhumarra jirti,'' jechuun haalli naannichaa hammaataa tahuu ibsu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Naannicha keessa ''namni nagaan bahee hin galu, ni butama, ni saamama, akkasumas meeshaan waraanaa akka feetee socho'a,'' jechuun kan dubbatan Obbo Birhaana ''uummati yaaddoo nagaa dhabuu keessa jira, gareen dhukkaasmaafi dhipaa tahe dhabamsiisuun sirna hunda hammataa tahe fiduun,'' kaayyooo isaanii tahuu himaniiru.
Manni maree kuni gareen naannicha keessatti fonqolcha mootummaan aangoo qabate ''yeroo gabaabaa keessatti gateettii uummata Tigraay irraa buusuun'' kaayyoo isaa akka tahe himeera.
Sadarkaa lammataan ammoo ''gareen'' kuni yeroo aangoo irraa ka'u ''hokkora hin barbaachifne keessa akka hin galleef hojiin nagaafi tasgabbii,'' akka hojjetamu eeraniiru.
Kaayyoon sadaffaa mana maree kanaa sirna hunda hammataa tahe diriirsuu dha jedhu Obbo Birhaanan
''Tokko kan moggaa taa'uu sirni siyaasaa kaan ammoo hirmaataa itti tahu dhabamsiisuun.. sirna hunda hammataa tahe qabannee socho'aa jirra,'' jedhu.
Qindeessaan miidiyaa fi koominikeeshinii paartii Simreet Obbo Birhaana ''garicha jechuun irra deddeebiin maqaa kan dhahan TPLF'n yoo tahe ifatti akka himan gaafatamanillee deebii kallattii hin kennine.
''Hidhattootaafi meeshaa waraanaa walitti qabuun Tigraay keessattii garee saamaa jiru,'' jechuun alatti maqaan ifatti hime hin jiru.
Boordii filannoodhaan beekamtiinsaa haqamee kan jiru TPLF bulchiinsa yeroo waliigaltee Piriitooriyaan hundaa'e bulchiinsa waraana duraan tureen bakka buuseera.
Waliigaltee kana diiguun dhimma mootummaa federaaalaa waliin muddama keessa galchu jechuun kan qeeqan jiraatanitti hooganootai TPLF marii marsaa haaraa yeroo gaafataa jiranitti dha gareen haaraa kuni ammoo kan dhaabbate.
Waggoota darban keessa wal hiruu TPLF keessatti mudateen hogganootiifi miseensonni paarticha keessaa bahaniiru. Obbo Birhaananis isaaniin dabalatee kanneen achii bahanirraa paartileen biroon hundaa'u himu.
Naannicha ''meeshaa waraanaan kan hogganaa jiru,'' maqaa qabaatullee isaanii garuu maqaadhaan waamuu akka hin barbaanne himaniiru
''Tigraayiin gara waraanaa fi hokkora hin taanetti galchuuf fonqolcha mootummaan Tigraayiin humni to'ate jira. Humna kana dhabamsiisuufi hojjetaa jirra,'' jedhan.
Socho'aa kan jiran TPLF'n aangoorraa buusuuf akka tahe kan gaafataman Obbo Birhaanan ''...TPLF'n kuffisuuf miti. TPLF siyaasa Itoophiyaa keessaa haqameera. Amma inni jiru isa maqaa TPLF'n garee qindaa'ee dha,'' jedhan.
Garee Obbo Birhaanee jedhamee waamamu kun mootummaa federaalaan aangoon isaanii waggaa tokkoof kan dheerateef, pirezidaantii bulchiinsa yeroo naannichaa "fonqolchuun'' gareen aangoo qabate jira.
Kun seera qabeessa miti; garee waraanaa seeraan alaa dha. Anis dhaabni koos kan amanu waanuma kana," jechuun ibsaniiru.
Garee kana buqqisuuf tarsiimoo qabsoo hundaa galeessa akka fayyadaman kan himan Obbo Birhaaneen, "naannichatti jeequmsa hin barbaachifne, dhiiga dhangala'uu hin barbaachifne akka hin uumamne, yookaan akka hir'atu gochuuf kallattii sana hordofna," jedhaniiru.
Gareen kun duraan garee sochii jijjiiramaa barbaadan, amma ammoo "Mana Maree Jijjiiramaa Barbaadan" jedhamee kan ijaarame deeggarsa mootummaa federaalaanidha haasa jedhu ''odeeffannoo sobaa'' jechuun morman.
Miseensonni isaanii muraasnii fi hoggantoonni isaanii Magaalaa Finfinnee kan jiraniif naannoo Tigiraay keessa ilaalacha siyaasaan gurmaa'anii bilisaan socho'uu waan hin dandeenyeef tahuu himan.
Haa tahu malee hoggantoonni garee jijjiirama barbaaduu mootummaa federaalaa waliin naannoo Tigiraay keessatti waliigalteen Piriitooriyaa akkamiin hojiirra ooluu qaba, uummanni Tigiraay rakkoo amma keessa gale keessaa akkamiin haa bahu, mootummaan federaalaa Tigiraay keessatti deeggarsa akkamii taasisuu qaba, shoora akkamiis haa qabaatu kan jedhu irratti mootummaa federaalaa waliin mari'achaa turre jedhan.
''Haala adda taheen mootummaan federaalaa akak barbaadetti isaan naannessa kan jedhamu piropaagaandaa garee dhiphooti. Maddi galii keenyaa miseensota keenya biyya keessaa fi ala jiran irraati.
Mana maree bulchiinsa yeroofii naannichaa bakka bu'u miseensa mana maree duraanii deebisanii hojiitti galchuu fi pirezidaantii haaraa filachuu isaanii irratti mootummaan federaalaa homaa hin jenne.
Paartilee haaraa hundeeffaamanii fi dhaabbilee siivilii irraas ibsi kenname hin jiru.











