Sababan gabbara mormeef dhiironni hedduun narraa dheessan- Dubartii Indiyaa

Madda suuraa, GUNJAN TIWARI
Indiyaa keessatti yeroo sirni gaa'elaa raawwatamu gabbara kennuun bara 1961 irraa kaasee seeraan ala ta'eera.
Garuu ammallee maatiin misirrottii maallaqa, uffataa fi meeshaalee faayaa kanneen akka warqee maatii misirrochaaf akka kennan gaafatamu.
Barsiiftuun umrii waggaa 27 magaalaa Bhopal keessa jiraattu, 'barmaata hamaa' kana hambisuuf mallattoo diddaa walitti qabuu eegalteetti.
Poolisiin biyyattii galma cidhi keessatti raawwatamu hundatti miseensota ramaduun weeraranii gocha kana dura akka dhaabbatan gaafatte.
Gunjan Tiwari (maqaanshee jijjiirameera) BBCtti akka himtetti miidhaa irra ga'erraa ka'uun mallattoo diddaa walitti qabuu akka eegalte himte.
Sababa gabbara kaffaluu diddeef dhiironni hedduun balbalasaanii akka isheetti cufatan himti.
Akka aadaa fi duudhaa biyyoota addunyaa hedduu, fakkeenyaaf akka Itoophiyaatti, dhiiratu gabbara kennee dubartii fuudha.
Biyya Hindiitti garuu warra intalaatu maatii abbaa warraaf gabbara kennanii heerumsiisu.
Jireenyi Gunjan yaaddoo keessa kan gale, battala maatiin nama ishee ilaallachuuf manasaanii dhaqanii, gatii maatiinshee kaffaluu qaban dubbachuu eegalanitti ture.
'Bifa ishee ilaallee gabbara isiniif hir'isna'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Guraandhala darbe abbaan Gunjan ilma intalasaanii ilaallatu abbaa isaa waliin manasaaniitti affeeran.
Gunjan keessummaa isheef jedhee mana dhufe keessummeessuuf mana keessa olii fi gadi wayita fiigdu, shayii fi waan nyaatamu keessummootaaf wayita dhiheessitu, ulaagaa guutuu fi dhiisuun ishee achumaan madaalamaa ture.
Dubartiin kun haala battala sanatti ture ''kan ofitti amanamummaa nama dhabsiisuu fi hamilee nama buusu'' jechuun ibsite.
''Namni hunduu gara kee ilaala. Jalaa hanga gubbaatti si ilaalanii si madaalu,'' jette.
Intalli kun akka fudhatama argattuuf maatiin guddoo tattaafatan, haati keessattuu waan meeqa gorsaa turte.
Uffata isheerraa bareedu uffata halluu magariisaa akka uffattee as baatu, fuuldura keessummaatti akka hin kolfinee fi wantoota kana fakkaatan gorsite.
Akka hin kolfine kan gorsiteef ammoo ilkaanshee daddabaan akka hin mul'anneef, kunis qabxii dhabsiisa waan ta'eef.
Warri gurbaa gaaffilee hedduu gaafatan. Maal akka hojjettu, waa'ee barnootashee fi nyaata bilcheessuurratti collee ta'uushee cimsanii gaafatan.
Gunjan wayita abbaanshee warri gurbaa gaabbara meeqa akka kaffalchiisan gaafatan dhageesseetti.
Maallaqa biyyattii ruuppii miiliyeena 5 hanga miiliyeena 6 (doolaara 61,000 hanga 73,000) ta'u gaafatan.
Abbaanshee maallaqi kun hedduu fi humnaa ol ta'uu yoo gaafatu, bifa qoosaatiin akkas jedhan.
''Haala intalakee ilaallee, yoo isheen bareedduu taate gatii siif hir'isna,'' jedhaniin.
Wayita maatiin dubbii walitti deddeebisan, Gunjan ni dhageessi. Garuu waan tokko dhibbaa itti amanti- akka gatiin gabbaraa hin hir'anneef.
Warri gurbaa waa'ee ilkaan fi mallattoo (godaannisa) addasheerraa ilaalchisuun gaaffii itti cimsan.

