Arsenaal Chaampiyoonaa Piriimer Liigii 2025/26 ta'e

Arsenaal waggaa 22 booda Chaampiyoonaa Piriimer Liigii ta'e. Bornimaz 1 Maanchistar Siitii 1.

Guduunfaa

  • Man Siitiin morkii waancaa keessa turuuf mo'achuu qaba, Tootanhaam liigicha keessa turuuf falmii murteessaa taasisa
  • Taphattootaa fi leenjstoota Gaardiyoolaa jalatti guddatan: Vinsent Kompanii, Sesk Faabrigaas, Mikeel Arteettaa, Enzoo Mareskaa, Zhaabii Aloonsoo, Luwiis Enrikee
  • Maan Siitiin Eenzoo Maareshkaa bakka Gaardiyoolaa buusuuf waliigale
  • Waancaa mo'achuun nuuf mala- Deklaan Raayis
  • Arsenaal kilaba leegicha keessaa bu'e Barnilee waliin taphachuun goolii 1 fi 0 dhaan injifatee waancaatti dhihaate
  • Peep Gaardiyoolaaf gaggeessaan ajaayibaa qophaa'uu qaba jedhame
  • Odeessaalee kaan marsariitii, YouTube, Facebook fi WhatsApp keenyarraa ni argattu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. ARSENAAL SHAAMPIYOONAA TA'E

    Peep Gaardiyoolaa

    Madda suuraa, Getty Images

  2. Arsenaal chaampiyoonaa Piriimer Liigii ta'uusaa mirakneeffachuuf daqiiqaa 45 eeguu qaba

    Peep Gaardiyoolaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Tapha kanarratti Maanchistar Siitiin ga'umsa gaarii agarsiiseera jechuun hin danda'amu.

    Warri Bornimaz daqiiqaa 45 dhiibbaa tokko malee ofirraa bu'anii taphatan.

    Maanchistar Siitiin kubbaa qabatee taphachuu danda'us akka eegametti taphicha olaantummaan hin qabanne.

    Goolii Juuniyer Kiruupiin dugdi isaanii kan cite gareen Peep Gaariyoolaa boqonnaa booda hojii guddaatu irraa eegama.

  3. Bornimaz 1 Maanchistar Siitii 0- Dirreen Vaayitaalitii akkaan ho'eera

    Juuniyeer Kuruuppii

    Madda suuraa, Getty Images

    Bornimaz dirreesaarratti Maanchistar Siitii qaanesse. Siitiin morkii waancaa keessa turuuf tapha har'aa mo'achuun dirqama.

    Garuu amma kan dursaa jiru Bornimaz.

    Bornimaziif goolii kan galche taphataa umuriin isaa waggaa 19 Juuniyer Kiruupiidha. Taphataan kun yeroo darbes Arsenaal irratti galcheera.

    Kun ammoo Arsenaaliif oduu gammachiisaadha.

    Boqonnaa booda maaltu eegama?

  4. Kiristiyaanoo Roonaaldoo yeroo ja'affaaf Waancaa Addunyaarratti hirmaata

    Kiristaanoo Roonaaldoo taphattoota gameeyyii yeroo baayyee Waancaa Addunyaarratti hirmaatan keessaa shanaffaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Taphataa gameessi lammii Poorchugaal yeroo ammaa kilaba Sa'uudii Arabiyaa Al Naasiriif taphatu yeroo ja'affaaf Waancaa Addunyaa irratti biyyasaa bakka bu'a.

    Kanaanis seenaa kubbaa miillaa keessatti taphattoota Waancaa Addunyaarratti hirmaachuun rikardii qaban keessaa galeera.

    Taphataan umrii waggaa 41 taphoota intarnaashinaalaa irratti hirmaachuun dorgomaa hin qabne kun taphattoota ja'a yeroo shan Waancaa Addunyaarratti hirmaatan keessaa tokko ta'eera.

    Roonaaldoon taphoota intarnaashinaalaa 226 irratti hirmaachuun goolii 143 galcheera.

    Taphattoota ja'an yeroo shan Waancaa Addunyaa taphatan keessaa tokko La Liga keessatti morkataa Roonaaldoo kan ture Liyooneel Mesiidha.

    Innis akkuma Roonaaldoo yeroo ja'affaaf Waancaa Addunyaa bara kanaarratti hirmaachuuf jira.

