KALLATTIIN, Iraan US irra deebiin haleellaan "waraanni Bahaa Giddugaleessaan ala baha,'' jechuun akeekkachiifte

Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Arraagchii Ameerikaan irra deebiin haleellaa raawwannaan "wantota haaraa hedduuti" ishee eeggata jechuun dhaadannaa pirezidant Doonaald Tiraamppiif deeii kenne.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Dippiloomaatii olaanaan UK Waashingtan jiru tasa hojiisaa gadhiise.

    -

    Madda suuraa, Shutterstock

    Ibsa waa'ee suuraa, Dippiloomaatii olaanaan UK Waashingtan jiru tasa hojiisaa gadhiise.

    Jeems Rooskooy Waashingtanitti dippilomaatii olaanaa UK ti.

    Dippilomaatichi ramaddii isaa kana tasa gadhiise. Dippilomaatichi nama murteessaa gulantaa lammeessorra jiru yoo ta'u, sababa isaarratti ibsa tokkollee hin kennine.

    Ministirri Dhimma Alaa UK kanarratti ibsa hima gabaabduu baaseen akkana jedhe : "Jeems Roskooy hojii isaa gad lakkiseera."

    Hojii gadhiisuun isaa qormaata diplomaasii ji'ootaa as Biriiteen Ameerikaa waliin keessa jirtu keessaa isa tokko jedhameera.

    Fulbaana keessa, ambaasaaddarri duraanii, Peter Mandelson, erga walitti Jeffrey Epstein faana hariiroo qaba jedhamee shakkamuun isaa balʼinaan beekameen booda hojii irraa ariʼamee ture.

    Isatti aaanee kan muudame, Christian Turner, hojii jalqabee tureen booda, jiʼa darbe “siyaas-dinagdee Ameerikaa keessatti namoota sadarkaa ol’aanaa ta’an kan Epstein waliin hiriyaa turan itti gaafatamtoota gochuu dhabuun kufaatii guddaa dha" jechuun qeequusaatiin arrabsamee ture.

    Turner, "michummaan addaa US, Israa'el waliini malee Biriiteen waliin miti" jedhees ture.

    Roskooy yeroon itti hojii gadhiise kun wayita dhimma Iraan irratti Pirezdantiin Ameerikaa fi Ministirti Muummee UK wal dura dhaabbachaa jiranitti.

    Roskooy, Adoolessa 2022 muudame. Fulbaana 2025 fi Guraandhala 2026 jidduu Itti aanaa Ambaasaaddaraa ta'ee tajaajilaa ture.

    Iddoo kana kanatti kan ramadame Mandelson kaafamuu hordofeeti. Ameerikaatti ramadamuu dura UN'ttiambaasaaddara UK ture Roskooy.

  2. Taankaroonni boba'aa barmeela miliyoona 6 fe'an Ulaa Hormuz cehan

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Taankaroonni guguddoon sadi kan boba'aa gabaa Eeshiyaaf geessan jikita boba'aa barmeela miliyoona 6 baatanii ji'a lama guutuu dhaabbachaa erga turanii booda Roobii Ulaa Hormuuz qaxxaamuranii jiru.

    Taankariin biraa immoo ulaa kana seenaa jiraachuu ragaan London Stock Exchange Group (LSEG) fi Kpler ni agarsiisa.

    Dooniiwwan kunneen dooniiwwan boba'aa olaanaa baatanii fi Galoogalaanaa keessaa bahuun akkaataa Iraan ajajjeen ulaa kana keessa darbaa jiru.

    Waraanni Ameerikaa fi Israa'el Guraandhala 28 Iraan irratti banan, imala doonii Ulaa Hormuz keessaa hedduu danqee ture.

    Boba'aa addunyaa keessaa dhibbeentaa 20 kan ta'u ulaa kana keessa darba.

    Dooniin boba’aa guddoon alaabaa Kooriyaa Kibbaa mirmirsitu VLCC), boba'aa Kuweet barmeelii miliyoona 2 Bitootessa 04 feetee, dooniiwwan Chaayinaa lama bahuu booda Roobii har'aa ulaa kana keessa ba'aa jirti.

