Liverpuuliifi Baarseloonaan qabxii garagalchuuf abdatan: Morkii galgala kana dursee maaltu jedhame?

Madda suuraa, Getty Images
Morkii Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa kan nuusa xumuraan torbee darbe kan injfataman Liiverpuuliifi Baarseloonaan qabxii gargalchanii darbuuf abdataniiru.
Garuu milkaahuu?
Leenjisaan Liverpuul Arnee Isloota yaada miidiyaaleef kenneen gareensaa Aanfiilditti PSG irratti raajii hojjechuu danda'aa jedhe.
Tapha torbee darbe Paarisitti godhame irratti Liiverpuul olaantummaan kubbaa guutummaatti jalaa fudhatamee, kubbaa goolii masaanuutti alaammate tokkollee osoo hin yaaliin 2-0n mo'amee deebi'e.
Gahumsa akka torban darbee saniin yoo ta'e hireen Liverpuul dhiphaa fakkaata. Seenaa Shaampiyoonsi Liigii keessatti qabxii guddaa garagale ta'ees yaadatamuuf deema.
Liverpuul tapha jalqabaan gargaagartummaa goolii lamaan injifatamee marroo lammataatti injifatee kan inni darbe yeroo 13 keessaa yeroo lama qofa. Tokko bara 1991 garee Auxerre jedhamurratti. Inni dhiyoo ammoo bara 2019 Baarseloonaarratti.
''Eyyeen waan addaa gochuu dandeenya amantaan jedhu jira garuu baayyee baayyee baayyee addatti taphachuu qabna. Sababnisaas kan nuti waliin taphannu shaampiyoonaa Awurooppaati. Sun hojii kana baayyee walxaxaa godha, garuu kan hin danda'amne miti'' jedhe Isloot.
Deeggartootni Liverpuul akkuma yeroo mo'anii darbuu Gaalataasaraay irratti godhan deeggarsa guddaa akka ta'aniif waamicha dhiyeesse.
Taphataan sarara gidduu garichaa bara kana sochii agarsiisuun dinqisiifannaa argate Dominiik Sobozilaay ''morkii Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara kanaa keessa turuuf wanta nurraa eegamu mara gochuuf qophiidha'' jedhe.
Taphattoota fi muuxannoo waan addaa gochuu qabna kan jedhu Sobozilaay taphattootni marti wanta danda'an hunda gochuuf qophaa'uu dubbate.
PSG fi Liverpuul dirree Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa irratti yeroo torba walitti dhufan. Yeroo sadi Liiverpuul yeroo afur ammoo PSGtu mo'ate.
Remontaadaa- dhaadannoo Baarselonaa

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Morkii Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa galgala kanaa guddoo eegamu kan biraan Barseloonaafi Atileetikoo Maadriid walitti fida.
Masaanuuwwan Laa Liigaa Ispeen lamaan bara kana yeroo jahaffaaf walitti dhufaa jiru. Kuni erga bara 2013-14 yeroo duraafi. Bara 1985-86 ammoo yeroo saddeet walitti dhufaniiru.
Atileetikoo Maadriid takkaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa mo'atee hin beeku.
Erga bara 1995-96 bara dorgommii tokkotti yeroo sadii Baarseloonaa mo'atees hin beeku. Morkii marroo jalqabaan Kaamp Nuutti 2-0n injifateera. Morkii Kooppaa Del Reey irrattis 4-0n Baarselonaa mo'ateera.
Barseloonaan morkii Kooppaa Del Reey tapha jalqabaa 4-0n injifatamuu booda qabxii san jijiiruuf morkii isa lammataa guddoo ifaajjee 3-0n injifatus goolii tokkoon hanqatee morkii san keessaa bahe.
Galgala kanas yaalii torbanoota dura fashale irra deebi'ee yaala. Haata'u malee riikardiin Atileetikoon dirree ofiitti qabu morkicha ulfaataa taasisa.
Atileetikoon morkii Shaampiyoonsi Liigii dirreessaatti gaggeesse jaha keessaa shan injifateera. Tokkommoo mo'atame. Dirree ofiitti goolii hedduu galchuun Atileetikoo kan caalus hin jiru, 20 lakkoofsisan.
Faallaa kanaan erga bara darbee gareen morkii Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa irratti goolii hedduun itti gale Baarseloonaadha. 43itti galeera.
Jifataan ganna 18 Baarseloonaa tapha kana ilaalchisee ibsa kenneen Diyaagoo Simoonee ''taphatoota fuula fuulatti natti bahanii taphatan ramadee akka oolmaa naa oolun gaafadha'' jedhe.










![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)