    Liyoonel Mesii waggaa afur dura Qataaritti biyyisaa akka Waancaa Addunyaa injifatu gumaacha guddaa godhe.

    Yeroo shan badhaasa Ballon d'Or kan injifate Roonaaldoon, Amajjii 2023 irraa eegalee kilaba Sa'uudii Al Naasiriif taphataa jira.

  5. Gaardiyoolaan maaliif maallaqa onnachiistuu giphii (kiisii) isaa keessaa taphattootasaaf kaffale?

    Peep Gaardiyoolaan taphattootasaa waliin hariiroo gaarii qaba

    Madda suuraa, Getty Images

    Peep Gaardiyoolaan leenjisaa cimaa qofa miti. Amalli isaas akkaan jajama.

    Taphattootasaa waliin hariiroo gaarii qaba. Akka onnataniif ni jajjabeessa, maallaqa dabalatee.

    Kilabichi walitti aansuun yeroo afraffaaf waancaa Piriimer Liigii injifachuu sababeeffachuun bara 2024 taphattoota isaaf paawondii kuma 10 kenne.

    Kunis kiisii (giphii) isaa keessaati malee maallaqa kilabichaa miti.

    Kanaaf Gaardiyoolaan deemuun kan miidhaman deeggartoota qofa osoo hin taane taphattoonnillee waan kana dhabu.

  6. Himannaawwan 115 Maanchistar Siitiirratti banaman Gaardiyoolaan akkam godhee deema?

    Gaardiyoolaan Waancaa FA bara 2026 injifateera

    Madda suuraa, Getty Images

    Himannaawwan Maanchistar Siitiirratti banaman 115 irra-jireessi seera ittiin bulmaata baasii maallaqaa kilabichi bara 2009 fi 2018 gidduutti cabsee argameen walqabatu.

    Balleessaa kilabichi ittiin himatame kana Gaardiyoolaan quba qabaachuu wanti mul'isu hin jiru.

    Garuu Gaardiyoolaan bara 2016 irraa Siitii leenjisuu waan eegaleef barri kilabichi itti himatame waggaan lama yeroo turtii isaa waliin walirra bu'a.

    Himannaawwan Siitii irratti dhihaatan:

    • Odeeffannnoo baasii maallaqaa sirrii ta'ee fi iftoomina qabu dhiheessuu dhabuu. Kun odeeffannoo kaffaltii taphattootaa fi leenjistootaa kan ilaallatu yoo ta'u, himannaan kun bara taphaa 2009-10 hanga 2017-18tti waan jiru ilaallata.
    • Seera ittiin bulmaataa Waldaa Kubbaa Miillaa Awurooppaa (UEFA) maallaqa karaa haqa qabeessa ta'een fayyadamuurratti jiru (Financial Fair Play- FFP) cabsuu. Himannaan kun ammoo bara taphaa 2013-14 fi 2017-18 gidduu dhimma jiru ilaallata.
    • Kuun ammoo seera bu'a qabeessummaa fi itti fufiinsaa Piriimer Liigii (Premier League's Profitability and Sustainablity Rules- PSR) cabsuurratti himannaa dhihaatedha. Kunis bara taphaa 2015-16 fi 2017-18 gidduudha.

    Kana malees Maanchistar Siitiin balleessaawwan biroodhaanis himatamee garuu Muddee 2018 hanga Guraandhala 2023 qorannoo Piriimer Liigiin gaggeessaa ture tumsuu dideera.

    Gaardiyoolaan akka leenjisaa kilabichaatti adeemsa himannaa keessatti hin hammatamne.

    Ammoo himannaawwan kunneen bara inni leenjisaa kilabichaa ta'uun tajaajila dura qofa ta'uus afaan guutee dubbachuu hin dandeenye.

  7. Maallaqa Siitiin bara Gaardiyoolaa baase kan leenjistoota kaanii waliin birqabaan

    Gaardiyoolaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Gaardiyoolaan bara 2016 hanga 2026tti taphattoota hedduu mallatteessiseera. Maallaqa Paawondii miiliyoona 944.9 baase.

    Kaanitti bu'aa yoo argatu, gariin akka eegameef kan hin taanes turan.

    Leenjisaan Maanchistar Yunaayitid Sir Aleksi Fargusan bara 1986 hanga 2013 gidudutti paawondii miiliyoona 334 baase.

