Qabxiilee murteessoo Arsenaal akka shaampiyoonaa tahan taasisan

Ibsa waa'ee viidiyoo, Deeggartoota Arsenaal gammachuu ibsatan
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Turti waggoota 22 booda Arsenaal waancaa injifachuu mirkaneeffate. Gadda waggoota sadii walitti aansun lammaffaan xumuran kan dagacahiishu injifannoo waancaa Mikeel Arteettaan gara Emireetisitti fide kanadha.

BBC Sport taateewwan gurguddoo fi murteessoo akka Arsenaal shaampiyoonaa tahu gargaaran ilaaleera.

Taphattoota ciccimoo baay'ee garichatti dabalu

Viktor Gyokeres Hagayya 2025 Arsenaal gale

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Viktor Gyokeres Hagayya 2025 Arsenaal gale

Liiverpuul bara darbe yero shaampiyoonaa tahe taphattoota ciccimoo baay'ee qabaachuun isaa Arsenaaliif kaka'umsa kenne. Liiverpuul osoo taphoonni afur hafanii ture shaampiyoonaa kan tahan.

Arsenaal taphattoota haaraa saddet haree isaaniitti ganna darbe qofa dabalan.

Toomaas Paartee qofatu kilebicha gadhiisee bahe. Eezzee fi Viiktar Yookores taphattoota maqaa gurguddaa qaban garichatti makamanidha.

Yookores paawondii miliyoona 64'n Ispoorting Liisban irraa Arsenaal gale dhiibbaa gaarii uumeera.

Maartin Zuubimandii, Maduweekee, Hinkaappee fa'aas baruma darbe kana Arsenaalitti makaman.

Amma Shaampiyoonsi Liigii qofatu isaan hafe. Isas seenaa haaraa barreessuuf xumuraaf PSG waliin gahaniiru.

Galchii wal qixxeessituu Martinelii Maan Siitii irratti

Fulbaana keessa Maartineeliin galchii wal qixxeessituu Maan Siitii irratti lakkoofsise

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Fulbaana keessa Maartineeliin galchii wal qixxeessituu Maan Siitii irratti lakkoofsise

Tapha torban shanaffaa irratti walitti dhufan. Siitiin dursaa turee Maartineeliin daqiiqaa 93ffa airratti Arsenaaliin wal qixxeesse.

Haga waancaa mo'atanitti galchii murteesituu jedhaman keessaa tokko.

Yeroo sana liigicha dursaa kan ture Liiverpuul waliin garaagarummaa qabxii qaban shanitti galche.

Inumaa Gaardiyoolaan galchii tokkittii lakkoofsisaniin bahuuf jecha ittisa shaniin taphatee ture. Garuu Maartineeliin Arsenaaliin mo'amuu irraa kan oolchite lakkoofsise.

Gabri'eel galchii injifannoo Niwkaasil irratti

G. Magalesh daqiiqaa 96 irratti Niwkasil irratti galchii lakkoofsise

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, G. Magalesh daqiiqaa 96 irratti Niwkasil irratti galchii lakkoofsise

Torban booda ammas Arsenaal daqiiqaa dhumaatti galchii lakkoofsisuun gammachuu isaa adda ture.

Niik Wooltimood dafee galchii lakkoofsise. Arsenaal ammoo taphoota sadii isa dura taphatan irratti Niwkaasil mo'atee hin beeku ture.

Daqiiqa 84 irratti Mikeel Meeriinoon galchii lakkoofsise. Gabri'eel Magalesh daqiiqaa 96 irratti galchii yeroo lakkoofsisu gammachuun isaanii adda ture.

Liiverpuul ammoo Kiristaal Paalaasiin mo'ame. Arsenaal galchii kubba koornaa irraa ka'u hedduu fayyadamuun haala kanaan qabxii baay'ee argataniiru.

Arsenaal qabxii lamaan qofa caalamee lammaffaa gale. Torban baay'ee murteessaa ture.

Galchii sadii Eezzeen Tootenhaam irratti lakkoofsise qabxii jahaan akka caalan godhe

Taphoota 10 walitti aansanii mo'achuu qofa osoo hin taane taphoota saddet irratti osoo galchiin irratti hin lakkaa'amiin xumuriin Arsenaaliin mataa gabataee Piriimer Liigii irra kaa'e.

