Barri aangoo pirezidantii Somaaliyaa dhumuu hordofee muddama biyyattiitti dhalataa jiru


Mormitoonni Somaaliyaa fooyya'iinsa filannoo taasifame hordofee hiriira waamaniiru

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Mormitoonni Somaaliyaa fooyya'iinsa filannoo taasifame hordofee hiriira waamaniiru
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaamud yaalii bara aangoo isaa dheereffachuuf taasise hordofee mormiin kanaan dura isa mudatee hin beekne irratti ka'eera.

Akka heera biyyattiitti barri aangoo pirezidantichaa kan xumuramu Caamsaa 15, 2026 ta'a.

Pirezidantichi dhiyeenya kana bara aangoo ofii isaafi kan paarlaamaa waggaa afur irraa gara waggaa shaniitti dheeressuun filannoo hanga wagga dhuftuutti dheeressuuf heera mootummaa fooyyeessuuf yaalii erga taasiseen booda muddamni dabaleera.

Mormitoonni addabaabaayiitti bahanii sagalee yeroo dhageessisanitti yoo xiqqaate erga namoonni lama ajjeefamanii kanneen biroo baayyeen erga miidhamanii boodamootummaan magaalaa guddoo biyyattii Moqaadishoo keessatti hiriira deeggarsaa guyyoota muraasa dura gaggeesseera.

Humnoonni nageenyaa mormitoonni hiriira dabalataa akka hin gaggeessineef jecha dhorkuuf naannoo manneen jireenyaa isaaniitti bobba'aniiru.

Gamtaa mormituu adda duree kan ta'eefi pirezidantii duraanii Shariif Sheek Ahimadin, ministiroota baayyee, akkasumas hoggantoota Puuntilaand fi Jubaalaand kan qabate 'Somalia Future Council' pirezidantichi daangaan heera mootummaa aangoo isaa erga dhumateen booda fudhatama hin qabu jechuun ibsa baaseera.

Mariin walitti aansuun mootummaafi mormitoota gidduutti taasifamuuf ture osoo hin milkaa'iin hafeera.

Hoggantoonni paartilee mormituu pirezdaantichi aangoo dhuunfatu jechuun kan himatan yoo ta'u, gochi isaa kun biyyattii gara walitti bu'iinsa haaraatti galcha jechuun akeekkachiisaniiru.

Pirezidantiin duraanii Mohaammed Abdullaahii Formaajoo qaamoleen siyaasaa dhimmi isaan ilaallatu gidduutti osoo barri aanoo pirezidantii ammaa kun hin xumuramiin dura adeemsa filannoo hunda hirmaachise akka taasifamuuf waamicha dhiyeesseera.

Muddama siyaasaa wanti kakaase maalidha?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bitootessa keessa parlaamaan fooyya'insa heera mootummaa aangoo pirezidaantichaa fi yeroo filannoon itti gaggeeffamu dheeressu raggaasiseera. Kun garuu garee mormitootaa biratti qeeqni guddaan akka ka'u godheera.

Pirezidantiin duraanii kutaa bulchiinsa kibba-lixaa Abdiyyaas Laaftaagaaree loltoota mootummaa federaalaatiin erga aangoorraa kaafamee guyyoota muraasaan booda ministirri muummee Hamzaa Abdii Baarree bulchaa kuta abulchiinsattii ta'ee muudamuun muddamni ture daran akka hammaatu taasiseera.

Mootummaan federaalaa kibba-lixaatti filannoon akka gaggeeffamu murtee dabarse waliin haaluma wal fakkaatuun Gaalmudugaa fi Hiirshabalee keessattis tarkaanfii fudhachuf murteessuun hoggantoota mormitootaa gidduutti wal dhibdee uumeera.

Qeeqxonni Mohaammud karoorri 'namni tokko sagalee tokko' jedhu tasgabbii dhabuu, to'annoo ,ootummaa giddugaleessaa, akkasumas bakka walitti bu'iinsawwan hin hiikamiin jiranitti sirna filannoo gosaa irratti hundaa'e bara 2000 irraa kaasee hojiirra jiru dhiisuun rakkisaadha jechuun falmu.

Duulli mana diiguu mootummaan Moqaadishoo itti jiru mormitoonni "lafa ummataa fedhii dhuunfaaf gurguraa" jiru jechuun isaanii muddama jiru dhimmoota hammeessan keessaa tokko ta'eera.

Kun osoo kanaan jiruu, magaalaa guddoo biyyattii keessatti hidhamuun gaazexeessitotaafi aktivistootaa dhorkaa miidiyaa biyyattii keessatti dabalaa dhufeefi tasgabbii dhabuun siyaasaa akka dabalu godheera.

Somaaliyaan filannoo kallattiin yeroo dhumaatiif kan taasifte bara 1969 ture

Madda suuraa, Radio mogadishu

Ibsa waa'ee suuraa, Somaaliyaan filannoo kallattiin yeroo dhumaatiif kan taasifte bara 1969 ture

Miidiyaaleen biyyattii muddama uumame akkamiin gabaasan?

