KALLATTIIN, Ameerikaan jilli Iraan Niwu Yoork keessaa akka ba'u ajajje

Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo mariin jila Iraan waliin taasisan akka yaadanitti deemuu didnaan jilli kun yeroo kannameef dursee akka Niwu Yoork keessaa ba'u ajaja dabarse.

Guduunfaa

  • Ameerikaan akka jilli Iraan Niwu Yoork gadhiisee ba'u ajajje
  • Jilli Iraan ministira dhimma alaa biyyattii Abbaas Araagchiin durfamu kora UN irratti hirmaachuuf torban darbe gara Niwu Yoork kan imale yoo ta'u, Ulaa Hormuuz deebisanii banuu ilaalchisee Ameerikaa walin al-kallattiin marii taasisaa ture.
  • Paayilatiin qilleensarratti paayilatii biraa waraane xiyyaara kuffisuuf ture jedhe MM Netaaniyaahuu
  • Odeessaalee karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Namoota waraanaan qe'eerraa buqqa'an dabalatee siiviloonni hedduun walitti bu'iinsa kaabaan rakkoof saaxilamaniiru- UN

    Asxaa OCHA

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Waajjirri Gargaarsa Namoomaa Qindeessu (OCHA) kan damee Itoophiyaa waldhabdeen kaaba Itiyoophiyaa keessatti uumame lammiilee nagaa-kanneen kanaan dura sababa waraanaan buqqa’an dabalatee jiraattotni nagaa daran buqqa’aa jiraachuu ibseera.

    OCHAn ibsa isaa keessatti qaamoleen wal waraanaa jiran hundi nageenyaa fi qabeenya hojjettoota gargaarsaa akka mirkaneessan gaafateera.

    Gargaarsi lubbuu baraaruu giddu-seenummaa tokko malee akka ummata rakkoof saaxilamaniif akka dhihaatu haala mijeessuu akka qaban waamicha dhiyeesseera.

    OCHAn humnoonni hidhatan konkolaattota gargaarsa namoomaa yeroo adda addaa humnaan qabatanii turan hunda hatattamaan akka deebisan dhaameera.

    Qindeessaan jaarmiyaa kanaa Ozooniyaa Ojiiloo (Dr) ibsa isaanii keessatti, buqqaatii haaraa cinatti, lammiileen kanaan dura buqqa’an balaa nageenyaa hammaaaf saaxilamuun isaanii eegumsa lammiilee nagaa ilaalchisee yaaddoo guddaa akka uume hubachiisaniiru.

    Qondaalli kun itti dabaluudhaan hawaasni gargaarsa namoomaa naannolee miidhaman keessatti deeggarsa kennuu itti fufee osoo jiruu, haleellaa hojjettoota gargaarsaa, qabeenya, waajjiraalee fi bu’uuraalee siiviilii irratti raawwatamu ilaalchisee yaaddoon guddaan akka jiru ibsaniiru.

    Keessattuu waldhabdeen dhiheenya kana kutaa kaaba biyyattii keessatti hammaate ilaalchisee yaaddoon hammaachuu ibsan.

    OCHAn ibsa isaa keessatti yoo xiqqaate konkolaattonni gargaarsa namoomaa 10 gareewwan hidhataniin saamamuu isaanii kan gabaase yoo ta’u, hanga ammaatti kan argame lama qofa ta’uu ibseera.

    Qindeessaan kun hojjettoonni gargaarsaa fi qabeenyi seera namoomaa idil-addunyaa jalatti haleellaa irraa kan eegamu ta’uu fi gonkumaa irratti qiyyaafatamuu akka hin qabne cimsanii dubbataniiru.

    Qaamoleen hundi seeraa fi qajeeltoowwan idil-addunyaa akka kabajan, hojiiwwan gargaarsaa gufachiisuu irraa akka of qusatan, gargaarsi namoota gargaarsa barbaadaniif gufuu tokko malee akka geejjibsiifamu haala mijeessuun dirqama akka ta'e qondaalli kun waamicha dhiyeessaniiru.

