Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ollaa jiraattoonni ishee irra caalaan Youtubarii itti ta'an kana beektuu?
Tuulsii ollaa biyya Indiyaatti argamtuudha. Jiraattoonni ganda kanaa irra jiraan YouTubarootadha.
Dargaggoon waggaa 32 Jaavii Varmaa jiraattoota keessaa tokkodha. Innis dubartoota uffannaa Hindiitiin bareedan viidiyoo waraaba.
Maanguddoon takkas dargaggoota jidduu taa'anii mul'atu. Shamarroota keessaa ammoo isheen takka miila maanguddoo tanaa qaqabdi.
Shamarreen biraa ammoo bishaan dhiyeessiti. Jaaviin hojiisaa hojjata. Dubartoonni inni viidiyoo isaan waraabus baayyee gammadoodha. YouTube gubbaatti viidiyoon isaanii jaalatamaafi jiru.
Jaaviin muuziiqaa Raajeesh Diiwaarim banuudhaan viidiyicha waraabu itti fufeera.
Irra jiraan dubartoota ollaa kanaan wal fakkaatu. Jiraattoonni mukeen dheedheeroo jalatti walitti qabamu.
Moggaasni masoo 'Ollaa YouTube' jedhus kennameefiira.
Ollaa tana keessa jiraattoota gara 4,000 ta'aniitu jiraata. Isaan keessaa kanneen 1,000 ta'an kallattiinis ta'e al kallattiidhaan hojii YouTube'n wal qabatu hojjatu.
Ollaa kana keessatti nama viidiyoo hin waraabamiin argachuun hin danda'amu.
Galii YouTube irraa argamuun diinagdeen ollaa tanaa guddateera. Ollaa sana keessatti wal qixxummaan akka jiraatu fi jijjiramni hawaasummaa akka dhufuuf gargaareera.
Kanneen galii garii argataa jiran keessaa dubartoonni kanneen kana dura hojii argachu hin dandeenyi ni argamu.
YouTube waggaa 20 lakkoofsiisee ji'aan namoonni biiliyoona 2'5 ni fayyadamu.
Indiyaan biyyoota YouTube baayyinaan fayyadaman keessaayi. Appiin kunis kan haala qabiyyeen onlaayinii itti fayyadamamu kan jijjireedha. Kanaaf agarsiiftuun ammoo, ollaa Tulsiiti.
Qonnaan bulaan ganna 49 Natiraam Yaadivi, ''dargaggoonni akka barsiifataa fi yakka miidhoo ta'an irraa of qusatan kan taasise YouTube'dha. Ollaa guutuun waan hojjataniitti ni boona'' jedhu.
Waraaqsi miidiyaa hawaasaa ollaa kanaa kan eegale bara 2018tti ture. Waahillan Varmaa fi Gaayindiraa jedhaman YouTube banatan. ''Kaayyoonsaanii ogummaa umamaasaanii cimfachuuf ture'' jedhu.
Guyyaa jaalaleewwaniitti gareen leelliiftoota 'Right India' jaalalleewwan irratti yoo miidhaa qaqabsiisan viidiyoo agarsiisuu gadiisuudhaan beekkamtii argatan.
Viidiyichis kan qeequmsaa hawaasuumaa of keessaa qabu ture.
''Vidiyichis kan nama bashanannisiisaa ergaa dabarsu'' ture jetti Varmaan.
YouTube isaanis hordoftoota kuma 10n lakkaa'aman horate. Baatii tokko keessattis kanneen isaan ilaalan (subscribers) 125,000 ol argate.
Viidiyoowwan waliigalatti namoota miiliyoona 260n ilaalaman.
Ji'aan galii doolaara 346 (ruupopii kuma 30) argachuu wayita eegalaniitti YouTube hojiisaanii ijoo godhatan.
Vaarmaan viidiyoo isheetiin namoota fiilmii hojjatan waliin wal bartee hanga ammaatti filmiiwwan torba keessatti hirmaattee jirti.