    Gabaasni Kpler akka agarsiisutti, dooniin tun gara magaalaa Ulsan, bakka warshaan boba'aa guddaan biyyattii SK Energy argamutti imalaa jiru.

    Boba'aa kanas Waxabajjii 09 buusti jedhamee eeggama.

  3. Lammiileen Gaazaa Hajjii fi ayyaana Id-Adhaa irraa ittifamuu himan

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen Gaazaa Hajjii fi ayyaana Id-Adhaa irraa ittifamuu himan

    Kibba Gaazaatti dunkaana keessa kan jiraatan, Naajiyaa Aabuu Leehiyaa du'a abbaa warraa ishee qofa miti kan gadditu.

    Waggaa tokko dura du'uusaa dura Hajjii ykn imala Makkaa osoo waliin hin deemin hafuu isheettis ni gadditi. Sababa waraanaa fi daangaatiin kan jila kanarraa hafan.

    Makkaan magaalaa qulqullittii, Sa'udi Arabiyaa ti. Imalli Hajjii immoo dirqamawwan guguddoo shan musliimonni raawwachuu qabani keessayi.

    Muslimoonni dandeettii fi qabeenya qaban bara jireenya isaaniitti al takka raawwachuu qabu.

    Waraanni Gaazaa 2023 banamuun dura lammiileen Gaazaa 3,000 waggaa waggaan imala Hajjii irratti ni hirmaatu

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Onkololeessa godhame lola dhaabsisuun abdii Filisxeemonni Makkaatti imaluuf qaban haaromsee ture. Garuu, uggurri sochii itti fufee jiru abdii isaanii kana ni dukkaneesse.

    "Waraanni ka'uun dura, galmoofnee Hajjii gochuuf maqaan keenyas filatamee ture. Sana booda garuu, waraanni asitti ka'e gufuu nutti ta'e...," jetti Abu Lehiyaan.

    Imimmaan ishee dhangalaasaa, "Utuun Hajjii deemuuf hawwii guddaa qabuu nan du'a jedheen yaaddawa. Garuu, fedha Rabbitiin, ugguraa fi marfama kana hundumaa keessattis ta'u Hajjii ni raawwanna jennee abdiin eeggachaa jirra," jechuun Rooytarsitti himte.

    Dhukaasa dhaabuu dhiibbaa Ameerikaatiin godhameen, Israa’el Guraandhala keessa daangaa Raafah kan Masriitti baasu fi Gaazaa gara addunyaatti baasu balbala guddaa ta’e gar-tokkeen akka banamu hayyamteetti.

    Garuu, torbanitti namoota dhibba muraasa qofatu akka darbaniif hayyamameef; Kunneenis baay’een isaanii dhukkubsattootaa fi namoota muraasa isaan gaggeessan qofa.

    "Daangaan cufameera. Kun maaliif namoota Hajjii deeman irratti ta’a? Isaan dirqama amantii isaanii kan ta'e, Hajjii raawwachuu qofa barbaadu, waan biraa homaa hin barbaadan," jetti Abuu Leehiyaan,.

    "Nutis achi argamuu qabna turre, guyyoota qulqulluu kana keessa achitti argamuu qabna turre," jechuun bilbila ishee irratti viidiyoo namoota Makkaatti Hajjii raawwachaa jiran ilaalaa dubbatti.

    Caasaan waraanaa Israa'el COGAT, waliigalteen Raafaah karaan akka banamu kan heeyyamu gargaarsa namoomaa qofaafi jedha.

  4. Waggaa 22 nutti kolfamaa ture, amma nutu kolfa- Saakaa

    Bitaarraa gara mirgaatti Deklaan Raayis, Juuriyeen Timber, Ebereche Ezee fi Bukaayoo Saakaa

    Madda suuraa, Eberechi Eze Instagram

    Ibsa waa'ee suuraa, Bitaarraa gara mirgaatti Deklaan Raayis, Juuriyeen Timber, Ebereche Ezee fi Bukaayoo Saakaa

    Arsenaal waggaa 22 booda waancaa Piriimer Liigii injifachuu erga mirkaneeffatee gammachuutti jira.

