Mariin Tiraamp fi Shi Jin Ping yeroo dheeraa fudhate xumurame

Mariin waloo pirezidantii US fi Chaayinaa sa'aatii lamaaf adeemaa ture xumurame. Jalqabarra akka qabametti taanaan mariin kuni sa'aatii tokko tura jedhamee ture.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Kaarik leenjisaa cimaaf, Buruunoon badhaasa taphataa cimaa Piriimer Liigiif kaadhimaman

    Mikaa'el Kaarikii fi Buruunoo Fernaandez

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Buruunoo Fernaandezii fi Mikaa'el Kaarik

    Maayikil Kaarik kaadhimamtoota leenjistoota ciccimoo Piriimer Liigii baranaa keessa gale.

    Leenjistoota badhaasichaaf kaadhimaman keessa leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa fi kan Maan Siitii Peep Gaardiyoolaan jiru.

    Keet Andiriiiw leenjisaa Bireentfoord kan tahee fi kan Boornmooz Andoonii Iriyoolaa as keessatti argamu.

    Leenjisaan Sanderlaandis badhaasichaaf kaadhimameera.

    Taphattota keessaa badhaasa taphataa cimaa bara kanaaf kan kaadhimame Arsenaal irraa Deklaan Raayis, Gabri'eel Magaleshii fi Deevid Raayaadha.

    Maanchister Yunaayitid irraa Buruunoo Fernaandez kaadhimameera. Maanchister Siitii irraa Haalaandii fi Semeyoo kadhimame. Igoor Tiyaagoo Bireentford irraa, Giibsi Waayit Nootinghaam irraa warra kaadhimaman keessaati.

    Taphattoota ol adeemoo keessaa kan Maan Siitii Niikoo Oraayilee, Rayaan Cherkii kaadhimamaniiru.

    Bireentford irraa Mikaa'el Kaayoodee, West Haam irraa Matiyaas Fernaandez, Maan Yuunaayitid irraa Koobii Maayinuu kaadhimamaniiru.

    Boornimooz irraa Kiruuppii fi Aleksi Iskoot dabalamaniiru.

    Isin taphataa kamtu badhaasicha mo'achuu qaba jettu?

  2. Ministirri duraanii Naayijeeriyaa hidhaa waggaa 75 adabame

    Saalee Mamaan ministira duraanii aannisaa Naayijeeriyaa irratti hidhaan waggaa 75 darbe

    Madda suuraa, Nigeria's power ministry

    Ibsa waa'ee suuraa, Saalee Mamaan ministira duraanii aannisaa Naayijeeriyaa

    Ministirri duraanii Naayijeeriyaa yakka malaammaltummaan himatamee hidhaa waggaa 75'n adabame.

    Maqaan isaa Saalee Mamaan jedhama. Duraan ministira aannisaa biyyattii ture.

    Yeroo sana daddabarsa maallaqaa doolaara miliyoona 18.5 raawwachuun himatame. Himata malaammaltummaa akaksiin namni waggaa haga kanaan adabame biyyicha keessa hin jiru.

    Namni kun bakka hin jirrettidha hidhaan kun kan irratti darbe. Erga yakka kanaan himatamee eessa akka jiru hin beekamu.

    Dhaabbilee dhuunfaa fayyadamuun maallaqni mootummaa dhimma aannisaaf oolu karaa isaanii akka bahu taasisaa turuun himatamee balleessaan irratti argame.

    Bara 2015 hanga 2021tti aangoo irra ture. Manni murti akka to'annoo jala oolu ajaja baasus bakki jiru hin baramne.

    Dhimma kana irratti deebii kennuu baatus himatamuu isaan torbee tokko dursee pirezidaantii mootummaa naannoo Tarabaa jedhamuuf akka dorgomu ibsee ture.

  3. BRICS waraana Iraan akka balaaleffatu Iraan waamicha goote

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Abbaas Araagchii Kora BRICS irratti

    Ministirri dhimma alaa Iraan biyyoonni BRICS sarbama seerota Idil-addunyaa Ameerikaafi Israa'el raawwatan akka balaaleffatan kora Hindii Niw Delhiitti taa'aa jirurratti gaafatan.

