Biyyoota addunyaa jaha kuufama boba'aa guddaa qaban kam fa'i?

Biyyootni Kuufama boba'aa guddaa qaban kam fa'i?

Madda suuraa, iStock

Ibsa waa'ee suuraa, Biyyootni Kuufama boba'aa guddaa qaban kam fa'i?
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Boba'aan qabeenya uumamaa addunyaa irratti barbaachisoo ta'an keessaa tokko yoo ta'u addunyaa irratti biyyootni uumaman kuufama boba'aa guddaa qabaatanis, biyyoota birootu jikita isaa irraa bituun oomishee gabaa addunyaaf dhiyeessa.

Fakkenyaaf Veenzuweelaan kuufama boba'aa addunyaa irratti mirkanaa'e guddaa kan qabdu yoo ta'u, gara barmeela biiliyoona 303tti tilmamama. Garuu dhiibbaa siyaasaa irra jiruun gabaatti dhiyeeffachuu hin dandeenye.

Veenzuweelaa kuufama boba'aa addunyaa mirkanaa'e keessaa gara %18 qabdi , ta'us garuu dhiyeessiin boba'aa addunyaa ishee dhibbeentaa1 gadi.

Biyyoonni afur qofti Veenzuweelaa, Sa'uudii Arabiyaa, Iraan fi Kaanaadaa kuufama addunyaa mirkanaa'e keessaa walakkaa ol qabu.

Ameerikaan kuufama boba'aa sadarkaa 9ffaa irratti kan argamtu taatus qabeenya qabduu fi teeknooloojii isheetti fayyadamtee akka addunyaatti biyya oomisha boba'aa addunyaaf dhiyeessan sadarkaa 1ffaa qabachuu dandeesserti.

Biyootni akka Raashiyaa fi Chaayinas ishee hordofaa jiru.

Gabaasa kana keessatti mee biyyoota kuusaa boba'aa qabaachuun isaanii mirkanaa'e sadarkaa 1 hanga 6 jiran haa ilaalu.

1. Veenzuweelaa — barmeela biiliyoona 303

Veenzuweelaan oomisha boba’aa addunyaa keessaa %1 gadi kan oomishtu yoo ta’u, kuufama boba’aa addunyaa mirkanaa’e keessaa sadarkaa jalqabaa irratti argamti.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Veenzuweelaan oomisha boba'aa addunyaa keessaa %1 gadi kan oomishtu yoo ta'u, kuufama boba'aa addunyaa mirkanaa'e keessaa sadarkaa jalqabaa irratti argamti.

Venezuela kuufama boba'aa mirkanaa'e biyyoota addunyaa kamiyyuu caalaa guddaa ta'e qabdi. Boba'aa addunyaa keessaa gara dhibbentaa 18 qabdi.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Boba'aan kun harki caalaan isaa boba'aa ulfaataa dabalataa kan 'Orinoco Belt' jedhamu keessatti waan argamuuf akka salphatti qulqulleessuuf rakkisaa fi baasii guddaa kan gaafatudha.

Jikitni boba'aa ulfaataa yeroo baay'ee gatii gadi aanan gurgurama. Sababiin isaas salfarii baay'ee waan of keessaa qabuu fi adeemsa walxaxaa waan barbaaduufi.

Veenzuweelaa keessatti oomishni boba'aa haalaan gadi bu'eera. Omishni gara %60 gadi bu'eera , bara 2014tti guyyaatti barmeela miiliyoona 2.5 ture bara darbe 2025 barmeela miliyoona 1 gadiitti gadi bu'eera .

Boba'aa Veenzuweelaa ergitu keessaa gara %80 liqii deebisuuf gara Chaayinaa ergama. Sababa kanaan mallaqni biyyattii hanaga kuufama boba'aa ishee agarsiisu waliin baayyee xiqqaadha.

Diinagdeen Veenzuweelaa galii boba'aa irratti baay'ee hirkata; haa ta'u malee, tasgabbii dhabuun siyaasaa, malaammaltummaan, qoqqobbii idil-addunyaa US irraa ka'e dandeettii oomishaa ishee laamshessee al-ergiin ishee daangeffameera.

Dabalataan dhiheenya kana ammoo sababa bob'aa kanaaf humnoota Ameerikaa Pirezidaantii biyyattii Niikoolaas Maaduroo qabanii hidhuun, boba'aa barmeela miliyoonaan lakkaa'amu gara Ameerikaatti dabarsuuf ta'uun gabaafamaa ture.