Miidiyaan biyyattii marii mootummaa fi mormitoota gidduutti Caamsaa 13, 2026 gaggeeffame bal'inaan gabaasaniiru.

Gama mootummaan pirezidanti Mohamuud fi Ministira muummee Itti aanaa Saalaa Ahmad Jamaa bakka bu'uun marii kanarratti hirmaataniiru, gama mormitootaan ammoo pirezidantii duraanii Shariif Sheek Ahmad fi bulchaa Puuntilaand Abdullaahii Jeenii argamaniiru.

Miidiyaan dhuunfaa Somaalii Gaardiyaan jedhamu hookkarri amma deebi'ee ka'u tattaaffii ijaarsa biyyaaf waggootaaf taasifamaa ture duubatti akka hin deebisne akeekkachiisuun gabaase.

Duula waraanaa Al-Shabaab irratti gaggeeffamaa jiru rakkoo keessa kan buusuudha jedha gabaasi kun.

Miidiyaan kun gaaffiin ijoon mormitootaa deeggartoonni isaanii hidhaman akka gadhiifaman ta'uu gabaase.

Ministirri duraanii Abdirahmaan Baadiyeew ''qaamoleen alaa turanii waan gidduu seenaniif garee lamaan irrattiyyuu hagas mara dhiibbaa uumuu hin dandeenye,'' jedhe.

Marsariitiin Gaarowee Onlaayin jedhamu gamasaan maddeen maqaansaanii hin eeramne wabeeffachuun mootummaan federaalaa Koreen teeknikaa akka hundaa'u dhiibbaa gochaa jiraachuu gabaase.

Miidiyaan deeggaraa Al-Shabaab ta'e Al-Furqaan ammoo ''mootummaa fi mormitoota gidduu wal amantaa dhibuu,'' gabaase.

Mariin bakka imbaasiiwwan keessatti argamanii fi loltoota idiladdunyaan eegumsi cimaan godhamuuf, mooraa Halaanee, keessatti gaggeeffame bu'aa malee xumuramuu gabaase miidiyaan kun.

Miidiyaan deeggaraa Al-Shabaab ta'e kan biraan Somali Memo jedhamu gamasaan ''mariin warra lixaan taliigamuu fi Moqadishootti gaggeeffamu gufachuu,'' gabaase.

TVn Kaab jedhamu Ebla darbe akka gabaasetti wayita mormitoonni akka mariisistoonni biyya alaa ba'an gaafatanitti, ambaasaaddarri Turkii dhimma Somaaliyaa keessaa akka ba'u gaafatanii turuu gabaaseera.

Xiinxaltoonni siyaasaa mootummaan federaalaa akka aangoonsaa dheereffamu gaaffii kan dhiheessu yoo ta'u marii kanarraa bu'aa abdachiisaan ni eegama jedhanii akka hin abdanne ibsan.

Itti aanee maaltu ta'uu danda'a?

Mormitoonni Pirezidanti Mohammad yeroon aangoosaa erga obba'ee booda ''akka pirezidantii biyyattiitti fudhatamuu hin qabu'' jechuun Sambata borii (Caamsaa 16, 2026) hiriira waamaniiru.

Guyyoota itti aanan mariin siyaasaa akka gaggeeffamu akkasumas qaamni sadaffaa akka gidduu seenu tattaaffiin ni taasifama jedhamee eegama.

Mootummaa federaalaa faana hariiroo qaban adda kutanii kan jiran Puuntilaand fi Jubaalaand, waliigalteerra hin ga'amu taanaan Gaarowee fi Kismaayyoo keessatti addatti filannoo akka gaggeessan akeekkachiisaniiru.

Ministirri Ittisaa biyyattii Ahmad Mo'allim Faqii qaamolee hiriira nagaa qopheessan ''kanneen humna alaan oofaman'' jechuun erga balaaleffatanii booda, momitootni deeggarsa humnoota alaa gaafachuu akka hin oolle sodaan uumameera.

Sababa dhiibbaan mootummaa giddugaleessaa irratti hammaateef loltoonni biyyattii kutaalee biyyattii garagaraa keessatti ramadamanii jiran gara Moqadishoo deebifamuun duula Al-Shabaab irratti eegalame dadhabsiisa jechuun kanneen yaada kennan jiru.

Xiinxaltoonni akka jedhanitti Al-Shabaab goolama siyaasaa kana akka carraatti fayyadamuun bulchiinsa isaa babal'ifachuu danda'a.

Haala kanaan Somaaliyaan hookkara keessa turuu dandeessi. Waa'een heera mootummaa fooyyessuu fi bara aangoo dheeressuu ammoo ajandaa marii siyaasaa ta'ee itti fufa.

Kanaan dura filannoon walqabatee dhibdeen uumamee ture qaamolee nageenyaa fi deeggartoota mormitootaa walitti buusuun ni yaadatama.

Walitti bu'iinsi ture meeshaalee waraanaan kan deeggarame ture.