Madda suuraa, Getty Images
Maatiin erga waliin dubbatanii, shayii dhuganii, ka'anii booda Gunjan akka gurbaa ishee ilaallachuuf dhufe waliin dhuunfaatti haasoftuuf carraan kennameef.
Wayita kana isheen akka gabbaraan itti hin heerumne itti himte.
''Gabbarri barmaatilee hamoo keessaa ta'uu irratti waliigale,'' jette Gunjan.
Wayita kana namni kun dhiirota kaanirraa adda akka ta'etti hubatte.
Maatiin warra Tiwari garuu intalli isaanii Gunjan jibbamteetti jedhanii hubatan.
''Faallaa gabbaraa dhababachuu koof haati koo naan lolte. Torbee lamaaf natti hin haasa'in turte,'' jette Gunjan.
Waggoota ja'an darban keessatti abbaan Gunjan maatii dhiirota 100 hanga 150 quunnamanii dubbisaniiru.
Isaan keessaa dhiirota 20 caalanitti haasa'aniiru. Kanneen keessaa Gunjaniif dhiironni ja'a filatamanii dhihaataniiru. Garuu hunduu gabbara malee jedhanii didan.
''Hunduu waan na cufeef ofitti amanamummaan dhabe, hamileetu na bu'e,'' jette dubartiin barnoota herregaan maastarsii qabduu fi koorsii onlaayinii hordofaa jirtu Gunjan.
Indiyaa keessatti gabbara kennuu fi fudhachuun waggaa 60 dura seeraan ala ta'uun labsame.
Haata'u malee gaa'ila biyyattii keessatti raawwataman keessaa dhibbeentaa 90 kan ta'an gabbaraan raawwatamu.
Bara 1950 fi 1999 gidduu kaffaltiin gabbaraaf kaffalame yoo ida'amu tokko sadaffaa doolaara tiriiliyoona tokkoo ta'a.
Maatiin intalaa maallaqa guddaa liqeeffachuun yookiin lafaa fi mana isaanii gurguruun heerumsiisu. Kunuu intalli gaa'ila keessatti jiruu mishaa akka jiraattu hin taasisu.
Akka ragaa Biroo Galmee Yakkaa Biyyaalessaa Indiyaatti bara 2017 fi 2022 gidduu dubartoonni 35,493 ta'an sababa gabbara ga'aa hin kaffalleef ajjeefamaniiru.
Kana jechuun guyyaatti giddugaleessaan dubartoonni 20 ta'an sababa kanaan lubbuu dhabu jechuudha.
Kanneen duula faallaa gabbaraa gaggeessan, Indiyaa keessatti lakkoofsi dhiirotaa kan dubartootaa caaluusaaf sababi ijoon tokko dhimma gabaraa ta'uu himu.
Ragaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii akka mul'isutti Indiyaa keessatti waggaatti micireen dhalaa ta'uun mirkanaa'e kuma 400 ta'u ni baafama.
Daa'imi garaatti qoratamuun dhalaa ta'uun yoo mirkanaa'e, maatiin yaaddoo gabbaraa kaffaluuf deemanii irraa kan ka'e akka hin dhalanne barbaadu.

Madda suuraa, GUNJAN TIWARI
Gujan Tiwari iyyata Komishinara Poolisii magaalaa Bhopal biratti dhiheessiteen, furmaatni jiru galma cidhi keessatti raawwatamu hunda weeraruun namoota gabbara kennanii fi fudhatan hidhuudha jette.
''Namoonni adabbii sodaatanii gocha badaa fi hamaa kana irra of qusachuu danda'u,'' jette.
Gunjan torbee darbe komishinara poolisii Harinarayan Chari Mishra jedhaman arguun duula gabbara irratti gaggeessaa jirtu ibsiteefii akka ishee gargaaran gaafatteetti.
Qondaalli Poolisii kun gabbara faallaa duudhaa hawaasaa ta'ee fi balaa hamaa qabu kana hambisuuf waan irraa eegamu hunda akka godhan waadaa galan.
Garuu poolisiin bakka hunda ga'ee gocha kana dhaabsisuu hin danda'u waan ta'eef hubannoo hawaasaa cimsuun hunduu tokkummaan irratti ka'uu feesisa jette Gunjan.
Umriinshee deemaa jiraachuutti kan yaaddoftu Gunjan ammaan tana gaa'ila godhachuu feeti. Gaa'ila kan godhattu ammoo gabbara malee ta'uu ejjennoodhaan ibsiti.