2. Sa'uudii Arabiyaa – Barmeela biiliyoona 267

Sa'uudii Arabiyaan kuufama boba'aa mirkanaa'e gara barmeela biiliyoona 267 qabdi. Bob'aan biyyattii harki caalaan isaa salphaa fi kan gbaa irratti barbaadamu yoo ta'u sababni isaaf calalanii qulqulleessuuf salphaa fi (kanneen biroo waliin yemmuu wal bira qabamu) baasii guddaa kan hin barbaanneedha.

Sababa kanaan biyyattiin gatii olaanaan gabaa addunyaaf boba'aa dhiyeessaa kan jirtu yoo guyyaatti barmeela miiliyoona 10.88 omishuun, sadarkaa oomishaanis Ameerikatti aantee sadarkaa 2ffarra jirti.

Kuufama boba'aa qabduunis ( Barmeela biiliyoona 267) Veenzuweelaatti aantee sadarkaa 2ffarra jirti.

Kanaanis Saa'udiin murteewwanii fi tarkaanfiiwwan Dhaabbanni Biyyoota Boba'aa Ergii (OPEC) fudhatu keessatti gumaacha olaanaa qabdi.

Yeroo dhiyeessiin addunyaa jijjiiramus gatiin akka tasgabbaa'uuf oomisha ishee sirreessaa turte.

Biyyattiin oomisha dabalataa guyyaatti barmeela miliyoona 2–3 qabachuun yeroo addunyaatti hanqinni mudatu daftee dhiyeessii dabaluu fi gabaa tasgabbeessuun gumaachiti.

Kanaaf dhiyeessiin Sa'uudii Arabiyaan boba'aa addunyaa irratti dhiibbaa cimaa kan qabu yoo ta'u waraana Iraaniin wal qabatee dhaabbileen boba'aa ishee miidhamuu akka hin hafne gabaasaleen ba'aa turan.

3. Iraan — barmeela biiliyoona 209

Iraan kuufama boba'aa mirkanaa'e gara barmeela biiliyoona 209 qabachuun sadarkaa sadaffaa irra jirti .

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Iraan kuufama boba'aa mirkanaa'e gara barmeela biiliyoona 209 qabachuun sadarkaa sadaffaa irra jirti .

Iraan kuufama boba'aa mirkanaa'e gara barmeela biiliyoona 209 qabachuun sadarkaa sadaffaa irra jirti .

Kuufama guddaa kana qabaattus, qoqqobbii idil-addunyaa dandeettii Iraan gabaa addunyaa irratti boba'aa gurguruuf qabdu jalaa daangesseera.

Dabalataanis dinagdeen Iraan boba'aa alatti ergitu irratti kan hirkatu yoo ta'u, waldhabdeen fi waraanni baha giddu galeessaa dandeettii oomishaa fi al-ergii ishee akka malee miidhera.

Boba'aan Iraan sababa qoqqobbii cimaabiyyoota dhihaan gatii baay'ee rakasaan Chaayinatti gurgurama.

Yoo qoqqobbiin irra hin jiraanne Iraan guyyaatti gara barmeela miliyoona 4.5 ta'u oomishuun sadarkaa oomishaatin sadarkaa 6ffaa qabatti.

Haa ta'u malee Waraanaa Ameerikaa fi Israa'el ishee irratti banaaniin dhaabbileen boba'aa biyyattii akkan miidhamaniiru. Akka xinxaltootni jedhanitti yeroo itti aanutti sadarkaa dhiyeessi ishee keessa akka gadi buutu tilmaamu.

4. Kanaadaa — barmeela biiliyoona 163

Kaanaadaan kuufama boba'aa mirkanaa'e gara barmeela biiliyoona 163 qabaachuun sadarkaa 4ffaa irratti argamti.

Boba'aan biyyatti kun kan naannoo harka 97 ta'u cirracha keessatti waan argamuuf boba'aa furdaa dhimbiibifi baasuuf mala addaa fi invastimantii guddaa barbaadudha.

Kanaadaan sirna siyaasaa fi daldalaa tasgabbaa'aa fi ifa ta'an qabaachuu isheetiin akka dhiyeessituu boba'aa amanamtuu taatetti ilaalamti.