    Arseen Vingar bara 1996 hanga 2018 Arsenaal leenjisaa turetti paawondii miiliyoona 249 baase.

    Joosee Moorinihoo yeroo lama Chelsii leenjise. 2004-2007 fi 2013-15.

    Achii booda 2016-18 Maanchistar Yunaayitid leenjise, 2019-21 ammoo Tootanhaam leenjise.

    Marsaa lama Chelsii leenjisetti paawondii miiliyoona 274.9 baase. Maanchistar Yunaayitiditti paawondii miiliyoona 297, Tootanhaamitti paawondii miiliyoona 158.7 baase.

    Yargan Kilop bara 2015 hanga 2024 wayita Liiverpuul leenjisaa ture kilabichi paawondii miiliyoona369.5 jijjiirraa taphattootaaf baaseera.

  8. Waancaa mo'achuun nuuf mala- Deklaan Raayis

    Deklaan Raayis

    Madda suuraa, Getty Images

    Arsenaal akka baranaa Arteettaa jalatti waancaatti siqee hin beeku. Barnilee 1-0 kan mo'ate Arsenaal waggaa 22 booda waancaa Piriimer Liigii kaasuuf xiqqumatu isaan hafa.

    Arsenaal tapha isa hafe yoomo'uu baates Barnimooz Maanchister Siitii yoo mo'ate ykn qixa bahe Arsenaal shaampiyoonaa tahuu isaa mirkaneeffata.

    Waggoota sadii walitti aansun lammaffaan kan xumure Arsenaal barana sadarkaa tokkoffaa qabatee akka tureen waancaa kaasuuf jedha.

    Yoo har'a Maanchister Siitiin mo'ate garuu Arsenaal waancaa kaasuuf Kiristaal Paalaasin guyyaa xumura dorgommichaa torban dhufu mo'achuu qaba.

    Seenaa Piriimer Liigii keessatti guyyaa xumura dorgommicha akilebni tokkoffaa irra osoo jiruu waancaa dhabee beeku hin jiru. Kanaaf Arsenaaliin kan dhaabsisu hin jiru.

    Tahus haga ammaa waan beekame hin jiru.

    Isa irratti ammoo Peep Gaardiyoolaan Maan Siitii gadhiisuuf waan jedhuuf deeggartoonni Arsenaal barri nuuf dhufe jechaa jiru.

    Arsenaal akka waancaa hin mo'amme kan godhe cimina Gaardiyoolaa fi garee isaa ture.

  9. Maan Siitiin Eenzoo Maareshkaa bakka Gaardiyoolaa buusuuf waliigale

    Enzoo Mareskaa fi Peep Gaardiyoolaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Eenzoo Maareshkaa Peep Gaardiyoolaa bakka bu'uun leenjisaa Maan Siitii akka tahu himame.

    Tapha Astoon Viilaa waliin taphatan booda kilebicha gadhiisa kan jedhame Gaardiyoolaan kontiraata waggaa tokkoo qaba ture.

    Leenjisaan duraanii Cheelsii fi gargaaraa Gaardiyoolaa kan ture Maareshkaan kilebicha leenjisuu akka barbaadu himameera.

    Siitiin Gaardiyoolaa akka bahu waan beekuuf ji'oota jahaaf qophii gochaa akka ture himuun Maareshkaa waliinis mari'ataa turuu BBC Sport hubateera.

    Cheelsii waliin waancaa Kilab Woorild Kaappii fi Konfireensii Awurooppaa mo'ateera.

    Cheelsiin garee ol adeemtotaa fi muuxannoo hin qabneen akka Shaampiyoonsi Liigii keessa galu gargaareera.

    Akkaadaamii Maan Siitii keessa hojjechaa kan ture Maareshkaan Leester Siitii gara Piriimer Liigiitti guddiseera.

  10. Piriimer Liigii Ingilaand keessatti leenjistoota amma jiran keessaa kan yeroo dheeraa tajaajile eenyu?

    Mikeel Arteettaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Mikeel Arteettaa Muddee 22, 2019 irraa Arsenaal leenjisaa jira

    Peep Gaardiyoolaa osoo taphi Piriimer Liigii 2016-17 hin eegalin Adoolessa 1, 2016 irraa eegalee leenjisaa Maanchistar Siitii ture.

