Harkaa laaffisuu hanga lafee dugdaa jal'isuutti - Miidhaa bilbilliifi kompitarri nurraan gahaa jiran

Nama lafeen isaa jallateeru

Madda suuraa, BBC/ Serenity Strull/ Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Meeshaaleen elektirooniksii kanneen akka bilbilaafi kompiitaraa bifa salphaatti hubachuun hindanda'amneen qaama keessanirratti miidhaa geesisaa jiru.

Baayy'een keenya waa'ee miidhaa yeroo dheeraaf iskiriinii bilbilaa yookiin kompiitaraa ilaaluun qabu yeroo yaadnu dhiibbaa inni fayyaa sammuu keenyarratti qabu qofa yaadna.

Haa ta'u malee qorannooleen dhiyeenya taasifaman meeshaaleen elektirooniksii kunneen boca morma keenyaa akka jijjiiran, ijafi dandeettii sochii qaama keenyaa akka miidhan akkasumas maashaalee keenya akka dadhabsan ifa godhaniiru.

Jal'achuu lafee dugugguruu dugdaa

Barreeffama kana bilbila keetirratti dubbisaa jirta taanaan carraan mataakee fulduratti gombiftee bilbilakee ilaalaa jiraachuukee guddaadha.

Mormafi mataa fulduratti gombisanii turuun dhiibbaan kilogiraama 27 ta'u morma keenyarra akka qubatu taasisa. Adeemsa keessas dhiibbaan kun diiskiiwwan lafee dugugguruu keenya keessa jiran miidha, maashaalee keenyas ni dadhabsiisa.

Dabalataan dandeettii qilleensa qabachuu somba keenyaa hir'isuun cinatti dhaabbii qaama keenyaa guutummaatti jijjiiruu danda'a.

Rakkoo kana sirreessuuf sochiileen qaamaa heeyyama ogeeyyii fayyaan taasifaman kan jiran yemmuu ta'u, furmaatawwan ammuma eegaluu dandeenyus ni jiru.

Kanaafis bilbila kee ol kaasuun iskiriiniisaa sirrii ija keetiin godhi, harkakee diriirsuunis bilbilicha fuulakeerraa fageessi. Kompiitara fayyadamaa jirta taanaanis gorsi kun ni hojjeta.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kana malees meeshaalee elektirooniksii kunneen itti fufiinsaan fayyadamuurra boqonnaa fudhachuu ogeeyyiin kan gorsan yemmuu ta'u, bilbila yookiin kompiitara daqiiqaawwan 30'f erga ilaaltee booda daqiiqaawwan 20'f irraa boqodhu jedhu.

Gogaan loluufi sunturuu gogaa mormaa

Jastin Hekstoll Yunaayitid Kingidam (UK) Rooyaal Kolleej of Fizishiyaansitti gorsituu dhimma fayyaa gogaati.

Isaanis dhiibbaan irra deddeebii sababa bilbilaaf kompiitara gadi jedhanii ilaaluun morma keenyarratti uumamu sunturuu gogaa mormaaf nusaaxiluu akka danda'u himu.

Garuu, dhimmi kun qorannoo cimaadhaan kan mirkanaa'e akka hintaane gorsituun kun himaniiru.

Haa ta'u malee dhimmi namoota sa'aatiiwwan ismaartii osoo ofirraa hin hiikin yeroo hunda godhatan yaaddessu jiraachuusaa himu.

"Gogaan iddoo sa'aatii itti hidhattutti argamu jiidhina waan qabaatuuf guddina fangasiif mijataadha. Kanaanis gogaan keenya lolufi horbobbaa'ee nu hooqsisuu danda'a" jedhu.

Kana malees qaamni keenya kemikaalota sa'aaticharra jiraniif deebii akka laatu gochuu akka danda'u kan himan Jastiin, furmaannisaa sa'aatii keenya baafachuun yeroo yeroon gogaa keenya dhiqachuu akka qabnu dhaamu.

Kana malees sa'aatii guyyaa guutuu godhannee oolla taanaan dibatawwan yookiin kireemiiwwan sa'aatichifi qaama keenya gidduutti akka daangaatti tajaajilan dibachuus gorsu.

