Itoophiyaan filannoo gaggeessaa jirti, garuu kan filatu hunda miti

Madda suuraa, AFP
Itoophiyaan mootummaa waggaa shanan itti aanu biyyattii bulchu filachuuf Wixata kana filannoo waliigalaa geggeessiti.
Haa ta'u malee, sabaab walitti bu'iinsi mootummaa fi gareewwan hidhatan gidduutti iddoo hedduutti itti fufee jiruun namoonni hedduun sagalee isaanii kennuu akka hin dandeenye taasiseera.
Naannoon kaabaa Itoophiyaa Tigraay guutuun kan waraana hamaa bara 2022 xumurame irraa dandamachuuf yaalii gochaa jirtu guutumatti filannoo kanaan ala taaterti.
Erga bara 1991 sirni waraanaa kufee filannoon bara kanaa marsaa kan marsaa torbaffaati.
Filannoo Itoophiyaa kana irratti miidiyaaleen hedduun akka uwwisa hin kennine kan dhorkaman yoo ta'u, BBC dabalatee dhaabbileen miidiyaa hedduuf hayyamni hin kennamne.
Eenyutu injifata?
Ministirri Muummee Abiy Ahimad mootummaa itti aanu ta'uun biyyatti geggeessuuf carraa guddaa qaba jedhamee eegama. Haa ta'u malee, uummanni kallattiin isaan hin filatu.
Uummanni bakka bu'oota isaanii Paarlaamaa miseensota 547 qabuuf filatu. Paartiin yoo xiqqaate teessoo 274 argate mootummaa ijaaree biyyattii waggaa shanan itti aananiif bulcha.
MM Abiy Ahimad kan ganna 49, bara 2018 mormii ummataa bal'aa booda gara aangotti dhufan.
Sana dura mootummaa Itoophiyaa waggoota hedduuf 1991 irraa eegalee biyyattii bulcha mootummaa ADWUI jedhamu fi kan gareen qondaaltota Tigraayii olaantummaa keessatti qabaniin geggeeffamaa ture.
Abiy aangoo erga qabatee booda ADWUI diigee Paartii Badhaadhinaa (Prosperity Party) hundeesse.
Abiy wayita gara aangotti dhufu mootummaa dimokiraasii fi bilisummaa miidiyaa jajjabeessu jedhamuun jajamaa ture.
Namoota Siyaasaa fi gaazexeessitoota dhibbaan lakkaa'aman mana hidhaatii gadhiifamuu fi Eertiraa waliin walitti bu'iins waggoota 20 oliif ture xumuruun bara 2019 Badhaasa Noobeelii Nagaa argatan.
Waggaa muraasa booda garuu haalli kun adeemsa keessa jijjiiramaa deeme.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Mormitoonni maal jedhu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Piroofeesar Mereraa Gudinaa, kan waggoota dheeraaf mootummaa mormuu fi siyaasaa Itoophiyaa keessatti beekamaan akkasumas miseensa Kongirasii Federaalistii Oromoo (OFC), ta'an filannoo kun seenaa dhihoo Itoophiyaa keessatti filannoo dorgommii xiqqaa qabu ta'uu isaa BBC'tti himan.
Akkasumalee mormitoonni hedduun mootummaan biyya bulchaa jiruu, yaada isa mormu ukkaamsaa jira jechuun himatu.
Namoonni siyaasaa fi gaazexeessitoonni hedduun hidhamuu ykn biyya isaanii keessaa baqachuu dirqamaniirus jedhu.
Bulchiinsa Mootummaa Abiya jalatti bara 2020 keessa waraanni mootummaa Federaalaa fi mootummaa naannoo Tigraay gidduutti waggaa lamaaf gaggeefame.
Akka koreen araaraa Gamtaa Afrikaatiin hogganamu tilmaametti waraanni sun namoota kuma 600 ol galaafateera, Tigraay immoo beela hamaaf saaxileera.
Dhaabbanni mirga gaazexeessitootaa Addunyaa (Reporters Without Borders) akka ibsetti, bara 2025 Itoophiyaan bilisummaa miidiyaa irratti biyyoota 180 keessaa sadarkaa 148ffaa irratti argamti.
Dhaabbanni mirga namoomaa Human Rights Watch gabaasa Fulbaana 2025 keessatti mootummaa Itoophiyaa gaazexeessitootaa fi ogeessota miidiyaa seeraan alaa hidhuu balaaleffate.
Mootummaa gaazexeessitoota walaba irratti dhiibbaa geessisaa jiru akka dhaabus waamicha dhiheessee ture.
Baatii Guraandhala 2026 keessa erga mootummaa hayyama hojii gaazexeessitoota Reuters sadii haqee booda, Dhabbanni Mirga Gaazexeessitootaaf falmu CPJ'n mootummaa Itoophiyaa keessatti miidiyaalee idil-addunyaa fi walaba irratti tarkaanfiin ukkaamsaa adeemaa jiru "yaaddessaa" jechuun ibse.
Deeggartoonni Abiy maal jedhu?
Deeggartoonni Muummicha Ministeeraa biyyattiin yeroo mootummaa isaanii kana keessatti guddinaajaa'ibsiisa argite jedhu.
Magaalaan Finfinnee hojii mootummaa isaanii kan misooma Koriidarii fi qarqara laggeenin hedduu haarofamtetti. Bakkeewwan bashannanaa fi tajaajilooti mootummaa hedduun haaromfamuullee himu
Akka tilmaama Baankii Addunyaatti, Itoophiyaan biyya dinagdeen ishee saffisaan guddachaa jiru keessaa tokko dha.