    Kilabichi tapha Bornimaz fi Maanchistar Siitiin goolii tokko walqixa ba'aniin waancaa nyaachuusaa mirkaneeffate.

    Taatee kana hordofee gammachuusaanii ibsachaa kan jiran taphattoonni Arsenaal suuraasaanii miidiyaa hawaasummaasaaniirratti maxxansaa jiru.

    Eberechee Ezee, Juuriyeen Timber, Bukaayoo Saakaa, Deklaan Raayis, Mayilsi Lewis Iskelii Instgram isaaniirratti suuraasaanii maxxansaniiru.

    Tuuta taphattoota Arsenaal iddoo shaakala hojjetanitti wayita gammachuusaanii ibsatan

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Tuuta taphattoota Arsenaal iddoo shaakala hojjetanitti wayita gammachuusaanii ibsatan

    Suuraa maxxansuu qofa osoo hin taane ergaa cichoomina, abdii fi milkaa'inasaanii mul'isu dabarsaa jiru.

    Bukaayoo Saakaa ''mee waan tokkon isinitti hima. Waggaa 22 guutuu, waggaa 22. Nutti kolfaa, nutti qoosaa ba'an. Kanaan booda nutti kolfuun hin jiru. Fuuldura ifaatu nu eeggata. Milkii,'' jedhe.

    ''Warra carraa dabarsee kennu nuun jedhaa turan, amma carraa sana harka galfanneerra,'' jedhe Lewis Iskelii.

    Eze fi dursaan taphattoota Arsenaal Martin Odegaard qaruuraa qabachuun suuraa ka'anii maxxansan.

    Arsenaaliif goolii lakkoofsisuun dorgomaa kan hin qabne gameessi kubbaa miillaa Teerii Henrii ''dhaloota kanaaf galata addaan qaba. Dhumarratti daa'imman kiyya wayita waancaa injifannu arganiiru,'' jechuun Instagram irratti maxxanse.

    Deeggartoota Arsenaal wayita gammachuusaanii ibsan

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

  5. 'Koongootti namoonni Iboolaan du'uun shakkaman 139 gahan' - WHO

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Dr Teedroos Adhaanoom

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka jedhutti, hanga ammaa namootni vaayirasii Iboolaan du'uu isaanii shakkame 139 gahanii jiru. Baay'inni namoota vaayirasichi irratti argamuun shakkamanii immoo 600 gaheera.

    Sababa vaayirasicha addaan baasuun yeroo fudhatuuf, baay'inni namoota kanneenii gara fuulduraatti dabaluu danda'a jedhamee eegama.

    Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr.Teediroos Adhaanom akka jedhanitti, bakka dhibeen kun jalqaba irraa gabaasame, Rippaablika Dimookraatawa Koongootti vaayirasichi namoota 51 irratti argamuu mirkanaa'e jedhan.

    Akkasumas biyya ollaa jirtu Yugaandaa keessatti namoota lama irratti dhibeen kun argamuu mirkanaa'eera.

    Jeneevaarraa ibsa miidiyaaf kennaniin, gosti Iboolaa Bundibugyo jedhamu kun "ji'oota muraasa dura" mul'achuu hin oolu jedhan.

    Dilbata dabre, dhimma kana yaaddoo fayyaa hawaasaa idil-addunyaa ariifachiisaa jedhee labseera.

    Garuu, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhibeen kun dhibee addunyaa guutuuf yaaddoo ta'u (pandemic) miti jedhan.

    Dr. Teediroos akka jedhanitti, Wiixata walgahii ariifachiisaa dhimma kanarratti godhaniin booda, koreen fayyaa haala kana "dhibee addunyaa guutuu weeraru miti" jedhanii irratti waliigaluu ibsan.