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii michuu Ameerikaa kan taate UAE waraana Iraan keessatti kallattiin qooda fudhachuudhaan himatan.

    Aangawoonni Iraanii fi UAE waraana Iraan booda yeroo jalqabaatiif waltajjii tokko keessa taa'an kora BRICS kanarratti.

    Abbaas Araagchii "Iraan miidhamtuu weeraraa fi lolaati" jedhan.

    Gurmuun BRICS+ kan Biraazil, Raashiyaa, Hindii, Chaayinaa, ​Afrikaa Kibba, Ijipt, Itoophiyaa, Indoneeshiyaa, Iraan fi UAE - "olaantummaa warra Lixaa" fi miira gaafatama hin qabu jettee Ameerikaan amantu akka morman gaafatan.

    "Iraan biyyoonni miseensota BRICS fi addatti immoo hawaasni addunyaa gaafatamummaan itti dhagahamu hundi sarbamuu seera idil-addunyaa Ameerikaa fi Israa'el raawwachaa jiran raawwatamaa jiru akka balaaleffatan waamicha gooti" jedhan.

    Dhumarra, Abbaas Araagchiin "UAE'n kallattiin weerara biyya kiyyarratti godhamerratti hirmaatte" jechuu isaanii miidiyaan Iraan Mehr news agency gabaase. UAE bakka bu'uun kan Kora BRICS irratti hirmaatan Itti aanaa Ministira Dhimma Alaa biyyattii Khalifa Shaheen Al Marar nama jedhamani.

    he told the gathering that the UAE was "directly involved in the aggression against my country", ​the Iranian semi-official Mehr news agency reported. The UAE was represented by its Deputy Foreign Minister Khalifa Shaheen Al Marar.

  4. US fi Chaayinaan akka AI to'achuun danda'amurratti mariyataa jiru

    -

    Madda suuraa, REUTERS/Evan Vucci

    Ibsa waa'ee suuraa, Chaayinaa fi US akkaataa AI to'atan irratti dubbachaa jiru

    Ministirri maallaqaa US Iskoot Beesent karaa hubannoo nam-tolchee to'atan irratti mariyachaa akka jiran himan.

    Jilli US fi Chaayinaa akkaataa AI itti to'achuu danda'anii fi modeelota AI ciccimoo ta'an qaamolee mootummaa hin taane (non-state actors) irraa eeguun danda'amurratti pirootokolii qopheessuuf mari'atu.

    Beeseent, US gama Hubannoo Nam-tolcheen (AI) Chaayinaa dursitee deemuun "baay'ee barbaachisaa dha"-kanaafidha Beejingi waliin AI to'achuurratti mari'achuun kan barbaachiseef jedhan.

    "Wanti nuti gochuu hin feene waa uumuu (kalaqa) dhaamsuu dha. Kanaafuu, gaafatamummaan keenya kalaqawwan baay'ee ciccimoo fiduu fi nageenyummaa isaa mirkaneessuu dha," jedhan.

    Imaammata US Taa'iwaan irratti hordoftu ilaalchisee kan gaafataman Beeseent, Traamp dubbiin Taa'iwaaan ijoo ta'uu ni beeka isa immoo guyyoota dhufan ofumaaf ni dubbata jedhan.

  5. Naannawa Ulaa Hormuuzitti haleellaan dooniiwwanirrattti raawwatame

    -

    Madda suuraa, Amirhosein Khorgooi/ISNA/WANA via REUTERS

    Ibsa waa'ee suuraa, Dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessaa

    Akka sila gabaasaa turre, Tiraamp Chaayinaa daawwachaa jira. Tiraamp pirezdantii Chaayinaa Shii Jiinpiing faana dhimma waraana Iraanii fi Ulaa Hormuuz mari'ateera.

    Wayita isaan mariyataa jiranitti dooniiwwan naannawa Ulaa Hormuz irratti haleellaam raawwatame.

    Hindiin dooniin ishee takka handaara galaanaa Omaanitti haleelamuu beeksifte. Taatee isaa bal'inaan hin ibsine, garuu hojjettoonni doonii garuu naguma jedhe.

    Ejensiin nageenya galaanarraa Biriitish (UKMTO) Kamisa akka gabaasetti

    "Namni heyyama hin qabne" doonii handaara galaanaa UAE buufata Fujiraah dhaabbatte yaabbatee gara Iraan imalaa turuu hime.

