Loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa seenuun lola banan jedhe mootummaan Naannoo Affaar

Madda suuraa, Reuters
Loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa seenuun TPLF waliin ta'uun lola banan jechuun Mootummaan Naannoo Affaar ibse.
Itti gaafatamaa Kominikeeshinii Naannoo Affaar kan ta'an Obbo Mohaammad Alii BBCtti akka himanitti, loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa seenuun lola bananiiru.
Loltoonni Ertiraa kun Naannoo Affaar keessatti TPLF waliin ta'uun humnoota mootummarratti lola banuu kan himan Obbo Mohaammad, loltoonnifi meeshaaleen waraanaa Ertiraa booja'amuus dubbatu.
Loltoonni Ertiraa daangaa seenuun kallattiin lola gaggeeffamaa jirurratti hirmaachuufi dhiisuu mootummaa federaalaa irraa ifatti hanga ammaa waanti ibsame hin jiru.
Ministiira Beeksisaa Ertiraa kan ta'an Yamaanaa Gabramasqal waa'ee loltoonnisaanii daangaa Itoophiyaa seenuun lola banuufi dhiisuu gaafatamanii "himannaa sobaa" ta'uu BBCtti himana.
"Mootummaan Badhaadhinaa walitti bu'iinsawwan heddu biyya keessatti gaggeeffamaa jiran gara dabarsuuf jecha mootummoota ollaa himachuun waanuma barameedha," jedhan qondaalli Ertiraa kun.
Ertiraan hidhattoota Itoophiyaa deeggarti kan jedhu irra deddeebiin qondaalota Itoophiyaarraa dhagahamee ture.
Haa ta'u garuu, Ministiirri Beeksisaa Ertiraa Yamaanaa Gabramasqal himannaa Itoophiyaarraa dhiyaatu balaaleffataniiru.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Bulchaan Naannoo Affaar Awwal Arbaa torban kana turtii Aljazeera waliin taasisaniin, waraanni Ertiraa naannoo Affaarirratti kallattiin haleellaa gaggeessaa akka jiru ibsan.
Itaamaajoorshuumiin Raayyaa Ittisa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa torbee darbe miidiyaa Raayyaa Ittisaa waliin turtii taasisaniin, "lolaa kan jirru kanneen fedhii humnoota alaa raawwaachuuf gurmaa'an waliini" jedhanii turan.
Dabaluunis, "Shaabiyaan [Ertiraa] fi TPLF deeggarsa Sudaan, Masiriifi humnoota biroon ala of danda'anii yoo gurmaa'aniyyuu gatii hin qaban. Gaafa qopha qophaatti gargar bahan ammoo tasumaa hiika hin qaban," jdhan.
Kaaba Itoophiyaatti waraanni irra deebiin kan ka'e, humnoonni hidhatan torba mootummaa Itoophiyaa aangoo irraa buusuuf wal-ta'iinsa tolfachuu ibsuun isaanii dhagahamee guyyoota muraasa boodadha.
Waraanni kaaba Itoophiyaatti bara 2020-2022 gaggeeffamerratti mootummaa federaalaa, Ertiraafi hidhattoota Amaaraa waliin ta'uun TPLF lolan.
Waliigaltee Piritooriyaa booda garuu hariiroon Itoophiyaafi Ertiraa gidduu jiru laaffachuun gara wal-gaarreffachuutti cehame. Waliigalteen Piritooriyaa mallattaa'ee heddu osoo hin turin TPLF ammoo Ertiraa waliin hariiroo tolfachuun dhagahame.
MM Abiy Itoophiyaan Ulaa Galaana Diimatti bahuu akka qabdu erga ibsanii booda ammoo hariiroon biyyoota lamaanii caalmatti hammaataa deemuutu himama.
Waraana Kaaba Itoophiyaatti irra deebin ka'een loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa seenuu mootummaan Naannoo Affaar ibsus Ertiraan haaltetti.
Itti gaafatamaan Kominikeeshinii naannichaa BBCtti akka himanitti, loltoonni Ertiraa daangaa cehuun magaalota Naannoo Affaar heddu keessatti TPLF waliin hiriiruun lola gaggeessaa jiru.
Yeroo ammaa raayyaan ittisa biyyaafi humnoonni nageenyaa naannichaa loltoota Ertiraafi humnoota TPLF lolaa akka jiran ibsan.
"Shaabiyaan daangaa Itoophiyaa seenee naannoo Affaara Abalaa, Magalee, Wasamanaafi Eriptii fa'aatti waraana banee jira," jechuun ajajoonni waraanaa Ertiraas daangaa Itoophiyaa seenuun adda waraanaa garaa garaatti argamuun ajaja kennaa akka jiranis himan.
Gamtaan Afrikaa tarkaanfii Ertiraa kana akka balaaleffatu kan gaafatan, itti gaafatamaan Kominikeeshinii naannoo Affaar, "Uummanni Affaarifi huumnoonni nageenyaa Affaar waraana kana qolachuuf mootummaa Shaabiyaa waliin lolatti jira," jechuun ibsan.
"Loltoonni booji'aman jiru, meeshaaleen waraanaa loltoota [Ertiraa] booji'ames jira," jechuun naannichi mootummaa federaalaa waliin ta'uun waraana irratti baname kana qolataa akka jiru himan.




























