Guyyaa Afaan Hiikuu Idil-addunyaa: Qulqullinni Afaan Oromoo maalirratti argama?

Madda suuraa, Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaa
Bara teeknolojiin babal'atee jiru kanatti afaan tokko afaan biraatti hiikuun akkaan salphateera.
Fulbaanni 30 Guyyaa Afaan Hiikuu Idil-addunyaadha; [International Translation Day]. jedhamuun kabajama.
Guyyaan kun wagga waggaan kan kabajamu yoo ta'u, kaayyoon isaa ijoonis:
Biyyootaafi saboota walitti hidhuuf; nagayaa addunyaa daran foyyeessuuf, akkasumas wal hubannoo jajjabeessuu dha.
Kanamalees gumaacha hayyoonniifi ogeessonni afaanii afaan hiikuu, hojii turjumaanaafi jechoota uumuufi tolchuu keessatti taasisan galateeffachuuf kabajama.
Guyyaa kanaan wal qabsiisnee sadarkaa qulqullinaa ykn guddina Afaan Oromoo ilaalla.
Afaan Oromoo keessatti qulqullina hiikaa madaaluuf namoota gaafannee, beektota afaaniis irratti iyyaafanneerra.
"Qulqullinni afaanota biroo irraa gara Afaan Oromootti hiikuun maal fakkaata, dabalaamoo hir'achaa dhufe?" gaaffii jedhu karaa miidiyaaleen hawaasaa BBC Afaan Oromoo: Whatsapp, TikTok, akkasumas Facebook hordoftootaaf dhiyeessineerra.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Deebiin argannes, abdachiisaadha.
Namoota fuula sadan irratti hirmaatan keessaa harki caalan qulqullinni hiikuu Afaan Oromoo dabalaa ykn fooyyaa'aa jira deebii jedhu kennan.
Sadarkaa lamaffaa irratti ammoo 'akkuma jirutti jira' isa jedhu yoo filatan, hir'achaa jira kan jedhan gadi aanaa ta'eera.
Yunivarsiitii Finfinneetti qorataafi barsiisaa kan ta'e Qulqulluu Ijoo hayyuu guddinaafi qulqullina Afaan Oromoo irratti yeroo dheeraa quuqamaan hojjetaa tureefi jirudha.
Hayyuun kun yaada namoonni qulqullinni Afaan Oromoo dabalaa jira jedhurratti waliigala. Haata'u malee, sababa xiyyeeffannoon barbaachisu gama mootummaatiin hin kennamiiniif hanga barbaadamu miti jedha.
Afaan Oromoo jalqaba yeroo afaan barnootaafi afaan hojii ta'u Oromoo hundatu duula bahee hojiitti galame kan jedhu barsiisaa Qulqulluu, ogummaafi barumsa afaanii qabaatanii osoo hin taane kanneen akaakuu barnoota biroo baratanitu quuqamaafi sabboonummaa qabaniin hojjetanii milkaa'ina guddaa akka argamsiisan dubbata.
Keessumaa hiikuu dabalatee kaarikulamii ykn sirna barnootaa yeroo gabaabaati qophaa'ee Oromiyaa waliin akka gahu godhaniiru jedha.
"Akka yeroo sanaatti osoo duulamee hojjetameera ta'ee Afaan Oromoo silaa yoona afaanota addunyaarratti beekaman keessaa tokko ta'a ture."
Akka Qulqulluun jedhutti, yeroo saffisa akka sanaan hojjetames qulqullinni isaa baayyee gaarii ture; dgogorri qubee baayyee hin mul'atu, namoonnis saffisaan baratu ture.
"Adeemsa keessa, Afaan Oromoo sabboonummaa kana fuudhee samii tuqsiisaan mootummaan [yeroo sanaa ol aantummaa TPLFn durfamu] irratti xiyyeeffachuu eegale" kan jedhu Qulqulluun, kun ammoo beektonni afaaniifi quuqamtoonni waan irratti xiyyeeffatameef qulqullinni Afaan Oromoo akka laaffatu gumaachuu hima.
Dhiibbaan osoo irra jiruu Afaan Oromoo saffisaan akka guddateefi sadarkaa digirii lamaffaafi sadaffaatti baratamuurra gahuu isaa kaasuun, carraaqqiiwwan akka Afaan Oromoo waaltessuu Biiroo Aadaafi Turiizimiin hojjechaa ture, akkasumas qophii raadiyoo 'Faana Afaan Oromoo' kan hin dagatamne ta'uu ibsa.
Afaan Oromoo tekinooloojii waliin kan deemu ta'uu kaasuun, yaaliin namoota kaka'umsa dhuunfaan 'Google Translation' fi tekonooloojiiwwan kaan irratti taasfamanis kan nama jajjabeessanidha.
Akkas ta'ees garuu ammallee hojii hedduutu hafa. Keessumaa yeroo Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa Itoophiyaa akka ta'uuf yaadamaa jiru sanadoota hedduu hiikuun qopheessuun barbaachisa ata'etti xiyyeeffannoo addaan itti deemuu feesisa.