    Miidiyaan Iraan Fars news agency Iraan doonii Chaayinaa Ulaa Hormuuz keessa dabarsuu heyyamuu gabaase.

    Kun waliigaltee pirootokolii imala bishaanirraa ilaalchisee bulchiinsa Iraan faana waliigalame booda ta'uu gabaase Fars news agency

    Madda isaa maqaa dhawuun miidiyaan kun akka gabaasetti tarkaanfiin kun gaaffii ministira dhimma alaa Chaayinaa fi Iraanitti ambaasaaddara Iraan waliin marii Tehraan goote booda dooniiwwan Chaayinaa dabarsuun mijeeffame. Biyyoonni lamaan hariiroo tarsiimawaa qabu.

  6. Walgahiin BRICS waa’ee Iraan irratti gaggeeffamu, Itoophiyaanis hirmaatte eegale

    -

    Madda suuraa, MFA

    Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximotewos walgahii BRICS Hinditti gaggeefamu irratti kan hirmaatan yoo ta'u ajandaa guddaan biyyoota miseensa ta'anii dhimma Iraan ta'a jedhamee eegama.

    Erga Waraanni Galoo Galaanaa jalqabee booda walgahiin Ministiroota Dhimma Alaa BRICS isa jalqabaa, kan Iraan miseensa taate, Kamisa har'aa Hindii, Niiw Deeliitti eegalera.

    Ibsa Ministeerri Dhimma Alaa miidiyaa hawaasummaa isaa irratti baaseen, Dr. Geediyoon “sirna idil-addunyaa biyyoota hunda fayyadamoo taasisu ijaaruuf tumsi barbaachisaadha” jedhan.

    Rakkoon addunyaa amma mudate hatattamaan furmaata yoo hin arganne rakkoo diinagdee fi hawaasummaa hamaa akka fidus ibsan.

    Itti dabaluunis BRICS nagaa fi tasgabbii, akkasumas sirna idil-addunyaa haqaa fi tasgabbaa’aa uumuu keessatti gahee qabaachuu qaba jedhan.

    Itoophiyaan waggaa lama dura garee BRICS kan Iraan miseensa taate kana Ministirri Dhimma Alaa ishee bakka bu’uun ni hirmaatti.

    Ameerikaa fi Israa’el waliin waraana keessa kan jirtu Iraan ministeera dhimma alaa ishee Abbaas Araaghchiin walga’ii kana irratti akka hirmaataniif gara Hindiitti erguun, ministeerichi walga’ii kana cinatti gita isaanii biyyoota miseensa BRICS waliin ni mari’atu jedhamee eegama.

    Keessummeessituun walgahii kanaa Ministirri Dhimma Alaa Hindii Subrahmanyam Jayishankar akka jedhanitti, dhimmoota idil-addunyaa fi naannoo, akkasumas tumsa biyyoota miseensa ta’an cimsuu irratti ni mari’atama.

    -

    Madda suuraa, MFA

    Ministirri Dhimma Alaa Hindii baniinsa walga’ii kanaa irratti haasaa taasisaniin, BRICS biyyoota guddachaa jiran gama fayyaa fi maallaqaa, akkasumas gatiin boba’aa, nyaataa fi xaa’oo dabalaa dhufuu isaatiin deeggarsa ni taasisa jedhan.

    Ministirri Dhimma Alaa kun walgahiin kun yeroo hariiroon idil-addunyaa irratti jijjiiramni guddaan mul’ataa jirutti akka ta’e, biyyoonni guddatani fi guddachaa jiran BRICS caalaatti “ tasgabbeessuu fi gahee ijaarsaa” akka taphatu akka barbaadan hubachiisan.

    Walgahiin ministeera haajaa alaa biyyoota miseensa garee kanaa har'a Hindii, Niiw Deeliitti eegale hanga Jimaata borutti itti fufa.

    -

    Madda suuraa, MFA

  7. Waancaa addunyaa Ameerikatti qophaa'eef viizaan bilisaa?

    Tiraampi Waancaa Addunyaa qabatee

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraampi Waancaa Addunyaa qabatee

    Daawwattoonni tikkeettii waancaa addunyaa bitatan viizaa Ameerikaaf Doolaara kuma 15 qabsiisuun akka isaan hin barbaachifne Ameerikaan beeksifte.