Sanderlaand qixa 2-2 xumuruun Arsenaaliin dhaabe. Garuu Sadaasa keessa Maanchister Siitiin Niwkaasiliin 2-1 waan mo'ameef Arsenaal qabxii jahaan caalee itti fufe.

Eberechi Eezzeen yeroo torban 12ffaa irratti galchii sadii Tootenham irratti lakkoofsisu Arsenaal morkattoota isaarraa fagaachuu jalqabe.

Tapha Darbii Maan Siitiin mo'amuu

Darbii Maanchisteriin paatirik Doorguun galchii bareedaa yeroo lakkoofsisu Arsenaaliif gammachuu guddaa ture.

Maan Siitiin garuu morkataa isaa jabaa Arsenaal irraa duubatti hafe.

Yeroo Ayyaana Qillee irra Maan Siitiin hedduu rakkate. Bara 2026 akka galeen taphoota afur jalqabaa taphate hin mo'anne.

Sanderlaand waliin qixa bahuu, Cheelsii fi Biraayitaniin qabxii gatuu hordofee Arsenaalis qormaata keessa galus qabxii torbaan liigicha dursuu itti fufe.

Gabri'eel mataadhaan Haaland dhahee kaardii diimaa miliquu

Ebla keessa Arsenaalq abxii jahaan osoo dursuu Maan Siitii waliin morkate. Haalaand galchii injifannoo lakkoofsisuun qabxii sadiin qofa Arsenaal caalee dursummaa itti fufe.

Gara dhumaatti Haalaandii fi G. Magalesh walitti bu'an. Maagaalesh suuta jedhee mataadhaan Haalaanditti bu'e. Garuu Haalaand waan dhaabbatee hafeef kaardii diimaan Magaleshiif hin kennamne.

Kun Arteettaan akka taphataa cimaa isaa yeroo murteessatti hin dhabneef isa gargaareera.

Balleessaa Maark Gehii Everteen irratti gatii baasise

Taphataan Maan Siitii Maark Gehii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Taphataan Maan Siitii Maark Gehii

Osoo Maan Siitiin guyyaa sana Everteen mo'atee jiraate baay'ina galchiin tokkoffaa taha ture.

Yeroo sana Arsenaal tapha lama Siitii caalaa taphatee isa irratti qabxii jahaan qofa caala ture.

Yeroo murteessaa kanatti Maark Gehi, ji'a Amajjii darbetti Maan Siitii kan gale kubba karra eegaa isaaniitti dabarsuuf yaale. Garuu osoo hin dhaqabsiisin waan hafeef taphataan Everteen Tiirnoo Baarii galchii lakkoofsise.

Daqiiqaa 13 keessatti Everteen goolii sadii lakkoofsisan. Haalaandii fi Dookuun booda wal qixxeessan. Garuu achii jalqabee waancaan harka Maan Siitii keessaa bahe.

Gahumsa Raayaa fi VAR WesT Haam irratti

Wesy Haam kufaatii Piriimer Liigii irraa ooluuf jecha falmii jabaaf qophaa'aa turan.

Dhumarra jiraachuun isaanii Arsenaaliif carraa guddaa tahus tapha salphaa hin turre.

Arsenaal mo'uun dirqama ture. Malee Maan Siitiin tokkoffaatti deebi'a ture.

West Haam carraa goolii gurguddaa argataniiru. Raayaan garuu Arsenaaliin oolche.

Maatiyaas Fernaandez taphataan jedhamu Raayaa waliin fuulaa fuulatti walitti dhufanii Raayaan haala ajaa'ibaan deebise.

Tiroosaad galchiin lakkoofsise akka gatii qabaatu kan taasise isa Raayaan Fernaandez jalaa deebisedha.

Garuu West Haam daqiqiaa 95 irratti amas galchii lakkoofsisan. Garuu VAR deebisee akka haqamu taasise.

Raayaa irartti balleessaan hojjetameera jedhamee haqamus balleessaan rukuttaa peenaaliitii West Haamiif kennisisu biraas hojjetameera jedhame.

Garuu VAR kan Raayaa balleessaa tahuu ilaalee murteesse. Kun Maan Siitii kan abdii kutachiise Arsenaaliin tarkaanfii dhumaaf waancaatti kan bute ture.