    "Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa yaaddoo faca'iinsa dhukkuba kanaa sadarkaa biyyootaa fi naannoo isaanitti olaanaadha, sadarkaa addunyaatti ammoo gadi aanaadha jedhee tilmaama," jechuun ibsan.

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -
  6. 'US yeroo waraanaatti humnoota NATO keessaa qabdu hir'isuufi' - Maddeen

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Donaald Traamp

    Donaald Tiraamp yeroo lolaatti US loltoota NATO keessaa qabdu hir'isuuf akka jirtu torban kana miseensota gurmuu NATO kan ta'an warra Awurooppaa beeksisuuf akka jiru hime.

    Miseensonni NATO humna yeroo waraanaa itti dhimma bahan NATO Force Model jedhamu qabu.

    Moodelli Humna waraanaa NATO (NATO Force Model) sirna biyyoonni miseensa NATO ta'an humna addaa waraanaa yeroo lolaaa ykn weerara hamaan deebii ariifachiisaa kennuuf qophaa'e ittiin adda baasanii fi walitti qabanidha.

    Sirni kun raayyaa waraanaa kumni dhibbaan lakkaawwamu yeroo gabaabaa keessatti qopheessuuf kan kaayyeffatedha.

    Baay'innii fi qabiyyeen loltoota yeroo waraanaa kanaa baay'ee iccitiidhaan kan qabamu yoo ta'u, Pentaagon garuu gahee fi hirmaannaa isaa baay'ee gadi xiqqeessuuf murteessuu maddeen Rooytarsi himan.

    Pireezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp biyyoonni Awurooppaa dantaa naannoo isaanii tiksuuf itti gaafatamummaa jalqabaa akka fudhatan akka eegu ifatti ibseera.

    Ergaan michoota NATO'tiif torban kana darbe kun agarsiiftuu hojiirra oolmaa imaammatichaati jedhame.

    Pentaagon akkamiin gaafatamummaa yeroo lolaa kana michuuwwan NATO Awurooppaatti akka dabarsu garuu ifa hin goone.

    Maddeen garuu Pentaagon akeeka gahee isaa gadi buusuuf itti jiru kana wal gahii Jimaata qondaalota dhimma imaammataa Biraasilsitti taa'amurratti ibsuufi jedhu.

    Hogganaan imaammataa Pentaagon Elbridge Colby akka dubbatanitti, Ameerikaan miseensota NATO ittisuuf meeshaalee waraanaa nukleeraa ishee itti fayyadamuu kan itti fuftu yoo ta'u, gama biraatiin garuu michoonni Awurooppaa humna waraanaa idilee irratti dursaa fi itti gaafatamummaa guutuu fudhatu.

    Maddeen akka jedhanitti walgahii kanarratti Ameerikaa bakka bu'ee kan argamu Alex Velez-Green, gargaaraa dhihoo Colby ti.

  7. Daawwannaa Tiraamp booda Chaayinaan xiyyaarota Booying 200 bitte, 750 waadaa seente

    Tiraamp Chaayinaa daawwachuun biyyoota diinagdee cimaa qaban gidduutti hariiroon daldalaa akka cimu carraa uume

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp Chaayinaa daawwachuun biyyoota diinagdee cimaa qaban gidduutti hariiroon daldalaa akka cimu carraa uume

    Erga torban darbe keessa Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp fi Pirezidantiin Chaayinaa Shii Jinping Beejiingitti walarganii booda Chaayinaan xiyyaarota Booying 200 akka bittu mirkaneessite.

    Akkaataa waliigaltee kanaan US mootoraa fi qaamolee xiyyaaraa kaan Chaayinaaf dhiheessiti.

    Ministeerri maallaqaa Chaayinaa akka ibsetti biyyoonni lameen waliigaltee qaraxa adda kutuu Onkoloolessa darbe irratti walta'an itti fufsiisuuf waliigalaniiru.