    Mootummaan Ameerikaa deeggartoota kubbaa miilaa biyyoota 50 irraa waancaa addunyaaf gara Ameerikaa imaluu barbaadaniif viizaa doolaara kuma 15 qabsiisuu akka qaban ibsee ture.

    Amma garuu seera kana kaasuun deeggartoonni biyyoota 50mman kanaas dabalatee tikkeettii tapha seera qabeessa qabaachuu qofaan bilisaan Viisaa argachuu akka danda'antu ibsame.

    Waancaa Addunyaa Waxabajjii 11, 2026 irraa eegalee Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikootti gaggeeffama.

    Biyyoota 50 seera sanaan dhorkamanii turan shan biyyoota waancaa addunyaaf darban akka Aljeeriyaa, Kaaboo Verde, Ayivoorii Koost, Senegaal fi Tuuniziyaa fa'i.

    Seerri viizaaf maallaqa qabsiisuu bara darbe kan eegale yoo ta'u lakkoofsa daawwattoota yeroo dheeraa (yeroo hayyamame caalaa) US keessa turan hir'isuuf ture.

    Maallaqni kun erga daawwataan biyyattii bahee booda deebi'a ture. Taphattoonniifi leenjistoonni duraayyuu bilisa turan. Deeggartoonni idilee garuu hanga ammaatti bilisa hin turre.

    Ameerikaan jijjiirraan seeraa kun qaama tumsa FIFA waliin waancaa addunyaa milkeessuuf taasifamuudha jetti.

    Haa ta'u malee, imaltoonni Iraan fi Heeyitii irraa dhufan ammallee gara US akka hin seenne kan taasifamu yoo ta'u, taphattoonni isaanii fi leenjistoonni isaanii dorgommii kanaaf imaluu danda'u.

    Ivory Coast fi Senegal dabalatee biyyoonni tokko tokko ammallee ragaawwaan dabalataa dhiyeessuuf isaan barbaachisu akka jiru ibsameera.

    Gareen mirga namoomaa seerri imaltoonni biyyoota tokko tokkoo akka hin seenne dhorkuu, loogiin akka raawwatamu taasisuu akka danda’u akeekkachiisan.

  8. Pirezidantiin Chaayinaa US waliin 'walitti bu'iinsa' seenuu akka malan akeekkachiisan

    Pirezidantota US fi Chaayinaa- Doonaald Tiraamp fi Shii Jinping

    Madda suuraa, POOL / AFP via Getty Images)

    Pirezidantiin Chaayinaa Shi Jinping dhimma Taayiwaan irratti US waliin ''walitti bu'iinsi'' akka hin dhalanne akeekkachiisan.

    Miidiyaan mootummaa Chaayinaa akka gabaasetti, Shi Jinping dhimmi kuni ''hariiroo Chaayinaa-US gidduutti waan guddaadha.''

    Shiin ''Yoo sirriitti qabame hariiroon waloo ni tasgabbaa'a. Yoo sirriitti qabamuu baate biyyoonni lamaan walitti bu'u, wal waraanus malu,'' jechuu isaanii miidiyaan mootummaa Chaayinaa gabaaseera.

    Dabaluunis, walabummaan Taayiwaan Ulaa Taayiwaan waliin ''bu'uurarraa wal hin simu,'' jedhan.

    Ulaa Taayiwaan keessatti nagaa qabaachuun immoo hariiroo US fi Chaayinaa gidduutti bu'uura ta'uu dubbatan.

    Hubachuuf: Taayiwaan odola ofiin of bulchitudha. Chaayinaan garuu qaama kiyya, humaamnis nan deeffadha jetti.

  9. Tiraamp fi Shi Jin Pingi marii sa'aatii lama booda xumuran

    Tiraamp fi Shi Jin Pingi

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp fi Shi Jin Pingi

    Mariin waloo pirezidantii US fi Chaayinaa sa'aatii lamaaf adeemaa ture xumurame.

    Jalqabarra akka qabametti taanaan mariin kuni sa'aatii tokko tura jedhamee ture.

