Dubartiin duuti itti murame qoricha ishee ajjeesuuf waraanamterraa haftee hospitaala galte

Madda suuraa, Tennessee Department of Corrections
Ameerikaa bulchiinsa Teenasii keessatti hidhamtee dubartiin duuti irratti murtaa'e Kiriistaa Paayiik qorichi ishee ajjeesu al lama kennamuufis onneen ishee rukuttaa waan dhaabuu dideef hospitaala geeffamteetti jedhan abbaan alangaa.
Yeroo ajjeechaan ishee raawwataa jirutti ''Kiristaan of wallaaltus onneenshee rukutaafi sagalee kurrufaa dhageessisaa waa turteefi...''abukaatoonshee iyyata hatattamaa galchuun adabbiin ajjeechaa kuni akka dhaabbatu godhan.
Abbootii alangaa keessaa tokko Kiriistaan dubartiin ganna 50 ''hospitaalatti wal'aansi lubbuu baraaruu taasifamaafi jira,'' jedhan. Kunis qorichi peentoobaarbiitaal lilmee lama kennameefi irraa hafuun booda dha.
Bulchiinsa Teenasiirraa hamma yoonaa waan dhagahame hin jiru. Kiriistaan ajjeechaa Kooliin SIleemeeriin balleessaa jedhamtee murtiin du'aa kan irratti darbe bara 1996tti ture.
Murtoo ajjeechaa kuni dhaabbata Riverbend Maximum Security Institution eegumsi guddaan taasifamuuf keessatti Roobii halkan sa'atii 2:00 ture kan taasifame.
Kiriistaan qorichi peentoobaarbitaal jedhamu dooziin lama isheef kennamuufi golgaan kutaa ragaa baatotaa al lama cufamuu Asooshiyeetid Pirees gabaaseera.
Miidiyaanillee gidduutti akka dhiisanii bahan gaafatamuus ejensichi himeera.

Madda suuraa, Family handout
Gareen ogeessota seeraa dubartii kanaa ''Teenasiin ammallee ajjeechaa seera qabeessa raawwachiisuu hin dandeenye,'' jechuun gaazexaa naannootti himan.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
''Kiriistaan ujummoo dhiigaa qaqallaafi dhiita'aa akka qabdu, qorichi itti nama ajjeesan sadarkaa isaa kan eeggate akka hin taane, ajjeechaan kuni yoo raawwatu rakkoon yoo uumame qorichi yeroo hatattamaa jiraachuu dhabuun dhimma adeemsa kana keessatti dhoksaan qabamu dha,'' jechuun yaaddoo ishee ibsaniiru.
Ogeessoti seeraa Kiriistaa qorichi ajjeechaaf kenname hojjechuu didnaan iyyata hatattamaa galchuun wal'aansa akka argattu godhan.
Daanyaan dhaddacha naannichaa Kiliiftoon L Koorkar eeyyama kennuun booda ''ogeeyyiin fayyaa bu'uuruma eeyymichaan wal'aansa kennuu jalqaban,''
Dr Jooweel Ziivoot Yunivarsiitii Fayyaa Imoorii hakiima yoo tahan ''Kiriistaan qorichi peentoobaarbitaal jedhamu akka irratti hojjetuufi onneenshee hojii akka dhaabuuf hamma dhiigaa gahaa hin qabdu ture,'' jedhan.
''Tahus yeroo yaaliin ishee kennamu waan harkifateef miidhama sammuu qabaachuu malti,'' jedhan Zivoot.
Adabbiin du'aa yeroof dhaddacha gad-aanuun harkifatee ture Dhaddacha Waliigalaa Ameerikaan akka raawwatu eeyyama argateera.
Haala kanaan manni murtii dubartiin kuni qorichaan akka ajjefamtuuf yeroo lammataaf murtoo kenne jechuu dha.
Daanyoti Dhaddacha Iyyataa US falmii Kiriitaadhaaf gama ogeeyyii seeraan kaafamu dhagahuuf jechuun adabbiin ajjeechaa yeroof akka dhaabbatu godhanii ture.
Abukaatowwan Kiriistaa bara 1996 yeroo duuti irratti muramu ijoollummaatti haleellaan saalaa akka irra gahaa ture gareeleen hawaasarraa walitti babba'aan murtoo kennuuf carraa hin arganne jedhan.
Bulchiinis Teenasii dubartiin kuni waggootaaf haleellaan saalaa isheerra gahuu sobdeetti jechuun falmaa ture.
Tahus akkaataa adabbii ishee irratti dhaddacha taa'amerratti bulchiinis Teenasii dubartiin kuni ijoollummaatti haleellaan saalaafi gudeeddiin irra gahuu amaneera.
Teenasii keessatti dubartiin duuti itti murame ishee qofa yoo taatu bulchiinsichi dhiifamni akka taasifamuuuf gaafannaan dideera.

Madda suuraa, J. Miles Carey/USA TODAY/Imagn Images via Reuters
Kiriistaan yeroo ganna 18 jaalalleeshee yeroosii kaampii dargaggoota gamsiisaniif leenjii kennutti walargite waliin tahuu Kooliin Silemar shamarree ganna 19 reebuufi daraaruun booda ajjeesuusheen duuti irratti murame.
Iyyata dhiifamaa keessatti Kiriistaan isa dhahuuf malee ajjeesuuf kaayyoo akka hin qabne ergasii garuu dhaabuu akka hin dandeenye himteetti.
''Yeroos ijoollee ganna 18 ture, waan ani raawwadhe hamaa tahuusaayyuu kanin hubadhe tureeni, ''jette. ''Gochaan koo jireenya nama baayyee akka miidhe yeroon yaadu yakka akkasii raawwachuuf humna qabaachuun koo na dhiba,'' jette.
Kiriistaan ajjeechaa kana raawwachuun dura Kooliin jaalalleeshee jalaa fudhachuuf yaaluufi ishee arrabsuu dubbatti.
Kaampii sana keessa namooti turan Kiriistaan waa'ee ajjeechaa kanaa dhaadachuufi akkatti ajjeeftu dubbachuun fakkii buqqee mataa Kiriistaa itti agarsiisuu raga bahaniiru.
Haati Kooleen Sliimeer ajjeechaan kuni raawwatu akka barbaaddu APtti himuun adaabbiinshee akka raawwatu waggootaa eegaa akka turte himteetti.
''Waa'ee ajjeechaa kanaa yeroon yaadu akkatti Kooliin of gargaaruuf dhama'aa turte ija koo dura adeema,''jechuun himteetti.
Bara 1976 as Dhaddachi Waliigalaa Ameerikaa keessatti dubartoota 18 qofatu adaabbiin du'aa irratti raawwate, kan dhiirotaa 1,663 dha. Kunis adabbii du'aa Ameerikaa keessatti raawwataman keessaa dhibbeentaa tokko jechuu dha.


























