Ameerikaa fi Iraan 'guyyoota lama keessatti' mariitti deebi'uu malu - Tiraamp

Madda suuraa, EPA
Tiraamp, mariin Iraanii fi US 'guyyoota lama keessatti' itti fufuu danda'a jechuusaa Newyork post gabaase.
"Wanti ta'e wayii guyyoota lamaan itti aanan keessatti, uumamuu danda'a, achi [Paakistaan] deebi'uu irraa fedhii guddaa qabna," jedhe gaazexaa kanarratti.
Mariin nagaa US fi Iraan Sanbat-duraa darbe Islaamaabaad, Paakistaan keessatti, Pireezdaantii ittaanaa US JD Vaansi fi Afyaa'ii Paarlaamaa Iraan Mohaammad Baagher Gaalibaaf, akkasumas kaan hirmaachise milkii malee xumurame.
Miidiyaan mootummaa Iraan, IRNA, Teehraanii fi biyya jaarsummaan biyyoota lamaan walitti fiddu, Paakistaan, jidduu haasaan jiraachuu eeree, US fi Iraan waayee marii itti fufuu ilaalchisee 'odeessi homaatuu' hin jiru jechuun gabaasee ture.