Dadhabuu ijaa

Waggoota kurna muraasa darbanii as rakkoon fayyaa ijaa wantoota dhiyoo keenya jiran malee wantoota fageenyarratti argaman haalaan arguu dadhabuu (myopia) daran dabaluusaa qorannooleen agarsiisu.

Ohaayo Isteet Yunivarsiitiitti pirofeesara yaala ijaa kan ta'an Doonaald Mutti, ifti ala keessa jiru kutaa ija keenyaa ratiinaa jedhamu kemikaala dooppaamiinii akka gadhiisu akka taasisu himu. Kunis guddina ijaatiif gaarii ta'uu dubbatu.

Haa ta'u malee sababa guddina tekinoloojiitiin namoonni yeroosaanii irra jireessa manneen keessatti meeshaalee elektirooniksii akka bilbilaafi kompiitaraa fayyadamuun akka dabarsan himu.

Kanaafis yeroo baay'ee ala keessa dabarsuun fayyaa ija keenyaaf qofa osoo hintaanee hirriiba gaarii akka rafnu akka nugargaarus himu.

Wayita ala keessa deemnus miidhaa ifti aduu cimaan gogaa keenyarraan gahuu danda'u ittisuuf dibata gogaan keenya aduun akka hingubanne gargaarufi gizaaza ijaa akka godhannus gorsu.

Dadhabuu harkaa

Qorannoowwan biyyoota garagaraa keessatti taasifaman jabinni harkaa keessattuu dargaggoota biratti gadi bu'aa jira.

"Laafinni harkaa kun dhalootaa dhalootatti gadi bu'uu deemuu jabina harkaa qofa agarsiisa osoo hintaanee waa'ee fayyaa dhaloota itti aanuu mallattoo akeekkachiisaati" jedhu Jarmanii, Yunivarsiitii Laawuzitzitti pirofeesara medikaal soshiyoloojii kan ta'an Yohaannis Beller.

"Ce'umsi gara hojii yeroo dheeraaf iddoo tokko taa'anii hojjechuutti taasifame hir'achuu jabeenya qaamaaf sababa akka ta'e ragaaleen ni agarsiisu" jedhu pirofeesarri kun.

Jabina harka keessanii qoruuf kubbaa teenisii barruu harka keessanii keessa kaa'uun sekondiiwwan 15-30 ta'uuf jabeessitanii qabuun turaa. Kana malees sochii qaamaa waliigalaa gochuun jabeenya qaama keenyaa fooyyessuun barbaachisaa akka ta'es ogeeyyiin gorsu.

Dandeettii waliin hojjechuu harkaafi ijaa

Tekinoloojiin dandeettii sochii qaama keenyaa kan sammuunfi kutaaleen qaama keenya waliin ta'un hojjetan miidhaa kan jiru fakkaata.

Jarmanii Yunivarsiitii Regsenbargitti pirofeesara guddina sin-sammuu kan ta'an pirofeesar Sebaastiyaan Sugget, bilbilaaf kompiitara fayyadamuun dandeettii cuqaasuu akka dabaluu himu.

"Haa ta'u malee guddina dandeettii sochii qaamaa bal'aa (motor skills) yoo ilaalte miidhaasaatu caala" jedhu.

Miidhaan meeshaalee elektirooniksii yeroo dheeraaf ilaaluu qabu ga'eessotarra daa'imman irratti bal'inaan qoratameera.

Haaluma kanaan yeroo dheeraaf iskiriinii ilaalaa turuun dandeettii sochii qaamaa gadi aanaan akka walqabatu qorannoon pirofeesar Sugget taasisan agarsiisa.

Dandeettii sochii qaamaafi dandeettii waa xiinxaluufi guddina barnootaa daa'immaniifi dargaggoota gidduutti hariiroon kallattii jiraachuusaammoo dhimmicha yaaddessaa taasisa.

Kanaaf furmaannimmoo rifachuufi daa'immanfi dargaggoonni meeshaalee elektirooniksii kunneen akka hin ilaalle gochuu osoo hintaanee jireenyasaanii guyyuu keessatti gochaalee harkisaanii sochii akka taasisu gargaaran akka hojjetan gargaarutu barbaachisa jedhu.

Akka fakkeenyaattis nyaata qopheessuufi hojiilee harkaa garagaraa hojjechuu akkasumas barreeffama harkaan barreessunillee faayidaa akka qabu himaniiru.