Qormaanni mootummaa Imaanaa Tigyaayitti hundaa'e eeggatu maali?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Mootummaan federaalaa Itoophiyaa waraanni gara baatii tokkotti siquuf naannoo Tigraay keessatti gaggeeffamaa ture xumuramuu ibsuun, qaama naannicha ji'a jahaaf bulchuuf mootummaa imaanaa hundeessuu beeksiseera.

Mootummaan haaraan kun hanga mootummaan ummataan filatame hundaa'utti, qajeelfamaa fi kallattii mootummaa federaalaa jalatti naannicha bulcha.

Akka ibsa mootummaa federaalaatti, mootummaa imaanaa kanaaf hojiiwwan ijoo kennaman heddutu jiru.

Dhimma kanarratti hayyuu siyaas-dinagdee biyya Noorweey jiraatan, Dr. Darribee Mekonnin, BBC Afaan Oromoo waliin turtii taasianiiru.

Akka isaan jedhanitti, haala amma naannoo Tigraay keessa jiru giddu galeessa godhachuun, mootummaa imaanaa hundeessuun murtee sirrii ta'uu himu.

"Yeroo gabaabaa kana keessatti naannicha gara tasgabbii fiduuf tarkaanfii sirrii ta'uu danda'a. Kanaan ala filannoon biraa jiru natti hin fakkaatu," jedhan.

Dr. Darribeen garaagarummaa mootummaa yeroo ce'uumsaa fi mootummaa adaraa yoo ibsan, mootummaa yeroo ce'umsaa yeroo baay'ee waliigaltee siyaasaa qaamolee seeraan bulchiinsa naannichaa keessatti hirmaatan fi mootummaa federaalaa gidduutti kan taasifamuudha.

Haala qabatamaa amma Tigraay keessa jiruun, qaamolee siyaasaa gidduutti waliigalteen mootummaa yeroo ce'umsaa haaraa hundeessuuf dandeessusu hin jiru jedhu.

Kanaaf mootummaan Imaanaa baatii ja'aaf ergama mootummaa Federaalaa jalatti hojjatu kun, hojiiwwaan akka tasgabbii buusuu, caasaalee mootummaa miidhaman deebisanii dhaabuu, bu'uuraalee misoomaa waraanaan miidhaman suphuu fi tajaajila hawaasaa addaan cite deebisanii jalqabsiisuu fa'i.

Dabalataan, namoota qe'ee isaanii irraa buqqa'an deebisanii qubachiisuu, hidhattoonni hidhannoo hiikkatanii gara jireenya idileetti deebi'uuf haala mijeessuu fi caasaa nageenyaa haaraa hundeessuun hojii mootummaa haaraa kana irraa eegamudha.

Garuu qormaanni guddaan mootummaa imaanaa kana mudachuu malu nageenya mirkaneessuu dha.

Waraanni TPLF isaa mootummaan federaalaa yoo ibsellee, naannichi guutumaan guutuutti tasgabbaa'eera jechuun ammallee rakkisaa ta'uu danda'aa jedhu Dr. Dirribeen.

Mootummaan federaalaa hojii mootummaa imaanaa keessaa tokko naannichatti haalli siyaasaa tasgabbaa'aan uumamee, ji'a jaha keessatti filannoo bilisaa fi haqa qabeessa gaggeessuuf haala mijeessuudha.

Akka isaan jedhanitti, mootummaa imaanaas ta'ee yeroo ce'umsaa keessatti rakkoon nageenyaa qormaata ta'uu danda'a.

Keessumaa, waliigaltee Piriitooriyaa keessatti qaamoleen waraana keessa turan hidhannoo hiikkachuu, waraana keessaa bahuu fi jireenya sivilii keessatti deebi'anii hirmaachuu irratti hojjechuun qaama waligaltichaa ture.

Adeemsi kun guutumaan guutuutti hojii irra ooluu dhabuun isaa rakkoo nageenyaa naannichaa walxaxaa taasisuu danda'a jedhu Dr. Dirribeen.

Dabalataan, TPLF waraanni riphee loltummaa itti fufuu akka danda'u ibseera.

Akkasumas haleellaawwan yeroo yerootti naannoo daangaa Tigraay fi Amaaraa dabalataan naannolee ollaa keessatti uumamuu malu, hojii mootummaa imaanaa kanaa rakkisaa taasisuu danda'a.

Nageenya moo bulchiinsa siyaasatu dursuu qaba?

Qormaanni biraa fudhatamummaa siyaasaadha.

Mootummaan imaanaa kun kallattii fi to'annoo mootummaa federaalaa jalatti waan hojjetuuf, namoonni gaaffii ummata naannichaa hangam bakka bu'a jedhu kaasu malu.