    Yeroon inni Siitii keessatti dabarse amma waggaa kudhaniif deema. Kun leenjisaa Piriimer Liigii yeroo dheeraaf tajaajile isa taasisa.

    Garuu ammaan booda kun jijjiiramuun waan hin oolle.

    Leenjistoonni yeroo dheeraaf tajaajilarra jiran kaan?

    • Mikeel Arteettaa (Arsenaal) Muddee 22, 2019 irraa hanga ammaa
    • Maarkoo Silvaa (Fuulhaam) Adooleesa 1, 2021 irraa hanga ammaa
    • Edii Haawu (Niwukasil) Sadaasa 8, 2022 irraa hanga ammaa
    • Unaayi Emirii (Aston Viilaa) Sadaasa 1, 2022 irraa hanga ammaa
    • Andoonii Iraawoolaa (Bornimaz) Waxabajjii 19, 2023 irraa hanga ammaa
    • Daani'eel Farkee (Leeds) Adoolessa 4, 2023 irraa hanga ammaa
  11. Mikeel Arteettaa fi Luwiis Enrikee dabalatee leenjistoota Gaardiyoolaa jalatti guddatan kunneen beektuu?

    Peep Gaardiyoolaa fi Luwiis Enrikee Barseloonaatti wajjin turan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ittisaan duraanii Maanchestar Siitii Joolewoon Leskoot Piriimer Liigii Ingilaand keessatti duudhaan Peep Gaardiyoolaa Siitii leenjisuun ol akka ta'e dubbate.

    Kubbaa miillaa keessatti bu'aan inni buuse kilaba tokkorratti kan daangeffame miti jedha.

    Leenjisaan lammii Ispeen kun jiruu kubbaa miillaa taphattootaa, leenjistootaa fi waliigalatti kubbaa keessatti dhiibbaan inni uume kan namoonni beekaniin oli.

    Taphattoonni, leenjistoonni fi waahillan dhiibbaa Gaardiyoolaan har'a addunyaa kubbaa miillaa keessatti milkaa'an hedduudha.

    Isaan keessaa muraasa yoo ilaalle:

    • Vinsent Kompanii dursaa taphattoota Maanchistar Siitii ture, amma leenjisaa jalqabaa Baayer Muunik yoo ta'u leenjisaa hojiisaan baayyee milkaa'edha
    • Sesk Faabrigaas bara Gaardiyoolaan leenjisaa ture Baarseloonaaf taphateera, erga 2024 Koomoo leenjisa
    • Mikeel Arteettaa leenjisaa jalqabaa Arsenaal ta'uu dura waggaa sadi gargaaraa leenjisaa ta'uun Gaardiyoolaa jalatti hojjeteera.
    • Zhaabii Aloonsoo amma Chelsii dhufaa kan jiru Baayer Muunikitti leenjisaa Peep Gaardiyoolaa jalatti taphateera. Booda kilaba Jarmanii (Bundasliigaa) fi kilaba Ispeen Riyaal Maadiriid leenjiseera.
    • Enzoo Mareskaa akkuma Arteettaa gargaaraa leenjisaa ta'uun Gaardiyoolaa jalatti hojjeteera. Boodarra leenjisaa jalqabaa ta'uun Lester Siitii fi Chelsii leenjiseera.
    • Luwiis Enrikee Barselonaatti wayita Peep Gaardiyoolaan guddatu bakkasaa bu'uun Barseloonaa B leenjiseera. Waliinis taphataa turan. Amma Enrikeen leenjisaa cimaa PSGti.
  12. Akkam ooltan?

    Tamsaasa kallattii kanaan tapha waancaaf murteessaa ta'e- Maanchistar Siitii fi Bornimaaz irratti xiyyeeffanna.

    Dursaan kilabichaa Arsenaal kaleessa kilaba liigicha keessaa buute Barnilee waliin taphachuun goolii 1 fi 0 dhaan injifatee waancaatti baayyee dhihaateera.

    Garuu taphi har'aa waancaa Piriimer Liigii bara kanaa murteessuu keessatti ga'ee olaanaa qaba.

    Leenjisaan Siitii Peep Gaardiyoolaanis dhuma bara taphaa kanatti gaggeeffama.

    Kilabichi bakkasaa Enzoo Mareskaa fiduuf. Kanneen irratti odeeffannoo jiran karaa kanaan isin biraan geenya.

    Nu hordofaa!