    Mariin Tiraamp fi Shii gaggeessan marii cufaan gaggeeffamedha.

    Booda keessa sagantaa irbaataa Tiraampiif qophaa'e irratti pirezidantiin US argamu jedhamee eegama.

    Eenyutu mariirra hirmaate? Tiraampiin ala gama Ameerikaa Ministirri Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoo, Ministirri Ittisaa Piit Hegseet hirmaataniiru.

    Dabalataan, Bakka Bu'aan Daldalaa US Jemisan Giriir akkasumas Ministirri Maallaqaa Iskoot Beseent jiru. Angawoota gama Chaayinaatii hirmataan miidiyaan Chaayinaa CCTV hin ibsine.

  10. Ashamaa! Akkaam bultan?

    Tamsaasi kallattii keenyaa eegaleera.

    Odeessaalee keenya dhimmoota addunyaafi biyya keessaa tamsaasa kallattii kanaan isin biraan geenya, nu hordofaa.

    Oolmaa gaarii!

  11. Maanchister Siitii 2-0 K. Paalaas- 45'

    Maanchister Siitiin galchii Semenyoo fi Omaar maarmushiin 2-0 K. Paalaas dursaa jira.

    Gaardiyoolaan Haalaandii fi Dookuu taa'umsa jijjiirraa irra kaa'uun tapha kana jalqabe.

    Maarmushii fi Fiil Fooden carraa gahaa argatanii hin beekan.

    Har'a jalqaba irra hiriiruun galchii lakkoofsisuu fi mijeessanii waliif kennuun Siitiin dursaa jira.

  12. Gaardiyoolaan waancaa Piriimer Liigiif harka kennee?

    Peep Gaardiyoolaan tapha Maanchister Siitiin har'a Kiristaal Paalaas waliin qabuuf Haalaandii fi Dookuu taa'umsa jijjiirraa irra kaa'e.

    Kilebichi taphattoota kanneen lamaan malee galchii lakkoofsisuuf rakkataa ture.

    Gaardiyoolaan hanga dhumaatti yaalee Arsenaal West Haamiin mo'annaan waancaan gara Arsenal akka deeme waan hubate fakkaata.

    Sarara duraa Maan Siitii Semenyoo, Saaviniyoo fi Maarmushtu dursa.

    Givaardiyool yeroo dheeraa booda deebi'e. Gaardyoolaan waancaa Piriimer Liigii morkachuun harka isaanii keessa akka hin taane beeka.

    Sanbata dhufu Cheelsii waliin waancaa FA morkata. Taphattoota isaaf kan boqachiisan fakkaata.

  13. Beenjaamiin Neetanyahuun icciitiin UAE daawwachuu himan

    MM Israa'el yeroo Oppireeshinii Leenca Aadu ykn 'Operation Roaring Lion' jechuun moggaasuun Iraan irratti waraana gaggeessaa turan icciitiin UAE deemuu himan.

    Daawwannaa isaanii kanaanis [irezidaantii UAE Sheek Mohaammad bin Zaayed argachuu himan.

    Maxxansa miidiyaa hawwaasaa isaanii irratti beeksisaniin daawwannaan isaanii kun hariiroo Israa'elii fi UAE'f seena qabeessa jedhan.

    Erga bara 2020 biyyoonni lameen hariiroo dippilomaasii, daldalaa fi turizimii gaarii qabu.

    Iraan ammoo UAE yeroo waraana sanaa haleelaa turte.

  14. Paarlaamaa Filippiins keessatti dhukaasni baname

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Paarlaamaa Filippiins keessatti dhukaasni kan baname senaatarri [miseensi paarlaamaa biyyattii] Ronaald deelaa Roosaa to'atamuuf ture yeroo dhokachuuf yaalutti.

    Senaatar Ronaald deelaa Roosaa mana murtii yakkaa idil-adduyaa (ICC)'dhaan barbaadamaa nama ture.

    Senaatar Ronaald deelaa Roosaa yakka namoomarratti raawwatamu (crimes against humanity) raawwachuun shakkamee barbaadamaa ture.

