'Dawaan HIV ittisu ji'oota muraasa keessatti alaa ni gala' - Ministeera Fayyaa Itoophiyaa

Dawaan lenacapavir jedhamu lilmoodhaan kennama

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Dawaan haaraan dhibee HIV ittisuuf fayyadu Lenacapavir jedhamu gatii salphaadhaan akka dhiyaachuf jiru kan ibsame Fulbaana 2025 ture.

Biyyoota Afrikaa keessaa Keeniyaan dawaa kana eegaluun kan jalqabaa yoo taatu Keeniyaatti dawaan kun dhuma ji'a Guraandhala darbee kennamuu eegale.

Keeniyaatti aanee biyyoonni Afrikaa kan biroo sadi: Leesetoo, Naayijeeriyaafi Moozaambikii tajaajila dawaa kanaa dhiyeessuu jalqabanii jiru.

Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif dawaan haaraa dhibee HIV ittisuuf fayyadu Lenacapavir jedhamu kanaji'oota muraasa keessatti biyya alaatii galchuufi tajaajila isaa eegaluuf akka jirtu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ministeera Fayyaa Itoophiyaatti itti gaafatamaan damee ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS Obbo Fiqaaduu Yaadataa dawaan kun namoota saaxilamoodha jedhamanii yaadamaniif kennamuuf akka karoorfame himan.

"Kan inni kennamu namoota dhibee HIV'dhaaf saaxilamoodha jedhaman keessattuu dubartoota naannoo hoteelaarratti bobba'anii hojjetan, namoota qunnamtii naf-saalaa hojiisaanii godhataniif kan kennamu. Isaan kun ofiif jedhaniiti kan fudhatan jechuu dha."

Dawaan kun liilmeedhaan kan kennamu yoo ta'u, dursanii dawaa kan yoo fudhatanii fi akka carraa nama vaayirasii kana qabu waliin qunnamtii saalaa fi karaa dhibeen kun ittiin darbu ka biraatiif yoo saaxilaman carraan saaxilamuu baay'ee xiqqaa dha.

Dawaan kun waggaatti ji'oota jaha jahaan ala lama kan fudhatamu dha. Kun bu'a qabeessummaa isaarratti dhiibbaa gaarii akka qabu Obbo Fiqaaduun himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Guyyaa guyyaatti qoricha liqimsuu ykn ji'a saditti deddeebi'anii lilmoo waraannachuurra waggaatti al lama bifa kanaan lilmee waraannachuun namoonni itti fufiinsaan akka fudhatan kan jajjabeessudha."

Saaxilamummaa ittisuu keessatti shoorri inni qabu tooftaa hanga ammaa caalaa olaanaa dha.

Namoonni kunneen vaayirasii kanaan qabamuun isaanii yoo mirkanaaye kan kennamuuf ta'uus dubbataniiru qondaalli ministeera fayyaa Itoophiyaa kun.

Biyyoonni gargaarsa dawaa deeggarsa dhaabbilee fayyaaf godhamuun yookiin barbaachisaa ta'ee argamnaan mootummaan bajata ramaduun bituun argachuu danda'u.

Itoophiyaatti tatamsa'inni dhibee HIV Eedsii parsantii tokkoo gadi ta'uu dubbatan Obbo Fiqaaduun.

"Tamsa'inni HIV Itoophiyaatti parsantii tokkoo gadi (0.8%)dha. Lakkoofsa namaatiin 600,000 dha. Kanneen qorannoo godhanii baran 550,000 ol ta'u. Kanneen hafaan eessa akka jiranii fi of baran hojjetamaa jira."

Dawaan kun waggoota lamaan dhufanitti biyyoota diinagdeensaanii gadi aanaa ta'e 100 keessatti ni raabsama jedhameera.

Namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman dawaa kana akka argatan karoorfameera.

Dawaan kun addunyaan dhibee HIV/AIDS qolachuu keessatti tarkaanfii deemte akkasumas fuulduratti milkaa'uufis abdii kan uumu ta'uu kan mul'isuudha.

Dawaan Lenacapavir jedhamuu fi lilmoodhaan kennamu kun xumura bara kanaatti dhihaachuu eegala.

Dawaa kana argachuuf namni tokko waggaatti doolaara kuma 28 kaffala, akkaataa waliigaltee amma irra ga'ameen garuu gatiin dawaa kanaa doolaara 40tti gadi bu'eera.

Hanga bara 2027tti dawaan kun gatiinsaa hir'atee biyyoota galii gadi aanaa fi giddugaleessaa qaban 120 keessatti ni raabsama.

Waggoota lamaan dhufanitti immoo biyyoota diinagdeensaanii gadi aanaa ta'e 100 keessatti ni raabsama jedhameera.

Akka saayintistoonni jedhanitti dawaan kun vaayirasiin HIV/AIDS akka of hin baayyisne ni ittisa.

Namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman dawaa kana akka argatan karoorfameera.