Haa ta'uu malee yeroo amma kana sababa waraanaan ummatni guddaa waan miidhameef mootummaa kana waliin hiriiruu fi deeggaruus danda'a jedhan Dr. Darribeen.

Kessumaa namootni mootummaa imaanaa kana gaggeessuuf filataman ummata duratti fudhatamummaa fi amanamummaa kan qabaatan yoo ta'an guddaa fayyada.

Qormaanti biraa ammoo namoota qe'ee isaanii irraa buqqa'an deebisanii qubachiisuu, fi qabeenya isaaniirra miidhaa ga'e sirreessuu, akkasumas dhaabbilee waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruun yeroo kan barbaadudha.

Dr. Darribeen hojiiwwan kana hunda ji'a jaha keessatti xumuruun akka hin salphanne dubbatu. Isaan akka jedhanitti, dhimma bulchiinsaa fi nageenyaa wal madaalchisuun barbaachisaa ta'us, yeroo ammaa nageenyaaf dursa kennuun murteessaa ta'uu eeru.

Nageenyi yoo hin mirkanoofne, tajaajiloota mootummaa deebisanii jalqabsiisuun, namoota buqqa'an deebisuu fi filannoo gaggeessuuf haalli barbaachisu uumamuu dhiisuu mala.

Erguma mootummaan waraanichi xumuramuu ibsee TPLF xiyaarota gara maqalee balal'ian haleeluu akka danda'u akeekkachiisera.

Dabalataan, haalli nageenyaa Ertiraa fi Sudaan keessa jiru, kessumaa muddamni Ertiraa fi Itoophiyaa yoo gara walitti bu'iinsatti deeme haalli naanoo Tigraayi deebi'ee hammachuuf carraan jiru bal'aa ta'ullee kaasaniiru.

Gaaffiin ijoo mootummaa imaanaa kana ilaalchisee ka'u, bulchiinsa naannichaa gara filannoo fi mootummaa ummataan filatameetti deebisuuf haala akkamii uumuu akka danda'udha.

Mootummaan federaalaa filannoo ji'a jaha keessatti gaggeessuuf qophiin akka taasifamu ibseera.

Haa ta'u malee, filannoo qofa gaggeessuun tasgabbii waaraa mirkaneessuuf gahaa miti. Dr. Dirribeen nageenyaa fi bulchiinsa siyaasaa wal faana adeemsisuun barbaachisaa ta'uu ibsu.

Garuu ammoo nageenyaaf dursa kennuun, hojiiwwan biroos yeroo walfakkaatutti akka hin dagatamne taasisuu qaba. jedhu.

Yoo haalli nageenyaa hin fooyya'in, namoonni qe'ee isaanii irraa buqqa'an deebisanii qubachiisuun, dhaabbilee mootummaa deebisanii ijaaruun fi filannoo gaggeessuun rakkisaa ta'aa jedhu

Kanaaf, mootummaa imaanaa Tigraay keessatti hundaa'eef qormaanni isaa ji'a jaha bulchuu qofa miti. Gaaffiin guddaan, yeroo kana keessatti nageenya bu'uuraa uumuu, tajaajila mootummaa deebisuu, ummata naannichaa biratti amanamummaa horachuu fi gara bulchiinsa filatameetti ce'uuf qopheessuu danda'uu isaati.

Mootummaa imaanaa kana dura, gorsaan dhimmoota siyaasaa gaanfa Afrikaa Obbo Getaachoo Raddaa Tigraayitti komaandipostii hundeessuun barbaachisaa ta'uu ibsanii turan. Yaada kana hordofee, dhaabbileen siyaasaa mormituu lama karoora komaandipostii mormuun ibsa baasaniiru.

Dubbi-himaan dhaaba Salsay Wayyaanee BBC'f yaada kennaniin, furmaanni barbaachisaan qaamolee siyaasaa hunda hirmaachisuun bulchiinsa yeroo ce'umsaa hundeessuu ta'uu ibsaniiru. Isaan akka jedhanitti, hanga mootummaa ummataan filatame hundaa'utti qaamolee siyaasaa bal'inaan hirmaachisan hundeessuun barbaachisaadha; komaandipostiin garuu rakkoo siyaasaa jiru hammeessuu malee furmaata fiduu hin danda'u.

Yaadni kun mootummaa imaanaa haaraa irratti gaaffii guddaa kaasaa jira: bulchiinsi mootummaa federaalaatiin hundaa'e kun nageenya deebisuu fi tajaajila mootummaa jalqabsiisuu qofa irratti xiyyeeffataa, moo marii siyaasaa bal'aa qaamolee naannichaa hirmaachisuufis karaa banaa kan jedhu kan eeggamudha?