Namoota fuula Whatsapp BBC Afaan Oromoo irratti walumaa galatti sagalee kennan keessaa qulqullinni Afaan Oromoo hiikuu dabaleera kan jedhu sagalee wayyaba argateera.
Kana jechuun namoota 364 sa'aatii 15 jalqabaa sagalee kennuu keessatti hirmaatan keessaa 243 dabaleera yoo jedhan, 63 kan ta'an 'akkuma jirutti jira' jedhanii, namoonni 58 garuu qulqullinni Afaan Oromoo hiikuu hir'achaa jira jechuun deebisan.
Namoota karaa fuula Facebook Afaan Oromoo sagalee kennan keessaa ammoo %66.7 kan ta'an qulqullinni afaanota biroo irraa gara Afaan Oromootti hiikuu dabalaa jira jedhan.
Gama TikTok BBC Afaan Oromoonis %86 qulqullinni hiikuu Afaan Oromoo dabalaa jira yoo jedhan, %3 qofatu hir'achaa jiraachuu filatan. Sagalee kenname keessaa %12 kan ta'u ammoo 'Akkuma jirutti jira' kan jedhu filatan.

'Burqaan gaaddisa mukaa ilaalti...' ykn 'bishaan gaara boora'e gadiin hin calalu...'
Akka waliigalaatti, hiikni Afaan Oromoo sadarkaa guddina gaariirra jira, garuu to'annoo qulqullinaa caalaatti ijaaruu barbaada jedha barsiisaa Qulqulluu Ijoo.
Dhaabbileen miidiyaa, mootummaa, barnootaa fi dhaabbileen idil-addunyaa Afaan Oromoo keessatti hojii hiikaa bal'isaa jiru. Garuu giddu-galeessi qajeelchu waan hin jirreef jechoota ogummaa irratti waliigaltee dhabuu, hiika jecha tokkoo bakka adda addaatti garaagarummaa qabaachuufi qulqullina dhabuun bal'inaan mul'ataa jira.
Keessumaa bara teeknooloojii fi miidiyaa hawaasaa kana keessatti wal fakkaachuu (consistency) dhabuun rakkoo guddaa ta'aa jira. Fakkeenyaaf, jechi tokko dhaabbata ykn miidiyaa tokko keessatti hiika tokkoon, bakka biraatti ammoo hiika biraatiin dhiyaachuu danda'a. Namoota dhuunfaatiinis akkasuma.
Kun keessumaa: jechoota siyaasaa, diinagdee, fayyaa, saayinsii fi teeknooloojii, seeraa, haala qilleensaa, nageenyaa fi waraanaa, Artiifishaal Interejensii (AI), tekinooloojii miidiyaa hawaasaa irratti mul'achuu danda'a.
Addatti ammoo miidiyaan hawaasaa rakkoo kana daran saffisaa jira. Namni tokko hiika haaraa uumee yeroo gabaabaa keessatti namoota hedduutti dabarsa.
Garuu teeknooloojiin rakkoo qofa miti. Sirriitti yoo itti fayyadamne, furmaata guddaa ta'uu danda'a. Rakkoo qulqullina dhabuu afaan hiikuu kanaafiyyu fala fiduu danda'a.
Maal gochuun qulqullina hiikaa fooyyeessuu dandeenya?
'Mammaaksaan dubbii fidan, dubbiis fixan,' akkuma jedhan barsiisaa Ququlluu Ijoo mammaaksaan furmaanni qulqullina dhabuu hiikaa Afaan Oromoo adda durummaan eenyu akka ilaallatu qaaccessee himeera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa itti gaafatamummaa guddaa akka qabu hubachiisa.
Mammaaksota lama ergaa wal fakkaatan qabuun ergaa isaa dabarseera barsiisaan Yunivarsiitii Finfinnee Qulqulluu Ijoo.
'Burqaan gaaddisa mukaa ilaalti...' ykn 'Bishaan gaaraa boora'e gadiin hin calalu...' jedhe.
Dubbiin qulqullina Afaan Oromoo gaaraa irraa sirrachuu akka qabu akeekuu isaati.
Ifatti abbaa itti gochuu akka barbaachisu himuun, Akaadaamii Afaanii hundeessuun dirqama akka ta'e ibsa.
Kun ammoo itti fayyadama Afaan Oromoo dhaabbileen gara garaa, akkasumas dhuunfaan irratti hojjetan akka mataa-walitti qabatan gochuun dura bu'ummaafi itti gaafatamummaan gaggeessa.
Kana qofaa miti, qajeelfamoonniiifi ulaagaan dirqisiisaa ta'e manneen hojii olii hanga gadiitti Afaan Oromoo qulqullinaan itti fayyadamuurratti lafa taa'uu qaba jedha.
Afaan hiikuun aadaafi afaanota gara garaa gidduutti riqicha ta'uun dippilomaasiifi misooma waan jajjabeessuuf wal tumsuu guddisuuf,
Af-daneessummaa jajjabeessuuf, kun ammoo sadarkaa addunyaatti wal danda'uufi komunikeeshiniin hammataa ta'e guutummaa addunyaarra akka jiraatu gargaara.
Guyyaan Afaan Hiikuu kun jalqaba bara 1953 Federeeshinii Afaan Hiiktota Idil-addunyaa (International Federation of Translators (FIT))tiin jalqabame.
Boodarra bara 2017 seeraan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN)-niin beekamtii argatee guutummaa addunyaarratti akka kabajamu labsame.





