    Namni kun pirezdantii biyyattii duraanii Roodrigoo Duteerteedhaan "duula farra qorcha sammuu hadoochuu" akka to'atu gaafatamni kennameefii ture. Nama kanaafi aangawoota biyyattii gidduu halkan lamaaf wal dura dhaabbannaan ture jedhame.

    Roobii waaree booda, Deelaa Roosaa qabamuufan jira jechuu isaa hordofee, loltoonni biyyattii gamoo paarlaamaa biyyattii seenan. Kuun isaanii qawwee qabatanii seenan. Miidiyaaleen biyyattii akka gbaasanitti naannicha jeequmsatu ture, dhukaasi qawwee itti aanee dhagahame.

    Eenyu akka dhukaase garuu hin baramne. Ministirri dhimma biyya keessaa Jonvic Remulla taateen kun ni qoratama jedhan.

    Maqaa masoo Deelaa Roosaa dhawuudhaan, "Senaatar Baatoo hin hidhu" jedhe. "Hunda namaa eeguufin as jira.”

    "Eenyu akka duuba jiru hin beeknu," jedhe Remullaan waayee dhukaasa banamee yoo dubbatu. Ni qoranna jedhe.

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -
  15. Xaaliyaaniin dooniiwwan waraanaa lama gara Ulaa Hormuuz erguufi

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Doonii waraanaa Xaaliyaanii

    Xaaliyaaniin dooniiwwan waraanaa lama gara Ulaa Hormuuz erguufi jedhame.

    Ministirri Dhimma Alaa Itaalii Antooniyoo Taajaanii fi Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Gu'iiidoo Kiroosetoo warra seera tumanitti akka himanitti ergamni dooniiwwan kanneenii yoo waraanni dhaabbate fanjii qulqulleessuu dha.

    Kireesotoon akka jedhanitti dooniiwwan kunneen jalqaba gara Meediteraaniyaanii achiis Galaana Diimaa ergamu. Kunis ergama paarlaamaan biyyattii kenneef giddugaleessa kan godhatu dha.

    "Dooniiwwan kunneen of eeggannoof...dhiyeenya Ulaa Hormuuz akka qubatan mijeessina," jedhan Kiroosettoon.

    Ministiroonni lamaan Xaaliyaaniin ergama babal'ifannaa waraanaa akka hin qabnee fi ergamni fanjii qulqulleessuu kunis hordoffii jalatti akka gaggeeffamu himan. Yeroo kanatti Ulaan dooniiwwan daldalaa ijoon Hormuz uggura jala jira.

    "Galoo Galaanaa keessatti ergama waraanaa haaraa kamuu hin feenu," jedhan Taajaaniin.

    Ergamni fanjii qulqulleessuu erga waraanni dhaabbatee akka raawwatamu ibsan.

    Kiroosetoon haalawwan haaldureen osoo hin guutamin ergama waraanaa kana raawwachuun akka hin danda'amne addeesse hime.

    "Ergamni waraanaa kun haala qabatamaa irratti hundaa'ee, jalqaba dhukaasa dhaabuu qabatamaa, itti aansuun dambii, dhumarrattis hayyama Paarlamaa gaafata," jechuun haala naannichaa "amansiisaa akka hin taanee fi yaaddoo jala" akka jiru ibse.

    Xiyyeeffannaan guddaan ergama kanaa bilisummaa imala dooniiwwan Ulaa Hormuz keessa deddeebi'an eeguuf carraaqqii taasifamudha jedhan. Xaaliyaaniin, akkuma ministiroonni ishee ibsanitti, ergama kana ilaalchisee iftoomina agarsiisaa jirti.

  16. Tiraamp Beejing gahe, Chaayinaan dhaabbilee US'f banaa akka taatu nan gaafadha jedhe.

    Tiraamp Chaayinaatti simatame

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp Chaayinaatti simatame

    Tiraamp daawwannaa isaa Beejingi kanaan hoggantoota kaampaanota Ameerikaa guguddoo qabatee deeme.

    Abbaan kaanmpaanii Nvidia Jensen Huwaang, abbaan Apple Tiim Kuuk, Abbaan kaampaanii Tesla fi SpaceX Eloon Maask, abbaan BlackRock Laarii Fiink Ofaar fi akkasumas hogganaan Booyingi kanneen jila Tiraamp faana gara Chaayina adeemani.

