Tamsa'ina Iboolaa hambisuuf lubbuu ofii aarsaa kan goote Dr. Isteelaa Adaadeevoh eenyu?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Seenaa ittisa tamsa'ina dhibee Iboolaa addunyaa keessatti maqaan Dr. Isteelaa Ameyo Adaadeevoh irra deddeebiin ol kaafamee dubbatama.

Bara 2014 yeroo biyyoonni Lixa Arfriikaa dhibee Iboolaan raafamaa turanitti ture dippiloomaatiin Laayibeeriyaa Paatrik Saawyer jedhamu walgahiirratti hirmaachuuf gara Naayijeeriyaa magaalaa Leegositti kan imale.

Haa ta'u malee dippiloomaatiin kun buufata xayyaaraa Leegos erga gahee booda akka malee dhukkubsate, of wallaales kufe.

Waqtii sanatti hospitaalonni mootummaa mormii hojii dhaabuurra turan. Kanaafis Paatrik Saawyer, hospitaala dhuunfaa Farist Konsaltaant jedhamu geeffame.

Hospitaala kanattis Doktar Isteelaa Ameyo Adaadeevohfi waahillansaanis dhibee nama kanaa adda baafachuufi yaalii barbaachisu laachuuf tattaaffii gochuu eegalan.

Dhibeen Paatrik Saawyer adda bahu baatullee mallattoo inni agarsiisaa turerraa kan ka'e Iboolaa ta'uu akka danda'u Dr. Adaadeevoh shakkan.

Kanaafis hospitaalichaa osoo hinbahin qofatti adda bahee akka yaalamufi hordofamu doktarri tun murteessan.

Haa ta'u malee Paatrik hospitaalicha keessa turuu hinbarbaanne. Dr. Adaadeevoohis dippiloomaatota Laayibeeriyaa biyyattii keessa jiranirraa dabalatee dhiibbaan irratti taasifamuu eegale.

Naayijeeriyaan waggaa kudhan booda yeroo jalqabaaf nama dhukkuba Iboolaan qabame jalqabaa Onkololeessa 20 mirkaneessiteetti.

Wiirtuun To'annoofi Ittisa Dhukkubaa Afrikaa (Africa CDC) biyyi Afrikaa yaaddoo dhibee Iboolaarraa bilisa tahe hin jiru jedhe.

'Himata nama ugguruu'

"Battalumatti, nama loluu jalqabe. Waa hundaa ol hospitaalicha gadi dhiisee bahu barbaadee ture" jedhu waqtii sanatti Daayrektara Hospitaala Farist Konsaltaant kan turan Dr. Beenjaamiin Ohiiheerii.

"Iyyaa ture. Ujummoo gama hidda dhiigaan dhangala'aafi qorichi itti kennamu ofirraa buqqisee dhiigasaa iddoo hundatti dhangalaase" jedhan.

Obboleettiisaa dhibee Iboolaan kan dhabe Sawyer, tajaajila yaalii argachuuf fedhii akka hinqabnefi qalbiinsaas paastaroota raajii hojjetan biratti fayyina argachuu ture.

Kanaafis bu'aan qorannoo dhiigasaa osoo hin qaqqabin dhukkubsatichi hospitaalichaa akka bahu akka heeyyamaniif Dr. Adaadeevoh irratti dhiibbaan taasifamuu eegale.

"Ambaasaaddarri Laayibeeriyaa Dr Adaadeevoh'tti bilbiluun isheefi dhaabbaticharratti dhiibbaa gochaa turan. Namicha akka uggurretti itti dhagahame. Mirgasaa sarbaa akka jirrufi tarkaanfiin nurratti fudhatamuu akka danda'u nutti hime" jeduu Dr. Ohiaeriin.

Haa ta'u malee hospitaalichi murtee Dr. Adaadeevootti cichuun dhukkubsatichi hospitaalaa akka hinbaane taasisan.

Booda keessas dhibeen Paatrik Sawyer Iboolaa ta'uunsaa barame, lubbuunsaas ni darbe. Dr. Adaadeevohfi waahillansaanii 11 immoo vaayirasichaan qabaman.

Hakiima cimtuu

Vaayirasii Iboolaan kan qabaman Dr. Adaadeevohfi waahillansaanii namoota biroorraa adda foo'amuun yaaliin taasifamuufii eegale.

Haa ta'u malee vaayirasicharraa dandamachuu hindandeenye. Dr. Adaadeevoh vaayirasichaan erga qabamanii guyyoota muraasa booda umriisaanii waggaa 57'tti lubbuunsaanii dabarte.

Haa ta'u malee ejjennoon Dr. Adaadeevoh diplomaatiin Laayibeeriyaa hospitaalichaa akka hinbaanef agarsiisan, Naayijeeriyaan tamsa'ina Iboolaa Lixa Afrikaatti lubbuu namoota kumaatamaa galaafate daftee akka to'attu taasise.

Jiraattonni magaalaa Leegos miliyoona 20 ol ta'an dabalatee guutummaan lammiilee Naayijeeriyaa kutannoo Dr. Adaadeevoh irraa kan ka'e yeroo gabaabaa keessatti yaaddoo dhibee Iboolaarraa bayyanatan.

"Hojjettoota keenya akkaan ciccimoo ta'an muraasa dhabneerra. Dr. Adaadeevoh waggoota 21'f nuwalin hojjetaniiru. Hakiimota akkaan cimoo ta'an keessaa isaan tokko turan" jechuun Dr. Ohiaeri himu.

Gootummaafi kutannoo agarsiisaniif miidiyaalee biyyattiifi idil addunyaan irra deddeebiin kan jajaman Dr. Adaadeevoh, lubbuunsaanii erga dabartee booda badhaasafi beekamtiiwwan hedduu argataniiru.

Waqtii sanatti dhibeen Iboolaa biyyoota Lixa Afrikaa garagaraa keessatti lubbuu namoota heddu galaafatus murteefi kutannoo Dr. Adaadeevoh irraa kan ka'e Naayijeeriyaa keessatti namoota saddeet qofatu dhukkubichaan lubbuusaanii dhaban.

Tamsa'ina dhibee Iboolaa waqtii sanaatiin biyyoota Lixa Afrikaa garagaraa keessatti walumaagalatti namoonni 4,500 lubbuusaanii dhabaniiru.

Laayibeeriyaa, Giiniifi Si'eraa Liyoonis biyyoota lammiileen baay'een jalaa miidhaman turan.