Qophii ummanni keenya sirna ofii ijaarrachuuf qabu adda -MM Abiy

Madda suuraa, EBC
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Filannoo Biyyaalessaa marsaa 7ffaa irratti sagalee isaanii Oromiyaa, godina Jimmaa, bakka dhaloota isaanii Bashaashaa, buufata filannoo Harootti sagalee kennan
MM Abiy akka sagalee isaanii kennaniin hirmaannaan ummataa filannoo kanarratti agarsiisaa jiru akkaan dinqisiifataniiru.
Adeemsa dimokiraasii biyyattiin ijaaraa jirtu gufachuusuuf yaaliin gara garaa taasifamus, ummanni Itoophiyaa ololaaf osoo gurra hin kenniin sagalee isaa kennaa jira jedhan.
MM Abiy Ahimad filannoon baranaa kun akka karoora warra seenaa keessatti diinota Itoophiyaafi bitamtoota isaaniitiif nagaan hin gaggeeffamu ture jechuun, kutannoon ummata Itoophiyaa agarsiisaan milka'aaa jiraachuu himan.
"Filannoon bara kanaa hala amma argaa jirru kanaan naga-qabeessa ta'ee akka hin gaggeeffamne kan barbaadan seenaa keessatti diinonni Itoophiyaa, humnoota bitatan bitachuun bal'inaan bobbaasaniiru. Piroppogaandaa hojjetaniiru. Itoophiyaa keessatti filannoo dimokiraatawaa gaggeessuun hin danda'amu amantaa jedhu akka qabannu yaalii taasisaniiru. Ummanni Toophiyaa garuu duriyyu akkuma godhu yeroo baayyee murteessaa ta'eefi mudannoon jirutti miira gootummaa guddaa agarsiisuun ganmarraa kaasee karaan irra dhufe kana ummanni hiriiraan bahee filannoo gaggeessaa jira."
"Hawasi bal'a biyya keenyaa sirna ofii ijaarrachuuf fedhiifi kaka'umsi qabu adda.
"Sirna ijaarrachuun adeemsa waan ta'eef, jalqabiin har'a ummatarratti argaa jirru kun sirna ijaaruuf bu'uura jedhan."
Ummanni keenya galeefii jira, maal akka godhu ni beeka. Ololli diinaa soba, nu qooduuf ijibbaatus hin milkoofne. Kaleessaafi har'a Jimman ture biyya baayyee nagaadha, bareedaadha," jechuun dubbatan MM Abiy
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministirri Muummee Abiy haasaa sagalee isaanii Bashaashaatti kennaniin booda taasisan kanaan, filannoo kanaan imaanaa ummanni warra fialatamanitti kennu baayyee cimaa ta'uu kaasan.
Akka isaan jedhanitti amma yaaddoon warra fialatan osoo hin taane, kan warra filatamaniitis jedhan.
"Kan filate caalaa, kan filatame osoo dhimmee irratti yaadee gaariidha. Kan na yaaddessu har'a warra filatu osoo hin taane warra filatamanidha.''
Harka qulqulluun, amanamanii, of kennuun akkamitti ummata isaan amane kana tajaajilu danda'u isa jedhu amma kan warra filatamaniif yaaddoo ta'uu qabu."
Waggaan shan itti aanan kan kanaan dura dadhabne caalaa dadhabuu gaafata kan jedhan MM Abiy, Itoophiyaa naannicha keessatti biyya adda duree taate arguuf hojii cimaa akka barbaachisu jala muruun dubbatan.
"Kanaaf qophii ta'uun nu yaaddessa, anaan na yaaddessa, kanaaf kana hubatanii warri fialataman itti of qopheessuu qabu."
Biyya jabduu taate ni ijaarra kan jedhan MM Abiy, "Kan mo'atan amanamummaan akka hojjetan, warri mo'aman ammoo akka kabajaan fudhatan nan gaaffadha," jechuun dhaaman.
"Haa jabaannu, haa cimnu. Jalqabiidha malee hojii baayyetu nu eeggata."
Waggaan shanan darban ni danda'ama kan jedhu yaalii bakkaa bakkaatti agarsiifne malee, ammallee jijjiirama barbaachisu biyyattii naannicha adda duraa akka taatu gochuuf hojii guddaan akka isaan eeggatus kaasan.
Fakkeenyaaf, Bashaashaa, Aggaaroo, akkasumas Jimma jijjiiramni ni jira garuu jalqabbiidhe malee gahaa miti.

Madda suuraa, EBC
Gaanfa/Baha Afrikaa keessatti Keeniyaa, Jibutiin ala gara shaakala dimokiraasiitti hin galiin jira jechuun, filannoon kun Gaanfa Afrikaa keessatti shaakala dimokiraasiif akka gargaarus eereera.
Nageenya ilaalchisuun gaaffii kan gaafatame MM. Abiy, filannoon osoo jiruu nagaan akka hin jiraanne gochuun ykn wal ajjeesuun barbaachisaa mitis jedhan.
"Haalli filannoo akkasii yeroo jirutti, ummanni fedhii isaatiin waan barbaadu filachuu osoo danda'uu, wal ajjeesuun barbaachisaa akka hin taane ibsuun, nageenyi barbaachisummaan isa akkaan guddaa ta'uus dubbatan.
Rakkoo nageenyaa furuuf murtee walqixa barbaada kan jedhan dursaan Paartii Badhaadhinaa MM Abiy, murteen nagaa fiduu qaama hunda akka ilaallatu dubbatan.
Kanaan dura biyyattii keessatti nagaa waaraa buusuuf tarkaanfii fudhatan kan yaadatan MM Abiy, "Isa hidhame hiikuu, isa baqate deebisuun, dhiifama gochuun, akkasumas obsaa agarsiisuun harka ballisnee simachuun hojiin hojjetame salphaa miti," jedhan.
Haata'u malee, kana akka dadhabinsaatti, ykn akka sodaatti yeroo ilaalametti jiraachuu ibsuun, nagaan gama mootummaa qofaan ilaalamuu hin qabus jedhaniiru.
Boombii biyya kamirraayyu ergame baatanii magaalaa keessa kan deemanii darbataniifi dhoosanii obbolaan isaa ajjeesaa jiran dhaabbatanii of ilaaluu akka qabanillee hubachiisaniiru.
Gochi akka kanaa hojii baandaati kan jedhan MM Abiy, kun furmaata argachuu akka qabu cimsanii gaafataniiru.
Karaa gocha humnaafi balleessaan deemuu dhiisuun, rakkoo waliin dubbachuun furachuun baratamuu qaba jechuun nagaa buusuun yeroo hundaa hojii isaanii ta'uu dubbataniiru.