Jiraattuun ollaa Tuulisii kan biraa Adiitiyaa Baagl, viidiyoowwan Shuklaa fi Varmaatiin kaka'uudhaan kan YouTube eegale. Waggaa tokkottis hordoftoota kuma 20 argateera.
Achiinsi Varmaan barreessaa fi qopheessummaan isa mindeessite. Isaa waliin hojjachuus itti fufte.
YouTubariin gara biraa dargaggeessa umuriin waggaa 38 kan ta'e Maanooj Taadiividha. Ijoolluummaadhaan ture kan gara taatummaatti gale.
Erga YouTube irratti taatoo isaa agarsiiseen booda naannichatti hojii siinimaa bekamaa ta'etti hojii argateera.
''Kana hunda kanan argadhe karaa YouTube'ti. Miirakoo ibsachuuf jechatu na hanqata'' jedha.
Karaa YouTube'n dubartoonni ollaa Tulsii dameewwan hojii hedduu keessatti hrimaataniiru.
Bulchituun ollaa sanaa duraanii, Diraawupdii Viinshuu, jijjirama ollaa sanaatiin YouTube gahe olaanaa bahu dubbatti.
Ilaalcha hawaasa Hindii jijjiruudhaaf gaheen YouTube xiqqaa hin turre. Loogiiwwan hambiisuudhaaf, miidhaa mana keessaa ittisuudhaa fi ilaalcha saalaa irratti bu'urreeffatan balleessuudhaaf YouTube fayyadamauun baramaa dhufeera.
''Rakkoon sababii ilaalacha saala bu'urreeffataniin dubartoota mudatan hedduudha. Viidiyoowwan ilaalcha kanneen jijjruudhaaf bu'aa irra oolaa jiru'' jetti bulchiituun ollaa kanaa duraanii.
Dhiheenya kanas maanguddoon waggaa 61 fi bulchituun ollaa sanaa duraanii dhimma Youtubarii ilaalchisee viidiyoo tokko hojjatteeti.
''Dubartoonni kabajamu akka qaban viidiyoo sanaan agarsiifteetti. Waa'ee wal qixxummaa viidiyicha keessatti dubbadhe'' jechuun waa'ee viidiyoo sanaa ibsiti.
Raahul Varmaa YouTubara ollaa kanaa kan biraati. Dargaggoon waggaa 28 kunis oggeessa suuraa ture. Jiraattoota ollaa isaarraa ture kan waa'e YouTube barate.
''Jalqabarratti haadhooliifi obboleeyyan kee nu gargaaru turan. Amma YouTube mataasaanii banataniiru. Waan akka kanaatu uumama jedhee kan eegee hin turre'' jedha.
Ilmi adaadaa isaa kan waggaa 15 tokkos YouTube eegaleera. ''Jiraattoonni ollaa kanaan bizinasa olaanaa kan hojjatan YouTube'n'' jedha.
Indiyaan bara 2020tti osoo TikTok'n hin guddatiin dura keessattuu tibba weerara koronaavaayirasiitti, viidiyoowwan ollaa mara keessatti hojjataman dabalee ture.
Indiyaatti gahee miidiyaan hawaasaaqabu kan qorattu Shiriiraam Vantiraamaa akka jettuutti, jalqaba irratti dameen olaantummaa dhiiraatiin qabamee ture amma hirmaannaan dubartootaa keessatti dabalaa jira.
''Jijjiramni dhufaa jira. Tokko tokkoos karaa YouTube'n mi'eessituu, zayitaa fi oomishaale kaan gurguratu'' jetti.
Dubartiin umuriin waggaa 56 Raamaakiilii Varmaamaallaqa argachuun alatti ogummaa ishee guddifachuutti baayyee gammaddee jirti.
Dubartii ijoolleeshee fi haadha warraa ijoollee ishee jajabeessitu ta'udhaan taatoo hojjatti.
''Dubartoonni akka barataniifi akka milkaa'aniif duulan gaggeessa. Ani abjuukoo yoo milkeesse shabarran kaan itti fufu. Dubartoonni abjusaanii galmaan gahuudhaaf yeroo hojjatan arguun gammachu olaanaa naaf kenna'' jetti.