Haala fayyaa Tiraamp ilaalchisee, waanti hakima isaarraa dhaga'ame maali?

Qorannaan fayyaa Doonaald Tiraamp yeroo dhiyootti raawwatame guyyaa dhaloota isaanii waggaa 80ffaa torban muraasa dura ture

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Qorannaan fayyaa Doonaald Tiraamp yeroo dhiyootti raawwatame guyyaa dhaloota isaanii waggaa 80ffaa torban muraasa dura ture
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Doktariin Pirezidaantii Ameerikaa Donald Trump qorannoo fayyaa waggaa waggaatiin taasifame booda haala fayyaa isaa irratti ibsa kennaniiru.

Ibsa Haayit Haawusin bahe keessatti Kaappiteen Seen Baarbaabellaa Trump, kan ji'a dhufu waggaa 80 guutu, qorannoon onnee, sombaa, narvii fi qaamaa waliigalaa taasifamufi haalaa fayyaa gaarii irratti akka argaman beeksise.

Garuu ulfaatina qaamaa hir'isuu fi sochii qaamaa dabalataa gochuu qabu jedha hakiimni isaanii kun.

Barbeellaan ulfaatina Tiraamp fi madaa harka isaanii irratti mul'ate irratti kan dubbatan yoo ta'u, ''hojii Ajajaa Olaanaa fi Hogganaa Biyyattii hunda raawwachuuf guutummaatti ga'umsa qaba'' jedhan.

Trump Kibxata darbe Hospitaala Waraanaa Biyyaalessaa Walter Reed dhaquun qorannoo fayyaa taasisan. Sana booda marsariitii isaa 'Truth Social' irratti, "waan hunda sirriitti qorameera" jechuun barreessan.

Kun erga bara darbe Mana Adii deebi'ee aangoo qabatee as qorannoo fayyaa isaa yeroo sadaffaa ta'eedha.

Trump, nama mootummaa Ameerikaa keessatti umriin isaa guddaan pirezidaantii ta'ee muudame, qorannoo yaadannoo fi hojii sammuu madaalu Montreal Cognitive Assessment jedhamu keessatti qabxii 30 keessaa 30 argateera jedhame.

Akka gabaasichaatti, ulfaatinni Tiraamp kiiloo giraama 108 dha. Kun qorannoo fayyaa baatii Ebla 2025 keessatti taasifame irra kiiloo giraama 6.3 dabaluu agarsiisa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Baarbaabellaan Trump nyaata isaa sirreessuu, sochii qaamaa dabaluufi ulfaatina hir'isuu akka itti fufu gorfameera jedhe. Akkasumas qoricha kolestiroolii to'atu fudhachaa jira.

Dha'annaan onnee Tiraamp yeroo boqonnaa daqiiqaa tokkotti si'a 73 akka ta'e yaadannoon kun kan mul'isu yoo ta'u, umriin onnee isaanii umurii isaanii isa dhugaa irra waggaa 14 akka xiqqaatu tilmaamameera.

Hakimni isaanii kun "guyyaa guyyaan hojii ulfaataa, walga'ii mootummaa sadarkaa olaanaa hedduu, hirmaannaa uummataa fi sochii qaamaa yeroo hunda taasisaa jiru fayyaa isaa waliigalaa deeggaruu itti fufeera jedhan.

Bara darbe harki Trump madaa'uu fi miilli isaa dhiita'uun yaaddoo fi gaaffii hedduu kaasuun isaa ni yaadatama.

Baatii Adoolessa keessa dhukkuba ujummoo dhiigaa (Chronic Venous Insufficiency) jedhamu akka qabu ifa ta'eera. Dhibeen kun yeroo hiddoonni dhiigaa dhiiga gara onneetti deddebisuu dadhaban uumama. Kunis dhiigni gara gaditti walitti qabamuun miilli akka dhiitu taasisa.

Tiraamp jalqaba bara kanaa Siwiizarlaand magaalaa Daavoos keessatti waltajjii diinagdee addunyaa irratti yeroo dubbatanitti madaan harka isaanii ifatti mul'ateera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp jalqaba bara kanaa Siwiizarlaand magaalaa Daavoos keessatti waltajjii diinagdee addunyaa irratti yeroo dubbatanitti madaan harka isaanii ifatti mul'ateera

Bara darbe harki Trump madaa'uu fi miilli isaa dhiita'uun yaaddoo fi gaaffii hedduu kaasuun isaa ni yaadatama.

Baatii Adoolessa keessa dhukkuba ujummoo dhiigaa (Chronic Venous Insufficiency) jedhamu akka qabu ifa ta'eera. Dhibeen kun yeroo hiddoonni dhiigaa dhiiga gara onneetti deddebisuu dadhaban uumama. Kunis dhiigni gara gaditti walitti qabamuun miilli akka dhiitu taasisa.

Miilli isaa amma illee muraasa dhiita'aa akka jiru Baarbaabellaan ibseera. Garuu haalli kun kan bara darbe irraa fooyya'uu isaa dubbateera.

Madaa'uun harka isaa irratti mul'atu harka namoota hedduu waliin wal qabachuu fi qoricha aspirin jedhamu fayyadamuu irraa kan ka'e akka ta'e gabaasichi ibseera.

Baarbaabellaan madaa'uun akkanaa qoricha aspirin fayyadaman keessatti waan yeroo baay'ee mul'atu fi miidhaa hin qabne ta'uu isaa ibseera.

Gabaasichi Trump aspirin dabalatee qoricha kolestiroolii to'atan lama akka fudhatu ibsa.

Akkasumas qorannoowwan ittisa dhibee fi talaallii barbaachisoo hunda yeroo isaanii eeggatee fudhachuu isaa mirkaneesseera.

Trump kanaan dura waa'ee aspirin fayyadamuu isaa yeroo hedduu dubbateera. Waggoota 25 darban keessatti qoricha kana hamma gorfamu caalaa akka fudhataa ture dubbatteera.

Tirump golfii taphachuu malee sochii qaamaa idilee ta'e kamuu akka hin jaallanne himaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tirump golfii taphachuu malee sochii qaamaa idilee ta'e kamuu akka hin jaallanne himaa

Akka Inni Gaazexaa 'Wall Street Journal'tti himetti, guyyaatti miiligiraama 325 aspirin fudhata. Kunis hamma yeroo baay'ee doktoroonni gorsan miiligiraama 81 caalaadha.

Sababni isaa, "Dhiigni koo onnee koo keessatti ititee akka hin raabsamne yaaduu hin barbaadu" jechuun ibseera.

Tirump akkasumas golfii taphachuu malee sochii qaamaa idilee ta'e kamuu akka hin jaallanne dubbateera.

"Hin jaalladhu. Na nuffisiisa," jedhe.

"Akka namoonni tokko tokko sa'aatii dheeraaf meeshaa spoortiin irratti hojjatamu irra deeman ykn fiigaan anaaf hin hojjatu," jechuun ibse.

Qorannoowwan fayyaa waggaa waggaa kun seeraan dirqama ta'uu baatan illee, waggoota dhihoo keessatti aadaa ta'anii jiru.

Fayyaan Pirezidaantii duraanii Joo Baayiden, yeroo bara 2021 mootummaa qabate umriin isaa waggaa 78 ture, dara dhuma bara hojii isaaniitti haala fayyaa isaanii iratti qeeqni cimaan irratti ka'aa ture.