Rifoormii dinagdee mootummaa isaanii jalatti taasifamaa jiruuf deeggarsa Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa irraa argataniiru. Garuu deeggarsi kun Itoophiyaan gabaa jijjiirraa sharafa alaa bilisa gochuu fi liqii biyyattii to'achuu qabdi jedhu irratti hundaa'eti
Akka Baankii Addunyaatti, liqiin mootummaa Itoophiyaa bara 2024 keessa doolaara biliyoona 36.5 gaheera.
Itoophiyaan uummata miliyoona 135.9 ol qabdi. Kanaaf Afrikaa keessatti Naayijeeriyaa booda biyya uummanni baay'een keessa jiraatu keessaa lammaffaa dha.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Yaaddoo nageenyaa
Naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti mootummaa fi gareewwan mootummaa morman gidduutti walitti bu'iinsi itti fufeera.
Gareen milishaa Faannoo naannoo Amaaraa keessatti fi Waraanni Bilisummaa Oromoo (OLA) naannoo Oromiyaa keessatti mootummaa waliin waraana taasisaniin lammiilee nagaa kumaatamaan lakkaa'aman ajjeefamuu fi kanneen kuma dhibbaan lakkaa'aman qe'ee isaanii irraa buqqa'uuf dirqamaniiru.
Akka dhaabbatni walitti bu'iinsa hordofu ACLEDtti, bara 2024 keessa sababa walitti bu'iinsa kanaan Itoophiyaa keessatti namoonni 9,400 ol ajjeefamaniiru.
Rakkoon nageenyaa kun jiraatus, mootummaan Itoophiyaa naannolee Amaaraa fi Oromiyaa keessaatti 97% filannoo gaggeessuuf qophaa'uu ibseera.
Garuu Gamtaan mormitootaa akka qaama tokkummaatti filannoo dorgomuuf ijaarame 'Coalition for Ethiopian Unity' jedhamu kana ni morma.
Barreessituun gamtichaa Misxirasillaasee Taamrat haalli naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti duula filannoo gaggeessuu fis ta'ee filannoo gaggeessuf miijatu akka hin jirre himan.
Dhaabbata International Crisis Group (ICG) keessatti ogeessi gaanfa Afrikaa Maagnus Teeylar, namoonni meeqa sagalee isaanii kennuu akka danda'an hordofuun barbaachisaa ta'aa jedhu.
"MM Abiy irra deebiin akka filataman ofitti amanamummaa ni qabu. Kun ammoo dhimmoonni nageenya dhabuu keessoo adda addaa, finciltoonni fi balaan waraana haaraa kaaba Itoophiyaa jiraachuun wantoonni lamaan yeroo tokkotti jiraachuu danda'u," jechuun BBC'tti himan.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Tigraay keessatti maal ta'aa jira?
Tigraayi ummata miliyoona jahatti tilmaamamu kan qabdu yoo ta'u, walii galtee nagaa baatii Sadaasa bara 2022 magaalaa guddoo Afrikaa Kibbaa Piritooriyaa keessatti mootummaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) gidduutti mallattaa'e hordofuun bulchiinsa yerootiin bulfamaa turte.
Garuu jalqaba baatii kanaa TPLF - Abiy marii malee hogganaa bulchiinsaa irra deebi'ee muude jechuun kufaa gochuun Debretsion Gebremichael aangoo akka fudhatu taasifame.
Sababa kanaan yaaddoon waldhabdee cimeera. Waggoota darbe keessa waldhibdeen TPLF fi Mootummaa federaalaa gidduutti akka ka'u agarsiisan haalaan hammaataa dhufeera.
Waliigaltee dhabuun guddaan tokko TPLF akka paartii haaraatti galmaa'uu barbaachisa moo hin barbaachisu kan jedhu ture. Boordiin filannoo TPLF hanga akka haaratti paartii seera qabeessa ta'ee hin galmoofnetti dhorkamee jira jedhe.
Kana malees TPLF mootummaa federaalaa walii galtee Pretoriyaa guutuu hin raawwanne jechuun himata.
Hariiroon Itoophiyaa fi Ertiraa gidduus yeroo ammaa rakkoo keessa jira. Sababni guddaan Itoophiyaan Ulaa galaana Diimaa argachuuf carraaqqii gootudha.
Ummanni maal eega?
Komishiniin Filannoo Biyyaalessaa akka ibsetti namoonni miliyoona 50.5 ol sagalee kennuuf galmaa'aniiru.
Dargaggoonni fi filattootni biroos , waldhabdeen siyaasaa jiraatus filannoon kun tasgabbii fi nageenya akka fidu abdatu.
"Bu'aan filannoo gaarii yoo ta'uu baate, jireenya koo guyyaa guyyaa diinagdee fi siyaasaa irratti dhiibbaa qaba jedheen yaada. Yoo tasgabbii dhabuun uumame barnoota koo itti fufuu dadhabuu waanan danda'uuf, socho'uun natti ulfaachuu danda'a," jechuun jiraattuun magaalaa Finfinnee Fenet Darajjee jedhamtu BBC'tti himte.
Filannoo biyyalessaa bara 2021 keessa gaggeefameen Paartiin Badhaadhinaa injifannoo guddaa galmeessee ture.














