Tapha murteessaa Arsenaal v Barnilee, waancaa FA Cup, Siitii v Chelasii eegamu dabalatee tilmaamni kennameera

Kaayil Waaokar fi Dekilaan Raayiis

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Taphni waancaa FA Cup 145ffaa Sambata Istaadiyeemii Wambileetti gaggeeffama.

Chelasiin taphoota 13 darbanirratti Maanchester Siitii mo'atee hin beeku.

Bara 2021 keessa waancaa Shaampiyoons Liigiirratti gareen lamaan waliin taphatanii goolii tokkittii Kaay Haaveertiz lakkoofsiseen Chelsiin mo'atee garee Peep Gaardiyoolaarraa waancaa fudhateera.

Taphoota hafan lamaan waancaa Piriimer Liigii argachuu Arsenaal murteessan keessaas Barnilee waliin dhum-torbee kana dirree Arsenaal irratti gaggeeffama.

Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan akka itti aanutti taphoota hunda tilmaameera.

Jimaata

Aston Viilaa v Liiverpuul

Aston Viilaan tapha xumuraa Yurooppaa Liigii isa eeggatuuf jecha taphattoota jijjiiree taphachuun Tootenhaamiin mo'ameera.

Gareen kun xumura isaa bareechachuuf tapha kana humna isaa guutuun taphata jedhamee eegama. Liiverpuul ammoo gahumsa dhaabbataa ta'e agarsiisuu dhabuun alatti sadakra ahanga shanii keessaa tokko ta'ee xumuruun isaa hin mirkanoofne.

Tilmaama፡ 1 - 1

Sambata

Chelsii v Maanchester Siitii (FA Cup)

Chelsii v Maanchester Siitii (FA Cup)

Peep Gaardiyoolaa Erliing Halaand dabalatee taphattoota boqochiisuun walakkaa torban darbe kanaa keessa Kiristaal Palaasiin mo'ateera.

Taphattoonni boqonnaa argatan Waancaa kanarratti humna kuufatanii dhufuuf jiru.

Chelsiin gahumsa gadi aanaa agarsiisuu kan itti fufe yoo ta'u, tapha kanarratti sirriitti hin socho'u taanaan qabxii hin taane galmeessa.

Timaama፡ 0 - 5

Dilbata

Maanchester Yunaayitid v Notingihaam Forest

Maanchester Yunaayitid v Notingihaam Forest

Forest Liigicha keessa turuu isaa, Yunaayitid ammoo hirmaannaa Shaampiyoons isaa waan mirakneeffataniif taphni kun akkaan kan qalbii hawwatu hin ta'u.

Tapha kana timaamuuf rakkisaa ta'ullee leenjisaan Maanchester Yunaayitid Maayikel Kaariik tapha dirree isaarratti gaggeeffamu kana qabxii gaariin goolabuuf dirree akka seenun tilmaama.

Tilmaama፡ 2 - 0

Bireentifoord v Kiristaal Palaas

Palaas xiyyeeffannoon isaa Yurooppaa Konferansiirrattidha.

Bireentifoord ammoo waltajjii Awurooppaa irratti hirmaachuuf tapha kana mo'achuuf taphata.

Sababa kanaaf tapha kana Bireentifoord akka mo'atun tilmaama.

Tilmaama፡ 1 - 0

Everten v Sanderlaand

Kilaboonni lamaanuu gabatee Liigichaa keessatti gidduurratti argamu.

Gahumsa qabaniin baayyee laafoo ta'uu baatanis, bu'aan garuu irraa fagaateera.

Everten gooliin irratti galaa waan jiruuf, rakkoo kana sirreessuuf hojjeta jedheen yaada.

Tilmaama፡ 1 - 0

Liids Yunaayitid v Biraayiten

Tapha kana tilmaamuun baayyee rakkisaadha.

Biraayiten tapha kana mo'atee sadarkaa hanga 6ffaa jiru keessa galee xumuruuf carraa isa dandeessisu qaba.

Liids gamasaatiin Tootenhaam waliin gaarii taphatelleen osoo hin mo'atiin hafeera.

Tilmaama፡ 1 - 1

Woolvis v Fulhaam

Fuulhaam tapha marsaa duraan salphaattu ture Woolvisiin kan mo'ate.

Fuuhaam tapha kanarraatti qabxii sadii milkeeffachuu danda'a.

Tilmaama፡ 1 - 2

Niiwukasil v West Haam

Torban darbe karreegaa Arsenaal irratti balleessaan raawwatamee West Haam mo'amuun isaa murtee sirriidha.

Tapha kana garuu dirqama mo'uuti isaanirraa eegama.

Niiwukasl marsaa duraan mo'amuu isaatiin alatti, ga'umsi isaa baranaa bu'eera.

Taphni kun walqixaan xumurama jedheen tilmaama.

Tilmaama፡ 1 - 1

Wixata

Arsenaal v Barnilee

Arsenaal v Barnilee

Waancaan Piriimer Liigii kan Arsenaalidha. Barnilee waliin kana of jalaa waan balleessu hin ta'u.

Tapha salphaatti mo'atus ta'a.

Barnileen garee masaanuu dhiphisuu caalaa deeggartoota isaanii akka yaaddessan topha torban darbe Viilaa waliin taasisanirratti argineerra.

Arsenaal kubbaa bakka dhabbatuu ka'urraas ta'e taphaan taphattoota goolii lakkoofsisuu danda'an qabateera.

Tilmaama፡ 3 - 0