    Akkasumas biyyoonni lameenuu akkaataa meeshaalee daldalaa doolaara biiliyoona 30 fi isaa ol baasan qaraxa irraa bilisa gochuun danda'amurratti hojjechuuf wal ta'aniiru.

    Waliigalteen Chaayinaa fi US kun wayita Pirezidant Puutin fi Pirezidant Shiin mari'atanitti dhagahame.

    Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin erga Tiraamp Chaayinaa daawwatee guyyoota booda gara Chaayinaa imale.

    Tiraamp Chaayinaa daawwachuun biyyoota addunyaarratti diinagdee cimaa qaban gidduutti hariiroon daldalaa akka fooyya'u carraa uumeera.

    Kunis bittaa xiyyaarota Booying fi oomishaaleen qonnaan bultoota Ameerikaa gabaa Chaayinaarratti bal'inaan akka dhihaatan haala mijeessa.

    Tiraamp Jimaata darbe wayita daawwannaa Chaayinaa xumuree ba'u ''waliigaltee daldalaa hedduu uumne. Booying 200 bituun kana keessaa tokko. 750 ammoo bituuf waadaa galan. Biyyi tokko xiyyaarota Booying hanga kana yoo ajajju kun lakkoofsa guddaadha,'' jedhe.

  8. Raashiyaa fi Chaayinaan ittisa misaa'elaa Tiraamp 'Golden Dome' balaaleffatan

    Pirezidantii Chaayinaa Shii Jinping (bitaarraan) fi Pirezidanti Raashiyaa Vilaadmiiru Puutin (karaa mirgaa)

    Madda suuraa, Getty Images

    Chaayinaa fi Raashiyaan ibsa waliin baasan keessatti sirna ittisa haleellaa qilleensaa (misaa'elaa) Tiraamp 'Golden Dome' jedhamu balaaleffataniiru.

    Pirojektiin teeknooloojii humna ittisaa US hojjechuuf karoorfatte kun yaadi isaa kan Israa'el 'Iron Dome' jedhamurraa fudhatame.

    Jalqaba maqaa 'American Iron Dome' jedhamuun eegalame. Amma maqaansaa 'Golden Dome' ta'eera.

    Teeknooloojiin waraanaa kun haleellaa misaa'eloota fageenya dheeraa, saffisa guddaan imalanii fi fageenya gabaabaarratti balaa qaqqabsiisanii kan to'atuu fi haleellaas kan raawwatudha jedhameera.

    Ibsi waloo Chaayinaa fi Raashiyaa ''teeknooloojiin akkanaa kan hariiroo dippiloomaasii addunyaa balaaf saaxiluudha,'' jedha.

    ''Hawaa keessatti waraanni akka jiraatu godha. Hawaan keenya iddoo waraanaa akka ta'uu fi meeshaalee waraanaan akka dhuunfatamu kan taasisuudha. Kun ammoo qajeelfama addunyaa hawaa haala naga qabeessa ta'een waloon fayyadamuu jedhu kan faallessuudha,'' jedha ibsi kun.

  9. Iraan haleellaan irra deebiin banamnaan waraanni kun "naannicharra darba" jechuun akeekkachiiste

    Eegduun Warraaqsa Islaamaa Iraan

    Madda suuraa, EPA

    Ameerikaafi Iraan irra deebiin haleellaa yoo banan waraanni kun "naannicharra kan darbu ta'a" jechuun Eegduun Warraaqsa Islaamaa Iraan akeekkachiise.

    Pirezidant Doonaald Tiraamp fi Israa'el Iraan irratti irra deebiin waraana banuuf dhaadachaa jiru.

    Eegduun Warraaqsaa Islaamaa Iraan ibsa baaseen, "Iraan irratti irra deebiin waraanni yoo baname, waraanni naannicha waliin ga'a jedhame amma naannicharra darbee ce'a" jedheera.

    "Tarkaanfii barbadeessu fudhannu yaaddanii bakka isin hin beeknellee osoo hin hafiin akka qaqqabu hubadhaa," jechuun Eegduun Warraaqsa Islaamaa Iraan kun akeekkachiiseera.

    Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii Ameerikaan akka haaraatti haleellaa gaggeessuu jalqabnaan "waan haaraa hedduuti ishee eeggata" jechuun dhaadannoo Pirezidant Doonaald Tiraampiif deebii kenne.

  10. US fi Israa'el Mahaammud Ahimmaddiinjaadiin hogganaa Iraan gochuuf karoorfataa turan

    Mahaammuud Ahimaddiinjaadiin

    Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock

    Ameerikaafi Israa'el yeroo Iraan irratti jalqaba haleellaa banan pireezidantii duraanii Iraan hidhaa dhaabbiirra jiru jedhaman Mahaammuud Ahimaddiinjaadiin gadhiisisuniifi jijjiirama mootummaa fiduuf kan kaayyeefate akka ture gaazexaan Ameerikaa Niiw Yoork Taayimis gabaaseera.

    Akka gaazexaan kuni jedhutti haleellaa marsaa duraa Israa'el hordofee hogganooti olaanoo Iraan erga ajjeefamaniin booda Pireezidantiin Ameerikaa ifatti hoggansa biyyattii ''nama biyya keessa jiru tokko kennuun gaarii taha,'' jechuun dubbachuu isaanii beeksiseeera.

    ''Kunis Ameerikaa fi Israa'el gara waraanaatti kan galan kaayyoo ifaafi bu'aa hin eegamne qabatanii akka tahe ifa taheera,'' jedheera.

    US fi Ameerikaan ''pireezidantiin duraanii Iraan ejjennoo jabaa farraa Ameerikaa fi Israa'el qaban filatan,'' jechuunis gaazexaan gabaaseera.

    ''Qondaaloti Ameerikaa karoorri kuni yeroo dhiyaateef kan hin eegamneefi Israa'eliin kan qophaa'e tahuufi, Ahimaddiinajaadinis akka isa beekanitti godhame akka dhiyaateefiboodarra dubbiin saffisaan isa yaadamee ala taheera,'' jechuun ibseera.

    Pireezidantii duraanii kana hidhaa dhaabbiirraa gadhiisisuuf mana isaaniirratti haleellaan kan raawwatame yoo tahu,yeroosis akka ajjeefaman himamullee yeroo gabaabaa keessatti lubbuun akka jiran oduun biraa bahe.

    Erga waraanni jalqabee ji'oota sadan darbaniif Mahaammuud haleellaa kanaan miidhaa irra gahes tahe, haala keessa jiran irratti waan himame jiraachuu dhabuun dabalataa takkaa mul'atanii hin beekan.

  11. Haellaa Israa'eliin yoo xiqqaate namoonni 19 ajjeefaman

    Haleellaa magaalaa

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaa qilleensarraa Israa'el Libaanos kibbaatti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 19 ajjeefamuu ministeerri fayya abiyyattii beeksise.

    Namoota ajjeefaman kanneen keessaa sadii daa'imman, sadii ammoo dubartoota ta'uun isaanii ibsameera.

    Namoonni kudhan ta'an haleellaa mana magaalaa Diir Qonoon irratti raawwatameen ajjeefamuu ministeerri fayyaa beeksiseera.

    Ameerikaafi Israa'el waraana Iraan irratti banuu horodofee hidhataan Libaanos keessa maandheffate Hezboollaan qaama waraana kanaa ta'eera.

    Israa'el fi Libaanos waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyoota 45f dheressuu pirezidantiin Ameerikaan Doonaald Tiraamp torban darbe dubbatullee, haleellaan itti fufuun isaa ibsameera.

    Haleellaan garri caalu kan raawwatamaa jiru kibba Libaanos keessattidha.

  12. Pirezidantiin Chaayinaa haalli Baha Giddugaleessaa "qabxii murteessaarra" gaheera jedhe

    Pirezidantii Chaayinaa Shii Jiinping

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing haalli Baha Giddugaleessaa "qabxuu ijoo ta'erra" gaheera jechuun isaa ibsame.