    Tiraamp dawwannaa isaa kanaan Pirezdantii Chaaayinaa Shii Jiinpiing Chaayinaan akka balbala ishee kaampaanota Ameerikaaf 'banaa akka gootun' gaafadha jedhe. Kaampaanonni kunneen Rippaablika Chaayinaa gulantaa caalutti ceesisuuf raajii warra hojjetani jedhe.

    Kun dhimma ijoo jalqabaa hoggana Chaayinaaf dhiyeessu ta'uu hime Tiraamp.

    "Kana caalaa dhimmi biyyoota keenya lamaan fayyadu danda'u hin beeku" jedhe.

    Hogganaan kubbaaniyaa Nvidia kan dorgomaa teknolojii Chaayinaa ta'e jila Tiraamp kanatti daqiiqaa dhumaarra dabalame jedhame.

    -

    Madda suuraa, Alex Wong/Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -
  17. Raashiyaa fi Yukireen waraanatti deebi'an, Raashiyaan dirooniidhaan namoota 9 ajjeefte

    Haleellaa naannawa Dnipropetrovsk keessatti mudate booda abidda uumame dhaamsuuf tattaaffii hojjettoonni balaa abiddaa Yukireen taasisan

    Madda suuraa, DSNS / Dnipropetrovsk region

    Aanga'oonni Yukireen akka jedhanitti haleellaa Raashiyaan kutaalee biyyattii adda addaa keessatti raawwatteen namoonni sagal yoo du'an 28 irra miidhaan ga'eera.

    Haleellaa hamaan naannawa Dnipropetrovsk jedhamutti raawwatame, addanatti kan du'an namoota saddeet, 11 ammoo madaa'aniiru.

    Baha Donetsk keessatti ammoo nama tokkorra miidhaan ga'e.

    Waliigalatti Raashiyaan naannolee 14 keessatti haleellaa raawwatte.

    Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii ammallee dirooniiwwan Raashiyaa 100 caalan qilleensa biyyattiirra marsaa jiraachuu himuun, haleellaan caalu akka mudatu yaadda'uu ibse.

    Aanga'oonni Raashiyaa ammoo warshaan oomisha gaazii fi indastiriiwwan lama diroonii Yukireeniin haleelamuu ibsan.

    Biyyoonni lameen akkuma waliigalteen dhukaasa dhaabuu jaarsummaa Ameerikaan labsamee ture Wiixata xumurameen haleellaa walirratti banan.

    Erga Raashiyaan Guraandhala 2022 Yukireen weerartee as waraanni biyyoota lameenii dhaabbatee hin beeku.

  18. Pirezidantiin Faransaay daawwannaa hojiif Itoophiyaa seenan

    Ministira Muummee Itoophiyaafi Pirezidantii Faransaay

    Madda suuraa, Abiy Ahmed/ Facebook

    Ibsa waa'ee suuraa, Maakroon gara Itoophiyaatti osoo hin imalaniin dura Masriifi Keeniyaa turan

    Pirezidantiin Faransaay Imaanu'el Maakroon daawwannaa hojiif Itoophiyaa seenan.

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad buufata xiyyaaraatti argamuun isaan simataniiru.

    Daawwannaa yeroo sadaffaaf Itoophiyaatti kan taasisan yoo ta'u ''michummaa jabaa biyyoota lamaa kan agarsisudha,'' jedhaniiru.

    Daawwannaa isaaniin dhimmoota ''ijoofi murteessoo irratti marii'' akka gaggeessaniis himan.

    Maakroon gara Itoophiyaatti osoo hin imalaniin dura Masriifi Keeniyaa turan.

    Keeniyaatti Yaa'ii 'Africa Forward Summit' jedhamuufi Faransaay fi Keeniyaan qophaa'e irratti hirmaataniiru.

    Ministirri Muummee Abiy Ahimadis hirmaachuun isaanii ni yaadatama.

  19. Paatiriyaarkiin Ortodoksii Itoophiyaa lammiilee Sa'udiitti murtee du'aarra jiraniif birmannaa gaafatan

    Abuuna Maatiyaas

    Madda suuraa, Getty Images

    Paatiriyaarkiin Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, Abuuna Maatiyaas, lammiilee Itoophiyaa manneen hidhaa Sa'udii keessatti murtee du'aa eeggachaa jiraniif araara kadhatan.

