Haleellaan daangaa Sudaan fi Masiriitti namoota 72 caalan galaafate akkamiin raawwate?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Haleellaa qilleensaa daangaa Sudaan fi Masirii bakka namoonni worqii barbaadan irratti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 72 ajjeefamuu gareen mirga dhala namaaf falmu ibse.

Jaarmiyaan Emergency Lawyers jedhamu kan magaalaa guddoo Sudaan- Kaartuum keessatti argamu akka jedhetti jeettiiwwan waraanaa iddoo worqiin keessatti lommoxamuun beekamutti haleellaa raawwatan.

Bakka kanatti lammiileen Sudaan laga Naayil keessaa harkaan worqii lommoxu ykn barbaadu, maashinni hin jiru.

Mootummaan Masirii fi aanga'oonni yeroo ammaa Sudaan bulchaa jiru jedhaman taatee kanarratti homaa hin jiru.

Duraan Masiriin lammiilee Sudaan harkasaaniin worqii lommoxan irratti haleellaa raawwachuun himatamtee turte.

Masiriin gocha seeraan alaa kallattii kibbaan daangaa isheerratti raawwatamu dhaabsisuuf tarkaanfii kana fudhachuu himti.

Emergency Lawyers haleellaan duraan raawwatame kun Masiriin walabummaa daangaa Sudaan sarbuu agarsiisa jechuun himate.

Ammoo taateen kun mootummaan Sudaan daangaasaa to'achuu dadhabuu agarsiisas jedheera.

''Itti yaadanii namoota nagaa (siiviloota) irratti haleellaa raawwachuun seera mirga namoomaa idiladdunyaa fi mirga lubbuun jiraachuu sarbuudha,'' jedhe.

''Gochoonni akkanaa yakka waraanaatti lakkaa'amuu danda'u.''

Lakkoofsi namoota du'anii yeroof kan barametu kana malee akkaan dabaluu danda'a jedhe jaarmiyaan kun.

Gaazexaan Paaris jiru Sudan Tribune jedhamu lakkoofsi namoota du'anii kan Emergency Lawyers gabaase fagoo caala jedhe.

Namoota haleellaa Sambata darbee irraa hafan gaafachuun hedduun akka madaa'anii fi kanneen du'anis baayyee ta'uu gabaase miidiyaan kun.

Kanneen ijaan argan haleellaan guyyaa keessaa sa'atii 6 irratti raawwatamuu himan.

Xiyyaarri waraanaa misaa'eloota shan caalan kallattiin dirree worqeen keessaa barbaadamu irratti dhukaasuu himan.

Haleellaan kun kaampii namoonni worqee barbaadan keessa jiraatan irratti raawwatamuun barbadeessuu miidiyaan kun gabaaseera.

Akkasumas meeshaalee fi namoonni kaampii (dawoo) keessa turan haleelamuu gabaase.

Sudan Tribune Waxabajjii darbe humnoonni Masirii diroonii fi meeshaalee fageenya dheeraa dhukaafaman kanneen akka misaayelaan dirree worqeen keessaa lommaxamu kana haleeluu gabaasee ture.

Kanaanis namoonni hedduun ajjeefamuu, eegdonni daangaa Masirii meeshaalee namoonni worqee ittiin barbaadan hedduu barbadeessuu, dawoo isaanii gubuun akkasumas namoota worqee baasan dhukaasaan bittimsuun akka ture gabaase.

Guyyoota booda jaarmiyaan dhimma daangaa Masirii godaansa seeraan alaa, daddabarsa qoricha seeraan alaa fi hojii albuuda baasuu seeraan ala raawwatamu qolachuuf haleellaa kana raawwachuu ibse.

Yerooma sana qaamni amma Sudaan bulchaa jira jedhamu haleellaa raawwatame qorachuu akka jalqabee fi haleellaa kanaanis namoonni kurna hedduun lakkaa'aman ajjeefamuu ibsee ture.

Daangaa Sudaan fi Masirii irratti dhimmi albuuda worqee madda walitti bu'iinsaa isa hamaadha.

Waraanni waliinii Sudaan ammoo hojiin barbaacha worqee ykn worqee lommoxuu akka babal'atu karaa saaqe.

Yeroo baayyee hojii kana kan hojjetan namoota eeyyama mootummaa seera qabeessa hin qabnee fi meeshaa tolfatanii imalaniidha.

Hojiin isaanii irra jireessaan giddugala biyyaarraa fagoo, naannoo daangaa irratti xiyyeeffata.

Iddoon worqeen itti argamu daangaan laga Naayil yeroo baayyee dhimma daangaarratti rakkoo uumu ta'ee tureera.

Namoonni haala kanaan worqee barbaadanii argatan ykn lommoxan ulaa seeraan alaa fayyadamuun gara alaa fi bakkeewwan adda addaatti geejjibsiisu.

Humni daangaa Masirii eegu Waxabajjii keessa worqee toonii 86 meeshaalee ittiin morqee baasan kan ulaagaa hin guunne waliin to'achuu ibsee ture.

Gochi worqee haala kanaan baasuu yeroo waraana waliinii Sudaan kana babal'ate kun Sudaan fi Masirii gidduuttis rakkoo hammeessaa jira.