Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
TPLF 'sochiin kamiyyuu gara Buufata Xiyyaaraa Maqaleetti akka hin godhamne akeekkachiise
Bulchiinsi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) duraan mootummaa Naannoo Tigraay to'achaa ture, Buufata Xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa magaalaa Maqalee keessatti ''sochiin kamiyyuu akka hin gaggeeffamne'' akeekkachiiseera.
Gorsaan Ministira Muummee, Geetaachoo Raddaa, ibsi TPLF kun xiyyaarota siiviilii gara Maqalee balali'an ''haleeluun tarkaanfii fudhachuun TPLF akkuma amala isaa dhimma shororkeessummaaf itti fayyadamuuf murteessuu isaa agarsiisa'' jedhe.
TPLF kan Dr Dabretsiyoon Gabramaikaa'eliin durfamu Jimaata kaleessaa ibsa baase keessatti akeekkachiisa sadii dabarseera. Isaan keessaa tokko Buufata Xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa Maqalee ilaalchisee ture.
Yeroo walitti bu'iinsi torban sadii dura jalqabame, buufataaleen xiyyaaraa Maqalee, Shiree fi Aksum humnoota Tigraayiin to'atamaa turan.
Haa ta'u malee, mootummaa federaalaa fi humnoonni mootummaa wajjin hiriiran magaalota gurguddoo erga to'atanii booda, buufataaleen xiyyaaraa kunneenis to'annoo mootummaa federaalaa jalatti deebi'aniiru.
To'annaan buufataalee xiyyaaraa humnoota Tigraay harkaa ture yeroo sanatti Gamtaa Afrikaa, Gamtaa Awurooppaa fi mootummaa Biritaaniyaa irraa mormii kaasee ture.
Buufatni Xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa to'annoo mootummaa federaalaa jala erga galeen booda, Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa balalii gara Maqalee addaan citee ture torban darbe Dilbata irraa eegaleera.
TPLF ibsa isaa keessatti, buufatni xiyyaaraa Maqalee hojii geejjibaa siiviiliif oolurra mootummaan federaalaa buufata xiyyaaraa humnoota ''Wal Ta'insa Of Baraaruu [Tibibir Le Hilliwunaa] jedhamuun irratti cufame deddeebisa waraanaa fi loojistikii waraanaaf itti dhimma bahaa jira jechuun himate.
Kana irratti hundaa'uunis, TPLF "Buufata xiyyaaraa kana keessatti sochiin kamiyyuu akka hin gaggeeffamne cimsinee akeekkachiisna" jechuun akeekkachiiseera.
Itti dabaluun TPLF ji'oota jaha dhufaniif naannoo Tigiraay akka gaggeessuuf ''Bulchiinsa Imaanaa'' jechuun kan mootummaan federaalaa hundeesse waliin caasaan mootummaa naannichaa akka hin hojjenne akeekkachiise.
Waajjirri Ministira Muummee Bulchiinsa Imaanaa jechuun Jimaata darbe hundeesse.
Akka mootummaa federaalaatti, mootummaa yeroo cehumsaa kun tajaajila mootummaa guyyaa guyyaan kennuu, haala filannoon itti gaggeeffamu mijeessuu, nageenya mootummaa naannichaa tasgabbeessuu, mootummaa naannichaa diigame deebisanii ijaaruu fi lammiilee qe'ee isaanii irraa buqqa'an deebisanii qubachiisuu irratti hojjeta.
Bulchiinsi Imaanaa jedhame kun hanga mootummaa uummataan filatame hundeeffamutti kan turu yoo ta'u, qajeelfamaa fi kallattii mootummaa federaalaan kennamuun akka hojjetu ibsameera.
Dhimmoota tarsiimoo yeroo dheeraa irratti murtoo akka hin kennines mootummaa federaalaan ibsameera.
TPLF garuu bulchiinsa haaraa hundeeffame kana ''cimsinee mormina'' jechuun beeksiseera.
Ibsa baase keessatti bulchiinsa Imaanaa jedhamuun mootummaan federaalaa hundeesse kana "meeshaa mootummaa federaalaa" jechuun ibse.
kennamu kamiyyuu mootummaa fi seeraan fudhatama hin qabu jechuun mootummaa naannichaa fi uummataaf dhaameera.
Dabalataanis, Bulchiinsa Imaanaa jedhamu kanaan murtoon kennamu kamiyyuu fudhatamaa fi seerummaa akka hin qabne beeksifna jedhan.
Qaamni kamiyyuu bulchiinsa haaraa hundaa'e kana dhaabbannaan akka mootummaa Badhaadhinaa waliin dhaabbateetti ilaalamee itti gaafatamummaa isaa fudhata jedhe.
Dabalataan TPLF ibsa isaa keessatti sochii gara humnoonni Tigraay jiranitti godhamu irratti daangaa kaa'eera.
''Bitamtootaa fi baandaawwan tokko tokko Konkolaataa xixiqqaa fi meeshaalee qunnamtii qabachuun hojii basaasaaf'' gara Humnoonni Tigiraay jiratti socho'uu isaanii kanneen qaban irraa mirkaneessineerra jedhe.
''Namni kamiyyuu eeyyama bulchiinsa seera qabeessa Tigiraay malee konkolaataa qabatee gara humnoonni Tigiraay jiranitti socho'uun dhorkaadha'' jedhe.
Gama biraatiin, gorsaan Muummee Ministiraa mootummaa federaalaa Geetaachoo Raddaa akeekkachiisota TPLF baase balaaleffataniiru.
Geetaachoon miiidyaa hawwaasaa isaa irratti, hoggansi TPLF "mala shororkeessummaa beekamaa fayyadamuuf murteessuu isaa ifatti beeksiseera" jechuun qeeqaniiru.
Getaachoon akeekkachiisa Buufata Xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa Maqalee irratti kenname ilaalchisee, ''TPLF xiyyaarota siiviilii gara Maqalee balali'an irratti tarkaanfii fudhachuu akka danda'u isaa nutti hime,'' jedhe.
Haleellaa hamaa raawwachuuf karoorsuu isaanii beeksisaa jiru jechuun Getaachoon balaaleffateera.
Mootummaan federaalaa Maqalee fi magaalota gurguddoo naannichaa to'annoo isaa jala galchuu himeera.
Waraana naannoo Tigiraay marsaa jalqabaa bara 2020 hanga 2022 ture keessatti lubbuun namoota kuma dhibbaan tilmaamamuu darbuu Gmataan Afrikaa ibseera.