Dhukkubsattoonni paastariifi haadha warraan cancalaan wiirtuu wallaansaa seeraan alaa keessatti hidhaman baraaraman

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Afrikaa Kibbaatti Paastariin tokkoo fi haati warraa isaa namoota 200, isaan keessaa gariin cancalaan hidhamanii, wiirtuu wallaansaa keessatti dandamatan seeraan alaa ta'e keessa tursiisuu hordofee to'ataman.

Wiirtuun kun waldaa Kiristaanaa konyaa Mpumalaangaa keessatti argamu tokkoon kan bulu yoo ta'u, wayita poolisiin naannoo sanaa Kamisa oppereeshinii gaggeessetti ture kan bira gahame.

Aanga'oonni akka jedhanitti, yeroo wiirtuu kana sakatta'uuf seenanitti "gocha gara jabeenyaa hamaa" saaxilaniiru. Dhukkubsattoota wiirtuu kana keessatti eegaman keessatti kanneen "guutummaa qaama isaanii irra madaan guutee" akkasumas "kanneen biroon ammoo cancalaan walii walii isaaniitti hidhamanii argaman".

Erga sanaa booda poolisiin abbaa warraa fi haadha warraa, warra wiirtuu kana bulchan kana yakka nama butuudhaan himateera. Haata'u malee, himannaan isaan irratti dhiyaatu kana qofaa hin ta'u, himannana biroo dabalataan irratti dhiyaachuu danda'u. Himatamtoonni kunnene ammatti yaada isaanii hin kenniin jiru.

Waggoota dhiyootiin as erga biyyattii keessatti qoricha sammuu nama hadoochan fudhachuun baayyataa dhufee wiirtuuwwan wallaansaa keessatti dandamatan jedhaman seeraan ala ta'an Afrikaa Kibbaa keessatti akkaan babal'ataniiru.

Bara darbe, qajeelchi misooma hawaasaa wiirtuuwwan 100 ol ta'an seeraan ala hojjetan guutummaa biyyattii keessatti saaxiluu himeera. Wiirtuuwwan kunneen garri caalan kutaa Gu'ateng kan magaalaan guddoo biyyattii, Johaannisbarg keessatti argamu keessa jiru jedhameera.

Mucaan durbaa umuriin ishee waggaa 16 taatee fi mucaan dhiisaa umuriin isaa waggaa 1 ta'e ga'eessota waliin konyaa Mpualangaa keessatti kutaa tokkotti hidhamanii argamnaniiru.

Abbaan warraa fi haati warraa wiirtuu kana bulchan namoota 60 akka jiraachisaa jiran poolisiitti himannillee, qorannoo gaggeeffameen garuu dubartoota 30 ol ta'an dabalatee lakkoofsa himan kana harka sadii caalaa kan ta'anitu wiirtuu kana keessatti argame.

Gurmuun namootaa wiirtuu kana keessatti walitti qabaman harki caalan warra araada qoricha sammuu namaa adoochuun qabaman akka ta'e amanama. Namoonni kunneen kutaa qaama itti dhiqatanii ykn bichaan argachuu danda'an tokko malee kutaaleen keessatti baayyatanii wal muddanii jiru.

"Namoonni kunneen wiirtuu seeraan alaa kana keessa yeroo ta'eef turaniiru," jedhe qajeelchi misiima hawaasaa biyyattii.

wiirtuu kana keessatti hidhamanii warra jiran keessaa tokko kan ta'e Giifti Sikohaasaan, dhukkubsataan cancalaan hidhamuun "gocha baratamaadha" jechuun TV bakka sanaa oduu tamsaasu ewzroom Afrika jedhamutti dubbate.

"Akka adabbiitti cancalaan nu hidhu[akkasumas] yeroo bakka seentu [nama hidhu]" jedhe.

Akkas ta'u garuu jedha qoricha sammuu nama adoochu fudhataa kan ture Giifti Sikohaasaan, wiirtuun kun akka qulqullina isaanii eeggatanii fi araada isaaniirraa dandamataniif isa gargaaruu dubbata.

Namni biraan maqaan isaa hin dha'amne tokko, muuxannoo inni wiirtuu kana keessatti dabarse akka inni gargaarsa wallaansa fayyaa samuu barbaadu isa gochuu dubbata.

Haati warraa fi abbaan warraa kunneen namoota kunneen wiirtuu kana keessa tursiisuuf ji'atti raandii 3,000 ($182; £137) kan kaffalchiisan yoo ta'u, kjaffaltaa kana keessaa walakkaa kan ta'u waldaaf kennama.

Namoota wiirtuu kana keessatti hidhaman keessaa 14 kan ta'an erga sanaa booda wallaansa fayyaaf gara hospityaalaa geeffamuu poolisiin himeera.

Aanga'oonni akka jedhanitti, 132 kanneen ta'an amma maatii isaanii waliin walitti makamaniiru.

Haati warraa fi abbaan warraa gocha kanaan shakkaman ammoo Wixata mana murtiitti ni dhiyaatu jedhamee eegama.