    Dureen amantaa kuni ergaa mootummaa Itoophiyaafi Sa'udii, darbees dhaabbilee mirgaafi ummatoota Itoophiyaaf dhaamaniin kana jedhan.

    Abuuna Maatiyaas yaaddoofi dhiphuu lammiilee akka miidhama ofiitti ilaalamee murteen du'aa irra kaafamu gaafatan.

    Mootummaan Itoophiyaa aangawoota Sa'uudi waliin mari'achuun ''ijoollee keenya murtee du'aa gara jabinaan itti murtaa'e akka irraa ka'uufi biyya isaanitti karaatti deebi'an akka mijaa'uf'' gaafataniiru.

    Abuuna Maatiyaas hojiiwwan lammiilee baraaruu eegalaman jedhan akka xiyyeeffannoon kennamuuf waamicha taasisaniiru.

    ''Kennaan guddaan Waaqayyoon dhala namaaf kenne lubbuudha'' jechuun aangawoonni Sa'udiis lammiilee murtee du'aa eeggataniif araara akka godhan gaafatan.

    Godaantota Itoophiyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen Itoophiyaa jireenya wayyoo qabu barbaacha gara biyyoota giddugala Bahaa imalu

    ''Lammiilee keenya murtee du'aa jala jiraniif akka araara godhan, adabbiis gara hidhaatti akka jijjiiran garaa abbaan ni gaafanna,'' jedha ibsi baasan.

    Dhaabbileen mirgaa idil-addunyaas lammiilee Itoophiyaa bira akka dhaabatan waamicha taasisan.

    ''Namni fakkeenya Waaqaan uumame lubbuun isaa baduu hin qabu'' jechuun hordoftoonni mana kiristaanichaa akka kadhatanis waamicha taasisan.

    Kana dura jaarmiyaan idiladdunyaa mirga dhala namaaf falmu Human Rights Watch (HRW) baqattoonni Itoophiyaa 65 Sa'uudii Arabiyaa keessatti balaa ajjeefamuu jala jiru jechuun birmannaan akka barbaachisuuf gaafateera.

    Lammiileen Itoophiyaa jiruu wayyoo barbaacha wagga waggaan gara Sa'udi imalu.

  20. UK'n Ulaa Hormuuz eeguuf diroonii, jeettiifi meeshaa waraanaa biroo akka ergitu beeksifte

    Doonii

    Madda suuraa, PA Media

    Yunaayitid Kingidam (UK) sochii dooniiwwanii Ulaa Hormuuz irratti taasifamu eeguudhaaf ergama waloo qophaa’erratti dirooniiwwan, jeettiiwwan waraanaafi dooniiwwan waraanaa akka gumaachitu beeksifte.

    Ministirri ittisaa Joon Eelii kora ministiroota ittisaa Kibxata gaggeeffameen deeggarsa UKn taasiftu ifa godheera.

    Bobbiin humna galaanaa UK fanjiiwwan (dhootuuwwaj) galaana keessaa adda baasuuf meeshaa gargaaru, bidiroowwan diroonii fi hordoffii qilleensarraa taasisuudhaaf jeettiiwwan waraanaa gargaaran kan dabalatu ta’a jedhameera.

    Ergama Ulaa Hormuuz eeguu haalli yoo mijate ni jalqabama jedhamee eegamu kana keessatti biyyoota 40 olitu hirmaata.

    Iraan deebii haleellaa Ameerikaafi Israa’el irratti bananiif jecha daandiiwwan dooniiwwan addunyaa baayyeen irra socho’an keessaa tokko ta’e Ulaa Hormuuz ji’ootaaf cuftee turteetti.

    Ameerikaan gamasheetiin Teehraan irratti dhiibbaa dinagdee gochuuf gara mariitti akka dhuftu gochuuf jecha dooniiwwan gara ulaa galaanaa Iraanitti bahaniifi galanirra uggura keesseetti.

    Addunyaarratti boba’aan dhibbentaa 20 ta’e kan keessa darbu Ulaan Hormuuz cufamuu isaarraa kan ka’e gatiin boba’aa dabaleera.