Paayilatiin qilleensarratti paayilatii biraa waraane xiyyaara kuffisuuf ture jedhe MM Netaaniyaahuu

Madda suuraa, EPA
Ministirri Muummee Israa'el Benjamiin Netaaniyaahuu ibsa miidiyaaleef kenneen Xiyyaara osoo gara Tel Aviiv balali'aa jiruu Paayilatiin tokko isa biraa albeen waraanuun xiyyaaricha kuffisuuf turee jedhe.
Paayilatiin gochicha raawwate to'atamee aanga'oota Saawudiin qoratamaa jira jedheera Netaaniyaahuun.
Haala kutaa teessoo Paayilatii keessa ture fi akkaataa miseensonni balalii kaan Paayilatii balaa geessisa to'atanii xiyyaara daandiitti deebisan ibseera. Warra xiyyaarichaa fi lubbuu namoota achi keessa turanii baraares galateeffateera.
Ministirri Ittisaa Israa'el Israa'el Kaatz ammoo wanti mudate ''haleellaa shororkaa Jihaadistootaatii jedhe.
Qorannoo hanga ammaa jiruun Paayileetichi xiyyaara kuffisuun imaltoota hunda galaafachuu kaayyeeffachuu agarsiisa jedhe.
Taateen sun yaalii shororkeessummaa Jihaadistootaati jechuun imaltoota Israa'el paayilatii balaa raawwatetti duulan jajeera.
















