Kantiibaan Finfinnee ummanni madda aangoosaa kan ta'e sagaleesaa qisaasessuu hin qabu jedhan

Madda suuraa, EBC
Filannoo Biyyaalessaa marsaa 7ffaa Itoophiyaatti gaggeefamaa jiru keessaa bakka dorgomtonni hedduun jiraniifi dorgommii cimaan itti taasafama jedhamee egamu keessaa tokko magaalaa Finfinneeti.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Naannoo Filannoo Nifaas Silki Laaftoo Buufata Filannoo Jeneraal Jaagamaa Keellootti argamuun sagalee isaanii kennaniiru.
Addee Adaanech mootummaa uummataan filatame ijaaruuf filannoon gahee murteessaa qabu adeemsifamaa jiraachuu himan.
''Akkuma argitan adeemsi filannoo haala baayyee dimokiraatawaa, bilisaa fi iftoomina qabuun gaggeeffamaa jira, akkuma isin gabaasaa turtan'' jechuun miidiyaaletti himan.
Magaalaa Finfinneetti filattoonni ganamarraa eegalee buufataalee filannoo duratti hiriira dheeraa hiriiruun mul'ataa jira.
''Ummanni mirga mootummaa isa bulchu filachuu qabu fayyadamaa jira. Namuu dhiibbaa irraa bilisa ta'ee sagalee isaa kennaa jira. Sababni isaa ummanni keenyaa mootummaa hundeessuuf maddi aangoo inni guddaan sagalee isaa akka ta'e amana,'' jedhan.
Addee Adaanach, filannoon kun mul'ata Itoophiyaa nageenya waaraa, misoomaa fi badhaadhina fiduuf tarkaanfii murteessaa ta'uu eeran
'Maddi aangoo sagalee ummataa ta'uu qaba'

Madda suuraa, EBC
Mootummaa ijaaruuf maddi aangoo inni guddaan uummata waan ta'eef lammiileen hundi mirga isaanii kana sirnaan akka fayyadamanillee waamicha dhiheessan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Filannoo kana irratti hirmaachuun mirga ummataati. Ummanni mirga kana haala sirrii ta'een itti fayyadamuu danda'uu qaba. Hogganaan isaan filatan isaan hoogganuu qaba,'' jedhan.
Addee Adaanach ummanni Itoophiyaa maddi aangoo sagalee isaanii ta'uu fi sagalee isaan kennaniin ala eenyullee gara aangootti dhufuu akka hin qabne ni amanu jechuun ibsan. Itoophiyaa keessatti maddi aangoo sagalee ummataa ta'uu qaba jedhan.
Kantiibaan magaalaa Finfinnee dubbii taasisaniin, kaardii sagalee kennuu qisaasamuu akka hin qabnes hubachiisaniiru.
"Kaardiin filannoo mirga mootummaa filachuuti. Mirga kanatti fayyadamuun uummanni keenya aadaa isaa, nageenya isaa, misooma isaa fi gaaffii isaa mootummaa filate irraa gaafachuu danda'a. Kanaaf, sagaleen tokkollee akka hin qisaasofne jechuun barbaada."
''Mootummaa ofii hundeeffate gaaffii qabu tokko, lama, sadii, afur jedhee akka gaafachuu danda'a. Kun sagalee filannoo kooti, kan teessoo isiniif kennee nu'i jedhee gaafachuuf mirga guutuu qabu har'a murtoo isaa akka murteessu yaadachiisuun barbaada jedhan.
Addee Adanech lammiileen yeroo filannoo hafe keessatti nagaa fi tasgabbiin mirga isaanii akka fayyadaman dhaamaniiru
Magaalaa Finfinnee keessatti buufataalee filannoo hedduutti lammiileen ganama irraa eegalee hiriira dheeraa hiriiruun sagalee isaanii kennaa jiru.
Waggoota muraasaa as magaalaa Finfinnee keessatti bu'uura irraa jijjiiramni qabatamaa kanneen akka bu'uuraalee misoomaa, misooma koriidariifi lageenii dabalatee mul'achaa jiraatullee, kanneen maqaa misoomaan buqqa'uu komii dhageessisanis jiru.
Aadde Adaanech turtii addatti BBC waliin dhiyeenya taasisaniin komii ummanni kaasuufi misooma hunda-galeessa magaalattiitti mul'achaa jiru ibsaniiru.
Filannoo kanaan wal qabsiisee jaarmiyaan mirgoota namoomaa idil-addunyaa Aministii Internaashinaal aanga'oonni mootummaa Itoophiyaa tibba filannoo kana keessa "ukkaamsaa" sabaa-himaaleerratti cimsanii itti fufaniiru jedhu akka dhaabaniif ibsa baasuun gaafateera.