  2. US jilli Iraan osoo yeroo kennameef dursuun akka Niwu Yoork keessaa ba'an ajajje

    Ministira dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii fi Ministira dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo

    Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo jilli Iraan yeroo karooraan qabameef dursee akka Ameerikaa keessaa akka ba'u ajajuu aanga'aan mootummaa Ameerikaa tokkoo fi maddeen dippiloomaasii miidiyaa waahila BBC ta'e CBS jedhamutti himan.

    Akka gabaasa miidiyaa kanaatti Maarkoo Ruubiyoo jilli Iraan akka dursee Niwu Yoork gadhiisee ba'u kan ajaje mariin teeknikaa aanga'oota biyyoota lamaanii gidduutti erga gaggeeffameeti.

    Jilli Iraan ministira dhimma alaa biyyattii Abbaas Araagchiin durfamu kora UN irratti hirmaachuuf torban darbe gara Niwu Yoork kan imale yoo ta'u, Ulaa Hormuuz deebisanii banuu ilaalchisee Ameerikaa walin al-kallattiin marii taasisaa ture.

    Abbaas Argaachii kanaan dura CBS waliin wayita turtii taasisan jilli isaanii KIbxata darbe Ameerikaa gadhiisee ba'uuf ture.

    Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan erga torbee darbe kora UN irratti haasaa taasisanii guyyaa itti aanu Niwu Yoork keessaa kan ba'an yoo ta'u, Abbaas Araagchii garuu akkaataa Ulaa Hormuuz deebisanii banuun danda'amuu fi waraana dhaabuu irratti marii al-kallattii Ameerikaa waliin gaggeessuuf achuma turan.

    Ameerikaan dippiloomaatota Iraan UN keessatti ramadamanii jiranii fi biyyashee keessa jiran hunda akka biyyattii gadhiisanii ba'an hin dirqamsiifne.

    UN ajaja Maarkoo Ruubiyoo booda Araagchii fi jilli Iraan kora waliigalaa irratti hirmaachuuf gara Niwu Yoork imalan ''hatattamaan'' akka ba'an itti himuu miidiyaan US Axios jedhamu gabaaseera.

    Miidiyaan AP jedhamu gamsaan aanga'oota Ameerikaa wabeeffachuun akka gabaasetti jilli Iraan kun ''yeroo kennameef dabarseera, akkasumas ammoo korri UN xumurameera. Kanaafuu gara biyyasaaniitti deebi'uu qabu,'' jedhamuu gabaaseera.

    Jilli Iraan Kibxatarraa eegalee imalli isaa gara Qataar, Dohaa taasiseera.

    Waayit Haawus dhimma Ulaa Hormuuz banuu irratti mariin Iraan waliin taasisan fooyya'iinsa ni agarsiisa jettee eegaa turtus, garuu dubbiin akka isaan eegan hin taane.

    Iraan Ulaa Hormuuz banuu ilaalchisee karoora dhiheessitee kan turte yoo ta'u, Pirezidant Tiraamp karoora kana akka hin fudhanne ibsee ture.

    Iraan garuu ejjennoon kun dhuguma kan Ameerikaa ta'uu deebii eegaa akka turte ibsiteetti.

    Gama kaaniin dhimma kana gidduu jaarsummaan kan jirtu Qataar ammas biyyoota kunneen gara mariitti fiduun waraanni kun akka dhaabbatuuf dhiibbaa uumaa jiraachuu ibsiteetti.

  3. Akkam jirtu?

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Iraan fi US al-kallattiin mari'ataa jiraatanis garuu mariinsaanii bu'aa buusaa hin jiru.

    Waan gidduu isaaniitti deemaa jiru akkasumas dhimmoota Baha Giddugaleessaa irratti xiyyeeffanna.

    Odeeffannoo biyya keessaa fi alaas qixeessinee isiniif dhiheessina.

    Tamsaasa kallattii armaan duraan odeeffannoo dhiheessaa turre asii argattu.

    Odeessaalee karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

    Bakka nagaa oolaa!