Akkasumas sarara ujummoo kallattiin warshaalee qulqulleessituu Ameerikaa waliin wal qunnamsiisu qabdi .

Guyyatti barmeela miiliyoona 5 caalu oomishuun Ameerikaa, Sa'uudii Arabiyaa fi Raashiyaatti aantee sadarkaa 4ffarratti argamti.

Garuu haalli dhiheenya kana waa'ee boba'aa Veenzuweelaa gara warshaalee qulqulleessitoota Ameerikaatti erguu deebi'ee jalqabuu akka danda'u oduun dhaga'amuu hordofee oomishtoota Kaanaadaa dorgommii cimaan mudachuu akka danda'u yaaddoo uumeera.

5. Iraaq — barmeela biiliyoona 145

Iraq guyyaatti gara boba'aa barmeela miiliyoona 4 caalu oomishuun sadarkaa saddeettaffaa qabattee jirti.

Madda suuraa, AP

Ibsa waa'ee suuraa, Iraq guyyaatti gara boba'aa barmeela miiliyoona 4 caalu oomishuun sadarkaa saddeettaffaa qabattee jirti.

Iraaq kuufama boba'aa mirkanaa'e gara barmeela biiliyoona 145 tti tilmamamu qabdi.

Waraanni fi qoqqobbii waggoota dheeraaf isheerra ture garuu qabeenyaa boba'aa qabdu gabaa addunyaatti dhiyeessuun dorgomtuu akka hin taane ishee miidheera.

Waldhabdeen keessoo, tasgabbii dhabuun siyaasaa fi bu'uuraaleen misoomaa laafaa ta'uun dandeettii oomisha boba'aa Iraaq laaffiseera.

Ta'us al-ergiin boba'aa lafee dugdaa dinagdee biyyatti yoo ta'u galiin mootummaa harki caalaan( harki 90) gurgurtaa boba'aa kana irraa argama.

Danqaawwaan kunneen jiraatanis Iraaq gabaa boba'aa addunyaa keessatti taphattuu ijoo taatee itti fufuu dandeesserti.

Guyyaatti gara boba'aa barmeela miiliyoona 4 caalu oomishuun sadarkaa saddeettaffaa qabattee jirti.

Boba'aan Iraaq alatti ergitu harki caalaan isaa gara Chaayinaa , Hindii , fi biyyoota Eeshiyaa fi Awurooppaatti ergama.

6. Yunaayitid Arab Emireets — barmeela biil.113

UAE kuufama boba'aa mirkanaa'e gara barmeela biiliyoona 113 qabaachuun sadarkaa 6ffaa irratti kan argamtu yoo ta'u hanga oomishtee gabaaf dhiyeessituun ammoo sadarkaa 7ffaarra jirti.

Waggoota kurnan oliif Yunaayitid Arab Emireet addunyaa irratti boba'aa oomishtoota gurguddoo kurnan keessaa tokko turte. Akka maddeen tokko tokko jedhanitti miseensi OPEC kun yoo xiqqaate guyyaatti boba'aa jikita barmeela miiliyoona 4.5 ta'u oomishti.

UAE hikattummaa boba'aa ishee xiqqeessuuf dameewwaan biroo kanneen akka turizimii, teknolojii fi daldalaa irratti hojjataa jirti. Kana jechuun dinagdeen ishee biyyoota Galoo Galaanaa biroo tokko tokko caalaa boba'aa irratti hirkattummaa xiqqaa qaba jechuudha.

Bakki isheen naannoo ulaa Hormuz fi tumsi dhaabbilee boba'aa idil-addunyaa waliin qabdu boba'aa gahumsaan gabaa addunyaatti akka ergitu ishee gargaarera. Garuu haleellaan Iraan dhaabbilee annisaa ishee hedduu hubeera.

Dabalataanis, biyyootni akka Kuweet kan barmeela biiliyoona 100 qabdu, Raashiyaa kan barmeela biiliyoona 80tti tilmaamamu qabduu, Ameerikaa kan Barmeela biiliyoona 74 ta'u qabduu fi biyyi Afrikaa kuufama boba'aa gara Barmeela biiliyoona 48 qabdu Liibiyaan biyyoota addunyaarraa kuufama boba'aa guddaa qabaachuun sadarkaa jalqbarra jiran keessatti eeramu.