Faransaayiitti hiriira mormii gaggeeffameen gamoo hedduun gubatan, namoonni 1,000 ol hidhaman

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Magaalaa guddoo Faransaayi kan taate Paaris dabalatee magaalota biyyattii heddu keessatti hiriira mormii gaggeeffamuu hordofee mancaatii guddaan qaqqabe.

Hiriirri mormii guddaa ta'e kun biyyattii keessatti kan gaggeeffame Sambata, Onkoloolessa 17 yoo ta'u, sababni ammoo manneen barnootaa keessatti rakkoon hammaachuufi qaala'iinsa jireenyati.

Mootummaan Faransaayi hiriira mormii kana "hokkataan kan guutame" jechuunk an ibse yoo ta'u, namoonni walakkaa miliyeenaa ol irraatti hirmaataniiru.

Kanneen hiriira mormii kanarratti hokkara kaasan jechuun shakkaman yoo xiqqaate xinamoonni 1,200 to'atamuus ibse poolisiin biyyattii.

Paarisitti hanga halkan walakkaatti poolisoofi hiriirtota gidduutti walitti bu'iinsi cimaan kan ture yoo ta'u, poolisiin gaazii imimmaanessuufi bishaan fayyadamuun namoota hiriira bahan bittimsaa ture.

Mormii hokkoraan guutame jedhame kanaan magaalaa Paariis dabalatee bakkeewwan biroo heddutti abidda qabateen gamoowwan heddu gubataniiru.

Magaalaa Limoojiis jedhamtutti ammoo abidda galma bulchiinsa magaalattiitti qabateen mancaatiin guddaan qaqqaabera jedhame.

Akkasumas magaalota heddu keessatti bulchiinsa magaalaafi manneen daldalaa irratti kan xiyyeeffate saamichi guddaan akka ture poolisiin beeksise.

Ministiirri Muummee Faransaayi Sebaastiin Lekoornuu ibsa kennaniin hiriira mormii gaggeeffame kanaa miseensonni poolisii 150 ta'an miidhaan irra gahuu himan.

Hiriirtonni akka jedhanitti, hiriirri guyyaa nagaan gaggeeffamee boodarra garuu gara hokkaraatti jijjiiramuufi halkan saamichiifi balaan abiddaa qaaqabuu himu.

Suuqiwwan daldalaa heddu kan saamaman yoo ta'u, manni nyaataa tokko guutummaan abiddaan barbadaa'uu hirmaattonni hiriirichaa BBCtti himan.

Kantiibaan magaalaa Liyoon miidiyaa BFMTV jedhamutti akka dubbatanitti, biiroon turistii magaalattii abiddaan gubachuu himuun "taatee gaddisiisaa" jechuun ibsan.

Biiroon turizimii magaalattii hokkara hiriira mormii uumame kanaan gubate gamoo seena qabeessa ta'uu kan himan kantiibichi, "gadda guddaatu nutti dhagame" jedhan.

Hiriirtonni abidda erga qabsiisaanii booda illee hojjattoonni balaa abdiiddaa akka abidda hin dhaamsineef dhorkaa turuu ibse poolisiin.

Kanatiibaa magaalaa Seent Etiin kan ta'an Reegiis Juwaaniikoo fuula miidiyaa hawaasaa isaanii gubbatti ergaa barreessaniin, daraggeessi tokko harkisaa "boombiin miidhame" jechuun taateen balaafamaan akkasii mudachuutti gadduu ibsan.

Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa ibsa baaseen hiriirri magaalota akka Paariis, Maarsee, Reenees, Tuluuz, Angars fa'aa keessatti gaggeeffamuu beeksisuun namoonni fuula isaanii haguuggatan saamichaafi mancaatii garaa garaa geessisaa turan jedhe.