    Buufanni biyyaalessaa Chaayinaa akka gabaasetti, haalli amma jiru waraanaa gara nagaatti ce'aa jira jedhe.

    Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin keessummeessaa kan jiru Shii Jiinping "walitti bu'iinsa jalqabuun fudhatama hin qabu" jechuun dubbateera.

    Baha Giddugaleessatti nagaafi tasgabbiin akka jiraatuuf yaada furmaataa abbaa qabxii afurii dhiyeessuu kan dubbate Pirezidantichi, "kaayyoon koo waliigaltee idil-addunyaa uumuufi muddama sana tasgabbeessuudha," jedheera.

    Ji'a darbe bulchaa Abdu Daabii Sheek Kaaliid Biin Mahaammad Zaayin Al Naahiyaa waliin yeroo wal arganitti yaada furmaataa abbaa qabxii afurii dhiyeesseera.

    Yaadni furmaataa kun nagaa, birmadummaa biyyaalessaa, seera idil-addunyaa kabajuu, akkasumas nagaafi misoomaaf wal tumsuu irratti kan hundaa'edha.

  13. Ameerikaan akka haaraatti haleellaa bannaan 'waan haaraa hedduut eeggataan' - Ministirai Alaa Iraan

    Ministira dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araachii Ameerikaan akka haaraatti haleellaa gaggeessuu jalqabnaan "waan haaraa hedduuti ishee eeggata" jechuun dhaadannoo Pirezidant Doonaald Tiraampiif deebii kenne.

    Tiraamp Teehiraan irratti irra deebiin haleellaa akka banu doorsisuu isaa hordofee "gara dirree waraanaatti deebinaan waan haaraa hedduu akka isa eeggatu mirkaneessuun barbaada" jechuun dubbate Abbaas Araagchii.

    Arraagchiin fuula X isaarratti,"erga waraanni Iraan jalqabee as xiyyaarri waraanaa dolaara biliyoonaan lakkaa'amu barbadaa'uu manni-maree Ameerikaaamaneera," jedheera.

    "Waraanni keenya guddichi jeettii waraanaa F-35 rukkutee kuffiisuun kan jalqabaa ta'uun isaa mirkanaa'eera," jechuun itti dabaluun ibseera.

    Tiraamp gama isaatiin Iraan irratti waraana banuuf "sa'aatiin tokko isa hafutti" yaada isaa jijjiiruu ibseera.

    Sa'ud Arabiyaa, Yunaayitid Arabi Emireetis fi Qaataar ammoo mariif cartraan akka kennamuuf gaafacha ajiru.

  14. ASHAMAA!

    Toora tamsaasa kallattiin oduu isin biraangeenyu jalqabneera.

    • Iraan Ameerikaan irra deebiin haleellaa raawannaan "wantota haaraa hedduuti ishee eeggata" jechuun akeekkachiifte
    • Iraan mirga Yuraaniyeemii gabbifachuu mariif akka hin dhiyeessine himte
    • Kuweetiifi Kataar haleellaa diroonii Sa'ud Arabiyaa irratti raawwate balaaleffatan
    • Waraanni Israa'el waraana marsaa biraa Israa'el waliin jiraachuu maluuf qophaa'aa jiraachuun gabaafame
    • Odeeffannoo wayitaawaa biyya keessaafi guutummaa addunyaarraa, ispoortii dabalatee: Marsariitii,YouTube, Whatsapp, akkasumas karaa Facebook kanaan seentanii filattanii dubbisuu dandeessu.
    • Mariin Biyyaalessaa kan gaggeeffamaa jiruuf yeroo aangoo gaggeessaa biyyaa 'daangessuufi'- MM Abiy
    • Ka'abaa eenyutu ijaare?
    • Waliigaltee Masirii fi Eertiraan dhimma Galaana Diimaa irratti walii mallatteessan maal qabata?

    Dhiyaadhaa!